90
1 BOQONNAA 1 1. MAAYIKIROORGAANISIMII Seensa Maaykiroo-orgaanizimoonni orgaanizimoota xixiqqoo ijaa qullaan hin mul’anne ta’anii kanneen maayikrooskoppiin mul'ataniidha. Maayikiroorgaanizimoonni heedduu yoo ta’an illee, boqonnaa kana keessatti waa’ee baakteeriyaa ilaalla. Caasaa seelii baakteeriiyaa fi haala ramaddii saanii irratti xiyyeefanna. Akkasumaas faayidaa baakteeriyaan sirnakkoo fi industirii keessatti qabu gadi fageeny ilaala. Kaayyoo Boqoonichaa Xumura boqonnaa kanatti leenjifamtoonni: Maalummaa maayikroo-orgaanizimootaa ni addeessu. Caasaa seelii baakteeriyaa fi ramaddii isaanii ni ibsu Faayidaa fi midhaa baakteeriyaan sirnakkoo keessatti qabu adda ni bafaatu. Jechi Maayikiroorgaanisimii kan afaan Greek “maayikiroos” fi “orgaanizmos” kan jedhu irraa dhufe. Maaykiroosjechuun xiqqoo jechuu yommuu ta’u “orgaanismoosjechuun immoo orgaanizimii jechuu dha. Kanaafuu, maayikiroorgaanizimootni orgaanizimoota seel qeenxee yookiin seel hedduu ta’anii ija qullaan kan hin mul’anne garuu meeshaa guddisee mul’isu maaykirooskooppiin mul’achuu danda’an dha. Dameen baayoloojii waa’ee maayikiro-orgaanizimii qoratu maaykiroobaayoloojii jedhama. Maaykiroorgaanizimootni baakteeriyaa, pirootoozo’aa, fangasii muraasa, saaphaphuu muraasaa fi fangasoota muraasa (Raacatii). Boqonnaa kana keessati bal’inaan waa’ee baakteeriyaa fi vaayireesii ilaalla. 1.1. Baakteeriyaa KaadhimamtootaBarsiisotaa! Baakteriyaan maalii? Ijaa uumamaan ni mul’ataa? Caasaalee ala fi caasaalee keessaa baakteeriyaa eenyu fa’i? Baakteeriyoonni soorata mataa isaanii ni qopheeffatuu? Mee gareen irratti mar’adhaa? Baakteeriyaan orgaaniziimii seelii tokko qofa irraa kan ijaaraman dha. Baakteriyaan ija uumamaan

Seensa - WordPress.com · maaykirooskooppiin mul’achuu danda’an dha. Dameen baayoloojii waa’ee maayikiro-orgaanizimii qoratu maaykiroobaayoloojii jedhama. Maaykiroorgaanizimootni

  • Upload
    others

  • View
    357

  • Download
    9

Embed Size (px)

Citation preview

1

BOQONNAA 1

1. MAAYIKIROORGAANISIMII

Seensa

Maaykiroo-orgaanizimoonni orgaanizimoota xixiqqoo ijaa qullaan hin mul’anne ta’anii kanneen

maayikrooskoppiin mul'ataniidha. Maayikiroorgaanizimoonni heedduu yoo ta’an illee, boqonnaa

kana keessatti waa’ee baakteeriyaa ilaalla. Caasaa seelii baakteeriiyaa fi haala ramaddii saanii

irratti xiyyeefanna. Akkasumaas faayidaa baakteeriyaan sirnakkoo fi industirii keessatti qabu gadi

fageeny ilaala.

Kaayyoo Boqoonichaa

Xumura boqonnaa kanatti leenjifamtoonni:

Maalummaa maayikroo-orgaanizimootaa ni addeessu.

Caasaa seelii baakteeriyaa fi ramaddii isaanii ni ibsu

Faayidaa fi midhaa baakteeriyaan sirnakkoo keessatti qabu adda ni bafaatu.

Jechi Maayikiroorgaanisimii kan afaan Greek “maayikiroos” fi “orgaanizmos” kan jedhu irraa

dhufe. “Maaykiroos” jechuun xiqqoo jechuu yommuu ta’u “orgaanismoos” jechuun immoo

orgaanizimii jechuu dha. Kanaafuu, maayikiroorgaanizimootni orgaanizimoota seel qeenxee

yookiin seel hedduu ta’anii ija qullaan kan hin mul’anne garuu meeshaa guddisee mul’isu

maaykirooskooppiin mul’achuu danda’an dha. Dameen baayoloojii waa’ee

maayikiro-orgaanizimii qoratu maaykiroobaayoloojii jedhama. Maaykiroorgaanizimootni

baakteeriyaa, pirootoozo’aa, fangasii muraasa, saaphaphuu muraasaa fi fangasoota muraasa

(Raacatii). Boqonnaa kana keessati bal’inaan waa’ee baakteeriyaa fi vaayireesii ilaalla.

1.1. Baakteeriyaa

KaadhimamtootaBarsiisotaa! Baakteriyaan maalii? Ijaa uumamaan ni mul’ataa? Caasaalee ala fi

caasaalee keessaa baakteeriyaa eenyu fa’i? Baakteeriyoonni soorata mataa isaanii ni qopheeffatuu?

Mee gareen irratti mar’adhaa?

Baakteeriyaan orgaaniziimii seelii tokko qofa irraa kan ijaaraman dha. Baakteriyaan ija uumamaan

2

mul’achuu hin dandeessu yoo maayikirooskooppiin ta’e malee. Baakteeriyaan seelii

pirookaaryootaa dha. Seeliin pirookaaryootaa caasaa alaa: siqixa, piilii, kaapsuulii, uwwisa seelii:

cichaa seelii fi membereenii seelii fi caasaa keessaa: raayiboosoomii, dhangala’oo

saayitoopilaazimii, niwukilootaayidii/kiroomoozoomii fi kkf qaba. Seeliin baakteeriyaa, seeloota

kan biroo irra hamman baayyee xiqqadha.

Gocha

Barattoota mee dalagaa caasaalee alaa baakteeriyaa kitaabilee wabii adda addaa dubbisuun

tarreessa.

Fakkii 1.1: Caasaa seelii baakteeriyaa waliigalaa

Seeliin baakteeriyaa pirookaariyoota yeroo ta'u, baay'inni seelii isaa tokko qofa.

Kanaafuu, baakteeriyaan orgaanizimii seel-qeenxeedha jedhama. Baakteeriyaan

niwukilaasii hin qindoomne fi memberenii niwukilarii hin qaban. Kana jechuun

kiromoozomiin baakteriyaa saayitoopilaazimii keessatti faffaca'anii argamu jechuudha.

Baakteeriyaan kutaalee seelii laayisoosomii, dhaqna goljii fi maayitookondoriyaa hin

qaban.Baakteeriyaan hundi cichaa seelii, membireenii seelii, saayitopilaasmii,

wantoota jenetikaa (DNA fi RNA) fi raayiboosomii qabu. Gosoota baakteeriyaa

3

keessaa gariin isaanii silqixa tokko ykn tokkoo ol qabu. Gariin immoo silqixa

gonkumaa hin qaban. Baakteeriyaan sil-qixa qabaan, sil-qixin isaanii caasaalee sadii

qaba. Isaanis: qaama baasaalii, hokkoo fi filaamentii dha.

Gocha

Faayidaa qaama baasaalii, hokkoo fi filaamentiin qabu gareen irratti mari’adha?

Fakkii 1.1: Sil-qixa baakteeriyaa

1.1.1. Caasaa Seelii Pirookariyoota

Gocha! Seeliin Pirookariyoota maali? Iyukaariyootoonni yoo? Mee gareen irratti mari’adha.

Seelonni pirookaariyootaa fi iyukaariyootaa jedhaman jiraachuu fi jiraachuu dhabuu

mambereenii DNA wajjin kan wal qabate dha. Pirookaariyoota keessatti DNA

membereenii niwukilaariidhaan kan hin haguugamnee fi bilisaan saayitoopilaasmaa

keessatti kan argamu dha. Kanaafuu, seelonni kun niwukilasii dhugaa hin qabani jechuu

dha.

Fkn:- bakteeriyaa fi saaphaphuu cuqulmagariisa.

Walumaagalatti, seelonni pirookaariyootaa:

Seelota akkasii keessatti DNAn niwukilsii keessatti kan argamu osoo hin

taane bilisaan saayitoopilaazimii keessatti argama.

DNAn isaanii boca geengawaa qaba.

4

Seelii yeroo jalqabaatiif lafa irratti uumame dha.

Niwukilsii dhugaa hin qaban,

Orgaaneloota membireeniin haguugaman hin qaban

Walnyaatinsi keemikaalaa hundi gubama soorataa dabalatee

seeyitoopilaazimii keessatti geggeeffama.

Raayiboosoomii abbaa yuunitii 70s qabu

Naayitiroojiinii fiiksessuu danda’u

1.1.2. Boca Baakteeriyaa

Gocha!

Baakteeriyaan hundi boca walfakkataa ta’e qabu ? Mee gareen irratti mari’adha.

Boca isaanii irratti bu'uureffamudhaan baakteeriyaan gosa sadiitti qoodamu:

Isaanis:

A. Boca geengoo (Kokasii)

Baakteeriyaa boca geengoo ykn boca naannawaa qabanidha.

Fkn: Diiplookookasii, Stiriptokokasii, Staafilookokasii

5

Fakkii 1.2: Baakteriyaa boca geengoo qaban

B. Boca ulee (Rod shape) ykn siiqqee fakkaatu Kan qaban.

Fkn: Baasilasii, sterptobasilayii

Fakkii 1.3: Baakteriyaa boca ulee qaban

C. Boca marmee (Ispiiraalii)

Bocni isaanii maramaa dha

6

Fakkii 1.4: Baakteriyaa boca marmee qaban

1.1.3. Ramaddii Baakteeriyaa

Beektoonni waa’ee baakteeriyaa qu’atan baakteerolijiistoota jedhamu. Baakteeroloojistonni

gadi-fageenyan waa’ee baakteeriyaa beekuf bakka adda addaatti ramaduun qu’atu. Amaloota adda

addaa isaan qaban irratti hunda’un baakteeriyaa gosoota garaagaratti ramadu. Kanneen keessa

tokko halleessa Giraamiiti.

Halleessuun Giraamii gosa halleessuu gosoota baakteeriyaa addaan haasuuf tajaajiluu

yoo ta’u qabiyyee cichaa seelii baakiteeriyaa iratti hundaa’uun baakiteeriyaa

giraam-posativii fi giraam negativii addaan baasuuf kan gargaaruudha.

Giraam posativii baakteeriyaan maali? Giraam negativiin yoo? Mee gareen irratti

mari’adha? Halleessuun giraamii yaalii karaa baakteeriyaan itti ramadamu ta’e, tooftaa

hayyuun “ Hans Christian Gram” bara 1884 baseedha. Maayikiroobaayoloojii keessatti

halleessuun Giraamii baay’inaan kan gaggeeffamudha. Malli kunis baakiteeriyaa

giraam negaatiivii fi poosatiiviitti addaan baasuuf baay’ee kan gargaaruudha.

Dabalataan boca baacteeriyaa adda addaa adeemsa halleessuun kanaan adda baasuun

ni danda’ama. Garaagarummaa giraam negaatiivii fi giraam poosatiivii gabatee 1.1

irraa ilaaluun ni danda’ama.

Kaadhimamtootaa barsiisotaa!Mana yaalii keessatti adeemsa halleessuu giraam erga

daawwattanii booda baakteeriyaa giraam negaatiivii fi giram posatiiviitti qooduu ni

7

dandeessa. Kara salphaa ta’een baakteeriyaa giraam negaatiivii fi poosatiiviitti qooduuf

bulbula KOH tti fayyadamuu ni dandeessa.

Mee akkamiin bulbula KOH fayyadamuun baakteeriyaa giraam negaatiivii fi

giraam poosatiiviitti akka qoodamu kitaabilee wabii dubbisaati adda baasaa.

Gabatee 1. Garaagarummaa giraam negaatiivii fi graam poosatiivii

Giraam Poosatiivii Giraam Negaatiivii

Cichaan seelii baakteeriyaa Giraam posativiiti

ta’an halluu Kiristaal vaayoleetii jedhamu

ofirratti qabatanii hambisu

Kun immoo yabbina cichaa seelii isaanii

agarsiisa.

Cichaan seelii seelii baakteeriyaa Giraam negativii

dandeettii halluu kirsitaal vaayoleetii ofirratti

hambisuu hin danda’an

Kun immoo haphina cichaa seelii isaanii

agarsiisa.

Membereenii alaa liippoopooliisakaraayidii

hinqaban

Membereenii alaa liippoopooliisakaraayidii qabu

Cichaan seelii furdaa dha Cichaan seelii haphii dha

Cichaan seelii isaanii teekooyiki asiidii qaba Cichaan seelii isaanii teekooyiki asiidii hin qabu

Cichaan seelii isaanii 70-80% peeptidogilayikanii

(muureenii) irraa ijaarame

Cichaan seelii isaanii 10-20% peeptidogilayikanii

(muureenii) irraa ijaarame

Membireeniin alaa hin qaban.kanaafuu,

indootoksiinii hin maddisiisan

Membireeniin alaa qabu kanaafuu, indootoksiinii

maddisiisu. Kun immoo seeliin baakteeriyaa

antibaayootikiin akka hin midhamnee ittisa.

Baakteeriyaan dhukkuba fidan muraasni as jalatti

ramadamu

Baakteeriyaan dhukkuba fidan hedduun as jalatti

ramadamu

Fakkeenya:Baasileesii, kiloosteriidiyeemii,

maayikoobaakteeriyeemii fi kkf

Fakkeenya: Salmoonellaa, shiigellaa,

tiriipaanoomaa fi kkf

8

Fakkii 1.5 Garee baakteeriyaa Giraam-pozativii fi Giraam- negativii

Baakteeriyaan iddoo argama sil-qixaa fi baayina sil-qixaa irratti hundaa’uun bakka

adda addaatti qoodamu. Isaaniis:

A. Monootiriichiyasii – sil-qixa tokko qofa qabu

B. Loofootiriichiyasii – sil-qixa hedduu iddoo tokko irraa qabu

C. Amfiitiriichiyasii – sil-qixa qaama faallaa walii ta’e irraa qabu

D. Periitiriichiyasii – sil-qixa qaama hundarraa qabu

Fakkii 1.6.Iddoo argama sil-qixa baakteeriyaa irraa

9

1.2. Ikoolojii fi Faayidaa Baakteeriyaa

Gocha!

Baakteeriyaan eessatti argamaa? Mee gareen irratti mari’adha? Baakteeriyaan

sirnakkoo hunda keessa jiraachuu ni danda’a. Qiilleensa, bishaan, ho’a cimaa hanga

tempireechara 100 oC “hotspring” , biyyee keessa, qaama lubbu qabeeyyii keessa fi ala,

fi naannoo kkf keessa jiraachu ni danda’u.

1.2.1. Faayidaa baakteeriyaan sirnakkoo keessatti Qabu

Gocha!

Faayida baakteeriyaan sirnakkoo keessatti qabu tarreessi!

