Upload
ofgaadako
View
4.305
Download
69
Embed Size (px)
Citation preview
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
1
ANAATOOMII FI FIIZIYOLOOJII NAMAA
(Biol.321)
Ofgaaa Jiraataa Daakkoo [email protected]
BBO
Finfinnee
Adoolessa, 2013
Seensa Moojulichaa
Koorsiin Anaatoomii fi Fiiziyoloojii Namaa kun lakkoosfa koorsii Biol.321 qabatee abbaa kireediitii
sadiii tauudhaan kennama. Akkaataa dalagaaleen adda addaa nafa keessaa itti gaggeeffaman
hubachuuf ijaarsi nafa namaa beekamuu qaba. Kanaafuu yaad-rimee babaloon lameen adda bahuu
waan hin dandeenyeef koorsiin kun anaatoomii fi fiiziyoloojii nafa namaa irratti xiyyeeffata.
Boqonnaan jalqabaa maalummaa anaatoomii fi fiiziyoloojii ibsuun eegalee akkaataa qindoomina
caasaalee qaamaa fi kallattii ijaarsa nafa namaa haala dimshaasha taeen ibsa. Itti aansuun sirnootni
qaamaa namaa boqonnaalee 12tti qoodamanii dhiyaataniiru.
Akkaataa qoodama koorsii Ministeera Barnootaa Federaala Dimokiraatawaa Itooppiyaatiin sadarkaa
biyyaatti qophaaeen koorsotni akka Baayoloojii Waliigalaa (Boil.101), Baayoloojii Seelii (Biol. 132),
Saayinsii Bineeldota Invertebireetii( Biol.221) fi Saayinsii Bineeldota Vertebireetii (Biol.222) koorsii
kana dursaanii (Prerequisite) kennamuu qabu. Haa tau malee akkaataa sagantaa barnootaa
kilaasteriitiin koorsotni dursaa armaan olii hundi waan hin kennamneef adeemsa baruu-barsiisuu
koorsii kanaa irratti amma tokko dhiibbaa fiduu dandaa. Kanaafuu barsiisotni koorsii kana barsiisan
qaawwaa kana guutuuf maloota adda addaa kan mataa isaaniitti fayyadamuun kan irraa eegamu
yammuu tau moojulli kunis hanqina kana yaada keessa galchuun bakka tokko tokkotti
kadhimamtootni barsiisotaa ofii isaaniin dubbisanii hubachuu akka dandaanitti yaada-rimeewwan
tokko tokko balinaa fi gadi fageenyaan ibsuu yaaleera.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
2
Gochaawwan garee fi dhuunfaan dalagaman hedduun moojula kana keessatti dhiyaataniiru.
Kaadhimamtootni barsiisotaa gochaawwan kanneen utuu bira hin darbin hojjachuun faayedaa guddaa
akka irraa argatan gorfamu. Yaaliiwwan dhuma moojuaa kanaatti dhiyaatanis barnoota dhiyaataniif
deggarsa guddaa waan taaniif amma dandaametti aguugamuu qabu.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
3
Kaayyoo Mojulichaa
Dhuma koorsii kanaatti kaadhimamtootni barsiisotaa:
Ijaarsa sirna gogaa hubatu
Dalagaalee caasaalee sirna gogaa beeku
Qabiyyeewwan sirna lafee guutuu namaa beeku
Dalagaalee waliigalaa sirna lafee guutuu namaa addeessu
Tishuulee mashaa goseessu
Buura kottoonfannaa maashaa beeku
Hariiroo sirna maashaa fi sirna lafee guutuu namaa gidduu jiru ibsu
Akkaataa sirni narvii dalagaalee qaamaa itti qindeessu beeku
Hariiroo qaamota miiraa fi sirna narvii wiirtuu hubatu
Faayedaa qaamota miiraa beeku
Fakkii kaasuun maqaa caasaalee bullaainsa soorataa agarsiisu
Akkaataa bullaainsa soorataa beeku
Akkaataa xuuxama soorataa hubatu
Akkaataa qindoomina caasaalee hargansuu hubatu
Dalagaa sirna hargansuu beeku
Dalagaa sirna marsaa dhiigaa beeku
Hariiroo sirna marsaa dhiigaa fi limfii hubatu
Akkaataa kaleen itti hojjatu addeessu
Osmooriguleeshinii ilaalchisee gahee kaleen taphatu hubatu
Maalummaa sirna indookiraayinii hubatu
Dalagaa xannachoota ujummo-maleeyyii adda addaa beeku
Caasaalee sirna wal hormaataa dhalaa hubatu
Caasaalee sirna wal hormaataa dhiiraa hubatu
Dalagaa caasaalee walhormaataa dhiiraa hubatu
Dalagaa caasaalee walhormaataa dhalaa beeku
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
4
Boqonnaa 1: Buura Anaatoomii fi Fiiziyoloojii Namaa
Seensa
Birkiiwwan saayinsii baayoloojii keessaa qorannoon fiiziyoloojii fi anaatoomiin buuraan kutaalee
qaamaa fi dalagaalee isaanii nama hubachiisa. Dabalataanis qorannoon anaatoomii fi fiiziyoloojii
tajaajila eegumsa fayyaa fi dhimmoota kanaan walqabatan adda addaaf illee murteessaa dha.
Boqonnaan kun maddaa fi hiika anaatoomii fi fiiziyoloojii, sadarkaalee fi akkaataa qindoomina
caasaalee fi jechoota kallattiin qaamota namaa itti ibsaman gadifageenyaan sakattaa.
Kaayyoo
Dhuma boqonnaa kanaatti kaadhimamtootni barsiisotaa:
Anaatoomiif hiika ni kennu
Maalummaa fiiziyoloojii ni ibsu
Garaagarummaa anaatoomii fi fiziyoloojii ni himu
Hariiroo anaatoomii fi fiziyoloojii ni addeessu
Sadarkaalee qindoomina caasaalee qaama namaa ni tarreessu
Caasaalee gamis-seelii ni tarreessu
Tishuulee ijoo qaamota namaa ijaaran maqaa dhahu
Jechoota ijoo kallattii qaamota namaa ibsan ni eeru
Maqaa onawwan keesa nafa namaa ni himu
1.1 Maalummaa Fiiziyoloojii fi Anaatoomii
Maddi jecha Physiology Giriik yammuu tau kan uumame jechoota lama, isaanis Physis = uumama
fi Logus = qorachuu kanneen jedhaman irraa ti. Kanaafuu fiiziyoloojiin qorannoo adeemsa
fiizikaalaa fi keemikaalaa lubbu-qabeeyyii keessatti gaggeeffamuu ti. Fakkeenyaaf adeemsi marsaa
dhiigaa, walhormaataa, guddinaa, meetaaboolizimii adda addaa fi kkf fiiziyoloojii ykn adeemsa
dalagaa qaamaa keessatti ramadamu. Seenaan fiiziyoloojii bineeldotaa ammayyaa argannoo ogeessa
fayyaa lammii Ingilizi Wiiliyaam Harveyi (1616) irraa eegala.
Gochaa: Qorannoon Wiiliyaam Harvey maal akka agarsiise kitaabilee wabii sakattauun
gareedhaan gabaasa barreeffamaa barsiisaa keetiif dhiyeessi.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
5
Dalagaan qaamaa (fiiziyoloojiin) kan gaggeeffamu seelota, tishuulee, qaamotaa fi sirna qaamotaa
keessatti. Caasaalee kunniin immoo ijaarsa qaamaa (Anaatoomii) agarsiisu.
Akka hiikni jecha Girik anatome jedhu agarsiisutti Anatomyn baqaqsuu ykn tarsaasuu jechuu
yammuu tau, saayinsiin kun seenaa jalqabaa isaa keessatti qaama biqilootaa fi bineeldotaa baqaqsuun
qorachuu irratti kan hundaae waan tureef hiika kana argate. Akka waliigalaatti garuu anaatoomiin
saayinsii waaee qindoomina caasaalee qaama lubbu qabeeyyii qoratuu dha. Qindoominni caasaa
dalagaa isaa waliin waan adeemuuf anaatoomiin fiiziyoloojii wajjiin kan walitti hidhamee dha. Ijaarsi
qaamaa uumamaan dalagaa qabatamaa tokko raawwachuu akka dandautti kan qindoomee dha.
Qorannoon dalagaa giddugaleessa godhachuun ijaarsa qaamaa qoratu anaatoomii dalagaa (Functional
anatomy) jedhama.
1.2 Sadarkaalee Qindoomina Caasaalee
Tiwooriin seelii, seeliin buura caasaa fi dalagaa lubbuu tauu ibsa. Haa tau malee ijaarsi qaama
lubbu-qabeeyyii utuu sadarkaa seelii irra hin gain iyyuu sadarkaalee walxaxoo keessa darba. Seeliin
namaa tokko caasaalee gamis-seelii (sub-cellular structures ykn organelles) jedhaman of keessaa
qaba. Tokkoo tokkoon casaalee kanneenii dalagaa murtaawaa raawwata. Orgaaneelotni immoo kan
ijaaraman atomota adda addaa irraa ti. Kanneen keessaa hunda caalaa heddumminaan kan argaman
Kaarboonii (C), Hayidiroojinii (H), Oksiijinii (O) fi Naayitiroojinii (N) yammuu taan Foosfarasii(P)
fi Salfariin (S) immoo itti aanu. Kanneen biroo hedduunis ni jiru. Akka waliigalaatti qabiyyeewwan
kunniin bifa ayoonotaan akkasumas bifa kompaawundoota orgaanikaa fi inorgaanikaan qindoomanii
seelota keessatti dalagaalee adda addaa raawwatu.
Qorannoo anaatoomii fi fiiziyoloojiif akka tolutti qindoomina caasaalee sadarkaa gurguddoo jahatti
qooduun ni dandaama. Isaanis sadarkaalee keemikaalawaa, seelii, tishuu, qaamaa, sirna qaamaa
fi orgaanizimii ti. Seelii fi qabiyyeewwan keemikaalawaa isaa koorsii baayoloojii waliigalaa irratti
gadi fageenyaan kaaniiru.
Gochaa
Hubannoo koorsii Baayoloojii Waliigalaa (Biol.101) irraa argattee kaumsa godhachuu (gaaffii
1ffaa
fi 2ffaa
) akkasumas immo dhuunfaan kitaabilee wabii erga sakattaatee booda miseensota
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
6
garee wajjin mareen cimsuun gaffiiwwan armaan gadii ilaalchisee daree keessatti ibsa balaa
kennaa.
1. Atomotaa fi kompaawundoota qaama keessatti argaman faayidaawwan isaanii wajjin
gabaabsii ibsi.
2. Orgaaneelota seelii namaa keessatti argaman caasaa fi dalagaan adda baasuun ibsi.
3. Hima Anaatoomiin (ijaarsi caasaa) tokko dalagaa (fiiziyoloojii) tae akka raawwatutti
qindoomee argama jedhu ragaa qabatamaa lamaan dhugoomsi. (Fakkeenya: qilleensa
malee daqiiqaa muraasaaf illee lubbuun turuun hin dandaamu. Kanaaf immoo qilleensi
yeroo hundaa salphaatti gara sombaatti seenuu fi gara alaattis bahuu akka dandauuf
ujummoon qilleensaa yeroo hundaa banaa taee akka turutti kan caaseffamee dha.
Kanaaf akka tolutti caasaan kun morgaa irraa ijaarame.)
Tishuulee qaama namaa
Qaamotni namaa baayeen tishuulee adda addaa irraa kanneen ijaaraman yammuu tau, gosaa fi
akkaataan qindoomina tishuulee kanneenii akkaataa ijaarsa caasaa fi dalagaalee qaamotaa murteessu.
Qaamotni namaa tishuulee ijoo (Primary tissues) gosoota afur (4) irraa kanneen ijaaramanii dha.
Isaanis:
A. Tishuu ippiteeliyamii (Epitelial tissue): Tishuuleen kunniin ala gogaa, ala qaamota keessaa
tokko tokkoo, dhaaba qaawwaa qaamota kanneen akka qaamota bullaainsa soorataa, hargansuu,
ujummoolee caasaalee fincaanii, walhormaataa fi dhiigaa, akkasumas kutaalee xannachootaa
keemikaalota maddisiisanii fi kkf aguuganii argamu. Seelota walitti siqanii (hiiqanii) caasaa kanaaf
jabina kennan irraa kan tolfamu yammuu atu seelotni kunniin yammuu hubaman salphaatti bakka
buuu (Regenerate) dandau. Kun maaliif sitti fakkaata?
Dalagaan tishuu ippiteeliyamii ijoon maddisiisuu (Secretion), xuuxuu (Absorption), dhimbiibuu
(Filtration) fi balaa irra ittisuu (Protection) dha.