Baakteeriyaan jireenya guyyaa guyyaa ilma namaa wajjin kallattiinis ta'e alkallattin

qunnamtii fi hidhata heddu qabu. Baakteeriyaan jireenya keenya keessatti bu'aa ni

kennu, miidhaas ni qabu. Barbaachisummaan baakteriyaa:

Dhukkubootaf sababa ta’u.

Industirii keessatti.

Marsaa elementoota kanneen akka naayitiroojiinii, salfaarii fi kaarboonii

Madaala uumamaa eeguuf.

Gabbina biyyee ida'uuf:

Aannan itichuuf: Fakkeenyaaf: Baakteeriyaa laaktiki asiidii.

Dawaa (qorcha) adda addaa tolchuuf: Baakteeriyaan baay'en keessattuu gartuun

Aktinoomyiseetii warshaa qorichaa keessatti antiibaayootikii qopheessuu

keessatti dhimma irra oolu. Antiibaayootikiin daawaa (qoricha) baakteeriyaa

ajjeesan ta'anii kanneen baakteeriyaa fi fangasiin qophaa'anidha.

1.2.2. Baakteeriyaa fi Dhukkuboota

Gocha!

Gaheen baakteeriyan dhukkuboota daddarboo keessatti qabu maali? Mee gareen

irratti mari’adha.

Akka tiwooriin “Louis Pasteur” ibsutti, sababoonni dhukkuboota daddarboo muraasni

garee maayikiroo-orgaaniziimoota adda addaati. “Pasteur” yaaliiwwa gaggeesse

10

keessatti maayikiroo-orgaanizimooni qilleensa keessa jiratan dhugaati “Wine”

jedhamu akka dhangagaa’u taasiisu.Bara 1880 keessa “Robert Koch”

maayikiro-orgaanizimoota dhukkuba somba (TB) fi koleeraf sababa ta’an adda basee

ture.

Tiwooriin maayikiroo-orgaanizimoonni sababa dhukkubootaati jedhu ”Germ theory”

jedhamun beekama. Oraganizimoonni sababa dhukuboota daddarboo ta’an immoo

patoojinoota jedhamu.Oragaanizimoonni kanneen akka baakteeriyaa, vaayireesii,

fangasii fi prootozo’a sababoota dhukkuboota adda addaati.

Baakteeriyaan akkuma faayidaa hedduu qabutti, miidhaan isaan qabanis salphaa miti.

Fakkeenya: Dhukkuboota kanneen akka dhukkuba sombaa, dhukkuba golfaa, dhukkuba

qurcii, koleeraa, fanxoo fi cophxoo kan nutti fidu illee baakteeriyadha.

Gocha !

1. Dhukkuboota armaan olii kitaaba adda addaa dubbisuun baakteeriyoota ka’umsa

isaanif sababa ta’an barreessuun garee kee fi barsiisa keef gabaasi.

2. Faayida baakteeriyaan warshaa nyaataa, warshaa dhugaatii fi qonnaa keessatti qabu

mana kitabaa deemiti kitaaba adda addaa dubbisuun daree fi barsiisa keef gabaasi.

1.2.3. Ga’ee Baakteeriyaan Industirii keessatti Qabu

Baakteeriyaa fi gareen maayikiroo-orgaanizimoonni biroo waggoota kumaatamaaf

industirii keessatti faayida adda addaaf oolaa turan.

Warshaalee daabboo,

dhugaatii alkoolii,

aannanii

Oomishaa saamunaa

Warshaa Gogaa

Oomisha Qorichaa

Baayoo gaasii.

Akkasumaas balfaa qulqulleessuu (sewage treatment) keessatti shora guddaa

qabu

11

BOQONNAA LAMA

Ikooloojii

Seensa

Naannoon keenya wantoota lubbu qabeeyyii (biotic) fi lubbu maleeyyii

(abiotic) kan of keessatti qabate dha. Kanaafuu qo’annoon ikolojikaalaa

kofa adda addaa lama irraan ilaalama: inni tokko karaa lubbu

qabeeyyotaa kan akka uummataa fi hawaasaa fi karaa naannoo lubbu

maleeyyii . Gabaabumatti, naannoon lubbuu qabeeyyii fi maleeyyii kan

of keessaa qabu dha. Ruqooleen naannoo kunniin hariiroo kan waliin

qabanii fi walirratti hirkatani dha. Akkasumas yaa’a anniisaa,

baayoomee, baayoodaayiversiitii ni ilaaltu. Barattoota, boqonnaa kana

keessatti yaad rimeewwan kanaa fi kanaan wal-qabatan ni barattu.

Kaayyoolee

Barattoonni erga boqonnaa kana erga xumuuranii

Hiika ikolojii fi jechoota ijoo ikolojii keessatti gargaaramnu ni himu

Maalummaa naannoo ni himu

Qabattoota naannoo fiizikaalawaa ni ibsu

Qabattoota naannoo baayolojikaalawaa ni ibsu

Maalummaa daddarbaa ni himu

Marsaa albuudota barbaachisoo ta’an adda addaa ni ibsu

Yaa’a anniisaa sirnakkoo keessaa ni addeessu

Maalummaa baayoomee ni ibsu

Wantoota Baayoodayivarsiitii irratti miidhaa geessisan ni himu

Uummata jechuun maal akka ta’e ni addeessu

Taateewwan guddina uummataa murteessan ni tarreessu

Garaagarumma dorgommii sanyii keessaa fi dorgommii sanyii gidduu ni

ibsu

12

2.1. Ikolojii

Jechi ikolojii jedhu kan argame jechoota afaan Girikii lama irraa yoo

ta’u isaanis: Oyikos (oikos) jechuun mana (house) yookaan bakka

jireenyaa (place to live) fi logos (logos) qo’annaa (study) kan jedhamanii

dha. Kanaafuu ikolojii jechuun qo’annoo hariiroo orgaanizimoonni

waliinii fi ruqoolee naannoo isaanii hundaa waliinii jechuu dha.

2.1.1. Dameelee Ikolojii

Ikolojii dameelee adda addaatti qoqqooduuf karaa adda addaa itti

dhihaachuun ni danda’ama. Karaaleen beekamoo ta’an

I. Qoodaminsa taaksonoomii irratti hundaa’e

Yeroo duraa qo’attoonni biqilootaa fi bineeldotaa adda of baasuun

qo’annoo biqilootaa fi bineeldotaa jedhu turani. Kun immoo

qoodaminsa ikolojii biqilootaa fi ikolojii bineeldotaa jedhutti nama

geessa. Tokko tokko isaanii keessatti qoqqoodaminsi xixiqqaa ni

jiraata

ikolojii biqilaa

ikolojii ilbiisaa

ikolojii allaattotaa

ikolojii baakteeriyaa

kkf

Haa ta’u malee ikolojistoonni ammayyaa pirinsippiliin qo’annaa

biqilootaa fi bineeldotaa haalaan wal-fakkaata. Kanaafuu gareen

orgaanizimootaa kun lamaan kan addaan hin baanee fi walitti

hidhatanii dha. Kanaaf, jechi ikolojii jedhu hariiroo fi walitti

hidhamiinsa lubbu qabeeyyota hundaa naannoo isaanii waliin kan

hammatu dha.

13

II. Qoodaminsa bidoollee irratti hundaa’e

Bidoollee gosa adda addaatu jiru. Isaanis: bishaan haaraa

(freshwater), bishaan soogiddaawaa( marine), lafa margaa, bosona,

lafa ho’aa fi kkf. Isaan kunis kan qo’ataman hariiroo isaan

orgaanizimoota achitti argaman waliin qaban irraa ka’uuni.

III. Qoodaminsa sadarkaa gurmaa’inaa irratti hundaa’e

Qoodaminsa kana irratti orgaanizimiin dhuunfaa ykn gareen

orgaanizimootaa ni qo’atamu. Akkaataa kanaan dameen ikolojii

awutikolojii (autecology) fi siinikolojii (synecology) jedhamuun

qoodama.

Garaagarummaan awutikolojii fi siinikolojii maal?

Awutikolojii: ikolojii dhuunfaa jedhamuun beekama. Awutikolojiin

hariiroo sanyiin tokko naannoo waliin qabu qo’ata. Kanaaf, yeroo

kenname tokkotti, xiyeeffannaan barbaachisummaa fi deebii sanyiin

orgaanizimii tokkoo waliinii fi dhibbaa naannoon isaanii isaan irratti

qabu dha. Awutikolojii keessatti, sanyiin tokko yuunitii qo’annaa fi

kana keessatti, facaatii, moorfolojii argama taaksonoomii fi marsaan

jireenyaa qabattoota ikolojikaalaa dhiibbaa irraan gahan waliin ni

qo’atana.

Siinikolojii: Haala uumamaa keessatti, orgaanizimoonni- biqiloonni,

bineeldonni, maayikiroobonnii fi kkf akka garee uumamaa kallattii

adda addaan dhiibbaa walirraan gahaa waliin jiraatu. Yeroo gareen

orgaanizimootaa qo’atamu kan orgaanizimii tokkoo caala haala wal

xaxaa ta’a. Gareen orgaanizimoota adda addaa ammo hawaasa uumu.

2.2. Naannoo

? Jechi naannoo jedhu haala kamiin ilaalamuu danda’a?

Naannoon wantoota hunda organizimii tokko marsee argamu dha.

14

Naannoon ida’ama qabattoota hedduu walitti dhufeenya waliin

qabaniiti. Kanarraa ka’uun ruqoolee naannoo tokko isa kan biraa osoo

hin miidhiin adda baasuun rakkisaa dha. Qo’annoo fi hubannoof akka

tolutti naannoo bakka lamatti qoodanii ilaaluun ni danda’ama. Isaanis:

- naannoo fiizikaalaa (abiotic environment)

- naannoo baayolojikaalaa (biotic environment)

2.2.1. Qabattoota naannoo fiizikaalawaa

? Qabattoonni naannoo fiizikaalawaa maal fa’a?

Qabattoota lubbu maleeyyii kanneen akka haala qilleensaa, ifa aduu,

bishaan, biyyee, anniisaa, sagalee, foolii, tempireechara, taa’umsa lafaa,

wantoota nam-tolchee, fi kkf of keessatti hammatee jira. Isaan kana

garee sadiitti qooduun qo’achuun ni danda’ama. Isaanis:

A) qabattoota haala qilleensaa (climatic factors)

B) qabattoota biyyee (edaphic factors)

C) haala teessuma lafaa

A) Qabattoota haala qilleensaa

i) Ifa aduu

? Ifti aduu faayidaan inni lubbu qabeeyyiif qabu maal?

Biqiloonni soorata isaanii qopheeffachuuf anniisaa aduutti

fayyadamu. Kunis immoo orgaanizimoota lafa kana irra jiraatan

hundaa kan utubee jiruu dha. Kanaafuu, guddinaa fi dagaagina

orgaanizimoota naannoo tokkotti argamaniif hammi ifaa naannoon

argatu murteessaa dha.

ii) Tempireechara

? Hariiroo tampireecharri lubbu qabeeyyii waliin qabu maal?

Ta’iiwwan naannoo keessaa tempireechariin tamsa’ina orgaanizimoota

naannoo keessatti mul’ataniif murteessaa dha. Orgaanizimoonni

15

hedduun kan jiraatan hanga tempireechara murtaa’aa keessatti dha.

Garaagarummaan tempireechara naannoo irratti mul’atu

orgaanizimoota irratti jijjiirama hedduu fida. Fakkeenyaaf

tempireecharri ol’aanaan:

a) burkutaa’insa orgaanikii ni saffisiisa

b) saffisa guddina orgaanizimoota tokko tokkoo ni dabala

c) wal- hormaata orgaanizimootaa ni murteessa

d) hurki bishaanii ni dabala

? Hurki bishaanii dhiibbaa maalii qaba?

Bishaan saffisaan qaama orgaanizimootaa keessaa yeroo bahu

gogiinsa fida. Xiqqaachuun tempireecharaa ammoo wal-hormaata ni

hir’isa, akkasumas sochii orgaanizimootaa irratti dhiibbaa ni fida.

iii) Bishaan

? Faayidaa bishaan lubbu qabeeyyiif qabu maal fa’a?

Bishaan lubbu qabeeyyii hundaaf baay’ee barbbachisaa dha.

Orgaanizimoonni dhuunfaatti hamma bishaanii isaan barbaachisu

qabu.Orgaanizimoonni tokko tokko jiraachuuf bishaan hedduu

yommuu barbaachisu gar tokko ammo xiqqootu isaan barbaachisa.

Kanaafuu wantoota tamsa’ina orgaanizimootaa murteessan keessaa

inni tokko fedhii fi dandeettii bishaan qabachuu ykn tursiisuuti.

Qabinsii fi qulqullinni bishaanii babal’insa orgaanizimootaaf

murteessaa dha. Garaagarummaan bishaanii yeroo uumamu dhiibbaa

orgaanizimoota irratti ni fida.

iv) Bubbee

Bubbee jijjiirama qilleensaa naannoo qofa fiduu otoo hin ta’iin jijjiirama

orgaanizimoota irratti ni fida. Kallattii fi ciminni bubbee hawaasota

irratti dhiibbaa qaba. Bubbeen tamsa’ina fuduraa fi sanyii biqiloota

garii, akkasumas godaansa bineeldota balali’anii, kan akka

allaattiiwwanii fi ilbiisotaa irratti dhiibbaa qaba. Akkasumas bubbeen

16

orgaanizimoota keessaa bishaan akka hurku taasisuun tempireecharri

akka hir’atu ni godha.

B) Haala teessuma lafaa

Haalonni taa’umsa lafaa, olka’insa, tulluu fi sulula dha. Kanaafuu,

dandeettiin bishaan qabachuu, sadarkaa oksijiinii, tempireecharaa fi

bubbeen mul’atu addaaddummaa ni qaba. Wantoonni kun tamsa’ina

orgaanizimootaa ni murteessu.

C) Qabattoota Biyyee

Haalonni caasaa biyyee, gostni biyye, jiidhina biyyee fi PHn biyyee

tamsa’ina orgaanizimootaa ni murteessu. Asiidii, alkaalii, ashaboo fi

qabiyyeen albuudota biyyee keessatti argaman guddina biqilootaaf

murteessoo dha.

PHn biyyee guddina biqilootaaf murteessaa dha. Guddina biqiloota

hedduuf biyyee himbaasawaa fi biyyee asiidiitu mijaa’aa dha. Haa ta’u

malee biqiloonni akka lafa margaa (grass land) fakkaatan kallattiin kan

mijaa’u biyyee himbaabsawaa fi alkaalii dha.

? Haalonni fiizikaalawaa gosa orgaanizimii bidoollee tokko keessa

jiraachuu danda’u murteessuuf shoora guddaa taphatu kun

akkamiin ta’uu akka danda’u fakkeenyaan ibsi.

Albuudota

Lubbu qabeeyyiin lafa irra jiraatan hunduu kan wal- qunnaman karaa

anniisaa fi albuudota isaan keessa yaa’anii fi darbaniin. Albuudonni

elementoota guddinaa fi jireenya orgaanizimootaaf baay’ee murteessoo

fi barbaachisoo ta’anii dha. Albuudonni akkaataa barbaachisummaa

isaaniitti bakka gurguddaa lamatti qoodamu

1. Maakiroonutireentota (macronutrients)

2. Maayikiroonutireentota( micronutrients)

1. Maakiroonutireentota: elementoota (albuudota) baay’inaan

17

barbaachisanii fi jireenya orgaanizimootaaf murteessoo ta’anii dha.

Fakkeenyaaf kaarboonii, hayidirojiinii oksijiinii, waalgaa, foosforesii,

pootaasiyeemii, kaalsiyeemii, maaginiziyeemii

? Biqiloonni elementoota kana bifa maaliin itti fayyadamu?

Biqiloonni elementoota kana bifa adda addaan itti fayyadamu.

Fakkeenyaaf - bifa gaaziin: kaarboondaayoksaayidii

-bifa dhangala’oon: bishaan

-bifa ayooniin : Mg2+, Ca2+ , NO3- kkf

2. Maayikiroonutireentota:

maayikiroonutireentonni orgaanizimootaaf barbaachisoo haa

ta’aniyyuu malee yarinaan kan barbaachisani dha. Elementoota akka

malee yarinaan barbaadaman hundi bifa ayooniin biqilootaan

xuuxamu. Fakkeenya, kobaaltii, ziinkii, mangaanizii, kilooriinii,

ayireenii.

2.2.2. Qabattoota Naannoo Baayolojikaalawaa

Naannoon baayolojikaalawaa lubbu qabeeyyii hunda: biqiloota,

bineeldota, moneeraa, pirootistaa fi fangasoota of keessaa qaba.

Qabattoota lubbu qabeeyyii naannoo murtaawaa tokko keessatti

argaman naannoo baayolojikaalawaa jedhamu. Fakkeenyaaf:

qopheessitoota, burkuteessitoota, nyaattotaa fi maxxantoota.

2.3 Daddarba(Succession)

Daddarbi hawaasaa akkamiin raawwatama ?

Daddarbi jijjiirama kallattii itti fufaa akkaataa raagamuu dandaamuun

yeroo dheeraa irratti kan raawwatu dha. daddarbi kan hammatu :

Jijjiirama baayina biqilootaa fi bineeldotaa

Jijjiirama gosa sanyii ( adeemsa dheeraa)

18

Jijjiirama naannoo fiizikaalawaa, bidoollee.

Hawaasni yeroo dhaa yerootti akka jijjiiramu maaltu godhe ?

Sababni hawaasni adda addaa yeroo adda addaa bakka jireenyaa tokko

akka weeraru taasisani.

* Jijjiirama haala qilleensaa :- rooba, biyyee, jiidhina qilleensaa

(humidity)

* Gochaalee sanyii hawaasichaa

* Gochaalee dhala namaa akka dhiibbaa alaati.

Lafti akka dhagaa / kattaa biyyee miti . Garuu biyyeen dura kattaa

irraa tolfama. Kunis ta'uu kan danda'u biqiloonni jalqaba kattaa

akkasii irratti biqilan wayita irratti biqiluu jalqabani dha. biqiloonni

yeroo jalqabaaf kattaa irratti biqilan paayoniirii ( pioneer ) jedhamu.

Fakkeenyaaf arrii dhagaa. Paayonironni orgaanizmoota yeroo jalqabaa

lafa qullaa dhuunfatan ta'anii amala addaa qabu . Amalli isaaniis :

Naannoo hamaa jiraachuu danda'u

Bakka hanqinni bishaanii jiru jiraachuu danda'uu

Salphaatti qilleensaan faca'uu danda'u

Babalina sanyii xiqqaa qabu

Hariiroowwan sanyii muraasa qabu

Sanyii yeroo gabaabaa jiraatu qabu.

Arriin dhagaa yeroo dheeraaf yoo dhagaa irratti biqilu kattichi/dhagichi

burkutaa'aa deema. Du'aan arrii dhagaa kunis yeroodhaa yerootti

bosebbosuun kattaa burkutaa'een walitti makamuun biyyee uumaa

deema. Biyyeen yeroo dhaa gara yerootti hammii fi jiidhinni isaa

daddabalaa deemu kun orgaanizimoota kanaan dura bakka sana

jiraachuu hin dandeenye kanneen akka saphaphuuf haala mijeessuun

keessummeessuu jalqaba.

19

Saphaphuunis du'uun biyyee gabbisaa deema, gabbachuun biyyee

biqiloota itti aananii dhufaniif haala mijeessa. Moosiinis bakka bu'a.

Moosiin kaaroleen (ferns) bakka bu'a, biyyeenis haala gaariin

gabbachaa deema. Gabbachuun biyyee kanaa biqiloota sadarkaa

olaanaaf haala ni mijeessa. Kanaafuu, kaaroleen biqiloota daraaraan

bakka bu'u . Biqiloonni daraaraa kun yoo haalli qilleensaa fi naannoo

eeyyameef gara bosonaatti jijjiiramu. Adeemsi kun dhuma irratti

hawaasa tasgabaa'aa ta'e uuma. Kunis hawaasa tasgabaa'e ( stable

community ) jedhama.

Hawaasni tasgabaa'e kun yoo haalli jijjiirama qilleensa dhaabbataa ta'e

uumame malee salphaatti baduu yookaan jijjiiramuu hin danda'u.

Adeemsi arriin dhagaa kattaa qullaa irratti biqile irraa kaasee hanga

biqiloota daraaraatti (bosonaatti) akkaataa biqiloonni wal- duraa

duubaan itti tarreeffamanii dha. Bakka murtaa'aa tokkotti akkataan

hawaasni garagraa yeroo murtaawaa keessatti tarreeffamuun wal-

duraa duubaan itti adeemuu daddarba jedhama.

Fakkii daddarba biqilootaa

Daddarbi gosa lamatti qoodama. Isaanis daddarba jalqabaa fi daddarba

20

lammaffaa jedhamuun beekama.

Garaagarummaan daddarba jalqabaa fi lammaffaa maal ?

1. Daddarba jalqabaa

Daddarbi jalqabaa gosa daddarbaa ta’ee kan jalqabu bakka lubbuun

sanaan dura irra hin turre kan akka kattaa, cirrachaa fi cabbii ti.

Daddarbi jalqabu iddoo duuwwaa irraa waan jalqabuuf hawaasa

kilaayimaaksii bira ga'uuf yeroo dheeraa fudhata.

2. Daddarba lammaffaa

Daddarbi lammaffaa bakka buusuu hawaasaa ta'ee kanaan dura

hawaasani irra turee sababa uumamanis ta'ee gochaa namaan irraa

manca'e dha. Bakkeen akkanaa duraan hawaasa kilaayimaksiin

qabatamee kan ture, garuu booda irra ibiddaan yookiin gocha namaa,

qonnaaf kan manca'e dha. Faallaa daddarba jalqabaa, wantoonni

orgaanikii biyyee keessa turan qaba. Kun immoo bakkichi bira qabaan

yeroo gabaabduu keessatti hawaasa kilaayimaaksii ta'a.

2.4. Marsaa wantootaa sirnakkoo keessatti

Elementoota qaama lubbu qabeeyyii ijaaran tarreessi

Faayidaa elementoonni kun qaama lubnbu-qabeeyyii keessatti qaban

tokko tokkoon ibsi.

Elementoonni qaama lubbu-qabeeyyii keessatti argaman ruqoolee

lubbu-qabeeyyii fi ruqoolee lubbu-dhabeeyyii sirnakkoo gidduutti

naanna'u. Elementoonni kun utuu addaan hincitin naannoo irraa

gara lubbu-qabeeyyiitti, erga dabranii booda gara naannootti deebi'u.

Marsaan wantootaa yookiin elementootaa kun otoo addaan citee

jireenyi lubbu-qabeeyyii itti fufuu hindanda'u. Sababnis

elementoonni uumama keessatti hamma murtaa'aa kan qaban waan

ta'eefi. Mata duree kana jalatti marsaa bishaanii, kaarboonii,

21

naayitiroojiinii fi foosforasii ilaalla.

2.4.1 Marsaa bishaanii

?Faayidaa bishaan lubbu qabeeyyiif qabu tarreessuun ibsi

Sochiin bishaan dachee fi atimoosfarii gidduutti godhu marsaa

bishaanii jedhama. Marsaan bishaanii anniisaa ifaatiin gaggeeffama.

Anniisaan ifa aduu bishaan qaama lubbu qabeeyyii, biyyee, lageen,

haroo, galaanaa fi k.k.f. keessaatti argamu gara hurkaatti akka

geeddaramu godha. Hurki kun atimoosfarii keessatti erga qabbanaa'ee

booda bifa cabbii fi roobaatiin gara dacheetti deebi'a.

Bishaan lubbuu dha jedhama. Sababni isaas ammo orgaanizimiin

kamiyyuu bishaan malee jiraachuu hin danda’u. Qabiyyee qaama

orgaanizimootaa keessaa bishaan parsantii 75 hamma 95 ta’a. Kutaan

dachees harka afur keessaa harki sadii bishaaniin haguugamee jira.

Bishaan qaama biqilootaa fi bineeldotaa keessaa karaa adda addaa

hurkuudhaan qilleensa naannootti makama. Hurki bishaanii kun

gobbina qilleensaan gad ta’e waan qabuuf qilleensa naannoo keessa

bakka tempireecharii xiqqaa qabutti ol baha. Hurki bishaanii kun

wayita lafa irraa ol fagaachaa deemu, qilleensa diilallaa’aa wajjin wal

qunnamaa dhufa. Yeroo kana diilalli hurka bishaanii gara

duumessaatti jijjiiruun duumessa uuma. Bishaan duumessaa gara

coba gurguddaatti jijjiirama. Cobni bishaanii kun yeroo walitti

kuufamaa dhufu ulfaatina argata, sana booda humna harkisa lafaatiin

gara lafaatti harkifamuun bokkaa ta’ee rooba. Bokkaan kun ammoo

ammas haroo, garba,galaana,laga yaa’u uuma. Akkasumas bokkaan

robe lafa seenuun kuufamuu ni danda’a.

Biqiloonnii fi bineeldonni bishaan bokkaa kanatti ni gargaaramu.

22

Bishaan kun booda irra qaama biqilootaa fi bineeldotaa keessaa karaa

adda addaa gara qilleensa naannootti makama. Amma illee ho’a aduun

bishaanichi gara hurkaatti jijjiiramuun bokkaa ta’a. Haalli kun marsaa

bishaanii jedhama.

Fakkii:- Marsaa bishaanii

Gaaffii

1/ Adeemsa marsaa bishaanii keessatti qooda fudhatan tarreessi

2/ Orgaanizimoota marsaa bishaanii keessatti ga'ee qaban

tarreessi.

2.4.2 Marsaa Kaarboonii

? Kaarbooniin baayinaan eessatti argama?

Atoomiin kaarboonii atimosfarii, qaama lubbu-qabeeyyii fi qaama du'aa

lubbu-qabeeyyii keessatti argama. Atoomiin kaarboonii bifa CO2

23

atimoosfarii keessatti argamu adeemsa fotosenteesisiitiin gara qaama

lubbu-qabeeyyiitti seena. Yeroo gubama soorataa fi yeroo boba'aawwan

foosiilii gubatan elementiin kaarboonii deebi'ee gara atimoosfariitti

gadi-lakkifama.

Kaarbooniin qabiyyee olaanaa kaarbohayidiretootaa , pirootiinotaa,

liippidootaa fi asiidota niwukilikii ti. Kaarbooniin heddumminaan

kuufamee kan argamu:

o Atimoosfarii fi galaana keessa bifa CO2 tiin

o Lubbu qabeeyyii keessa bifa kompaawondoota orgaanikiitiin

o Qaama du’aa wantoota orgaanikii keessa

o Haftee orgaanizimoota durii keessa

o Sheelii bineeldota galaanaa keessa

o Bifa kaarboonetiin(carbonates) dhagaa lafa keessaa keessa

o Bifa kaarbooniitiin boba’aa haftee(fossil fuels) keessa

? Marsaa kaarboonii keessatti adeemsawwan gurguddoo raawwataman

maal fa’a?

Marsaan kaarboonii yaa’a anniisaa waliin kan wal qabatee dha.

Sababiin isaas kaarbooniin elementii yaa’a anniisaa wajjin

deemu/walqabatee dha. Gulantaa soorataa fi funcaa soorataa

qopheessitootaan bifa soorataan seena .

Walumaa galatti marsaan kaarboonii kan jalqabu

kaarboondaayoksaayidiin qilleensa keessa jiru wayita adeemsa

footosinteesisiitiif biqiloonni atimoosfarii keessaa xuuxuun soorata

isaanii qopheeffatanii dha. Sooranni orgaanikii kaarboonii qabu kun

qaama biqilootaa keessatti kuufamuun soorattootaaf akka madda

kaarbooniitti kan gargaaru dha.

24

? Kompaawondiin orgaanikii biqiloota keessatti kuufame gara

bineeldotaatti akkamiin darba?

Kompaawondiin orgaanikii biqilootaan qophaa’e kun bineeldotaan

nyaatama. Kompaawondoonni orgaanikii bineeldotaan nyaataman kun

qaama bineeldotaa keessatti oksijiiniitiin gubachuun CO2 uuma.

Kaarboondaayoksaayidiin kun ammo bifa hargansuun gara

atimoosfariitti deebi’a.

Shaakala

1. Adeemsota marsaa kaarboonii keessatti qooda fudhatan

tarreessuun ibsi

2. Lubbu qabeeyyii marsaa kaarboonii keessatti ga'ee qaban

tarreessi

3. Orgaanizimoonni dandeettii CO2 atimoosfarii keessaa hir'isu

qaban kami?

4. Tooftaalee CO2 atimoosfarii keessatti dabalaa akka hin deemne

ittiin hir'ifamuu danda'an ibsi

5. Qooda fudhannaa bineeldotaa malee marsaan kaarboonii

akkamitti xumuramuu akka danda'u ibsi. Qooda fudhannaa

biqilootaa malee hoo marsaan kun xumuramuu danda'aa?

25

Kaarboonii Footosinteesisii Kompaawondii orgaanikii

atimoosfarii keessaa biqiloota keessaa

Gubama Soorataa

(Respiration)

Gubama soorataa

Komaawondii orgaanikii

Maayikiroobii keessaa

Gubamasoorataa Kompaawondii orgaanikii

bineeldota keessaa

Gubachuun(Combustion) Boba’aa haftee

(Fossil fuel)

Fakkii: Marsaa Kaarboonii

2.4.3 Marsaa Naayitiroojiinii

? Faayidaa naayitirojiiniin lubbu qabeeyyiif qabu maal fa’a?

Lubbu-qabeeyyiin naayitiroojiinii malee jiraachuu hin danda'an.

Naayitiroojiinii oomisha pirootiinii, asiidota niwukilikiitii fi amiinoo

asiidotaaf fayyada. Atimoosfarii keessa qabiyyeen naayitiroojiinii %78.

Haa ta'u malee baakteeriyaa muraaasa irraa kan hafe lubbu-qabeeyyiin

26

hedduu gaasii naayitiroojiinii atimoosfarii keessaa akka jirutti itti

fayyadamuu hin danda'an. Sababnis inzaayimii hidhoo sadee atomoota

naayitiroojiinii gidduu jiru (N=N) caccabsuu danda'u waan hin qabneefi.

Baakteeriyaa muraasa qofatu inzaayimii kana qaba.

Biqiloonni naayitiroojiinii biyyee keessaa bifa naayitireetiitiin (NO3-)

fudhatanii pirootiinii oomishu. Bineeldonni naayitiroojiinii biqiloota

irraa argatu.