B. Tishuu qabsiistuu (Conneective tissue)
Qaama keessatti heddumminaan facaanii kanneen argaman yammuu tau ribuun, coomni, morgaan,
lafeen, dhiigni, limfii fi kkf fakkeenyota ijoo tishuu kanaa ti.Dalagaan isaanii ijoon qaamota utubuu fi
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
7
walitti hidhuu, balaa irraa ittisuu, boca qaamaa eeguu fi kkf dha. Tishuun kun gosoota adda addaatti
qoodamuu dandaa.
C. Tishuu maashaa (Muscular tissue)
Tishuun maashaa seelota akka waliigalaatti faayibiroota maashaa jedhaman irraa tolfame. Seelotni
kunniin amala kottoonfachuu fi diriiruu waan qabaniif dheerachuu fi gabaabbachuun sochii uumuu
dandau. Tishuuleen maashaa gosoota bebbeekamoo sadiitti ramadamu. Kanneen gadi fageenyaan
boqonnaa afur keesstti ibsamaniiru.
D. Tishuu narvii (Nervous tissue)
Tishuun kun seelota dalagaa fi bocaan adda taan kanneen akka waliigalaatti niyuroonota fi
niyuroogiliyaa jedhaman irraa ijaaraman. Sammuu, ispaayinaal koordii fi neervota keessatti kanneen
argaman yammuu tau dalagaan isaanii dhaamsa elktiroo-keemikaalawaa daddabarsuu dha.
Niyuroogiliyaan seelota niyuroonota utubuu fi balaa irraa ittisuu keessatti qooda fudhatanii dha.
1.3 Akkaataa fi Kallattii Ijaarsa Qaama Namaa
Anaatoomii namaa ibsuuf kaumsa kan tau namni anaatoomiin isaa qoratamu tokko (the subject)
kan qoratutti (the observer) fuullii isaa garagalee fi nafni isaa guutummaan qajeelee, miilli isaa kan
diriirfatee fi kallattiin quba miilaa gara fulduraa kan tae, harki lamaan cina lamaaniin bakka kan
qabatanii fi baruun harkaa fuulduratti kan garagalee dha. Kallattiin nafaa kun gar-duraa (Anterior
position) jedhama (Fakk.1.1). Faallaan kanaa gar-duubaa (Posterior position) jedhama.
Qorannoo anaatoomii fi fiiziyoloojii keessatti bakkaa fi kallattii kutaan qaamaa itti argamu ibsuuf
jechoota (terminologies) ogeessotni irratti waliigalantu hojii irra oolu. Jechootni kunniin maqaa
naannoo kutaalee qaamaa (Regioal names) ykn kallattii kutaalee qaamaa (directional terms)
kanneen ibsan tauu dandau.
Alaan yammuu ilaalamu naannawaan anaatoomii kutaalee qaamaa ijoon mataa, morma, tiraankii,
harkaa fi miila. Kanneen jalatti immoo caasaalee adda addaatu hammatamu.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
8
Fakk.1.1Kallattii gar-duraa fi maqaa naannawaa kutaalee qaamaa ijoo
Qorannoon anaatoomii mala baqaqsuutiin qaamota qooduu irratti kan hundaaee dha. Kana
hubachuuf sararaa balaan (akka waraqaa) tokko nafa bakka adda addaatti akka inni qoodutti
fudhachuudhaan (imaginary plane) qorachuun mala beekamaa dha.
Sararaan armaan oliitti ibsame nafa yookaan qaama irraa gadee bakka lamatti, jechuun, bitaa fi
mirgatti yoo qoode qoodinsa kallattii saajitaalii (Sagital plane) jedhama. Yoo gar-duraa fi gar-
boodaatti qoode immoo qoodinsa kallattii duree (Frontal plane) jedhama. Karaa broo sararaan
tokko nafa yookaan qaama tokko gar-olii fi gar-gadiitti yoo qoode qoodinsa dalgee (Transverse
ykn horizontal plane) jedhama. Akkaataan qoodinsa kanneenii bakka wal-qixaatti yookaan wal-
caalmaan tauu dandaa.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
9
Fakk.1.2Sararaawwan anaatoomiikawaa (anatoomical planes)
Kallattii qaamotni adda addaa waliin qaban ibsuuf jechootni yeroo baayee hojiirra oolan kanneen
armaan gadii ti.
Gar-duraa (Anterior): Kutaalee gara fuul dura qaamaatti argaman ibsa. Hoosiftoota miila afiraniin
sochoan keessatti gar-duraa fi gar-jalaa (Ventral) hiikaa adda addaa qabu. Nama keessatti garuu
gar-jalaa kan jedhu hin beekamu.
Gar-boodaa (Posterior): Kutaalee gara duuba qaamaatti argaman ibsa. Nama keessatti kallattiin
kun gar-dugdas (Dorsal) waan ibsuuf akka kan hoosiftoota miila afuriin sochoanii hiikaa adda
addaa hin qabaatu.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
10
Gochaa
Nafni namaa onawwan (Body cavities) kanneen akka ona qomaa, ona garaa fi kkf kanneen
qaamotni adda addaa keessatti argaman of keessaa qaba. Kitaabilee wabii sakattauun
onawwan qaamaa, kallattii issaan itti argamanii fi qaamota keessa isaaniitti argaman ibsi.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
11
Boqonnaa 2: Caasaa fi Dalagaa Sirna Gogaa
Seensa
Gogaan qaama karaa alaa guutummaa nafa namaa aguugee naannoowwan keessaa fi alaa
walquunnamsiisuu dha. Qaamolee namaa hunda keessaa kan ammaan gogaan qixxaatu hin jiru.
Dirra (Surface area) 1.5m2 -2 m2 kan aguuguu fi yabbina (furdina) 0.5mm 4.0mm kan qabuu
dha. Ulfaatina nafa nama gaeessaa tokko keessaa kan gogaa 7% taa. Gogaan qaama yammuu
tau, caasaalee isa irraa uumaman fi walitti hidhata qaban, kanneen akka rifeensaa, qeensaa fi
xannachoota adda addaa wajjin sirna gogaa (integumentary system) uuma. Boqonnaan kun
caasaa fi dalagaa waliigalaa sirna gogaa irratti xiyyeeffata.
Kaayyoo
Boqonnaa kana baratanii erga xumuranii booda kadhimamatootni barsiisotaa:
Maqaa baqqaanota gogaa ni himu
Naqawwan ippiidarmisii keessatti argaman ni tarreessu
Maqaa seelota gogaa ijaaranii ni eeru
Qabiyyeewwan darmisii maqaan adda baasu
Dalagaalee xannachoota gogaa keessatti argamanii ni addeessu
Caasaalee gogaa irraa uumaman adda baasu
Dalagaalee waliigalaa gogaa ni tarreessu
Dhibeewwan gogaa huban muraasa ni eeru
Of eeggannoo gogaaf godhamuu qabu ni himu
2.1 Caasaa Gogaa
Gogaan baqqaanota gurguddoo lama qaba. Isaanis ippiidarmisii fi darmisii dha. Tokkoo tokkoon
isaanii immoo gamis-baqqaanota adda addaa of keessaa qabu. Akka waliigalaatti ippiidarmisii fi
darmisiin membireenii tishuu ippitaaliyamii kan membireenii kutaanasii (Cutaneous membrane)
jedhamu uumu.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
12
(a)
(b)
2.1 Caasaa gogaa waliigalaa
2.1.1. Ippiidarmisii
Baqqaanni kun caasaa gara alaatti argamuu dha. Yabbinni isaas bakkaa gara bakkaatti walcaala.
Kutaaleen nafaa kanneen rifeensa hin qabnee fi yeroo baayee naannoo waliin walrigatan gogaan
isaanii yabbuu dha. Baruun harkaa, keessi faana miilaa fi fiixeen qubaa fakkeenya caasaalee
gogaa yabbuu qabanii ti. Ippiidarmisiin seelota armaan gadii of keessaa qaba (Fakk.2.2)
1.Keeraatiinoosaayitii (Keratinocyte): qabiyyeen gogaa irra caalaan (90%) seelii kana of
keessaa qab keeraatiinoosaayitiin keeraatiinii tolcha.
Gochaa:
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
13
A. Keeraatiiniin kompaawundoota orgaanikaa keessaa isa kami irraa tolfama?
B.Faayidaan keeraatiinii maali?
2.Meelanoosaayitii (Melanocyte): seeliin kun meelaaniinii qopheessa. Meelaaniiniin
kompaawundii halluu gogaa murteessuu dha. Haalluun kun gogaa keessaa facaee balaa xiyyi
ifa aduu UV (Ultra Violet) jedhamu geessisuu dandau gogaa irraa ittisa. Dhalli namaa
hundi amma seelota meelaanoosaayitii haala walfakkaatuun qabu. Garaagarummaan halluu
gogaa kan jiraatu sababa garaagarummaa dalagaa seelota kanneenii, jechuun amma
melaaniinii qophaauu, fi akkaataa itti meelaanoosomiin (qalqalloo meelaaniiniin keessatti
qophaau) gogaa keesstti facaee argamu irraa kan kaeen. Kun immoo dhaala sanyii (gene)
waliin walqabata. Ifi aduu oomisha meelaaniinii ni dabalchiisa.
3.Seelota Laangerhaanii (Langehans cells): Dhuka lafee keessatti oomishamuun gara
ippiidarmiitti sochou. Seelotni kunniin madinummaa qaamaa kakaasuun qaama dhukkuba
irraa baraaruu keessatti gaee taphatu.
4.Seelota Meerkel (Merke Cells): daangaa ippidarmisii fi darmisii gidduutti argamu. Fiixee
narvotaa waliin waan walquunnamaniif akka sirbidoota tuqaatiitti hojjatu.
Naqa (Gamis-baqqaanota) Ippiidarmisii
Seelotni armaan olii baqqaanota shan (gogaa yabbuu keessatti) yookaan afur (gogaa haphii
keessatti) tolchu. Taaumsi boqaanota kanneenii keessaa gara alaatti akka armaan gadii ti.
1. Naqa ykn gamis-baqqaana Baazaalee (Basal layer ykn Stratum basale): jala
ippiidarmiitti argama. Hirmamni seelii maayitoosiisiin waan keessatti gaggeeffamuuf seelota
dhabaman bakka buusuuf wabii dha. Seelotni keeraatiinoosaayitii haaraan heddumminaan asitti
argamu.
2. Naqa Ispaayinoosaamii (Stratum spinosum): Boqqaana seeloota muraasa of keessaa qabu
taee filaamentoota keeraatiinii qaba. Kanaaf dhiibba goga irra gahu damdamachuu waliin
walqabata.
3. Naqa Giraanuloosamii (Stratum Granulosum): Baqqaana furdinni isaa seelota 3 5 gahu
taee bakka itti keeraatiinoosaayitootni jijjiiramuun battee taanii nuukilasii fi orgaaneelotni
isaanii caccabanii dhabamanii dha.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
14
4. Naqa Luusiidiyamii (Stratum Lucidium): kun gogaa yabbuu qofa keessatti argama.
Seelotni bakka kanaa nuukilasii waan hin qabaneef baqqaanni kun baqqaana qulqulluu (Clear
layer) jedhama.
5. Naqa Koorniyamii (Stratum Corneum): Baqqaana alaa taee furdina seelota 20 30 qaba.
Keeraatiiniin bakka kanaa yabbuu fi duaa kan tae fi seelota gara keessaa irraa balaa kan ittisuu
dha. Gilaayikooliippiidiin seelota gidduudhaan bishaan gogaa keessa akka gadi hin seenne ittisu
gamis-baqqaana kana keessatti argama. Baqqaanni kun harcaaa fi yeroo yerootti jalaa bakka
buaa ola.
Barattootaa! Yeroo tokko tokko bishaan saamunaan heddumminaan keessatti bulbulame keessa
harka ykn miila keessan yoo tursitan gogaan keessan ni shuntuura. Kun maaliif isinitti fakkaata?
Saamunaan liippiidii bulbuluu dandau gilaayikoolippiidiin karaa irraa gogaa ittisu dhiquun akka
inni haphatu taasisa. Yeroo kana keeraatiiniin gogaa keessaa bishaan xuuxee bokokuun shuntuura.
Kun kan tau kara gogaan furdaa (yabbuu) taee ti.
Fakk.2.2. Baqqana ippiidarmisii gogaa haphii irraa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
15
2.1.2. Darmisii
Akka ippiidarmisii utuu hin taane darmisiin baqqaana ujummoo dhiigaa, limfii fi seelota narviin
badhaadhaa taee dha. Furdinni isaa bakkaa bakkatti walcaala. Fakkeenyaaf, baruuu harkaa fi
keessa faana miilaatti yabbuu yammuu tau, baalee ijaa fi qaamolee saalaa dhiiraa irratti haphii
dha.