Marsaan naayitiroojiinii adeemsa armaan gadii of keessatti hammata.

1/ Adeemsa naayitiroojiinii fikseessuu (nitrogen fixation): Adeemsa

naayitiroojiiniin atimoosfarii keessaa (N2) gara naayitiraayitii (NO2-),

Naayitireetii (NO3-) fi amooniyaatti (NH3) ittiin jijjiiramu dha..

N2 NO-2/NO-

2/NH3

Biqiloonni naayitirojiinii bifa kompaawondiin(kompaawondii

naayitiretii) biyyee keessaa argachuu qabu. Naayitirojiinii walabaa

atimoosfarii keessatti argamu gara kompaawondoota naayitirojiinii

kannen akka amooniyaa fi amooniyeemii dhuma irrattis

naayitireetii(NO3) jijjiirama. Adeemsa naayitiretiin itti uumamu kun

naayitirojiinii fiiksessuu jedhama. Adeemsi naayitirojiinii fiiksessuu

anniisaa barbaada. Sababiin isaas hidhoon sadee molekiyulii

naayitirojiinii keessa jiru hidhoo humna cimaa qabuu fi hidhoo kana

cabsuuf yookaan diiguuf anniisaa cimaa barbaadu waan ta’eef dha.

Naayitiroojiiniin atimoosfarii keessaa gara bifa faayidaa qabeessatti

kan jijjiiramu karalee armaan gadiitiini.

a/ Balaqqeessaan (Lightening) : Balaqqeen yeroo bakakkaan bu'u

uumamu hoo'a cimaa qaba. Hoo'i kun naayitiroojiiniin oksijiiniin

wal-nyaatee naayitireetii akka uumu godha.

N2 + O2 NO3

Balaqqeessi naayitirojiinii atimoosfarii oksijiinii wajjin wal

27

nyaachisuun gara naayitiretiitti jijjiira. Sababiin isaas balaqqeessi

humna ho’aa guddaa waan qabuuf. Ho’i kun ammoo naayitirojiinii

oksijiinii atimoosfarii wajjin akka wal nyaatu gochuun oksaayidii

naayitirojiinii uuma. Oksaayidiin naayitirojiinii kun bishaan roobaa

wajjin wal nyaatinsa keemikaalaa gaggeessuun asiidii naayitirikii

(HNO3) uuma. Asiidiin naayitirikii rooba waliin biyyee seenee

bishaaniin caccabuun gara naayitiretiitti(NO3) jijjiirama. Kanaaf,

balaqqeessi naayitirojiinii atimoosfarii gara naayitiretiitti jijjiira jechuu

dha. Naayitireetiin bishaan roobaa keessatti bulbulamee gara biyyeetti

seena. Biqiloonni naayitireetii biyyee keessaa fudhatanii pirootiinii

oomishu.

b/ Baakteeriyaan

i) Baakteeriyaa bilisaan biyyee keessa jiraatan kanneen akka

"Azotobacter" fi "Clostridium" naayitiroojiinii (N2) gara

amoomiyaatti jijjiiru.

N2 NH3

ii) Baakteeriyaan wal-utubbiin hidda dhiitawaa biqiloota

liguuminasii

kanneen akka baaqelaa ataraa fi k.k.f. wajjiin jiraatan

naayitiroojiinii

(N2) gara amooniyaatti geeddaru

c/ Indastiriidhaan (Industrial fixation):- Naayitiroojiiniin gabbina

biyyeetiif baay'ee barbaachisaa dha. Kanaafuu bifa xaa'ootiin

indastirii keessatti oomishama.

Fkn. - Amooniyem naayitireetii(NH4NO3), Yuuriyaa (CO(NH2)2)

2/ Adeemsa burkutaa'uu (Decomposition): Adeemsa pirootiiniin

qaama du'aa lubbu- qabeeyyii fi xuraawaa bineeldota kan akka

fincaanii keessa jiru burkuteessitootaan gara amooniyaa (NH3) fi

28

amooniyemitti (NH4+) ittiin geeddaramu.Adeemsi kun amoonessuu

jedhamuunis ni waamama.

3/ Adeemsa naayitireessuu (Nitrification): Adeemsa amooniyaa fi

amooniyemiin gochaa baakteeriyaa kanneen akka "Nitrosomonas" fi

"Nitrobacter" tiin jalqaba gara naayitiraayitii, dhumarratti immoo gara

naayitireetitti ittiin jijjiiramuudha. Baakteeriyaan kunniin

baakteeriyaa naayitireessuu jedhamu.

NH3/NH4 NO2-

NO3-

Biqiloonni naayitirojiinii bifa naayitiretiin biyyee keessaa argatu.

Kanaafuu, duraan dursee naayitirojiiniin gara naayitiretiitti jijjiiramuu

qaba. Adeemsi jijjiirraa kompaawondoota naayitirojiin kanneen akka

amooniyaa fi amooniyeemii baakteeriyaan gara naayitiraayitii fi

naayitiretiitti godhamu naayitireessuu jedhama. Naayitireessuu

keessatti naayitirojiiniin atimoosfarii haalota adda addaatiin gara

amooniyaa fi amooniyeemiitti fiiksessamu. Itti aansuun

kompaawondoonni kun gara naayitiraayitii(NO2) fi naayitireetii(NO3)

jijjiiramu.

4/Adeemsa Naayitiroojiinessuu (Denitrification) Adeemsa

naayitiraayitii fi naayitireetiin gochaa baakteeriyaatiin gara gaasii

naayitiroojiinitti geeddaramuuti.Baakteeriyaan gocha kana raawwatu

baaakteeriyaa naayitiroojiinessuu jedhamu. Baakteeriyaan

naayitiroojiinessuu oksijiinii malee kan jiraatan waan ta'eef biyyeen

qilleensa akka argatu gochuun adeemsa naayitiroojiinessuu hir'isuun

ni danda'ama.

NO2-/NO3

- N2

? Fakkeenya baakteeriyoota gahee kana taphatanii kennaa

29

Naayitirojiinii

1 2 3 4 atimoosfarii

Pirootiinii biqilootaa Pirootiinii

fi maayikiroobii bineeldota

keessaa

Wantoota du’an

Baakteeriyoota sappiroofaayitikii fi fangasootaan

Kompaawondoota

NH3, NH4

Fkn:naayitirosomonas

NO2

Fkn: naayitirobaakter

NO3

Furtuu 1.Industiriitiin fiiksessuu

2.Wal utubbii saphaphuu cuqul magariisaa fi

baakteeriyaa 3. Baakteeriyaa bilisaa

4. Gocha bakakkaan ykn balaqqeessaan raawwatame

Fakkii : Marsaa Naayitiroojiinii

Shaakala

1. Lubbu-qabeeyyii marsaa naayitiroojiinj keessatti qooda fudhatan

tarreessi

30

2. Marsaan naayitiroojiinii qooda fudhannaa bineeldotaa malee

xumuuramuu ni danda'a moo hin danda'u? Maaliif?

3. Ga'ee burkuteessitoonni marsaa naayitiroojiinii keessatti qaban

ibsi.

4. Marsaan naayitiroojiinii qooda fudhannaa biqilootaa fi

burkuteessitootaa malee xumuramuu danda'a moo hindanda'u?

maaliif?

5. Faayidaa marsaa wantootaa ibsi?

6. Baakteeriyaa naayitireessuu, ammoonessuu fi naayitiroojiinii

fikseessan O2 fayyadamuun jiraatu. Baakteeriyaan

naayitiroojiinessuu garu O2 malee jiraatu. Biyyeen albuuda

naayitirojiniitiin akka gabbatu qotee bultoota maal gorsita?

2.4.4 Marsaa Fosforesii

Gocha : 1 Bakki kuufama fosferesii eessaa jettee yaadda ? gareen

irratti mariyadhaa.

2. Faayidaan fosforesiin orgaanizimootaaf kennu maal ?

Fosforesiin albuuda orgaanizimootaan baay'inaan barbaadamuu fi

jireenya lubbuutiif baay'ee murteessaa kan ta'ee dha. Fosforesii fi

albuudonni biroon biyyee keessaatti argamu . Kanaafuu dacheen

bakka kuufama fosforesii fi elementoota adda addaa birooti.

Marsaan bishaanii, kaarbooni fi naaytirojiinii marsaa gaazotaa

jedhamanii yammuu beekaman marsaan fosforesii fi albuudota biroo

marsaa sedimentarii (sedimentary cycle ) jedhamu .

Fosforesiin lafa keesatti bifa foosfeetii (PO43- ) tiin argama . Foosfeetiin

bishaan keessatti hedduminaan waan hin bulbulamneef biyyee

keessaa muraasaan argama. Biqilootni foosfeetii biyyee keessaa argatu.

Bineeldotni garuu biqiloota soorataan irraa argatu . Wayita biqiloonni fi

31

bineeldonni du'an burkuteessitoonni qaama du'aa biqilootaa fi

bineeldota kanaa burkuteessuun kompaawondoota fosforesii qaamootii

isaanii keessatti argamu keessaa gara biyyeetti akka gadi - lakkifamu

godhu.

Fakki: Marsaa foosfarasii

2.5 Daddarba Anniisaa Sirnakkoo keessatti

Sirnakkoo keessatti Anniisaan ifa aduu adeemsa fotosenteesisiitiin

gara qopheessitootaatti seena. Qopheessitoonni anniisaa ifaa gara

anniisaa keemkaalaatti geeddaru. Adaduma elementoonni keemikaalaa

bifa soorataatiin orgaanizimii tokkorraa gara orgaanizimii biraatti

funcaa soorataa keessa dabraniin anniisaan ifaa aduurraa argames

gulantaa soorataa tokkorraa gara gulantaa itti aanutti dabraa adeema.

Haa ta'u malee anniisaan adaduma gulantaa soorataa tokko irra isa itti

aanutti dabra deemuun hir'ataa deema. Sababnis tokkoon tokkoo

32

gulantaalee soorataa irratti anniisaan bifa gubama soorataa fi

hoo'aatiin waan baraaxa'uufi. Sirnakkoo keessatti anniisaan kallattii

tokko qofatti yaa'a. Kana jechuun naanna'uu hindanda'u.

2.5.1 Hariiroo Soorataa

Orgaanizimoonni hawaasa garagaraa keessa jiraatan irra caalaa

soorataaf walitti hirkatanii jiraatu. Bineeldonni muraasni biqiloota

sooratu. Gariin isaanii bineeldota sooratu, kaan ammo biqilootas

bineeldotas ni sooratu.

Orgaanizimoonni soorata mataa isaanii qopheeffachuu danda’an

qopheessitoota jedhamu. Lubbu qabeeyyiin soorata ofii qopheeffachuu

hin dandeenye, biqilootaa fi bineeldota biroo kan sooratan

nyaattota(soorattoota) jedhamu. Nyaattonni bakka gurguddaa sadiitti

qoodamu. Isaanis: soorattoo margaa, soorattoo foonii fi sor-lachee dha.

Orgaanizimoonni qaama du’aa orgaanizimoota biroo diiguudhaan

soorata isaanii argatan burkuteessitoota jedhamu. Akka walii galaatti

sirnakkoo keessatti akkaataa soorata isaanii argataniin

orgaanizimoonni bakka gurguddaa sadiitti qoodamu. Isaanis:

awutootiroofotaa, heetirootiroofota fi burkuteessitoota.

2.5.1.1 Funcaa soorataa

Tartiiba anniisaan bifa soorataatiin biqilootarra gara bineeldotaatti,

bineeldotarraa immoo gara bineeldota biraatti ittiin dabruudha.

Funcaa soorataa keessatti orgaanizimiin tokko gosa nyaataa tokko qofa

akka nyaatu yookiin orgaanizmii tokko qofaan akka nyaatamutti

yaadama. Fakkeenya funcaa soorataa

i/ Funcaa soorataa dachee

Marga Korophiisa Lootuu Culullee

33

ii/ Funcaa Soorata bishaanii

Faayitoopilanktanii Zoopilanktanii Qurxummiilee xixiqqaa

Qurxummiilee gurgudaa Shaarkii

Tokkoon tokko sadarkaalee funcaa soorataa keessaa gulantaa

soorataa jedhamu. Gulantaan soorataa tokkoffaan qopheessitootaan

qabama.Gulantaan soorataa lammaffaa fi sadaffaan orgaanizimoota

soorattoo jallqabaa fi soorattoo lammaffaa jedhamaniin qabamu.

Gulantaan soorataa afraffaa immoo soorattoo sadaffaan qabama.

Soorattoon jalqabaa soorattoo margaati. Soorattoon lammaffaan,

soorattoo margaa sooratu. Kanaafuu soorattoota fooniiti. Soorattoonni

sadaffaa, arfaffaa fi k.k.f dabalataan soorattoo fooniiti.

Fkn:-Marga Korophisa Lootuu Culullee

Gulantaa -1 Gulantaa 2 Gulantaa-3 Gulantaa-4

soorattoo 1ffaa soorattoo 2ffaa soorattoo 3ffaa

soor. margaa soor. foonii-1ffaa soor. foonii-2ffaa

2.5.1.2 Saphuphee Soorataa

Sirnakkoo heddu keessatti orgaanizimiin tokko, orgaanizimii tokkoo ol

soorata yookiin orgaanizimoota hedduun sooratama. Kanaafuu

funcaaleen soorataa heddu walitti hidhamanii, hariiroo soorataa

walxaxaa ta'e uumu. Hariiroon soorataa walxaxaan funcaalee soorataa

walitti hidhaman heddu irraa uumamu saaphaphee soorataa

jedhama.Diyaagiraamii armaan gadii ilaali.

34

Culullee

Billaacha Raacha Lootuu

Korophiisa Leenca

Margaa Bosonuu

Fakkii:- Saaphuphee Soorataa

2.5.2 Piraamidoota Ikoloojikaalaa

? Piraamidiin ikolojikaalaa maal? Piraamidiin ikolojikaala akaakuu

meeqatu jiru?

Anniisaan gulantaa soorataa tokkorraa gara itti aanutti adaduma

dabruun hir'ataa adeema. Haala kana giraafiin agarsiisuun ni

danda'ama. Giraafii kun piraamidii ikolojikiaalaa jedhama. Piraamidiin

Ikolojikaalaa hamma gatii anniisaa gulaantaa soorataa keessatti

argamuu mul'isa. Piraamidii Ikolojikaalaa akaakuu saditu jira. Isaanis:

piraamidii lakkoofsaa, piraamidii baayoomaasii fi piraamidii anniisaati.

? Garaagarummaa fi wal-fakkeenyi gosa piraamidoota kanaa

maal?

1. Piraamidii lakkoofsaa:- Lakkoofsa orgaanizimootaa tokkoon

tokkoo gulantaa soorataa irratti argamanii mul'isa. Akka waliigalaatti

gulantaa soorataa gad-aanaarraa gara isa itti aanuutti adaduma

deemamuun lakkofsi orgaanizimootaa hir'ataa adeemaa. Kanaafuu

anniisaanillee hir'ataa adeema.

Fkn: Marga Bosonuu Leenca

Funcaa soorataa kana keessatti lakkoofsi margaa kan bosonuu

caala, lakkoofsi bosonuu immoo ka leencaa caala. Haalli kun

35

piraamidii armaan gadiitiin agarsiifama.

Soorattoo2ffaa leenca

Soorattoo Jalqabaa bosonuu

Qopheessitoota marga

Fakkii: Piraamidii lakkoofsaa

Hanqina Piraamidii Lakkoofsaa

i/ Tokkoon tokkoon orgaanizimii, hamma isaatii fi gosa tishuu isaa

yaada keessa utuu hin galiin akka ktokkootti laakka'awuu.

Fakkeenyaaf orgaanizimiin guddaa fi inni baay'ee xiqqaa ta'ellee

waluma qixa akka tokkootti lakka'amu.

ii/ Sirnakkoowwan tokko tokko keessatti lakkoofsi orgaanizimoota

gulantaa soorataa gad-aanarraa gara itti aanutti hir'ataa deemuu

dhabuu. Fakkeenyaaf mukni tokko yookiin mukeen muraaasni

ilbiisota, allaattotaa fi raammolee hedduun sooratamuu ni danda'a.

Haala akkanaa keessatti piraamidichi lakkoofsaa waan geeddaramuuf,

hir'ataa adeemuu anniisaa hin agarsiisu. Fakkeenya armaan gadii

ilaali.

i/ "Rose bush" Ilbiisota (aphids) maxxantoota.

Funcaa soorataa kana keessatti lakkoofsi ilbiisotaa kan mukkeenii ni

caala, lakkoofsi maxxantootaa immoo kan ilbiisotaa ni caalaa.

Kanaafuu piraamidichi gad gombifamaa ta'a.

Maxxantoota Soorattoo 2ffaa

Ilbiisota soorattoo 1ffaa

Qopheessitoota ‘’Rose bush’’

Fakkii: Piraamidii lakkoofsaa

36

ii/ Muka Jiisaa Ilbiisotaa Allaattota

Lakkoofsi jiisaa kan mukkeenii ni caala, lakkoofsi allaattotaa immoo

kan jiisaa ilbiisotaa tii gadi. Kanaafuu piraamidichi boca armaan

gadii qabaata.

Allaattota Gulantaa Soorataa 3ffaa

Jiisaa ilbiisotaa Gulantaa Soorataa 2ffaa

Muka Gulantaa Soorataa 1ffaa

Fakkii:Piraamidii lakkoofsaa

Gaaffii:- Hanqinoota piraamidii laakkofsaa kan biroo tarreessuun ibsi.

2. Piraamidii Baayoomaasii: Ulfaatina tishuu gogeessa

orgaanizimoota tokkoon tokkoo gulantaa soorataa irratti argamanii

agarsiisa. Sirnakkoowwan dachee irratti gulantaa soorataa gad

aanaarraa gara itti aanutti adaduma deemamuun baayoomaasiin

hir'ataa deema. Kanaafuu anniisaanillee hir'ataa adeema. Sirnakkoo

bishaanii keessatti garuu gulantaa gad-aanaarraa gara itti aanutti

baayoomaasiin dabalaa adeema. Kanaafuu piraamidoonni

baayoomaasii kan dachee fi bishaanii faallaa walii ta'u.

Soor.3ffaa Gulantaa soorataa 4ffaa

Soor. 2ffaa Gulantaa soorataa 3ffaa

Soorattoo 1ffaa Gulantaa soorataa 2ffaa

Qopheessitoota Gulantaa soorataa 1ffaa

Fakkii :Piraamidii baayoomaasii

37

Gaaffii:-Hanqinoota piraamidiin baayoomaasii qabaachuu danda’u

ibsi.

3. Piraamidii anniisaa:- Hamma anniisaa tokkoon tokkoo gulantaa

soorataa irratti oomishamuu mul'isa. Adaduma gulantaa soorataa

gad-aanaa irraa gara itti aanutti adeemamuun anniisaan hir'ataa

deema. Haalli kun piraamiidii armaan gadiitiin agarsiifama.

Soor.3ffaa Gulantaa soorataa 4ffaa

Soor. 2ffaa Gulantaa soorataa 3ffaa

Soorattoo 1ffaa Gulantaa soorataa 2ffaa

Qopheessitoota Gulantaa soorataa 1ffaa

Fakkii: Piraamidii anniisaa

Hamma anniisaa gulantaalee soorataa safaruuf piraamidii anniisaa

piraamiidii lakkoofsaa fi piraamiidii baayoomaasii irra caalaa

filatamaadha.

Shaakala

1. Gaaffilee itti aanaan funcaa soorataa armaan gadii irratti

hundaa'uun deebisi.

Marga Korophiisa Lootuu Culullee

a/ Orgaanizimii kamtu anniisaa xiqqaa argata? maaliif?

b/ Funcaa soorataa kana piraamidii lakkoofsaa fi piraamidii

anniisaa tiin agarsiisi.

2. Hamma anniisaa gulantaa soorataa safaruu irratti hanqina

piraamiidiin lakkoofsaa fi piraamidiin baayoomaasii qaban ibsi.

38

2.6 Baayoomee ( Biomes )

? Baayoomeen maal ?

Baayoomee jechuun biraqabaan sirnakkoo bal'aa lafa irraa jechuu dha.

Addunyaan baayoomee gurguddaa lamatti qoodamti: baayoomee

lafaawoo fi baayoomee bishaanawoo . Baayoomeen lafa bal'ina

beekamaa ta'e tokkoo akka armaan gadiitti amaleeffamuu danda'a.

Haala qilleensaa

Sanyii biqilootaa fi bineeldotaa

Gosa biyyee

Yeroo baay’ee iddoo bal'aa kan uwwisan ta'us sirnakkoolee xixiqqoos

hammachuu danda'u. Baayoomeen lafaawoo baay'een jiraatanis

muraasa isaanii ni ilaalla.

Baayoomeen gurgudda addunyaa kanaa kan hammatan:

Bosona bokkaa tirooppikaalii ( tropical rain forest)

Savaanaa ( Savanna )

Gammoojjii ( desert )

Lafa margaa ( grass land )

Bosona tempireetii ( Temperate forest )

Tundiraa ( Tundra )

2.6.1 Bosona bokkaa tirooppokaalii

Bosonni bokkaa tirooppikaalii mudhii lafaatti siqee kan jiruu fi

laatitiyudii 60 ka fi 60 ki gidduutti argama . Iddoowwan sadiitti baay'ee

dagaagee argama . Inni bal'aan naannoo laga Amaazoon Amerikaa

kibbaa , inni lammaffaa naannoo laga Koongoo Afirikaa fi ayisilaandii

kibba baha Eshiyaa ti . Bakkeen kun amaloota armaan gadiin ibsama :-

Tempireechara olka'aa fi rooba bokkaa waggaa guutuu

Baayoomee lafaawoo hunda irra baayina sanyii tiin badhaadhaadha

39

daayivarsiitii sanyii biqilootaa fi bineeldotaa tiin .

Bosonni bokkaa tirooppikaalii baqqaana sadii qaba :-

1. Baqqaana jalqabaa ( olii ) : kan uumamu mukkeen meetira 60 - 80

dheerataniin . Mukkeen hamma meetira 120 dheeratanis ni jiru . Ifa

aduu kallattiin argatu.

2. Baqqaana lammaffaa ( gidduu ) : baqqaana jalqabaatti aanee kan

jiruu fi mukkeen meetira 40 - 60 dheerataniin uumame . Mukkeen

dheeraa walirra oolan ( Over lapping ) kaanooppii ( canopy ) uumu .

Kaanooppiin baay'ee yabbuu waan ta'eef ifa aduu xiqqoo qofatu

keessa darba .

3. Baqqaana sadaffaa ( gadii ) : Mukkeen meetira 40 gad dheerataniin

kan uumamu ta'ee andaristoorii ( understory ) jedhamuun

waamama.

2.6.2 Savaanaa

Savaanaan kan argamu baayoomee bosona bokkaa tirooppikaalii fi

gammoojjii gidduutti ta'ee naannoo laatiitiyudii 100 ka fi 100 ki ti.

Roobni murtaa'aa fi waqtii irratti hundaa'a Tempireechariin waqtii

irratti hundaa'a. Bakkeen kun gogiinsa waqtii irratti hundaa'e qaba .

Bakkeen kun marga mukkeen faffaca'anii argamanii qabuu fi shirabii

qabata . Savaanaan muraasni mukkeen kan dhuunfatame yoo ta'u

kanneen hafan ammoo shirabiin dhuunfatamanii dha .

2.6.3 Gammoojjii

Gammoojjiin kan argamu naannoo laatiitiyudii 350 ka fi 350 ki tti.

Naannichi kan ittiin amaleeffamu rooba bokkaa baay'ee xiqqaa

qabaachuu dhaan . Bokkaan yeroo roobu cimaa fi yeroo gabaabduuf

qofa.

40

Gammoojjiin guyyaa baay'ee ho'a halkan ammoo baay'ee qorra .

Kanaafis guyyaa tempireechariin baay'ee ol ka'aa dha . Biqiloonni

zeeroofaayitoota jedhamanii fi biqiloonni bishaan jirmaa fi baala isaanii

keessa kuufatan, biqiloonni sakkulantii gammoojjii keessa jiraatu .

2.6.4 Lafa Margaa

Lafti margaa naannoo tirooppikaalii fi tempireetiitti argamu . Hammi

rooba bokkaa lafa margaa gidduu gala baayoomee lamaaniiti . Lafti

margaa kanneen armaan gadiin ni ibsama :

Ganna ni ho'a bona ni qorra .

Baayinni rooba bokkaa muka guddisuuf gahaa waan hin taaneef

mukkeen hin qabu.

Margi biqilaa baayoomee kana dhuunfatu dha

Lafti margaa beekamoo addunyaa kanaa :- pirayiresii Kanaadaa fi

USA, paappaasii - Ameriikaa kibbaa , isteepisii - Awurooppaa fi

Eshiyaa fi Veldiitisii - Afrikaa ti.

2.6.5 Bosona Tempireeti

Bosonni tempireeti naannoo tempireetii hemisfeerii kaabaa keessatti

argama . Hemisfeerii kibbaa keessatti hin argaman. Bosonni tempireeti

amaloota armaan gadiin ibsama .

- Tempireechariin ganna ho'aa fi bona qorraa .

- Roobni bokkaa kan waggaa giddu galaan cm 75 - 250

2.6.6 Tundiraa

Tundiraan hemisfeerii kaabaa keessatti kan argamu ta'e baayinaan

bosona tempireetii oli ( laatiitiyudii 600 ka ). Baayoomeen kun kan

ittiin ibsamu :

- Tempireechara 00C gadii fi waggaa keessaa yeroo baay’ee ifa

xiqqaa qabu .

41

- Roobni bokkaa kan waggaa giddu galeessaan 25 cm .

- Cabbiin waggaa keessatti yeroo dheeraaf biyyee uwwisa

2.7 Baayoodayivarsiitii

? Baayoodaayivarsiitiin maal?

Jechi baayoodaayivarsiitii yookaan daayivarsiitii baayolojikaalaa jedhu

baayinaa fi gosa sanyii orgaanizimootaa kan ibsu dha.

Sadarkaalee addaa addaatti ilaaluun ni danda’ama. Isaanis:

daayivarsiitii jiinii (genetic diversity) sanyii tokko keessatti,

daayivarsiitii sanyii (species diversity) baayina sanyii adda addaa, fi

daayivarsiitii ikolojikaalaa (ecological diversity) addaaddummaa

sirnakkoo keessaa fi gidduutti.

2.7.1 Facaatii fi Adeemsa (patterns and processes)

Hubannoo walii gala baayodaayivarsiitii dabalatee ikolojistoonni

akkaataa facaatii garee orgaanizimootaa irrattis ni qo’atu. Kallattiin

baayee beekamaa ta’e ammoo daayivarsiitii tuqaa yookiin

alfaa-daayivarsiity (point or alpha - diversity), kunis baayina sanyii

iddoo murtaa’aa tokkoo fi akkaataa facaatii isaaniiti. Inni kan biraan,

β-daayivarsiitii, kunis geeddaraminsa sanyii iddoo jireenyaa bal’ina

sanyii dabalata.

2.7.2 Sonawwan Baayoodaayivarsiitii

? Sonawwan Baayoodaayivarsiitii maal fa’a?

Akka waliigalaatti bu’aan ruqoolee baayoodaayivarsiitii kunuunsuu

irraa dhufu garee sadii keessatti ilaalamuu danda’a. Isaanis. tajaajila

sirnakkoo, qabeenya baayolojikaalawaa fi faayidaa hawaasummaa.

Fakkeenyi muraasni bu’aalee kanneenii armaan gaditti kennamaniiru

42

1 ) Tajaajila sirnakkoo (ecosystem services)

Madda bishaanii eeguu: biqiloonni uumamaan naannoo bishaanii

uwwisan madaala marsaa bishaanii eegu.

? Madaala marsaa bishaanii akkamitti akka eegan mari’adhaa walii

Dhiheessaa.

Uumamaa fi eegumsa biyyee: daayivarsiitiin baayolojikaalawaa

uumama biyyee, caasaa biyyee tursiisuu akkasumas jiidhinsaa fi

sadarkaa albuudaa biyyee tursiisuuf ni gargaara.

? Badiinsi daayivarsiitii baayolojikaalawaa uumamaa fi eegumsa biyyee

irratti dhiibbaa akkamii fi akkamitti akka qabu irratti mari’adhaa

waliif gabaasaa.

Kuusaa fi marsaa albuudaa: sirnakkoon marsaa albuudotaa keessatti

ga’ee guddaa taphata. Albuudonni kun elementoota atimoosfarii

keessaa fi biyyee keessatti argaman, lubbuu itti fufsiisuuf gargaaran

hammata.

? Fakkeenya tokko kennuun irratti mari’adhaa

Sirnakkoo eeguuf: sirnakkoon jiraachuu lubbu qabeeyyii qofa eega

osoo hin taane, madaala lubbu qabeeyyii fi qabeenya isaaniin

jiraachisuuf barbaachisu gidduu jiru ni eega.

2) Qabeenya baayolojikaawaa

Soorata: namnii fi lubbu qabeeyyonni baay’een jiraachuuf oomishtoota

jalqabaa irratti hirkatu.

Qabeenya qorichummaa: qorichoonni madda uumamaa irraa

tolfaman addunyaa irratti fayyaa eeguuf gumaacha guddaa qabu.

3) Faayidaa hawaasummaa

43

i) Madda galii: foon, rifeesnsa fi gogaa, damma, kuduraa fi fuduraa,

mi’eessituu (spices), qorichaa fi meeshaalee miidhaginaa, halluuwanii fi

kkf madda galii ta’uu danda’u. Kanaafuu hooggansi qabeenyaa

kanneen olii irraa argaman qixa sirriin gaggeessuun baay’ee

barbbachisaa dha.

ii) Faayidaa saayinsiif: qabeenya uumamaa caalatti itti fayyadamuuf

waa’ee isaanii baay’ee beekuu fi barachuutu eegama.

iii) Faayidaa bashannanaa: turizimii fi gochaalee bashannaaf

kanneen akka adamoo, qurxummii kiyyeessuu fi kkf ni oolu.

iv) Sona aadaa: kunuunsi daayivarsiitii baayolojikaalaa sona aadaa

dhaloota ammaa fi fuulduraaf baay’ee barbaachisaa waan ta’eef har’a

kunuunfamuu qaba.