Darmisiin gosoota seelota tishuu qabsiistuu keessatti argaman hunda of keessaa qaba jechuun ni
dandaama. Seelotni akka faayibiroobilaastii, maakiroofeejii, seelotni mastii (Immune Mast
cells) fi seelotni dhiigaa adii kunneen baqqaana kana keessatti argaman keessaa ijoo dha.
Fooliikiliin rifeensaa, xannachootni zayitaa fi dafqaa illee jalqabatti kaumsi isaanii tishuu
ippiidarmii irraa haa tau malee, darmisii keessatti gadi seenanii argamu.
Darmisiin pirootiinota kollaajiinii fi illaastiinii of keessaa qaba. Lameenuu seelii
faayibiroobilaastii keessatti qophaau.
- Kollajiiniin darmisii keessatti heddumminaan kan argamu taee gogaaf jabina kan kennuu dha.
- Illaastiiniin gogaaf amala pilaastikummaa waan kennuuf gogaan dhiibbaa irra gahu
damdamatee boci isaa bakkatti deebiuu akka dandau taasisa.
Darmisiin naqa (gamis-baqqaanota) lamatti qoodama. Isaanis
1. Naqa paappilarii (Papillary layer): naqa qalaa jala ippiidarmisiitti aanee argamuu dha. Irri
isaa gara ippiidarmisiitti ol dadachaaa caasaalee alatti muxxatanii baan kanneen pappillee
darmisii (dermal papillae) jedhaman uuma. Ashaaraan qubaa (fingerprint) kanneen keessaa
tokko. Sirbidduuwwan (fuutuu miiraa) tuqaatii (Meissners corpuscles), dhiibbaa (Pacinnian
corpuscles), dhukkubbii, hoaa fi qabbanaa naqa gogaa kana keessatti argamu.
Ujummoowwan dhiigaa naqa kana keessatti heddumminaan waan argamaniif toannaa
tempireechara qaamaa keessatti qooda guddaa qabu.
Gochaa:
Kitaabilee wabii dubbisuudhaan dhiigni gogaa keessa yaau yeroo naannoon qorruu fi yeroo
qabbanaau akkamiin tempireechara qaamaa toachuu akka dandau ibsi.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
16
2. Naqa Reetiikulaarii (Reticular layer): Qabiyyeen darmisii inni olaanaan (80%) naqa kanaan
aguugama. Gamis-baqqaanni kun ribuu kollaajiinii adii wal keessa galuun walxaxee jiru of
keessaa qaba. Gogaan duugamee akka uffataatti faayidaaf oolu jabina kan argatu sababa
qabiyyee kanaaf. Caasaan kun kollaajinii heddumminaan haa qabaatu malee illaastiiniis of
keessaa qaba.
2.1.3 Caasaalee gogaa irraa uumaman (Skin appendages)
Caasaaleen gogaa irraa tolfaman kanneen akka rifeensaa, qeensaa fi xannachoota adda addaa
gogaa wajjin walitti sirna gogaa (Integumentary system) uumu.
A. Rifeensa: Rifeensi caasaa gogaa hoosiftootaa irratti argamuun bineeldota hundaa irraa adda
isaan taasisuu dha. Rifeensii irra caalaa keeraatiinii irraa tolfama. Kutaan rifeensaa gogaan
alatti argamu shaaftii (Shaft) yammuu jedhamu kan gogaa keessaa immoo hundee (Root)
jedhama. Tokkoon tokkoo rifeensaa kan biqiluu fooliikilii ofii isaatii keessatti. Karaa jalaa
fooliikiliin kaappilaarota isaa sooran waliin walqabatee jira. Maashaaleen piilii jedhaman
(Arrector pili) kanneen yeroo qorraa rifeense harkisuun akka ijaajjan taasisanis fooliikilii
kanatti qabatanii jiru.Rifeensi halluu isaa kan argatu meelaaniinii hundee fooliikilii keessatti
tolfamu irra ti.
B. Qeensa: Qeensi keeraatiinii jabaa fi gogaa tae irraa tolfama. Seelotni jala hundee qeensaa
jiran saffisaan hirmama seelii gaggeessu. Battala seelotni kunniin keeraatiinawa taaa
adeeman qaamni gara irraa jiru ol dhibamaa adeemee qeensi gara alaatti guddata. Faayidaa
qeensi namaaf kennu maali?
C. Xannachoota: Gogaan xannachoota adda addaa of keessa qaba. Kanneen keessa muraasni:
-Xannacha dafqaa (Sudoriferous/Sweat gland): darmisii keessatti heddumminaan kan
argaman taee dafqa qopheessanii karaa ujummoolee mammaramoo taanii gogaa irratti gadi
lakkisu. Xannachootni kunniin gogaa namaa keessa lakkoofsa miliyoonota muraasa taeen
argamu.
Faayidaan dafqaa maali?
-Xannacha Zayitaa (Sebaceous/Oil gland): Xannachootni kunniin ammaan kan walcaalan
yammuu tau akka waliigalaatti garuu sasalphoo fi kanneen damee qabanii dha. Keessa faana
miilaa fi baruu harkaa irraa kan hafe gogaa hunda keessa facaanii argamu. Xannachootni
kunniin yeroo hundaa fooliikiloota rifeensaa waliin kan walitti hidhamaniif zayita
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
17
qopheessan rifeensa jalaan gogaa irratti kanneen gadi lakkisanii dha jechuun ni dandaama.
Haa tau malee, kanneen fiixee qaama saalaa dhiiraa, hidhii fi baalee ijaa keessa jiran zayita
isaanii kallattiidhaan bakka rifeensi hin jirre gogaa irratti dhangalaasu.
Zayitni xannachoota kanneeniin qophaau dibata gogaa fi rifeensaa kan uumamaa waan
taeef miidhagna isaaniif barbaachisaa dha. Hunda caalaa garuu amma bishaan hurkaan
ippiidarmisii irraa dhabamuu xiqqeessuu fi gogaan salphaatti fangasoota adda addaan akka
hin faalmne ittisuun fayyummaa namaa eega.
Ammi zaayitaa (Sebum) yeroo dargaggummaa fi dardarummaa qophaau daran olaanaa
waan taeef yeroo tokko tokko ujummoo xannachoota kanneenii keessatti kuufamuun
uumamuu finniisaaf sabab tauu dandaa.
Gochaa (pirojektii):
Guuriin (Cerumen) gurraa maali? Maal keessatti qophaaa? Faayidaan isaa hoo? Walitti
dhufeenyi inni xannacha dafqaa wajjin qabu maali?
2.1.4. Baqqaana jalee gogaa (subcutaneous layer)
Baqqaanni kun kan argamu jala darmisii tti. Kanaafuu akka qaama gogaatti hin fudhatamu. Haa
tau malee tishuulee qabsiistuun kan badhaadhe waan taeef gogaa maashaatti qabsiisa.Kanaafuu
bakka kanatti kaasuun hubannoof barbaachisaa taa. Baqqaanni jala gogaatti argamu kun tishuu
adiippoosii of keessaa qaba. Tishuun kun immoo cooma qaamaa kuusuun beekamu. Dalagaa
gogaa keessaa tokko tempireechara qaamaa toachuu dha.Coomni gogaa jalatti kuusamee jiru
kun hoa qaamaa qusachuu keessatti gaee taphata.
Gaaffii: A.Coomni tishuu adiippoosii keessa kuusamu kun akkamiin hoa qaamaa qusachuu
keessatti buaa buusa?
B. Coomni kun faayidaa biroo qabaa? Miidhaan isaa hoo?
2.2. Dalagaa Gogaa
Dalagaan qaama namaa haala tasgabbaaaan akka itti fufuuf gogaan gaee olaanaa qaba.
Dalagaawwan gogaa keessaa ijoon kanneen armaan gadiiti.
1. Qaama irraa balaa ittisuu (Protection)
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
18
Gogaan qaama aguugee jarmootni tokko tokko akka hin seenneef ittisa. Karaa biroo
immoo seelotni Laangerhaanii (Langerhans cells) fi faagoosaayitootni gogaa keessa jiran
madinummaa qaamaa kakaasuu keessatti qooda guddaa qabu. Meelaaniiniin gogaa
keessatti qophaau immoo xiyyi ifa aduu hamaan (UV) seelota gogaa keessaa irraan
balaa akka hin geenyeef gargaara.
2. Akka qaama miiraatti hojjachuu (Sensation/ Sense organ)
Sirbidduuwwan gogaa keessa jiran miirawwan akka dhukkubbii, tuqaatii, dhiibbaa, hoaa
fi diilallaa waan fuudhanii gara Sirna Narvii Wiirtuutti dabarsaniif qaamni haala
tasgabbaaaa keessa akka jiraatuuf gaee guddaa taphatu.
3. Akka qaama usaansaatti hojjachuu (Excretion)
Xuriiwwan akka yuuriyaa, amooniyaa fi asiidii yuurikii kara gogaa qaama keessaa
dhabamsiifmu. Haala qabiyyee bishaan qaamaa irratti hundaauunis bishaan darbaan karaa
gogaa dhabamsiifama.
4. Tempireechara qaamaa toachuu (Regulation of body temperature)
Hoa naannoo irratti hundaauudhaan hoa qusachuu yookaan hirisuun qaamni haala
tasgabbaaaa keessa akka jiraatuuf qoodni gogaa guddaa dha.
Gaaffii:
Akkaataa gogaan itti tempireechara qaamaa toachuu keessatti qooda fudhatu ilaalchisee
marii garee taasisuun gabaabsi ibsi.
5. Meetaaboolizimii (Metabolic role)
Vaayitaamin Dn tolfamuu kan eegalu gogaa keessatti. Keemikaalli gogaa keessatti
argamu yeroo gogaan xiyya ifa aduu Altiraa Vaayoleet (UV light) jedhamu xuuxu gara
keemikaala oomisha Vit. Df kaumsa (Precursor) taeetti jijjiirama. Dhuma irratti
keemikaalli inni lammataa kun kalee fi tiruu keessatti gara vaayitaamin D siataatti
jijiirama.
Gochaa
Kitaabilee wabii dubbisuun dalagaalee gogaa biroo ilaalchisee gabaasa barreeffamaa
gabaabaa dhiyeessi.
2.3. Dhibeewwanii fi Balaawwan Gogaa Hubuu Dandaan
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
19
Gogaan qaama aguugee gara alaatti argamuun isaa fi caasaa haphii tauun isaa yeroo hundaa
haala hamaaf akka saaxilamu taasisa. Balaan akka ibidda, keemikaalotaa fi elektirikaan
gubachuu yeroo baayee kan nama quunnamuu dha. Wantootni qara qabanii fi shaakarraaoo
(Sharp/rough) taan gogaa irraan balaa gahu. Balaan gogaa irra gahu gara darmisiitti gadi
fageenya yoo qabaate fi/ykn balaa yoo tae hubaatii inni geessisu daran hamaa dha. Balaan gahe
garuu ippiidarmisii qofa irratti kan daangeffame yoo tae gogaan keenya akka waliigalaatti yeroo
gabaabaa keessatti deebisee of ijaaruu dandaa.
Orgaanizimootni akka fangasootaa, baakteeriiyaa fi vaayirazota adda addaa kanneen gogaa
faaluudhaan gogaa irraan miidhaa geessisan jiru. Dhibeewwan gogaa huban keessaa hamaa fi
yaaddeessa kan tae cawwee gogaa ti. Cawwee gogaa gosoota adda addaatu jiru. Kanneen
keessaa tokko tokko yeroon yoo yaalaman kan fayyuu dandaamu yammuu tau, meelaanoomaa
kan jedhamu hunda caalaa hamaa dha. Kun kan uumamu seelota meelaanoosaayitii keessatti.
Of eeggannoo taasisuudhaan balaawwanii fi dhibeewwan gogaa keenya miidhuu dandaan
xiqqeessuun ni dandaama. Fakkeenyaaf dhibeen cawwee gogaa xiyya ifa aduu hamaa tae
waliin waan walqabatuuf akka barbaachisummaa isaatti gogaa keenyaa golguun rakkoo kana
amma tokko xiqqeessuun ni dandaama.
Gochaa
Maloota balaawwanii fi dhibeewwan adda addaa gogaa keenya irraa ittisuuf fayyadan tarreessi.
Boqonnaa 3: Caasaa fi Dalagaa Sirna Lafee Guutuu Namaa
Seensa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
20
Sirni lafee guutuu namaa tishuulee ijoo taan lafee fi morgaa of keessatti hammata. Kanneen caasaa fi
dalagaan adda adda. Akka waliigalaatti lafeewwan 206 nama gaeessa tae keessatti argamu.
Ulfaatina qaamaa keessa 20% lafeen qabatamee jira. Boqonnaan kun tishuulee sirna lafee guutuu
namaa ijaaran, lafeewwan adda addaa fi dalagaalee isaanii irratti xiyyeeffata.
Kaayyoo
Boqonnaa kana baratanii erga xumuranii booda kadhimamatootni barsiisotaa:
Malummaa lafee addeessu
Gosoota lafee adda baasu
Caasaalee buuraa lafee tarreessu
Seelota lafee ijaaran ni himu
Amaloota morgaa addeessu
Gosoota morgaa himu
Tajaajila morgaan qaama keessatta raawwatu ni addeessu
Gosoota lafee guutuu namaa himu
Ulaagaalee mitikaawwn ittin goseessaman tarreessu
Mitikaawwan qaamaa dalagaan adda baasu
Dalagaalee sirna lafee guutuu namaa addeessu
3.1 Caasaa Sirna Lafee Guutuu Namaa
Sirni lafee guutuu namaa tishuulee lafee fi morgaa irraa ijaarame. Kanneen qabiyyee ijoo haa taan
malee, tishuuleen narvii, ippiteeliyamii, adiippoozii fi kkf milkaaina dalagaa sirna kanaaf
barbaachisoo waan taaniif lafee guutuu (skeleton) waliin qindoominaan argamu.
3.1.1. Lafee (Bone)
Jechi lafee jedhu akkamiin ibama? Gareen irratti maradhaatii dareef ibsaa.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
21
3.1.1.1 Gosoota lafee (Types of bones)
Bocaa fi amma irratti hundaauun lafeen bakka afuritti qoodamuu dandaa. Isaanis:
1. Lafeewwan dhedheeroo (Long bones): Lafeewwan dheerinni isaanii balina isaanii caalan
taee kanneen fiixee irratti bookkuu taanii dha.Lafee dheeraan kutaalee diyafiisisii
(diaphysis) fi ippiifiisisii (epiphyses) jedhaman qaba. Diyaafiisisiin caasaa dheeraa fi
jabaa gidduu yammuu tau ippiifiisisiin caasaa laafaa fiixeewwan irraa ti. Lafeen somaa
miilaa kanaaf fakkeenya gaarii dha.
2. Lafeewwan gaggabaaboo (Short bones), Dheerinni fi balinni isaanii kanneen walfakkaatuu
dha. Fkn Lafee lakkuu (Carpals)
3. Lafeewwan babattee (Flat bones): Lafeewwan babaloo fi haphii taanii fi ixee irratti batlee
fi tokko tokko immoo gomboobaa (Curved) kan taanii dha. Fkn: Lafee ceekuu (scapula)
4. Lafeewwan ammaa fi bocaan walmakoo (Irregular bones): kanneen tuutaan qindooman
taee bocaa fi ammaan adda adda taanii dha. Fkn: Lafee vertebiree, Lafee fuulaa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
22
Fakk.3.1 Gosoota lafeewwanii (Bocaan)
3.1.1.2 Caasaa buuraa lafee
Caasaan lafee yuunitoota buuraan amalaa fi dalagaa lafee murteessan irraa kan ijaaramee dha.
Maqaan isaanii walitti dhiyeenyaa fi rukkina tishuulee lafee kanneenii agarsiisa.
A. Lafee jabaa (Compact bone):
Lafeen kun yuunitoota Ostiyon ykn Sirna Havershiyanii (Osteon/Haversian systems) jedhaman
irraa tolfame. Yuunitootni kunniin boca ujummoowaa kan qabanii fi baayee walitti dhiyaatanii
kanneen ijaaramanii dha. Tokkoo tokkoon ostiyoonii ujummoo (canal) keessa isaa jiru
aguuga.Yuunitootni kunniin soorataa dabarsuu fi xuriiwwan seelota keessaa dhabamsiisuun
beekamu. Lafee jabaan hanga lafeewwan qaamaa waliigalaa keessaa 80% taa.
B. Lafee lallaafaa (cancellous bone)
Ispiikiyuulota lilmoo fakkaatan kanneen tiraabeekuullee (trabeculae) jedhaman of keessatti
hammata. Lafeen kun lallaafaa waan taeef ispoonjii jedhamee waamama. Hanga lafeewwan
qaamaa keessaa lafee lallaafaan 20% qabata. Lafee lallaafaan lafeewwaan jaboon aguugamanii
gara keessatti argamuu dandau. Tiraabeekuulleen seelota of keessa kan qaban yammuu tau
soorataa fi xuriin diffiyuushiniin keessa geejibamu. Ispiikiyulootni lafee lallaafaaf jabina waan
kennaniif akkaataan taaumsaa isaanii lafee tokko irraa gara birootti adda adda tauu dandaa.
Garaagarummaan kun akka dalagaa lafee sanaatti ulfaatina inni baachuu ykn utubuu dandau
waliin kan adeemuu dha.
Lafeen ujuummoolee dhiigaa seelota lafeetiif wantoota barbaachisoo taan gara keessaatti
geejibanii fi xuriiwwaan immoo gara alaatti dhabamsiisaniin kan badhaadhee dha.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
23
3.1.1.3 Gosoota seelota lafee
Lafeen seelota gosa sadii kanneen jireenya isaa murteessan irraa ijaarame. Isaanis
1.Ostiyoobilaastota (Osteoblasts): seelota xixiqqoo kanneen maatiriksii orgaanikii oomishanii
gadi lakkisanii dha. Sababa kannaaf seelota lafee tolchan jedhamanii beekamu. Maatiriksiin
maali?
2.Ostiyoosaayitoota (Osteocytes): seelota gaeessaa fi kan hirmama hin gaggeessinee dha.
Seelotni kunniin maatiriksiin marfamanii argamu. Maatiriksiin haala tasgabaaaan akka itti
fufuuf barbaachisoo dha.
3.Ostiyookilaastota (Osteoclasts) seelota gurguddoo fi nukilasoota hedduu qabanii dha.
Maayitookondiriyaa fi laayisoosomoota heddumminaan qabu. Sababa lafee soofanii albudoota
gadi lakkisiisaniif (erosion of bone minerals) boca lafeewwanii jijijjiiruu keessatti gahee
guddaa qabu.
3.2 Morgaa (Cartilage)
Morgaan tishuu qabsiistuu adda tae kan kollaajiinii heddumminaan of keessaa qabuu dha.
Morgaan qaama namaa fi kan vertebireetota biroo keessatti argama.Caasaan kun salphaatti
dadachauu dandaa. Akka lafee utuu hin taane morgaan ujummoo dhiigaa of keessaa hin qabu.
Kanaaf seelotni isaa soorataa fi oksiijinii kan argatan naannoo isaanii irraa diffiyushiniidhaan.
Umurii sadarkaa micireetti lafeen qaamaa morgaa dha. Adeemsa dagaaginaa keessa morgaan
lafeen bakka buamaa adeema. Kanaafuu dhaloota boodaa ammi morgaa qaama keessaa muraasa
taaa adeema. Haatau malee morgaan umuri namaa guutuu dalagaa isaa itti fufu qama namaa
keessa hedduu dha. Gurri, funyaan, ujummoon qilleensaa, lafee armaa, fi kkf caasaalee morgaa
irraa tolfamanii dha. Buusaawwan keessattis gaee morgaan taphatu daran olaanaa dha.
Morgaa tishuuwwan qabsiistuu biroo irraa kan adda taasisu seelii gosa tokkoo qofa of keessaa
qabaachuu isaa ti. Seeliin morgaa kondiroosaayitii (Chondrocyte) jedhama. Kondiroosaayitootni
maatiriksii kollaajiiniin marfamanii argamu.
Tishuuwwan morgaa gosoota sadiitu jiru. Isaanis:
1.Morgaa Hayaaliinii (Hyaline cartilage): Ammi kollaajiinii maatiriksii isaa keessaa muraasa
waan taeef amma tokko ifa of keessa dabarsa. Maqaa isaas jecha Girikii hiikaan isaa
burcuqqoo jechuu tae irraa argate. Hayaaliiniin gosoota morgaawwan biroo caalaa qaama
keessatti heddumminaan kan argamu yammuu dha.Morgaan hayaaliinii iddoo lafeewwan walitti
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
24
hidhaman irratti fiixee lafeewwan tokko tokkoo aguuga. Lafee cinaachaa lafee armaa
(sternum) wajjin kan walitti qabsiisus morgaa kana. Morgaan geengoon ujummoo qilleensaa
tolchuun yeroo hundaa banaa taee akka jiraatu taasisu hayaaliinii dha. Fiixeen funyaanis
morgaa hayaaliinii of keessaa qaba.
2.Morgaa Illaastikii (Elastic cartillage): Morgaan gosa kanaa kollaajiinii caalaa illaastiinii
heddumminaan waan of keessaa qabuuf salphatti dadachauun boci isaa dhaabbataan utuu hin
jijjiiramin bakkatti deebiuu dandaa. Caasaan gurraa alaa fi sanduqni sagalee (larynx ykn
Voice box) illaastiinii irraa tolfaman.
3.Morgaa Faayibiroo (Fibrocartillage): Morgaan kun morgaawwan lameen caalaa jabina kan
qabuu dha. Sababni isaa maatiriksii isaa keessa kollaajiinii adii baayisee walitti hiiquun
waltumsetu jira. Tishuun kun caasaawwan gidduutti argamuun akka wal hin rigneef ittsa.
Fakkeenyaaf lafeewwan vertebiree gidduu waan jiruuf dhiibbaa uumamuu dandau damdamatee
nageenya naarvotaa eega. Qadaaddiin jilbaas morgaa faayibiroo of keessaa qaba.
3.3 Gosoota Lafee Guutuu Namaa (Divisions of Human Skeleton)
Sirni lafee guutuu namaa lafeewwan maqaan adda bahanii beekaman 206 of keessatti hammata.
Kanneen bakka gurguddoo lamatti qoodamu. Isaanis:
1. Lafee guutuu aksiyaalii (Axial skeleton)
2. Lafee guutuu appendiikulaarii (Appendicular skeleton)
1.Lafee guutuu aksiyaalii (Axial skeleton)
Aksiyaalii keessatti kanneen hammataman lafeewwan taaumsa olii-gadee (vertical) nafaa
irratti argamanii dha. Kunis lafee guutuu sammuu (skull), lafee guutuu dugugguruu
(Vertebre), lafee guutuu cinaachaa fi kan harmaa of keessatti hammata (Fakk3.2). Akka
waliigalatti lafee guutuun aksiyaalii lafeewwan 80 of keessatti hammata. Lafeewwan kanneen
akka armaan gadiitti gurmuu gurmuu ijoon ramadamu.
i. Lafeen guutuu sammuu walitti = 28
- Kiraaniyamiin (Lafee sammuu golgu) = 8
- Lafee fuulaa = 14
- Lafee gurraa (Ossicles) = 6
ii. Hayooyidii = 1
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
25
Hayooyidiin qaama keenya keessa lafee kamiin iyyuu walitti utuu hin hidhamin kophaa kan
dhaabbatuu dha. Morma keessa saanduqa sagalee olitti riibuudhaan lafee gidduu fi keessoo
gurraa aguugun (Temporal bone) tti hidhamee argama. Bocni hayooyidii U fakkaata.
iii. Lafee guutuu dugugguruu = 26
iv. Lafee guutuu lafee cinaachaa fi harmaa = 25
2.Lafee guutuu appendiikulaarii (Appendicular skeleton)
Appendiikulaariin lafeewwan gubbaa fi goodaan lafee guutuu aksiyaaliitti qabatanii achirraa
kaan of keessatti hammata. Fiixee gara oliin lafeen qonyee (Clavicle) fuulduraan lafee
armaatti qabatee lafeen ceekuu (scapula) immoo karaa duubaa alkallattiin maashaa fi ribuun
lafee cinaachaatti qabatee eegala. Goodan immoo lafeewwan mooo irraa kauun amma fiixee
miilaatti kanneen jiranii dha. Lafeen guutuu appeendiikulaarii walumatti lafeewwan 126 tau.
Lafeewwan kunniin bakka lamatti yaammuu qoodaman:
i) LafeeGuutuu harka lamaanii fi gatiittii (upper extremities including shoulder girdle)
= 64
ii. Lafee guutuu luka lameenii fi mooo (lower extremities including hip girdle) = 62
Gocha:
Lafeewwan lakkoofsi isaanii armaan olitti eerame (206) bakka itti argamanii fi maqaa isaanii
kitaabilee wabii sakattauun adda baasii faakkii wajjin barreeffamaan barsiisaaf gabaasi.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
26
Fakk 3.2 Dhaaba lafee guutuu namaa
3.4 Buusaawwan/Mitikaawwan (Joints/Articulations)
Kaadhimamaa barsiisa! Buusaa qaamaa jechuun maal jechuu dha? Mee miseensota garee keetii
wajjin maree gaggeessuun:
A) Nafa namaa keessa bakka buusaan jira jettan tarreessaa
B) Dalagaa nafaa keessatti faayidaa buusaa ibsaa.