2.7.3 Wantoota Baayoodaayivarsiitii Miidhan

Akka waliigalaatti wantoonni yeroo ammaa baayoodaayivarsiitii

sodaachisaa jiran uumamni isaanii antirooppoojenikii dha. Kana

jechuun gochaa yookiin dhiibbaa dhala namaa tiin kan ta’an jechuu

dha. Isaanis kanneen armaan gadii hammachuu danda’u.

i) Bidoollee dhabamsiisuu ykn fooyyessuu: kun yeroo baay’ee kan

wal-qabatu ciccita bidoolleetiin. Isaan kanaaf ammo sababa kan ta’uu

danda’u: dagaagina horsiisaa, qonna, biqiloonni ibiddaan gubamuu fi

faalama dha.

ii) Hammaa ol itti fayyadamuu (over- exploitation): kunis daldalaaf

yookiin ittiin jiraachuuf kan godhamu dha

iii) Akka tasaa yookiin beekumaan saayii haaraa (exotic) itti dabaluu:

isaan kunis kannen dura turaniin dorgomuu, adamsuu yookiin

44

diqaaleessuu danda’u.

iii) Jeequu, ciruu fi buqqisuu: kunis sanyii orgaanizimootaa “pest”

jedhaman beekumaan mancaasuu dabalata.

2.7.4 Qaaccessa Viyaabilitii Uummataa (population viability

analysis)

? Qaacccessi viyaabilitii uummataa maal?

Qaaccessi viyaabilitii uummataa adeemsa wantoota sodaachisoo sanyii

ta’an adda baasuu fi carraa fuulduratti yeroo murtaa’aa ta’e jiraachuu

isaanii madaaluu dha. Fakkeenyaaf, uummanni tokko waggaa 100

jiraachuuf carraa %95 qaba. Kallattiin qaaccessa viyaabilitii uummataa

tokkoo, viyaabilitii uummataa isa xiqqaa (minimum viable population)

lakkoofsa uummataa xiqqaa osoo hin manca’iin turuu isaa murteessu

dha.

Qaaccessi viyaabiliitii uummataa kan irratti xiyeeffatu kunuunsaa fi

hooggansa sanyii muraasaa (rare) fi baduutti deeman, pirinsippiliin

ikolojii uummataa hojiirra oolchuun carraa jiraachuu isaanii

fooyyessuuf. Hooggansi sanyiiwwan baduutti deemanii kaayyolee

gurguddaa lama qaba. Kaayyoon yeroo gabaabaa balaa badiinsaa

(extinction) hir’isuu dha. Kaayyoon yeroo dheeraa ammoo sanyiiwwan

poteenshiyaalii jijjiirama ivolushiniif qaban akka tursiifatan haala

mijeessuufii dha.

Sanyiiwwanii fi uummanni lubbu qabeeyyota addunyaa kanaa

kumaatamaan lakkaawwan waggottan kurnan keessatti balaan

badiinsaa irra gaha jedhamee sodaatama. Maddi balaa kanaa ammoo

kallattiin gochaa dhala namaan wal-qabata. Gochaaleen tokko tokkoon

isaanii lubbu qabeeyyii irratti qaban sababnii fi dhiibbaan isaa baay’ee

45

wal-xaxaa dha, kanaaf malli qaaccessa dhiibbaa kanaas wal-xaxaadha.

Baayolojistoonni yeroo baay’ee raawwii uummataa kan ibsan

demogiraafii isaanii ibsuu dhaan. Jecha salphaan, ariitiin dhalootaa

ariitii du’aa kan caalu yoo ta’e, uummatichi yeroodhaa gara yerootti

dabalaa akka deemu eegama. Yoo faallaan kanaa dhugaa ta’e ammoo,

uummatichi xiqqaachaa deema. Kanaaf guddinni uummataa waliigalaa

agarsiisuu nageenyaa gaarii dha. Guddinni uummataa dabalaa

deemuun demogiraafii sadarkaa hamma ta’e fayyaa ta’uu kan agarsiisu

yoo ta’u, hir’achaa deemuun ammoo adeemsi alaa itti seenuu fi dalagaa

isaanii akka tasgabbiin hin raawwanne gochaa jiraachuu agarsiisa.

2.7.5 Karoora Kunuunsaa

Safarri milkaa’ina tooftaalee kunuunsaa yookiin karoorri kunuunsa

bidoollee inni guddaan uummatichi bidoollee uumamaa isaa keessa

yeroo dheeraaf turuu danda’uu dha. Garuu, karoorri kunuunsaa bu’aa

dhihoo irratti xiyeeffate uummata baay’ina hamma ta’ee kan giddu

galeeffate miti, bidoollee eeguu malee.

Adeemsi karoora kunuunsaa kan irratti hundaa’u odeeffannoo waa’ee

ikolojii sanyii gadi fayyeenya qabuuti. Isaanis: faca’insa uummata

sanyii sanaa, bidoollee, fi qabeenya.

Duraa duubni gochaalee kunuunsaa biyyoota adda addaa kan

murtaa’u xiyeeffannaa biyyaa wal-simsiisa haawaas dinagiddee,

naannoo fi sona aadaa carraa baduu yookiin manca’uu qabeenya

jenetikii sanyii irratti xiyeeffatamuu irratti.

Sanyii irratti xiyeeffatamu ilaalchisee, Namkoong( 1986) hooggansa

jenetikii sanyii garee sadii ibsee ture. Isaanis:

1. sanyii yeroo ammaa faayidaa hawaas dinagidee qaban

46

2. sanyii pootenshiyaalii fi sona fuulduraa qabu

3. sanyii beekumsaa fi teekinooloojii ammaatiin sonni isaa hin

beekamne

2.7.6 Tarsiimoo fi tooftaalee kunuunsa baayoodaayivarsiitii

Kunuunsi daayinaamikii dha. Kunuunsitoonni dursanii yaaduu,

of-eeggannoo gochuu fi ilaalcha isaanii dagaagina aadaa, hawaasaa irra

gochuu qaban. Haaromsi daayivarsiitii baayolojikaalawaa sadarkaa

hundatti godhamu haaromsa sanyii hawaasaa viyaabilii yookin

uummata beekamuu ti. Kunis iddoo jireenyaatti yookiin iddoo

jireenyaan alatti ta’uu danda’a.

a) Iddoo jiranitti kunuunsuu (in situ conseravation)

? Iddoo jireenyaatti kunuunsuu (insitu conservation) jechuun maal

jechuu dha?

Iddoo jireenyaatti kunuunsuun kunuunsa bidoollee uumamaa fi

haaromsa sanyii orgaanzimootaa bidoollee uumamaa isaanii keessatti

gochuu dha. Haaromsi baayoodaayivarisiitii yeroo ammaa mula’tan

ta’ee haaromsa lubbu qabeeyyota alaa haala jireenya uumamaa

isaaniin iddoo jiraachuu danda’anitti godhamu dha. Kun akka

waliigalaatti tarsiimoo kunuunsaa kanneen biro irra filatamaa dha.

Sababiin isaas madaqina adeemsa uumama keessaa ala jiraachuu itti

fufuu fi itti fayyadaminni ammaa akka itti fufuuf. Kunuunsa iddoo

jireenyaatti godhamuuf fakkeenya addaa ta’uu danda’u gochaa

qonnaan bultoota qonna aadaa fayyadamaniiti.

b) Iddoo jireenyaan alatti kunuunsuu (ex situ conservation)

? Kunuunsi iddoo jireenyaan alattii kan akkamiiti?

Kunuunsi iddoo jireenyaan alattii kunuunsa ruqoolee

47

baayodaayivarsiitii ta’ee bidoollee uumamaa isaanitiin alatti godhamu

dha. Tarsiimoo kana keessatti kan hammataman sanyii kuusuu (seed

storage) fi gaardanii bootanikaalaa (botanical garden).

2.8 Uummata

Uummata jechuun maal jechuudha?

Uummata jechuun garee orgaanizimootaa miseensota sanyii tokkoo

ta’anii yeroo fi iddoo murtaa’aa ta’e keessatti kan argamanii dha.

Gareen orgaanizimootaa kun sanyii tokko keessatti waan argamaniif

walirraa horuu danda’u. Uummanni naannoo tokkoo sababa lakkoofsi

miseensota isaa haalota adda addaa irraan kan ta’e jijjiiramaa waan

deemuuf dhaabbataa miti.Uummanni sanyii orgaanizimii iddoo

murtaa’e tokko jiraatan waan ta’eef, qabeenya wal-fakkaatu irratti

hirkatu, akkasumas dhiibbaa naannoo wal- fakkaatuuf saaxilamu.

Ikolojiin uummataa ikolojii orgaanizimii fi ikolojii hawaasaa gidduutti

argama. Fakkeenyaaf, baayinni uummataa dandeettii orgaanizimiin

dhuunfa qorra dandamachuu fi sanyii orgaanizimii kan biroon

adamsamuu irratti hundaa’uun jijjiiramuu danda’a.

2.8.1 Tooftaa qo’annoo uummataa (Techniques of population

study)

? Tooftaalee baayina uummataa bakka murtaa’aa keessa jiru tokko

beekuuf gargaaran maal faa akka ta’an gareen irratti mari’adhaa

Baayina uummataa karaa lamaan bira ga’uun ni danda’ama: isaanis:

a) Hundumaa lakkaa’uu (total count)

b) Eddatteessuu ( sampling)

48

I. qarxii (quadrats) fi

II. tiraanseektiin (transect)

2.8.2 Amaloota uummataa

? Amaloonni uummataa maal fa’a?

Yeroo ta’e kami keessattuu, luummanni hundi daangaa

ji’ogiraafikaalaa fi baayina uummataa (lakkoofsa dhuunfaa inni

hammatu) qaba. Uummanni akka garee dhuunfaatti amaloota armaan

gadii qaba. Isaanis:

a) Daayinaamiksii uummataa (population dynamics)

b) Gobbina uummataa (population density)

c) Facaatii uummataa (population dispersion)

d) Seenaa jireenyaa (life history pattern)

e) Caasaa umurii (age structure)

Amaloonni armaan olitti eeraman amala orgaanizimii dhuunfaa fi

hawaasaa osoo hin taane, amaloota addaa uummataa ti.

2.8.3 Daayinaamiksii Uummataa (population Dynamics)

? Daayinaamiksiin uummataa maal agarsiisa?

Daayinaamiksiin uummataa qo’annoo waa’ee akkamittii fi maaliif

baayinni uummataa yeroo waliin dabalee fi xiqqaatee dha. Sanyii

orgaanizimii irratti hundaa’uun orgaanizimiin dhuunfaa sa’aatii

walakkaa walakkaan yookiin guyyaa guyyaan yookiin waqtiidhaan,

yookiin waggaan dabaluu yookiin hir’achuu danda’a. Fakkeenyaaf,

uummanni baakteeriyaa daqiiqaa digiddama keessatti jijjiiramuu

danda’a, uummanni arbaa jijjiiramuuf waggoota itti fudhata.

2.8.3.1 Taateewwan guddina uummataa murteessan

? Taateewwan guddina uummataa murteessan maal fa’a ?

Hammi baayina uummataa naannoo murtaawaa tokko keessa jiraatan

haalawwan adda addaa irratti hundaa’a. Haalawwan kunis:

49

a) Ariitii hamma dhalatuu (birth rate)

b) Ariitii hamma du’uu (death rate)

c) Godaansa (migration)

? Taateewwan kunniin akkamiin akka baayina uummataa murteessan

gareen daree kessatti irratti mari’adhaa

a) Ariitii hamma dhalatuu (birth rate)

Orgaanizimiin haaraan dhalachuun uummata duraan turetti

dabalamuun baayinni uummata sanaa akka dabalu godha. Kanaafuu

ariitiin hammi dhalachuu baayina uummata tokkoo murteessuu

danda’a, kunis ta’uu kan danda’u yoo haalonni mijaawoo ta’an

kanneen akka soorataa, bakka jireenyaa, kkf guutanii argamanii dha.

b) Ariitii hamma du’uu (death rate)

Lubbuun dhabamuun miseensa uummata tokkoo akka uummanni

sun lakkoofsaan hir’atu godha. Hammaan hir’achuun uummata

tokkoo ariitii du’uu orgaanizimoota sanaa irratti hundaa’a.

Walumaa galtti baayinni uummata naannoo tokkoo kan irratti

hundaa’u: gareegarummaa hamma du’uu fi hamma dhalatuu ti

i) Biyyi hammi dhalatuu fi hammi du’u itti guddaa ta’e baayinni

uummataa suuta suutaan dabalaa deema. Haalli kun biyyoota

saayinsii fi teeknolojiin baay’ee duubatti hafan keessatti mul’ata.

ii) Biyyi hammi dhalatu guddaa ta’ee hammi du’u ammo xiqqaa

ta’etti, uummanni saffisaan guddachaa deema. Haalli kun

biyyoota guddachaa jiran keessatti mul’ata.

iii) Biyyoota hammi dhalatuu fi hammi du’u baay’ee itti xiqaate

baayinni uummataa xiqqoo dabalaa deema. Haala kanaaf

biyyoonni fakkeenya gaarii ta’an, biyya Awurooppaa, Ameerikaa,

kuubaa fi kkf

50

Ce’umsi walii galaa, hammi dhalatuu fi hammi du’u baay’ee ta’e

irraa gara hammi dhalatuu fi du’u hir’achuutti godhamu, ce’umsa

dimoogiraafikii (demographic transition) jedhama.

c) Godaansa (migration)

Sochii uummanni tokko bakka duraan ture irraa gara bakka haaraa

birootti deemuu fi uummata naannoo sana jirutti dabalamuun

baayinni uummataa akka dabalamu godha. Godaansi gosa lama qaba.

1) Godaansa alaa gara keessaatti (Immigration)

Sochiin kun yeroo orgaanizimoonni deemanii uummata tokkotti

seenuun itti dabalamanii achuma keessatti hafanidha. Lakkoofsi

uummatichaa isaan itti dabalamanii ni guddata. Godaansi kun kan

ta’u yeroo bakka uummati godaansi itti ta’e keessa jiraatuu bakki

jireenyaa, bishaan, albuudonnii fi kkf gahaan jiraatanii dha.

2) Godaansa keessaa gara alaatti (Emigration)

Godaansi keessaa gara alaa kun sochii miseensonni uummata tokkoo

sababii garaa garaaf uummata isaanii lakkisanii osoo hin deebi’iin

achumaan hafanii dha. Godaansi akkasii kun kan ta’u yeroo haalli

naannoo uummanni ture sanaa mijaa’uu baate, hanqinni bakka

jireenyaa,

hanqinni soorataa yoo jiraate, diinni yoo jiraatee fi gammoojjummaan

yoo baay’atee dha.

Dhalachuu

+ + godaansa alaa gara keessaa

- -

Du’a godaansa keessaa gara alaa

Baayina uummataa

51

Qo’annoo guddina uummataa kana hiika qabeessa gochuuf qo’attoonni

ikolojii taateewwan eeraman kana irraa guddina uummataa shallaguuf

foormulaa lafa kaawwachuun barbaachisaa dha.