Buusaan bakka (tuqaa) lafeewwan itti wal quunnamanii dha. Gaaffiin armaan olii yeroo deebiuu
buusaan bakka itti nafni namaa dadachauu dandau waan taeef sochii qaamaaf fayyada kan
jedhu eeramuu dandaa. Kun dhugaa haa tau iyyuu malee, hundi buusaawwanii ni dadachau
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
27
jechuun hin dandaamu. Sochiiff mijataa tauu ykn tauu dhabuun akkaataa ittiin buusaawwan
goseessamanii ramadaman keessaa tokko.
2.3.1 Ramaddii buusaawwanii (Classification of joints)
Buusaawwan garaagarummaa dalagaa ykn caasaa irratti hundaauun ramadamuun moggaasa
argatu. Haala kanaan boosaawwan bakka gurguddaa armaan gadii lamatti ramadamu.
I. .Ramaddii caasaa irratti hundaae (Structural classification)
Ramaddiin caasaa irratti hundaae akaakuu tishuu qabsiistuu lafeewwan walitti qabsiisanii fi
lafeewwan walittin hidhaman gidduu bakki qaawwaan jiraachuu yookaan jiraachuu dhabuu
irratti hundaaa. Qabxiiwwan kanneen irratti yammuu hundaaamu buusaawwan gosoota sadiitu
jiru. I saanis:
i) Buusaawwan ribuu (Fibrous joints): Buusaawwan kanneen keessatti ribuun jabeessanii
lafeewwan walitti hidhu. Buusaawwan kunniin gosoota adda addaatti kan qoodaman yammuu
tau kanneen keessaa tokko tokko sochii xiqqoo ni eeyyamu. Akka waliigalaatti garuu
lafeewwan buusaa ribuun walitti qabsiifaman buusaa kana irratti sochouu hin dandaan. Fkn:
Buusaa lafee guutuu sammuu keessatti lafeewwan fuulaa (Frontal) fi cina buqqee mataa
(Parietal) gidduu jiru.
ii) Buusaawwan morgaa (cartilaginous joints): Buusaawwan morgaadhaan (hayaaliinii ykn
morgaa faayibirootiin) lafeewwan walitti qabsiisan as jalatti ramadamu. Buusaa morgaa irratti
lafeewwan amma tokko sochouu dandau. Fkn: Buusaa lafeewwan dugdaa gidduu jira
iii) Buusaawwan sinooviyaalii (Synovial joints): Buusaan sinooviyaalii qaama keessa
heddumminaan kan jiruu fi gosoota adda addaa kan of jalatti hammatuu dha.
Buusaawwan kanneen ona membireenii dhangalaoon guutame qabu. Buusan akkasii tishuu
qabsiistuu lafeewwan walitti qabsiisanis ni qabu. Akka waliigalaatti garuu buusaawwan
sinooviyaalii guutummaan guutuutti sochii lafeewwaniif mijatoo dha.
Fkn: Buusaa lafee morma keessaa (Vertebiree 1ffaa fi 2ffaa gidduu), buusaa ciqilee, kkf
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
28
II. Ramaddii dalagaa irratti hundaae (Functional classification)
Ramaddiin dalagaa irratti hundaae kun lafeewwan buusaa kanaan walitti qabsiifaman sochouu
dhabuu ykn sochouu dandauu fi sadarkaa sochii isaanii kan ibsuu dha. Kanaaf ramaddii isa
duraanii waliin kan walfaana ilaalamuu dandauu dha.
i. Sinaartiroosis (Synarthrosis): akka waliigalaatti lafeewwan buusaa kanaan walqabsiifaman hin
sochoan. Gosti buusaa kanaa isa maqaa caasaa buusaa ribuun ibsamee dha.
ii. Amfiiartiroosis (Amphiarthrosis): Lafeewwan buusaa kanaan walitti qabsiifaman sochii
murtaawaa raawwachuu dandau. Kun maqaa caasaa buusaa morgaatiin kan waamamuu dha.
iii. Diaartiroosis (Diarthrosis): Buusaa maqaa caasaa sinooviyaaliin waamamu yammuu tau
sochii bilisaa kan dandeessisuu dha. Lafeen guutuu aksiyaalii akka waliigalaatti buusa kana
waan of keessaa qabaniif sochiiwwan qaamaa gurguddoon lafeewwan kanneeniin gaggeeffamu.
3.5 Dalagaa Sirna Lafee Guutuu Namaa (The Function of Human Skeletal
System)
Dalagaan sirna lafee guutuu namaa idaama dalagaalee lafee, morgaa fi mitikaawwanii
ti.Dalagaalee kanneen keessaa ijoon:
1. Utubbii qaamaa (Support): akkuma ijaarsi mana tokkoo muka ykn dhakaan utubamee
dhaabbatu naf namaa buuraan sirna lafee guutuutiin utubama. Boca fi dhaabbiin namaa
lafeedhaan deggarama. Caasaaleen gurra alaa, funyaanii, kkf buuraan moorgaa dha.
2. Ittisa (Protection): tishuulee fi qaamawwan keessa nafa namaa, irra caalaa kanneen lallaafoo
taan, lafeewwaniin golgamanii balaa irraa baraaramu. Lafeen sammuu, lafeen dugugguruu fi
lafeen cinaachaa qaama irraa balaa ittisuu ilaalchisee fakkeenyawwan gaggaarii dha.
Gaaffii:
Lafeewwan guutuun kunniin sadan qaamawwan isaan balaa irraa ittisaan kam faa?
3. Sochii (Movement): Gargaarsa buusawwaniitiin lafeewwan qaamota baatanii sochou. Yeroo
sochii maashaawwan kottoonfachuu fi diriiruun lafeewwan sochoosu. Morgaawwan lafeewwan
walitti qabsiisani akkasumas akka wal hin rigne ittisan sochii qaamaa tumsuu keessatti qooda
guuddaa qabu.
4. Kuusa albudaawwanii (Mineral storage): Albudootni akka kaalshiyamii, foosfarasii fi kkf
lafee keessatti kuusamu. Yeroo cunqoon albudaa akka kaalshiyamii dhiiga keessaa gadi buu
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
29
lafee keessaa gadi lakkifamuun bakka bua. Yoo dhiiga keessatti heddummaate immoo lafee
seenuun madaalli cunqoo albudaa dhiiga keessaa haala tasgabbaaaa taeen akka itti fufu taa.
Gochaa
Kitaabilee wabii sakattauudhaan adeemsa (Mechanism) madaalli cunqoo
kaalshiyamii dhiigaa haala tasgabbaaaa taetti (homeostasis of blood calcium
concentration) ittiin eegamu ilaalchisee barreeffamaan gabaasa barsiisaa keef dhiyeessi.
Gabaasa kana keessatti gaee xannachootnii fi hormoonotni taphatan irratti
xiyyeeffadhu.
5. Seelii dhiigaa oomishuu (Blood cell formation ykn Hematopoiesis): Dhukni lafee diimaa
(red bone marrow) seelota dhiigaa diimaa oomisha. Tishuun kun nama gaeessa keessatti irra
jireessa fiixeewwan lafeewwan dhedheeroo, lafeewwan babattee, lafee guutuu sammu,
lafeewwan cinaachaa, armaa fi moaa keessatti argamu. Daaimman keessatti dhukni lafee
dimaa lafeewwan hunda keessatti argama jechuun ni dandaama.
Gochaa
Kitaabilee wabii fayyadamuudhaan:
1. Akkaataa itti lafeen yeroo dagaagina miciree uumamu
2. Akkaataa itti lafeen yammuu cabu deebisee of suphu ilaalchisee gareedhaan maree
taasisuun daree keessatti ibsi.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
30
Boqonnaa 4: Caasaa fi Dalagaa Sirna Maashaa
Seensa
Amaloota lubbu qabeeyyiin ittiin ibsaman keessaa tokko sochii dha. Sochiin guutummaa nafaan
yookaan kutaa nafaa murtaaaan raawwachuu dandaa. Boqonnaa 3ffaa keessatti gaee sirni lafee
guutuu namaa sochii keessatti taphatu ibsameera. Maashaanis sochii nafaa keessatti gaee
murteessaa taphata. Kana malees maashaan dalagaalee biroo adda addaa raawwata. Boqonnaan
kun caasaa fi dalagaa sirna maashaa namaa waliigalaa (Gross structure and function of human
muscular system) irratti xiyyeeffata.
Kaayyoo
Barumsa boqonnaa kanaa erga xumuranii booda kaadhimamtootni barsiisotaa:
Amala addaa seelota maashaa tarreessu
Gosoota tishuulee maashaa tarreessu
Garaagarummaa tishuulee maashaa gidduu jiru ibsu
Maalummaa maayoofaayibiriilii addeessu
Maashaawwan amalaan goseessu
Akkaataa kottoonfannaa maashaa addeessu
Akkaataa walirra gangalannaa filaamentota maashaa ibsu
Dalagaalee maashaa tarreessu
4.1 Caasaa Maashaa (Anatomy of muscle)
Maashaan qaama tishuuwwan adda taan irraa ijaaramee dha. Addummaan tishuulee maashaa
uumama seelota maashaa wajjin kan walqabatee dha. Dalagaan maashaas adda tauu tishuuwwan
kanneenii irratti kan hundaaee dha.
4.1.1 Seelota maashaa
Seelotni maashaa faayiberoota mssshaa (Muscle fibers) jedhamuun beekamu. Akka
waliigalaatti seelonni kunniin qaqaloo fi dhedheeroo dha. Seelonni maashaa aguuggii
membireenii sarkooleemaa jedhamu ofirraa qabu. Sarkooleemaan caasaa seelota biroo keessatti
membireenii pilaazmaa jedhamu wajjin walfakkaata. Ujummooleen ujummoo-T jedhaman
hedduun sarkooleemaa irraa gara keessaatti dhooquun (banamuun) fiixee tokko irraa kaanii gara
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
31
keessa seeliitti diriiru. Caasaan kun dhaamsa narvawaa sarkooleemaa bira gahe gara keessaatti
dhangalaasa.
Fakk. 4.1 Seelii maashaa lafee
Seelotni maashaa nuukilasii tokko ykn tokkoo ol qabaachuu dandau. Seelotni kunniin annisaa
dalagaa isaaniif barbaachisan guuttachuudhaaf kan gargaaran maayitookondiriyaa hedduu of
keessaa qabu. Orgaaneeliin seelota biroo keessatti Reetikulamii Keessoo Pilaazmaa jedhamu
seelota maashaa keessatti Reetiikulamii Sarkoopilaazmaawaa kan jedhamu yammuu tau, yeroo
maashaan haala diriire (relaxed state) keessa jiru Ca++ kottoonfannaa maashaaf barbaachisu
kuusa. Seeliin maashaa orgaaneelota biroos of keessa ni qaba.
Gocha:
Orgaaneelota faayiberoota maashaa keessatti argaman biroo tarreessuun dalagaa isaanii
ibsi.
Caasaaleen akka maayoofaayibiriilii fi filaamentotni isaanii kanneen seelota maashaa
dalagaadhaan adda taasisanis seelota kanneen keessatti argamu. Maayoofaayibiriiliin caasaa
buuraa maashaa ti. Bocaan siliindarikaalawaa ykn ulee kan fakkaatan taee seelii keessa fiixee
irraa gara fiixeetti diriianii argamu. Tokkoo tokkoon maayoofaayibiriilii filaamentota pirootiinaa
gosa lama of keessaa qaba. Isaanis filaamentii qaloo fi filaamentii furdaa jedhamuun
beekamu. Filaamentootni kunniin maayoofaayibirii keessatti qindoomuudhaan Sarkoomerii
uumu. Sarkoomeroonni kutaalee maayoofaayibiriilii yammuu taan, inni tokko kan biroo irraa
bakka kuufama pirootiinii qabu kan diskii-Z jedhamuun gargar qoodama (Fakk.4.2).
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
32
Gochaa
Fakkiiwwan armaan gadii lamaan sirriitti qoachuudhaan maalummaa fi garaagarummaa
zoonii H, sararaa M, baandiiwwan A fi I ibsi.