Foormulaan jijjiirama uummataa kana shallaguuf gargaaru:

Jijjiirama uummataa = (dhalachuu –du’uu) +(godaansa gara keessaa

(Population Change) – godaansa gala alaa)

N= (b-d)+(i-e) : N = jijjiirama uummataa

b= dhalachuu

d= du’a

i= godaansa gara keessaa

e= godaansa gara alaa

2.8.3.2 Moodeloota guddina uummataa

1. Pootenshiyaalii Uumamaa fi Moodela Guddina Eksponeshaalii

? Pootenshiyaalii uumamaa maal?

Ariitiin ittiin uummanni tokko dhiibbaa tokko malee guddatu yookiin

dandeettii uumamaan dabaluu pootenshiyaalii uumamaa jedhama.

Kun kan ta’u haala dhugaan jiru keessatti miti. Wantoonni guddina

uummataa irratti dhiibaa fidan hedduutu jiru. Isaanis: nyaata, bakka

jireenyaa, adamoo, paatoojiinota, faaltotaa fi kkf guddina uummataa

duubatti harkisan waan jiraniif.

? Guddinni eksiponenshiyaalii maal?

Guddinni eksiponenshiyaalii yeroo orgaanizimiin uummata kamiiyyuu

guddina uummataa saffisaa ta’e haala uumamaan hin jirre (ideal)

keessatti raawwatu dha. Fakkeenya fudhachuun haa ilaallu.

Baakteeriyaa tokko, istaafaayilookokasii daqiiqaa 20 keessatti adeemsa

hirmama baayinariitiin seelii haaraa lama uumu fudhannee ilaalla.

52

Soorata guddinaa fi wal-hormaataaf barbaachisu hunda yoo argatan,

dhuma daqiiqaa 40n jalqabaa irratti, tokko tokkoon isaanii hirmamuun

walitti seelota 8 uumu. Hamma sooranni gahaan jiraatetti dabalaa

deema. Osoo lakkoofsa kana akka fakkii 1 irratti kaasinee, sarara

giraafii boca “J” qabu uuma. Guddinni uummataa akka kanaa dhuma

hin qabne guddina eksiponenshiyaalii boca “J”n bakka bu’e kenna.

Ekspoonenshiyaaliin kan ibsu hariiroo jijjiiramaan (variable) tokko isa

biraa irra saffisaan haala herreega murtaa’aatiin (1,2,4,8,16,----)

dabalu dha. Akka kan keenya kanaatti, jijjiiramaan saffisaan dabalaa

deemu ariitii dhalachuu yoo ta’u jijjiiramaan suutaan dabalaa deemu

ariitii du’aati.

Baayina baakteeriyaa(Y)

700 0-------------------1

600 20------------------2

500 40------------------4

400 N =rN 60------------------8

300 T 80-----------------16

200 100---------------32

100 120---------------64

x 140--------------128

0 60 120 180 240 160--------------256

Yeroo (daqiiqaan) 180--------------512

200--------------1024

220--------------2048

Y- baayina dhuunfaa agarsiisa

Fakkii 1. Guddina Eksipoonenshiyaalii

? Orgaanizimoonni yeroo hundaa guddina eksipoonenshiyaalii itti

fufuu?

Osoo baakteeriyaan yeroo hundaa guddina eksipoonenshiyaalii kan itti

53

fufu ta’ee maaltu ta’uu akka danda’u mee yaadi?. Baakteeriyaan

guyyaa tokkoo fi walakkaan dachee kana dheerina meetira tokkoon

uwwisuu danda’u. Garuu, kun sababa dhiibbaa adda addaa naannoo

kan akka tempireechara guddaa, hanqina nyaataa fi dhiibbaa xurii

meetaaboolizimii dhuufaa isaanii irraan kan ka’e ta’uu hin danda’u.

2.8.3.3 Dandeettii Baachuu fi Guddina Lojistikii (Carrying Capacity

and Logistic Growth)

? Daadeettiin baachuu fi guddinni lojistikii maal?

Dandeettiin baachuu baayina olii orgaanizimootaa bal’inni tokko

yookiin bidoolleen tokko rakkoo tokko malee yeroo dheeraaf

jiraachisuu danda’u dha.

Faallaa guddina eksipoonenshiyaalii, hanqinaaleen lubbu qabeeyyii fi

lubbu maleeyyiin naannoo guddina lojistikii irratti dhiibbaa qabu.

Sababii dhiibbaan adda addaa jiruuf guddinni uummataa hamma

murtaa’aa ol-deemuu hin danda’u. Hammi murtaa’aa dandeettii

baachuu, qubee k tiin bakka bu’a.

Qabattoonni daangessoo ta’anii fi dandeettii baachuu murteessan

soorannii fi bakki jireenyaa jiraachuu, dorgommii, wal-adamsuu,

maxxaantummaa. Akka waliigalaatti daangessoonni kunniin ittisoota

naannoo (environmental resitance) jedhamu. Ittisoonni naannoo

herreegaan kan ibsaman (K-N)

K= dandeettii baachuu

N= baayina orgaanizimoota dhuunfaa

Ittisoonni naannoo ariitii dhalachuu xiqqeessuu fi ariitii du’uu

guddisuun uummanni sadarkaa k irra akka dhaabbatu godha. Kana

irraa kan ilaallu, walitti dhufeenyi pooteenshiyaalii uumamaa fi

ittisoota naannoo gara ikuwilibiramii uummataa fi qabeenya jiruu wal

madaalutti geessa. Karaa biraa, jiraachuun ittisoota naannoo

54

uummata uumamaa guddina eksiponenshiyaalii gara guddina lojistikii

tti fooyyessa.

Foormulaa guddina lojistikii:

N = rN (K-N) N = jijjiirama uummataa

T K T = jijjiirama yeroo

r = ariitii wal-hormaataa

N = baayina orgaanizimootaa

K = dandeettii baachuu

Yeroo baayinni uummataa baay’ee xiqqaa ta’u, K-N gara tokkootti

hiiqa, K

kana jechuun ittisoon naannoo gara hin jirreeti. Kanaafuu

uummanni eksipoonenshiyaalii guddata. Osoo baayinni uummataa

gara K tti hiiqee (ykn K-N gara zeerootti hiiqe), gudinni uummataa

zeeroo ta’a. K

Giraafii guddina lojistikii osoo kaasnee boca “S” qabaata.

---------------------------- N (G) = rN (K-N)

Baayina t k

Uummataa (N)

0 Yeroo

2.8.4 Gobbina uummataa

? Gobbina uummataa jechuun maal jechuu dha?

Gobbina uummataa jechuun ida’ama baayina orgaanizimoota

dhuunfaa bal’ina yookiin qabee bidoollee yeroo murtaa’e tokkotti

qabatani dha.

Gobbina uummataa herreeguuf foormulaan gargaaramnu

D = N D= gobbina uummataa

55

A ykn V N= baayina orgaanizimii dhuunfaa

A= bal’ina – bidoollee lafaawoof

V= qabee – bidoollee bishaanawoof

Yuunitiin safaraa gobbina uummataa hamma orgaanizimii filatamee

irratti hundaa’uun garaagarummaa qabaachuu danda’a. Fakkeenyaaf:

harree diidoo 50 heektaara tokko irra daayaatoomota miliyoona 2

bishaan cm3 tokko keessa.

Gobbinni uummataa baayina uummataa qofa mul’isa malee facaatii

orgaanizimootaa iddoo jireenya isaanii keessaa hin ibsu. Fakkeenyaaf,

bal’inni muraasni uummata hedduu yeroo qabaatu muraasni ammoo

xiqqoo yookiin kan hin qabne ta’a.

2.9 Dorgommii

Uumamaan qabeenyi kamiyyuu haala murtaa’aa ta’een argama,

kanaafuu orgaanizimootni qabeenya kana irratti dorgomu.

Fakkeenyaaf, biqiloonni, iddoo jireenyaa, ifa aduu, albuudotaa fi

bishaan irratti, bineeldonni nyaataaf, bakka jirenyaa fi qunnamtiif ni

dorgomu. Dorgommiin fedha si’ataa orgaanizimiin tokko qabeenya

murtaa’aa kana irratti orgaanizimii biraa yeroo caalu dha. Yeroo

baay’ee dorgommin kan hin jiraanne:

Yoo qabeenyi gahaan jiraate

Orgaanizimoonni dorgoman yoo baay’ee muraasa ta’an

Ikolojistoonni gosa orgaanizimii irratti hundaa’uun dorgommii bakka

lamatti qoodu. Isaanis: dorgommii sanyii keessaa fi dorgommii sanyii

gidduu.

? Garaagarummaan dorgommii sanyii keessaa fi sanyii gidduu maal?

56

2.9.1 Dorgommii sanyii keessaa (intraspecific competition)

Dorgommiin sanyii keessaa kan gaggeeffamu orgaanizimoota sanyii

tokkoo gidduutti. Yeroo baayinni dorgomtootaa gar-malee baay’atu,

dorgommiin gar-malee ulfaataa ta’a. Sababni isaas yeroo lakkoofsi

gar-malee baay’atu hanqinni qabeenyaa ni mudata waan ta’eef.

2.9.2 Dorgommii sanyii gidduu (Interspecific competion)

Dorgommiin sanyii gidduu kan raawwatu orgaanizimoota sanyii adda

addaa gidduutti wal dorgommiin yeroo gaggeeffamu dha.

? Yeroo baay’ee dorgommii sanyii gidduu hamma dorgommii sanyii

keessaa hamaa miti. Maaliif ?

Dhuma dorgommii sanyii gidduutti wantoota armaan gadiitu

raawwata:

a) rukkinni sanyii dorgomtootaa lamaanuu ni hir’ata, garuu

lamaanuu waliin jiraatu (coexist) yookiin

b) dorgomaan laafaa ta’e isa mo’ateen du’uun yookiin alatti

godaanuun bakkicha guutummaan gadhiisa.

Gaaffilee Of-madaaluu

1. Hiikkaa Ikooloojii addeessi.

2. Amaloota orgaanizmoonni Paayonirootaa qaban tarreessi.

3. Garaagarummaa albuudota Maakiroonutireentota fi

Maayikiroonutireentota ibsi.

4. Kompaawondiin orgaanikii biqiloota keessatti kuufame gara

bineeldotaatti akkamiin darba?

5. Bakkeewwan Kaarbooniin heddumminaan kuufamee argamu ibsi.

6.Gaaffilee armaan gadii funcaa soorataa armaan gadii irratti

hundaa'uun deebisi

Marga Sa'a Nama Shaarkii

a/ Gulantaalee soorataa hagamutu funcaa soorataa kana

57

keessa jira? tokkoon tokkoo isaanii addaan baasi.

b/ Soorattoon lammaffaa eenyu?

c/ Soorattoon foonii tokkoffaan eenyu?

D/ Soorattoon foonii lammaffaan eenyu?

7. Gaaffilee itti aanan saaphuphee soorataa armaan gadii irratti

hundaa'ii deebisi.

Shaarkii

Nama

Lukkuu

Sa'a

Korphiisa

Bosonuu

Marga

a/ Saaphupheen soorataa kun funcaalee soorataa meeqa qaba?

b/ Soorattoota jalqabaa, soorattoota lammaffaa, soorattoo foonii

tokkoffaa

fi lammaffaa addaan baasi.

c/ Orgaanizimoota gulantaa soorata 3ffaa fi 4ffaa irratti argaman

tarreessi

8. Maalummaa guddina Eksipoonenshiyaalii fi guddina Loojistikii ibsi.

9. Garaagarummaan dorgommii sanyii keessaa fi dorgommii sanyii

gidduu jiru maali?

10. Ta’eewwan guddina Uummataa murteessan tarreessi.

11.Baayoodaayivarsiitii jechuun maali?

12. Wantoota baayoodaayivarsiitii Miidhan addeessi.

58

BOQONNAA SADII-JENETIKSII

Seensa

Barattoota! Naannoo jiraataa jirtanitti namoota amala adda addaa

qaban hubataa akka jirtan walnama hingaafachiisu. Namoonni kun

dheerinaan, halluu gogaatiin, ijaatiin fi kkf niin garaagarummaa

qabaachuu danda’u. Amaloonni akkasii kun warra irraa gara

dhalattootaatti akkamitti daddarbu?

Mata duree kana jalatti yaada rime hojii Giriigor Mandaliin

wal-qabatee fi akkaataa daddarbina dhaala sanyii ni barattu. Dhumma

irrattis caasaa kiroomosomii, adeemsa hirmama seelii fi gosoota

hirmama seelii barattu. Kanaafuu, isin barattootni gochaawwan mata

duree (boqonnaa) kana keessatti kennaman hunda hojjechuudhaan

hubannoo gaarii akka argattan isin irraa eegama.

Kaayyoolee

Barattoonni erga boqonnaa kana erga xumuuranii

Maalummaa jenetiksii ni himu

Diqaalessuu tokkee fi lameen maal akka ta’e ni ibsu

Garaagarummaa Fenootaayippii fi Genootaayippii ni addeessu

Maalummaa Homoozaagasii, Hetiroozaagasii, Doominaansii fi

Reesesiivii ni himu

Pinteeti isquweerii fayyadamuun Diqaalessuu tokkee fi lamee

dalaganii ni agarsiisu

Maalummaa Maayitoosisii fi Meyoosisii ni addeessu

3.1 Hiika Jenetiksii

Jenetiksii jechuun saayinsii dhaala sanyii ta’ee kan walfakkeenyaa fi

garaagarummaa warraa fi dhalattoota gidduu jiru ibsu dha. Jenetiksiin

saayinsii akkaata amalootni itti daddarbanii fi akkamiin akka of

mul’isan qo’atu dha. Irra caalaan amaloota namaa baay’inaan kan

59

to’atamu odeeffannoo seelii saalaa (gametes) tiin baatamee warra irraa

dhalattootatti darbu dhaani . Haa ta’u malee, naannoo jaarraa 20ffaa

saayintistoonni odeeffannoon warra irraa gara dhalattootatti daddarbu

caasaa jiinii jedhamu kiroomosomoota irratti argamu irraan akka ta’e

ibsanii jiru.

3.2. Mandalii fi seera dhaala sanyii

Qorannoon jenetiksii amayyaa bara 1860ffaa keessa Moloskee biyya

Awustiriyaa kan ta’e Girigor Mandaliin jalqabame. Haa ta’u malee

seerotni daddarbuu dhaala sanyii/law of heredity/ kan beekaman

Mandal kan bu’uuresse hamma irra deebi’amee argamutti

saayintistoota biratti osoo hin beekamiin waggoota kurnan sadiif

dhoksamee tureera.

3.3. Dalagaa Girigor Mandal

Dhaala sanyii ilaalchisee falaasamtootni fi saayintistoonni addunyaa

adda addaa jiraatanillee yeroo jalqabaaf namni qu’annoo istaatiksii

gargaaramuudhaan akkaataa daddarbinsa dhaala sanyii kan

geggeessee fi piriinsipiloota beekamoo saaynsii jenetiksii ammayyaa

ta’an kan bu’uureesse Giriigor Mandalidha.

Mandal Midhaan nyaataa Gadaamii Awustiriyaa, Biruun keessa jiru

Oomishaa osoo jiruu dabalataan biqiloota guddisuun yaalii jalqabe.