Fakk.4.2 Maayoofaayibiriilii fi qindoomina qabiyyeewwan isaa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
33
4.1.2 Tishuuwwan maashaa
Tishuuwwan maashaa amaloota adda isaan tasisan armaan gadiitiin ibsamuu. Kanneenis:
i.Siaaina elektirikaawaa (Electrical excitability): dhaamsa elektirookeemikaalawaaa kan
pootenshaalii gochaa (action potential) jedhamu maddisiisuudhaan rifachiisoowwan tokko
tokkoof kulkulfatu.
ii. Kottoonfannaa (Contractability): yeroo pooteenshaalii gochaatiin kakaafaman (stimulated)
annisaan kottoonfachuun deebii kennu.
iii.Diriiruu (Exteensibility): yeroo harkifaman utuu hubaatiin irra hin gain dheeratu.
iv. Amala pilaastikummaa (Elasticity): Kottoonfachuu fi diriiruu booda rakkoo tokko malee
iddoo isaaniitti deebiuun bocaa fi dheerina isaanii eeggachuu dandau.
4.1.2 Gosoota tishuuwwan maashaa
Tishuuwwan maashaa karaawwan adda addaan ramadamuu dandau. Fakkeenyaaf morfoloojii
(boca) fi dalagaa irratti hundaauun ramaduun malleen beekamoo dha.
1) Ramaddii morfoloojjii irratti hundaae :
A) Maashaawwan sarara qabeeyyii (Striated muscles): Maashaaleen kunniin yeroo
maayikirooskooppii jalaan ilaalaman caasaalee akka kirrii taanii adii fi gurraacha fakkaatanii
mulatan of keessaa qabu.
B) Maashaalee sarara maleeyyii (Non-striated/smooth muscles): keessi isaanii qulqulluu kan
tae ykn sararaa kirrii fakkaatan armaan olii kanneen hin qabnee dha.
2) Ramaddii dalagaa irratti hundaae
A) Maashaa fedhii (Voluntary muscles): dalagaan maashalee kanneenii fedhii orgaanizimii
sanaan toatama.
B) Maashaa fedhii malee (involuntary muscle): dalagaan maashaalee kanneenii toannoo
orgaanizimootaan ala kan raawwatuu dha.
Dalagaalee fi caasaalee isaanii kaumsa godhachuun akka waliigalaatti maashaaleen
akkaakuuwwan tishuulee sadiitti qoodamu. Kanneenis.
1. Maashaa lafee (skeletal muscle): sarara qabeeyyii fi maashaa fedhii ti. Maashaalee irree
namaa keessaa yoo fudhanne morfoloojiin sararaa ujummowaa walkeessa galanii jiran of keessatti
kan hammatan yammuu tau, fedha keenya irratti hundaauun kottoonfachuu fi diriiruun dalagaa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
34
isaanii raawwatu. Maashaaleen lafee qaamota lafe maashaawaa (skeletal muscle organs)
keessatti kanneen argaman taee dhaabbii qaamaa eeguu, sochii lafee fi hoa maddisiisuu keessatti
bakka olaanaa qabu.
2. Maashaa onnee (Cardiac muscle): Maashaa sarara qabeeyyii fi fedhii malee ti. Maashaan
kun dhaaba onnee irratti kan argamu yammuu tau, dalagaan isaas onneen akka kottoonfatuu fi
dhiiga raabsu gochuu dha. Seelotni maashaa onnee dame-qabeeyyii waan taaniif akkaataa
dhaamsii tokko irraa isa birootti darbutti walquunnamanii (intercalated) siaainaa fi walitti
fufiinsaan onneen kottoonfachuu fi diriiruun akka dandau taasisu. Seeliin maashaa onnee tokko
irra caalaa nukilasii tokko of keessaa qaba. Seeliin maashaa onnee kan maashaa lafeeummi caalaa
maayitookondiriyaa heddumminaan kan of keessaa qaban taee garuu gaggabaaboo dha.
Maashaaleen onnee dandeettii adda tae qabu. Innis ofiin of kakaasuu dha.
Gochaa: Gaafilee armaan gadii irratti gareen mariachuun buaa isaa daree keessatti gabaasi.
1. Onneen erga tishuulee dalagaan onnee akka kakau gochuu dandaan qaba taee dhaamsi
narvii fi hormoononni onnee kaasuu keessatti qooda hin qaban jechaa dhaa? Ibsi.
2. Yoo onneen hojii isaa yeroo muraasaafis haa tau dhaabe maal taana? Yaad-rime deebii
gaaffii 1ffaa
wajjin walitti fiduun ibsi.
3. Maashaa safaa (Smooth muscle): maashaan kun sarara kirriiwwanii of keessaa hin qabu.
Dalagaan isaas fedhii malee dha. Dhaaba qaamawwan qaawwa qabeeyyii (hollow organs) taan
kanneen akka ujummoowwan bullaainsa soorataa, hargansuu fi caasaalee saal fincaanii
(urogenital) akkasumas keessa dhaaba ujummoolee dhiigaa fi limfii, maashaa ijaa fi kkf
keessatti argamu. Dalagaan isaaniis wantootni adda addaa ujummoolee kanneen keessa akka
sochoan gargaruu, ujummoolee dhigaa balisuu fi kkf wajjin kan walqabatuu dha. Seelonni
maashaa kanaa nukilasii tokko tokko qofa qabu.
4.2. Kottoonfannaa Maashaa fi Molekiyuulota Buura Kottoonfannaa
Pirootiinotni maayoosiinii fi aktiinii jedhaman kanneen qabiyyee filaamentota maayoofaayibiriilii
taan pirootiinota kottoonfannaa (contractile proteins) jedhamu. Kanaafuu kottoonfannaan
maashaa idaama kottoonfannaa pirootiinota kanneenii ti. Akka waliigalaatti jechi kottoonfannaa
jedhu gabaabbachuu dheerina wantootaa haa ibsu malee kottoonfannaan maashaa gaargaarsa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
35
niyuroonii dhaamsa deebistuu (motor neuron) tiin faayibaroota maashaa keessatti dhiphina
(tension) uumamu agarsiisa. Adeemsi kun akka waliigalaatti taateewwan adda addaa of keessatti
hammata. Akkaataa kottoonfannaa maashaa (Mechanism of muscle contraction) kana ibsuudhaaf
taateewwan maashaa lafee keessatti raawwatan fudhachuun filatamaa taa.
4.2.1 Akkaataa kottoonfannaa maashaa
Haala uumamaan keessatti maashaan lafee haala boqonnaa (at rest) keessatti argama. Seeliin
narvii dhaamsa deebistuu gara maashaa lafeetti dhaamsa fiduun sarkooleemaa tuqa. Niyurooniin
dhaamsa deebistuu saarkoleemaa wajjin bakka dadachaaa fi battee tae kan fiixee niyuroonii
dhaamsa deebistuu (motor end plate) jedhamu irratti walquunnamuun marfata quunnamtii
niwuroonii fi maashaa (neuromuscular junction) uumu. Gidduu isaanii qaawwaa sinaapsii
xiqqootu jira. Yeroo dhaamsi narvawaa fiixee niyuroonii dhaamsa deebistuu gahu veeziikilootni
xixiqqoon molekiyuulota dhaamsa dabarsittuu (neurotransmitter) kan assetaayilkooliin
(Acetylcholine) jedhamu gidduu niyuroonii fi sarkooleemaatti gadi lakkisu. Dhaamsa
dabarsituun kun bakka qaawwaa xiqqoo keessa diffuushiniinn sochouudhaan ceee sarkooleemaa
itti aanu tuquun sirbiddooo assetaayilkoolii kakaasuun dhaamsi bifa elektirikaan (electrical
impulse) saarkooleemaa keessatti akka gadi lakkifamu taa. Sadarkaan kun sadarkaa itti
sarkooleemaan siaauu dha. Dhaamsi sarkooleemaa irraa karaa ujummoo-T gara keessa seelii
maashaatti dhangalahuun reetiikulamii saarkoopilaazmawaa keessaa Ca++
akka gadi lakkifamuu
taasisa. Kun immoo pirootiinotni kottoonfannaa wal harkisanii gabaabbachuun kottoonfannaa
maashaa fida. Kottoonfannaan maashaa yeroof kan raawwatu yammuu tau irra caala yeroo
gabaabaa keessatti dafee bakkatti deebiuun diriira.
Gocha
1. Adeemsa kottoonfannaa maashaa keessatti pirootiinotni wal harkisan kamii fi kami?
2. Maayoosiinii fi aktiinii keessaa isa kamtu isa kami harkisa?
3. Tirooppooniiniin maali? Gahee inni kottoonfannaa maashaa keessatti qabu hoo?
4. Kottoonfannaa maashaaf annisaan ni barbaachisaa? Yoo tae eessaa dhufa?
4.2.2. Moodela walirra gangalannaa filaamentotaa maashaa (Sliding filament model)
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
36
Gochaa
Kaadhimamtoota Baratootaa! Barreffama keewwata kanatti aanu utuu hin dubbisiniin
dura yaada rimeewwan boqonnaa kana keessatti qalbeeffatte irraa kauun gaaffilee armaan
gadii yaali.
1. Maashaan kan kottoonfatu walitti dadachauun moo akkamiin?
2. Fakkiiwwan armaan oliii ilaaluun filaamentootni furdaa fi qalaan yeroo maashaan
kottoonfatu waltuquu dandauu fi tuquu dhabuu isaanii tilmaami.
3. Walirra gangalannaa filaamentotaa jechuun maal jechuu dha? Kanneen walirra
gangalatan filaamentota kami? Walirra gangalannaan kun akkamiin raawwata?
Maalimmoo fida?
Akkuma armaan olitti ibsuun yaalame filaamentii furdaan pirootiinii maayoosiinii fiixee irraa kan
qabu yammuu tau, yeeroo maashaan kottoonfachuu eegalu maayoosiiniin kun pirootiinii fiixee
filaamentii qaloo irra jiruutti qabata. Kun kan tau fiixeewwan saarkoomeerii lameeniin. Itti
aansuun filaamentii furdaan isa qalaa gara gidduutti (gara sararaa M tti) yeroo harkisu lameen
iyyuu walirra gangalachuun sarkoomeeriin akka gabaabbatuu fi akka waliigalaatti maashaan akka
kottoonfatu taasisu.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
37
Fakk.4.3 Sarkoomeroota lama keessatti akkaataa walirragangalannaa filaamentootaa
4.3 Dalagaalee Waliigalaa Maashaa
Gochaa
Barattootaa! Mee gareedhaan gaaffilee armaan gadii irratti mariadhaatii daree keessatti
gabaasaa.
1. Hariiroo maashaa fi lafeen qaama keenyaa qaban maali?
2. Namni yeroo baayee sochii jabeenya qaamaa shaakalu kanneen hin shaakalle caalaa
dhaabbii qaamaa waliigalaa gaarii qaba. Kun maaliif isinitti fakkaata?
3. Seelotni maashaa maayitokondiriyaa hedduu of keessaa qabaachuun isaanii dalagaa
maashaa ilaalchisee maal hubachiisa?
Maashaan akka waliigalaatti dalagaalee armaan gadii raawwata.
1. Sochii qaamaa: Kottoonfannaan maashaalee sochii kutaalee qaamaa fi sochii nafa guutuu namaa
argamsiisa.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
38
2. Dhaabbii qaamaa: dhaabbiin qaamaa ijaarsa maashaan utubamuun boca uumamaa akka qabaatu
taasisuu keessatti gahee olaanaa taphata.
3. Hoa oomishuu: seelotni maashaa, keessumaa immoo seeloonni maashaa lafee, hoa guddaa
oomishuudhaan madaala tempireecharaa ilaalchisee qaamni haala tasgabbaaaa (homeostasis)
keessa akka jiraatu taasisu.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
39
Boqonnaa 5: Sirna Narvii
Seensa
Dalagaaleen qaama namaa sirnoota lamaan qindaaa. Isaanis Sirna Indookiraayinii fi Sirna
Narvii ti. Sirnootni kunniin lamaan dalagaaleen qaamaa haala tasgabbaaaa (homeostasis)
keessatti akka itti fufuuf toannoo gaggeesu. Haa tau malee akkaataan raawwii toannoo isaanii
adda adda. Sirni narvii dalagaa isaa kan raawwatu dhaamsa narvawaa ykn pootenshaalii gochaa
(Nerve impulse/ Action potential) maddisiisuu fi dabarsuun yammuu tau raawwiin kun saffisaa
dha. Karaa biroo immoo sirni indookiraayinii qindoomina dalagaa qaamaa kan raawwatu
hormoonotaan yammuu tau saffisni raawwii isaa kan isa duraan gadi.
Boqonnaan kun caasaa fi dalagaa sirna narvii irratti kan xiyyeeffatu yammuu tau caasaan sirna
narvii sammuu, ispaayinaal koordii fi narvoota adda addaa of keessatti hammata. Ispaayinaal
koordii fi sammuun walitti sirna narvii wirtuu yammuu uuman hundi narvotaa immoo Sirna
Narvii Moggaa (Peripheral Nervous System) Uumu.
Kaayyoo
Xumura boqonnaa kanaatti kaadhimamtootni barsiisotaa:
Garaagarummaa caasaa irratti hundaauun gosoota niyuroonotaa himu
Kutaalee niyuroonii adda baasu
Akkaataa uumama pootenshaalii gochaa ibsu
Akkaataa itti pootenshaaliin gochaa uumame tokko daddarbuu dandau himu
Garaagarummaa narvoota simpateetikii fi paaraasimpateetikii himu
Maalummaa sirna seensarii himu
Maalummaa rifuu liphii ibsu
Rifuu liphiif fakkeenya qabatamaa kennu
5.1 Gosootaa fi Caasaalee Niyuroonotaa
Seeliin narvii niyuroonii jedhama. Niyuroonotni akkuma seelota maashaa rifachiisoo
elektirikaalawaatiin siaauudhaan rifachiisoo kana gara dhaamsaatti jijjiiruu dandau. Dalagaa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
40
isaanii ykn kallattii dhaamsa itti dabarsan irratti hundaauun niyuroononni bakka sadiitti
qoodamu. Isaanis:
1. Niyuroonii dhaamsa geesituu (Sensory /afferent neuron): kutaalee qaamaa adda addaa
irraa dhaamsa gara sirna narvii wiirtuu (sammuu fi ispaayinaal koordii) tti dabarsa.
2. Niyurooni dhaamsa deebistuu (Motor neurons/efferet neuron): sirna narvii wiirtuu irraa
dhaamsa fuudhuun gara xannachootaa fi maashaatti dabarsa.
3. Niyuroonii quunnamsiistuu (association/interneuron neuron): daddarbiinsa dhaamsa
niyuroonii dhaamsa geessituu irraa gara dhaamsa deebistuutti gaggeeffamu qindeessu.
Kan argamanis sammuu fi ispaayinaal koordii keessa tti.
Sirni narvii seelota biliyoonota hedduutti lakkaaaman qaba. Niyuroonotni hundi caasaalee
armaan gadii qabu.
1. Qaama seelii (cell body): kutaalee niyuroonii keessaa isa guddaa yammuu tau yeroo
tokkoo tokko akka seelii of dandauutti ilaalama. Sababni isaa qaamni seelii niyuroonotaa
nukilasii, saayitoopilaazmii fi orgaaneelota adda addaa kanneen akka maayitookondiriyaa
fi qaama goljii waan of keessaa qabuuf. Reetiikulamii keessoo pilaazmaa shaakarraaaa
irra kan jiru raayiboosomiin pirootiinii dhaamsa dabarsituu (neurotransmitter)
qopheessus as keessatti ni argama. Kanneen bilisaan argamanis ni jiru.
2. Dendiraayitii (Dendirite): caasaa qaama seelii irraa kauu fi kan damee mukaa xixiqqaa
fakkaatee mulatuu dha. Maqaan kun jecha Girikii kan hiikaan isaa muka jechuu tae
irraa argame. Fiixeewwan isaa rifachiisoo narvii irraa fuudhuun qaama seelii fi/ykn
aksoonii niyuroonii birootti dabarsu.
3. Aksoonii (Axon): kutaa niyuroonii dheeraa ulee fakkaatu yammuu tau irra caalaa fiixee
qaama seelii qalaa tae irraa kan eegaluu dha. Niyurooniin tokko aksoonii tokko qabaata.
Aksooniin immoo yeroo baayee damee cinaa tokko ykn tokkoo ol qabaachuu dandaa.
Aksooniin dhaamsa qaama seelii irraa fuudhee kallattiin dabarsa.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
41
Fakk.5.1 Caasaa waliigalaa niyurooni
Gochaa
Kitaabilee wabii sakattauun deebiiwwan armaan gadii dhuunfaadhaan deebisi.
1. Garaagarummaa caasaalee gosoota niyuroonii sadanii fakkii kaasuun agarsiisi
2. Dalagaalee tokkoo tokkoo niyuroonota kanneeniis ibsi.
3. Niyurogiliyaan maali? Dalagaan isaa hoo?
5.2. Pootenshaalii Gochaa fi Daddabra Isaa (Action potential and its
propagation)
Pootenshaalii gochaa jijjiirama chaarjii ykn olkauu fi gadi buuu (fluctuating) elektirikaalaa
membireenii pilaazmaa seelii narvii irratti yeroof raawwatu yammuu tau kan eegalus yeroo
seeliin nervii siaauu dha. Kanaaf pootenshaaliin gochaa dhaamsa narvawaa (nerve impulse)
membireenii pilaazmaa seelota narviirra yaauu dha. Kana hubachuudhaaf immoo dursaan haala
garaagarummaa chaarjii alaa fi keessa niyuroonotaa beekuun murteessaa dha.
Niyurooniin tokko yeroo odeeffannoo dabarsaa hin jirre haala boqonnaa (at rest) keessa jira
jedhama. Niyurooniin haala boqonnaa keessa jiru tokko keessaan gara qarqara membireenii isaatti
amma tokko irra caalaa chaarjii negeetiivii yammuu qabaatu dhangalaoon qarqara ala
membireenii niyuroonii kanaa jiru immoo amma tokko irra caalaa chaarjii poozeetiivii qabaata.
Kun irra caalaa kan uumamu garaagarummaa cunqoo ayoonotaa gara alaa fi gara keessaa
membireeniitti argamaniin. Yeroo kana haalli niyuroonii kanaa Pootenshiyaalii Boqonnaa
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
42
Membireenii (Resting membiren potential) keessa jira jedhama. Garaagarummaan chaarjii
qarqara keessaa fi ala membireenii pilaazmaatti jiraachuun kun bifa annisaa kuufamaa (Potential
energy) yammuu tau kan safaramu vooltii ykn miilii vooltiin. Niyuroonii haala boqonnaa keessa
jiru keessatti pooteenshaaliin membireenii giddugaleessaa 70mv (keessi seelii 70mv tiin ala
seeliin gadii) dha. Mallattoon chaarjii kun kan gara keessaan qarqara membireenii seeliitti argamu
mulsa. Seeliin pooteenshaalii membireenii qabu Polarized tae jedhama.
Pootenshaaliin gochaa sadarkaalee lamaan ibsama. Yeroo chaarjiin keessa seelii haala boqonnaa
irraa gara zeerootti ol dhufuu eegaluun darbees pooseetiivii tau seeliin depolarized tae
jedhama. Kun kan tau yeroo niwurooniin rifachiisoon (Stimulus) kakauu dha. Yeroo gabaabaa
keessatti immoo keessi seelii gara haala boqonnaatti deebiuun 70mv irra gaha. Sadarkaan
pooteenshaalii membireenii kun deebiee poolaarauu (Repolarizing phase) jedhama. Haala
kanaan dhaamsi narvii bakka tokkotti uumame bifa elektirikaan niyuroonii irra dhangalauun
daddarba. Dhaamsa daddabarsuu Sirna Narvii keessatti ayyoononni barbaachisoon Na+, K
+, Ca
++
fi Cl- dha. Pirootiinonni chaarjii negaatiivii qabanis ni jiru.
Gochaa
Akkaataa itti tokkoo tokkoon ayoonota kanneenii toatamuudhaan booo (Channel) isaanii
keessa gara keessaa fi ala seeliitti dhangalauun garaagarummaa chaarjii armaan olii
uuman ilaalchisee barreeffamaan gabaasa dhiyeessi. Fkn. Keessi seelii gara pooseetiiviitti kan
dhufu bouun Na+ banamee Na+ gara keessatti waan dhangalaasuuf. Yeroo kana booon k+
banamuuf xiqqoo boodatti harkifata.
5.3 Sirna Narvii Otonomikii (Autonomic Nervous System)
Sirni narvii otonomikii (SNA) Sirna Narvii Keessaa (Visceral Nervous System) jedhamuunis
ni beekama. Sirni narvii kun miira qamota keessaa kanneen akka maashaa onnee, maashaa safaa fi
xannachootaa kan toatuu (kakaasu yookaan dhorku) dha. Dalagaan isaa haala fedhii maleen
raawwatama.
Akkuma kanneeen biroo sirni narvii otonomikiis caasaadhaan niyuroonii dhaamsa geessituu
otonomikii (authonomic sensory neurons), sirna narvii wiirtuu keessaa giddugala qindeessituu
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
43
(integrating centers in CNS) fi niyuroonii dhaamsa deebistuu otonomikii(Authonomic motor
neurons) of keessatti hammata. Akka waliigalaatti sirni narvii kun dalagaan qaamaa haala
tasgabbaaaa uumamaa (Homeostasis) keessa akka jiraatu taasisa.
SNA dameewwan lamatti qoodama. Kanneenis Paaraasimpateetikii fi Simpateetikii dha.
1. Narvii Paaraasimpateetikii: dalagaalee qaamaa kanneen yeroo boqonnaa wajjin walqabatan,
jechaan gorora maddisiisuu, imimmaan, fincaan, bullaainsa soorataa fi bobbaa baasuu wajjin kan
walqabatuu dha.
2. Narvii Simpateetikii dalagaalee qaamaa siaaina barbaadan kanneen akka loluu ykn
dheessuu wajjin walqabata. Narviin simpateetikii tarkaanfii ariifachiisaa keessatti hojjirra oola.
Qofaqofaatti yammuu ilaalaman dalagaan lameenii walii faallaa haa tau iyyuu malee akka
waliigalaatti idaamni raawwii lameenii jireenyaaf kanneen waltumsanii dha.
5.4. Sirna Seensarii (Sensory System)
Sirni kun qaama sirna narvii taee kan odeeffannoo gara Sirna Narvii Wiirtuutti geeffamu
qindeessuu dha. Sirni seensarii sirbidoota, daandiiwwan dhaamsa geessituu fi kutaa sammuu kan
dhaamsa fuudhu of keessatti hammata.
Fkn : Sirni sensarii ijoon beekaman kanneen arguu, dhageetti, tuqaatii, dhandhammii fi foolii ti.
Iddoo Simannaa Niyuroonii (Receptive fields): Bakka ykn iddoo itti rifachiisoon fudhatamuun
(simatamuun) dhaamsi niwuroonii irraan akka daddarbu taasisuun uumama kulkulfannoof
kaumsa taanii dha.
Gaaffii:
Iddoowwan simannaa beekamoo taan tarreessuun dalagaa isaanii ibsi.
5.5 Rifuu Liphii
Kulkulfannoo baayee ariitiin raawwatamu, kan gochaa fedhii malee taee fi qaamni haala
tasgabbaaaa keessa akka jiraatuuf gumaachuu dha. Rifachiisoon rifuu liphiif kaumsa tau kan
keessa qaamaa ykn qaamaan alaa tauu dandaa. Gochaan kun deebii rifachiisoodhaaf godhamu
taee kan battalatti raawwatuu dha. Yeroo rifuun liphii tokko itti raawwatu (Reaction time)
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
44
dhiibbaa rifachiisoo irraa eegalee amma namni sun kulkulfatutti (deebii kennutti). Akka
waliigalaatti kun kan raawwatu yeroo miiliisekondiin shallagamu keessatti. Nama keessatti rifuun
liphii bifa Marsoo Rifuu Liphiin (reflex arc) raawwata. Marsaa kana keessatti rifachiisoon
sirbidoon fuudhamee bifa dhaamsa narvawaan niyuroonii dhaamsa geessituutiin gara ispaayinaal
koordii deema. Ispaayinaal koordii keessatti niyuroonii gameeteessituunis qooda ni fudhata.Kana
booda tarkaanfiin akka fudhatamuuf dhaamsi karaa niyuroonii dhaamsa deebistuu gara qaama
dhimmi ilaaluutti (Maashaa/xannachaa) darbee tarkaanfiin fudhatama (Fakk. 5.2). Sammuun
dhimma kana kan beeku erga gochaan kun raawwatee booda.
Gochaa
Rifuu liphii ilaalchisee hubannoo barumsa sadarkaa tokkoffaa irraa qabdu irraa kauu fi
kitaabilee wabii dubbisuun fakkenyota lama eeruun tartiiba raawwii taateewwan isaanii
ibsi.
Fakk.5.2 Fakkeenya waliigalaa marsoo rifuu liphii
Boqonnaa 6
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
45
Qaamota Miiraa Ijoo fi Miirota Fiizikaalaa
Seensa
Qaamni keenya haala tasgabbaaaa uumamaan (homeostasis) akka itti fufuuf jijjiirraa keessaa fi
ala qaamaatti uumaman ilaalchisee odeeffannoo argachuun deebii (response) kennuu qaba.
Odeffannoon ykn rifachiisoon kun sirbidoodhaan (receptor) fuudhamanii gara dhaamsa narviitti
jijjiiramuun niyuroonii dhaamsa geessituu irraan gara Sirna Narvii Wiirtuutti ergamu. Deebiin
(response) kan kannamu kana booda. Sirbiddoon miirota fuudhan qaamota miiraa keessatti
qindoominaan argamu. Rifachiisoo adda addaaf miiramuu irratti garaagarumma agarsiisu.
Boqonnaan kun caasaa fi dalagaa qaamota miiraa ijoo taan ija, gurra, arrabaa fi funyaan irratti
xiyyeeffata.
Kaayyoo
Dhuma boqonnaaa kanaattii kaadhimamttootni barsiisotaa:
Qaamota miiraa ijoo tarreessu
Fakkii kaasuun caasaalee ijaa agarsiisu
Akkaataa uumama fakkeettii addeessu
Caasaalee gurraa adda baasu
Akkaataa itti oollannaan sagalee kookiiliyaa bira gahu himu
Adeemsa dhageettii ibsu
Dalagaalee gurraa waliigalaa tarreessu
Iddoowwan kuskusseewwan dhamdhammii adda baasu
Faayedaa kuskusseewwan dhamdhammii adda addaa himu
Sirbidoowwan foolii maaliif akka miiraman himu
Funyaan keessa bakka sirbidoowwan foolii itti argaman himu
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
46
6.1 Ija Qaama Miiraa Arguu
Iji keenya qaama miiraa boca, halluu, sochii, kkf wantoota naannoo keenyaa ilaalchisee raga nu
kenna. Kun kan tauu dandau yeroo ifti waantoo irraa calaqqisee ija keenya keessa seenee
sirbidoowwan ifaaf miiramoo taaniin fuudhamee gara Sirna Narvii Wiirattuutti darbee deebii
argatuu dha. Qaamni keenyas odeeffannoo kana irratti hundaaee tarkaanffii fudhata. Waantoota
hubattii fiduu dandaan irraa of eega; wantoota isaaf barbaachisan ofitti fudhata. Kanaafuu iji
qaama miiraa arguu yammuu tau qaamni haala tasgabbaaaa uumamaa keessa akka jiraatuuf
gahee murteessaa taphata.
6.1.2 Caasaa fi dalagaa ijaa
Gochaa
Gaaffilee armaan gadii irratti gareen mariachuun daree keessatti gabaasa dhiyeessi.
1. Wantoo fuula kee dura jiru tokko arguuf maaltu barbaachisa? Dukkana keessa arguun
maaliif hin dandaamu?
2. Sirbidoowwan fuutuu calaqqee ifaa taan ija keenya keessaa bakka kamitti argamu?
Faayidaan isaanii hoo?
3. Fakkeettiin eessatti uumama? Fakkeettiin yeroo reetiinaa irra buu gadigombifamaa dha
moo qajeelaadha? Yoo gadi gombifamaa dha tae akkamiin fakkii sirrii tae arguu
dandeenya?
4. Narviin reetiinaa irraa dhaamsa fuudhee gara Sirna Narvii Wiirtuutti geessu goosoota
niyuroonotaa boqonnaa darbe keessatti baratte keessaa kami keessatti ramadama?
Hojii daree (Kan dhuunfaan hojjatamu)
Qaama miiraa arguu (ija) ilaalchisee yaad-rimeewwan sadarkaalee barnootaa gadi
aananitti baratte irraa kauudhaan dalagaalee caasaawwan fakkii armaan gadii irratti
agarsiifamanii dhuunfaan gadi fageenyaan ibsi.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
47
Kubbaan ijaa baqqaanota sadii qaba.Kanneenis:
1. Iskileeraa (Sclera) baqqaana gara alaa kan adii fakkaatee mulatuu dha. Baqqaanni kun
jabaa fi kan kubbaa ijaa aguugee argamu fi ujummoo dhiigaa of keessaa kan hin qabnee dha. Gara
fuuldura ijaan ifa kan of keessa dabarsuu dha. Membireenii haphiin ala baqqaana kanaa aguugu
konjaktiivaa jedhama. Dhukkubni ijaa kan caasaa ijaa adii diimessu konjaktiiviitii jedhama.
Koorniyaan maali? Bakka kamitti argama?
2. Baqqaana koorooyidii ykn gidduu (Choroid coat): Baqqaana iskileeraatti aanee gara
keessaatti kan argamuu fi ujummoo dhiigaan badhaadhaa taee dha. Koorooyidiin
meelaanoosaayitoota waan of keessaa qabuuf haalluun isaa gurraacha halluu bunaa (dark
brown) fakkaata. Halluun kun ifa xuuxuuf gargaara.
Kaadhimamaa barsiisa! Meelaanoosaayitii jechuun maal jechuu dha?
3. Reetiinaa (Retina): Reetiinaan baaqqaana keessoo kubbaa ijaa gar-duubaan bakka aguuguu
dha. Reetiinaan sirbidoowwan seelota ulee (rod cells) fi seelota geengoo (cone cells) of
keessaa qabaniin badhaadhaa dha. Seelotni geengoo ifa gahaa keessatti halluuwwan adda baasuuf
gargaaru. Seelotni ulee garuu dimismisa keessa wantootaa fi sochii adda baasuu malee
halluuwwan adda addaa gargar baasuu hin dandaan. Wantootni halluu adda addaa qaban adii ykn
gurraachaa fakkaatanii mulatu.
Dirri retiinaa hundi seelota ulee fi geengoo walqixa hin qaban. Bakki tuqaa (Blind spot)
jedhamu seelota kanneen hin qabu. Kanaaf fakkiin achi irratti uumamuu hin dandau. Narviin
dhageettii reetiinaa keessaa kan bauu qixa tuqaa jaaminaa kanatti. Karaa biroo dhooqi fooviyaa
immoo seelota geengoon badhaadha dha.
Gochaa
Kitaabilee wabii dubbisuun gaaffilee armaan gadiif deebii barreeffamaa dhiyeessi.
1. Agartuun caasaa dha moo bakka? Maaliif?
2. Wantoo fagoo caalaa wantoo dhihoo yeroo ilaalaa turtu ija kee keessatti dadhabbiin sitti
dhagahama.Kun maaliif sitti fakkaata?
3. Faayidaan dhangalaoowwan agartuu fi vitiriyosii maal?
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
48
Fakkii 6.1 caasaa ijaa keessaa
6.1.2 Arguu
Ifi wantoo irraa balaqqeessaee dhufu koorniyaa fi leensiin dabee gara reetiinaatti darba. Adeemsa
kana keessatti qaawwaan agartuu dhiphachuu fi balachuun ammi ifaa akka murtaau taasisa.
Amma qaawwa kanaa kan toatu caasaa murteessoo ifaa jedhamuu dha. Uumamaan leensiin
amala qalachuu (dheerachuu) fi furdachuu (gabaabbachuu) waan qabuuf boca isaa jijjiirrachuun
calaqqeen wantoota fagoo fi dhihoo irraa kaan reetiinaa irra akka buan taasisa. Reetiinaan
sirbidoowwan seelota ulee (rod cells) fi seelota geengoo (cone cells) of keessaa qabaniin
badhaadhaa dha. Sirbidoowwan kunniin fakkeettii calaqee ifaatiin dhufee reetiinaa irra qubate
kana fuudhanii bifa dhaamsa narvawaatiin narvii argartuu (optic nerve) irraan gara SNW ergu.
Dhaamsi kun SNW keessaa bakka wiirtuu arguu (Optic centre) jedhamutti erga hiika argateen
booda fakkiin kun maal akka tae hubanna. Fakkiin reetiinaa irra buu kan gadi gombifamee
yammuu tau kan sirrau sammuudhaan.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
49
6.2 Caasaa fi Dalagaa Gurraa
Kaadhimamtoota barattootaa! Sirbidoowwan ijaa ifaaf kan miiraman yammuu tau kan gurraa
immoo maaliif kan miiramn sitti fakkaata?
Gurri qaama miiraa dhageettii ti. Uumamni caasaa gurraa akkaataa danbalii sagalee fuudhuu fi
daddabarsuu dandautti kan caaseffamee dha.
6.2.1 Caasaa Gurraa
Caasaan gurraa bakka gurguddaa sadiitti qoodama. Isaanis
A) Ala gurraa: Morgaa gurraa, ujummoo ala gurraa fi ala dhibbee gurraa hammata. Morgaan
gurraa danbalii sagalee walitti qaba, ujummoon gurra danbalii sagalee kana kallattii gara
keessaan qajeelchee dibbee gurraa birraan gaha. Dibbeen gurraa membireenii haphiin
(Tympanic membrane) kan aguugamee fi alaa fi gidduu gurraa kan daangessuu dha.
B) Gidduu gurraa: Fuuncaa lafeewwan xixiqqoo sadii of keessa qaba. Isaanis akka armaan
gadiitti tartiibaan walitti hidhamanii argamu.
Lafeen gaddumaa dibbee gurraa irraa kaa. Lafeen boraatii karaa alaa lafee gaddumaatti qabatee
karaa keessaa immoo lafeen faanaatti hidhamee gidduutti argama. Gidduun gurraa qilleensaan
kan guutamee dha. Dhiibbaan qilleensa alaa fi gidduu guraa (gara alaa fi keessa dibbee gurraa)
walmadaaluu qaba. Kun ujummoo ustaachiyaanii kan gidduu gurraa fi keessoo afaanii
walquunnamsiisuun eegama. Lafeen faanaa gara keessaan membireenii foodaa molaalaa (Oval
window) ofirraa qabutti qabata. Membireeniin kun kaumsa keessoo gurraa ti.
C) Keessoo gurraa: Keessoon garraa dhangalaoon kan guutamee dha. Caasaan bifaan qola
cilalluu fakkaatu kan maramee (chochlea) jedhamu keessoo gurraa keessatti argam. Narviin
dhageetti immoo maramee kanarraa kaee keessoo gurraa sammuu wajjiin walquunnamsiisa.
Danbaliin sagalee yammuu dhangalaoo keessoo gurraa sochoosu, sirbidoon keessoo gurraa
oollannaaf miiraoo taan dhaamsa narvawaa narvii dhageettii irraatti gadi lakkisu.
Yaaaan martoo (semicircular canals) caasaa keessoo gurraa kallattii sadiin diriiree argamuu
dha. Caasaan kun madaala qaamaa eeguu keessatti gahee guddaa kan taphatuu dha.
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
50
Fakk.6.2 Fakkii gurra namaa
Gochaa
Kitaabilee wabii sakattauun fi gareen irratti mariachuun deebii gaaffilee armaan gadii daree
keessatti ibsaa.
1. Dalagaan gurraa dhageettii fi madaala qaamaa eeguu dha yammuu jedhamu maal jechuu
dha?
2. Chaasaalee gurraa madaala qaamaa eeguu keessatti gahee qaban eeruudhaan akkamitti
akka dalagaa kana raawwatan ibsi.
6.2.2 Adeemsa dhageettii
Human Anatomy and Physiology (Afan Oromo, Sebeta College of SNTE, Oromia, Ethiopia, 2013) [email protected]
51
Sirbiddoowwan gurra keessaa oollannaa sagaleef miiramu. Ollannaan kun bakka itti uumamee
irraa kaee morgaa gurraan walitti qabamee ujummoo ala gurraa keessaan darbee dibbee gurraa
oollachiisuun gara gidduu gurraatti ceee haala armaan gadiin sochoa.
Madda sagalee morgaa gurraa fi ujummoo ala gurraa dibbee gurraa lafeewwan
gidduu gurraa sadan foddaa molaalaa fi keessaan dhangalaoo keessoo guraa
Sirbidoowwan gara jalee maramee Narvii dhageetti SNW (Sammuu). Kana booda
sammuun oollannaa isa bira gahe kana adda baasee maalummaa isaa akka beeknu taasisa.
6.3 Arraba Qaama miira dhamdhammii
Arrabni qaama miiraa dhamdhammii kan keemikaalotaaf miiramuu dha. Tuutni seelotaa kichuu
fakkaatan kanneen kuskussee dhamdhammii jedhaman arraba keessatti awwaalamanii argamu.
Isaanis yoo wanti dhamdhamamu bulbulamee qaawwaa keessaan bira gahe malee dhamdhammii
wantoo tokkoo adda baasuu hin dandaan. Arraba keessa kuskusseen dhamdhammii gosoota
afurtu kallattii adda addaatti kuufamanii argamu. Haala kanaan:
- Kuskusseen miaawaa - fiixee fuulduraa
- Kuskusseen kuraawaa - cina fiixee lamaanii
- Kuskusseen dhangaggaawaa - gara gidduu cinaa