Booda irrattis atara (pisum sativum) filachuudhaan yaalii gaggeessee

yaada bu’uuraa (tiwoorii) akkaataa daddarbinsa dhaala sanyiitiif hojii

aja’ibsiisaa ta’e hojjechuu danda’eera. Mandal atara maaf filate sitti

fakkaata? Sababoota armaan gadii kaasuun ni danda’ama.

Abaaboo guutuu waan qabuuf

Poolineeshiniin salphaatti to’atamuu danda’uu

Dafee bilchaachuu (yeroo gabaabaa keessatti gahuu).

Amaloota ifatti faallaa ta’an hedduu qabaachuu fi kkf.

60

3.3.1. Adeemsa yaalii Mandal

Mandal amaloota biqiloota atarii bu’uura ta’an torba qo’annoof filate.

Innis sanyiiwwan atarii garaagaraa (varieties) soddomii afur

guuruudhaan, isaan keessaa immoo akkaata dhaala sanyii kudha

afran isaanii kan amaloota faallaa cimdii torbatti gareeffaman qofa

irratti xiyyeeffate. Kunis waggoota hedduuf taassifame. Tokko tokkoon

amaloota qo’atamanii gosa lamaan argamu.

Fkn: Jirma dheeraa X Jirma gabaabaa

Sanyii kottaa’aa X sanyii Mucucaataa

3.3.2. Yaalii Duraa Mandal: Diqaalessii Tokkee

Diqaalessuu tokkee jechuun maal jechuudha?

Diqaalessuu tokkee jechuun orgaanizimoota lama wal-diqaalessuun

dhaala amal-tokkee qo’achuu jechuudha. Mandal calqabaaf kan qo’ate

akkaataa dhaalli boca sanyii ataraa itti raawwatu ture. Kunis atara

dhugaan wal horuu danda’an kan gubbaan sanyii isaanii mucucaataa

ta’e warra kottaa’aa waliin diqaalessuudhaan poolineessuu

nam-tolchee raawwate. Hundi sanyii asirraa uumamanii gubbaan

isaanii mucucaataa ta’ee argame. Sanyiiwwan kunis dhaloota duraa (F1)

uumaman jedhamuun mogaasaman. Hundi isaanii fenootaayippii

warra tokkoo qofa mul’isan.

Itti aansee, dhaloota duraa (F1) kana:

Guddisee

Akka ofiin of-poolaneessan gochuudhaan

Sanyiiwwan uumaman guuree ilaale.

Sanyiiwwan kanas dhaloota lammaffaa (F2) jedhee moggaase.

Isaanis makaa sanyii gola mucucaataa fi kottaa’aa ta’anii argamani

i.e ¾ isaanii mucucaataa = fenootaayippii doominaantii , ¼ isaanii

immoo kottaa’aa=feno. dhokate

61

Fkn: P1 sanyii mucucaataa X sanyii kottaa’aa

F1: Martinuu sanyii mucucaataa

Wal-horsiisuu F1:F1XF1

F2…………. 5474 sanyii mucucaataa 1850 S.kottaa’aa

reeshiyoo ……3:1 argate.

Mandal yaaliiwwan diqaalessuu jahaan hafan keessattis bu’aa dhuma

wal-fakkaataa argate.

Barattoota! Mee amma immoo kitaaba wabii dubbisuu dhaan bakka

duwwaa gabatee armaan gadii guutuu dhaaf yaala.

Lakk. Gosa amalootaa Diqalessuu Firii F1 Firii F2 Reesho

1 Dheerina jirmaa Dheeraa X

gabaabaa

Hunduu

dheeraa

787-dheeraa

277-gabaabaa

2.84:1

2 Halluu sanyi Keelloo X

Magariisa

-- 6022 keelloo

2001-Magarisa

--

3 -- Hunduu

Mucucaataa

-- 2.96:1

4 -- Baxxee X

kottoonf ataa

-- 881 baxxee

299 kottoonfata

--

5 Halluu firii qola

ataraa

-- -- -- 2.82:1

6 Bakka daraaraan

argamu

Aksisii x

Fiixee

651-aksisii

207-Fiixee

3.14:1

7 -- Parpilii x adii Hunduu

parpilii

-- 3.01:1

Gabatee 3-1: Gabatee amaloota ataraa Mandaliin diqaaleffaman

agarsiisu.

Gudunfaa Diqaalessuu tokkee Mandal

Tiwooriin wal makuu fudhatama akka hin qabne kunis dhaalli

sanyii adeemsa beekamaa kan mul’atina ala orgaanizimoota

62

keessatti of mul’isuu ykn hin mul’isne warra irraa gara

dhalattootaatti darbuu akka ta’e nu hubachiisa.

Dhaalli amaloota qo’atamanii faaktaroota beekamoo addaan bahuu

danda’aniin to’atama.

Amalli dhaloota F1 keessatti hin mul’ane dhaloota F2 keessatti

deebi’anii mull’atu.

Shaakala: Hiika jechoota armaan gadii barreessuudhaan daree

keessaniif gabaasa godha.

Homoozaagasii

Heteroozaagasii

Doominaantii

Reesesiivii

Fenoo taayippii

Jenootaayippii

Alilii

3.3.3 Seera 1ffaa Mandal:

Tumaataalee Addaan ba’insaa.

Orgaanizimootni amala tokkoof aliloota lama qaban yeroo hojjetamina

gaametii addaan ba’uudhaan gaametootaan fudhatamu.

Diqaalessanii Qorachuu/test cross/- Diqaalessanii qorachuun

diqaalessuu orgaanizimoota fenootaayippii doominaantii garuu

jenootaayippii hin beekamne qaban fi amaloota homozaagiyas resesiivii

giddutti geggeeffamu dha.

Fkn: Mucucaataa jenootaayippii X Kottaa’aa (amala resesivii)

Hin beekamne

1/ yammuu dhalattootni ½ n mucucaataa, ½ n immoo kottaa’aa

ta’an, jenootaayippiin hin beekamne hetiroozaagiyasii

mucucaataa (Ss) ta’a.

2/ Yammuu dhalattootni martinuu mucucaataa ta’an, Jenootaayippiin

hin beekamne homozaagiyasii mucucaataa (SS) ta’a.

63

3.3.3.1 Pinteeti isquweerii(Punnett square) fayyadamuun

Fkn : Baaqelaa keessatti dheerinni (T) gabaabbina (t) irratti

doominaantii yoo ta’e Fenootaayippii = Dheeraa x Gabaabaa

Warra (Parents)

Genootaayippii = TT x tt

Female gamete Male gamete

T T

T Tt Tt

T Tt Tt

Genootaayippi = hundi Tt (All Tt)

Fenootaayippii = hundi dheeraa (All tall)

3.3.4 Yaalii 2ffaa: Diqaalessuu Lamee

Diqaalessuu lamee jechuun diqaalessuu amaloota cimdiiwwan garaa

garaa dha. Fakkeenyaaf bocaa fi halluu.

P1 ……..Mucucaataa, keelloo X kottaa’aa, Magariisa

(Lamaamuu doominaantii SSYY) (Lamaanuu resesivii ssyy)

F1 …. Martinuu Mucucaataa kelloo (SsYy X SsYy)

F1…….. Yoo walhoran …… … …F1XF1 (SsYy X SsYy )

F2……315Muc. 108 Muc. 101 keelloo kotta’aa 32 kotta’aa magari

Keelloo magariisa

Reeshoo …9: 3: 3: 1:

Shaakala: Fkn armaan olitti ibsame kana gabatee Peennuutii

isquweerii fayyadamuun hojjedhu?

Gudunfaa Diqaalessuu lamee

- Amalootni cimdiiwwan garaa garaa adda addaa malee

wajjin dhaalamuu akka hin dandeenye.

64

- F1 martinuu Mucucaataa keelloo ta’uun isaanii

1. Mucucaataan kottaa’aadhaaf

2. Keelloon magariisaa dhaaf doominaantii akka ta’e

agarsiisa.

- Biqilootni F1 gosa qaametii afur, SY, Sy,sY,sy, qabu.

Gocha : Barattoota! Gabatee armaan gadii guutuudhaan reeshoo

dhalattoota 2ffaa kan itti aananii barraa’an mirkaneeffadha.

“S” n alilii Mucucaatummaa

“Y” n alilii keelloo

X SY Sy sY sy

SY

Sy

sY

sy

Dhalattootni lammaaffaa

9- Mucucaataa Keelloo

3- Kottaa’aa Keelloo

3- Mucucaataa Magariisa

1-Kottaa’aa Magariisa

3.3.5 Seera 2ffaa Mandal:- Seera addaan sigigaachuu

Gocha: Seera lammaaffaan Mandal maal agarsiisaa? Gareen irratti

marii’adha.

Akka seera 2ffaa Mandalitti addaan ba’uun alilii cimdii tokkoo

addaan ba’insa alilii cimdii biraa irratti hin hundaa’u.

65

Hojii Piroojektii

1. Diqaalessuu sadeen (trihybrid cross) maal akka ta’e akkaataa gaaffii

diqaalessuu tokkee fi isaa olii itti dalagan, akkaata lakk. gaametootaa

itti barbaadamu irratti kitaaba wabii dubbisuu dhaan yaada gudunfaa

dareef gabaasi.

2. Atara keessatti dheerinni (T) gabaabbina (t) irratti, halluun

Magariisni gola sanyii hinbilchaannee (G) keelloo(g) irratti amala

doominaatummaa qaba. Kana irratti hundaa’uudhaan gosoota

gaametii fi dhalattoota diqaalessuu armaan gadii keessaa bahuu

danda’an tarreessi.

a/ TtGg X TtGg b/ TtGgX TTGg C/ TtGg X Ttgg

3.4 Kiroomosomootaa fi Jiinota

Yuunitiin dhaala sanyii dhaloota irraa dhalootatti daddarbu jiinii

jedhama. Jiiniin tokko immoo bifa (form) lama qaba. Bifti filannoo

jiinotaa kun aliloota jedhama. Jiinonni Molekulii dheeraa, DNA

keessatti kan argaman yammuu ta’u DNAn pirootinnii wajjin caasaa

kiroomoosomii niwukilasii keessatti argamu uumu. Kiroomosomoonni

kun jiinota hedduu ofirra qabu. Kanaafuu, mee waa’ee

kiroomosomootaa qabxii tokko tokkoo haa ilaallu.

3.4.1 Kiroomosomoota:

Kiroomosomoonni baattuu dhaala sanyii ti. Hirmana seelii keessatti

iddoo guddaa kan qabu kiroomosomoota waan ta’eef caasaa isaanii

beekuun barbaachisa dha. DNAn Maatiriksii pirootinootaa wajjin

caasaa kiroomosomsii uumu. Kunis orgaanizimoota seel-baayyee

keessatti caasaa dalga diriire yammuu ta’u orgaanizimoota seel

qeenxee keessatti immoo DNA maramaa ykn geengoo qabatee argama.

Kiroomosomoonni egaa bifa diriiraa ykn wal-seenaa ta’een argamuu

kan danda’an yoo ta’u isaanis

66

Cimdii ta’anii argamu.

Lakkoofsi isaanii orgaanizimoota sanyii tokkoo keessatti

dhaabbataa dha.

Nama keessatti cimdiin 22 kiroomosomoota awutoosoomii

yammuu jedhaman isaanis dhiiraa fi dhalaa keessatti

wal-fakkaatu.

Cimdiin tokko kiroomosomii saalaa jedhama. Kun ammo

garaagarummaa qabu (homologosii walfakkaatan miti)

Bineeldota keessatti lakkoofsi daayipilooyidii (2n)

kiroomosomootaa. amala qaamaa (somatic body) yoo ta’an

lakkoofsi haapilooyidii (n) amala seelota saalaa ti.

o Nama keessatti 2n = 46

o Saree keessatti 2n = 39

o Qullubbii “ 2n = 16

Walumaagalatti kiroomosomoonni caasaa baay’ee qallaa dheeraa

pirootinoota garagaraa wajjin wal-makee yeroo seeliin hiramuu jalqabu

mul’achuu eegaludha.

3.5 Hirmama Seelii

Hirmamni Seelii jireenya lubbu qabeeyyiitiif barbaachisaadha.

Hirmamni seelii guddina qaamaa ijaarsa qaamaa fi qaama miidhame

bakka buusuu, wal-hormaataa fi baay’ina seelotaatiif barbaachisaa

dha. Seelonni baay’acruudhaaf hirmama gaggeessu. Seeliin tokko 2 ti

4 ti 8 ti fi kkf tti baay’achaa adeema.

Akkaata amala kiroomosomootaa irratti hundaa’uudhaan gosoota

hirmama seelii lamatu jira. Maayitoosiisii fi meyoosisii jedhamu.

Hirmama seelii keessatti wanti hirmamuudhaaf deemu kiroomoosomsii

waan ta’eef kiroomoosomsiin iddoo guddaa kan qabatedha. Gochaaleen

wal-hormaata hundaa seeliin tokko yeroo umrii isaa raawwatu marsaa

seelii jedhama.

67

Marsaa seelii

Marsaan seelii bu’uura Marsaa jireenya seeliin martinuu keessa

darbudha. Kunis sad.miti hirmamaa fi hirmamuu seelii walduraa

booda dhufu haammata.

3.5.1 Sadarkaa Miti Hirmamaa

Interfeezii Feeziin kun sad. Dhuma marsa tokkoo fi jalqaba Marsa isa

biraa gidduu jiru dha. Sadarkaan Kun

- Baay’ee turaa /lag-phase/

- Kan seeliin yeroo hirmama isaa irra caalaa itti dabarsu

- Iddoo wantootni hirmamaaf barbaachisan martinuu baay’atani fi

qophaa’anidha.

- Bakka itti DNAn fakkaataa isaa uumu.

- Feezii orgaaneloonni haarawaan itti uumaman yeroo tokko tokkoo

dogoggoraan sadarkaan kun sadarkaa mugaa / resting stage/

jedhamullee hojiiwwan armaan olii waan raawwatuuf si’ataadha.

Mugaa kan jedhamuuf seeliin yeroo kana adeemsa miti hirmamaa

keessa akka jiru qofa agarsiisuudhaafi. Interfeeziinfeezii sadii qaba.

Gaappii duraa (G.1): qophii DNA duraa sadarkaa kana irratti seelonni

hammaan waan gudataniif sadarkaa guddinaa jedhamees niwaamama.

Kiroomosomsiin diriiraa waan ta’eef RNA oomishuudhaaf akka

teempileetiitti gargaara. Daldaalli seelii G.1 keessatti raawwatu

adeemsa tiraansikiriipshinii kiroomosomsiiti.

Sadarkaa Qophaa’inaa (S-feezii) sadarkaa kana keessatti immoo

kiroomosomiin diriiree argamu RNA Oomishuuf osoo hin taane

68

wal-hormaata raawwata. Tokkoon kiroomosomsii kiroomaatidii lama

seentiroomeriidhaan walitti hidhame qabu.

Gaappii Lammaffaa (G2): sad. Qophaa’ina DNA booda sadarkaan kun

immoo yeroo qabiyyeewwan saayitoopilaazimii seelii itti qophaa’anidha.

Dhuma irratti kiroomosomotni wal-seenuudhaaf of qopheessu.

3.5.2 Sadarkaa Hirmamaa Seelota

Seelota Iyukaariyootaa keessatti sadarkaan hirmaamaa kun adeemsa

hirmama lamaan amaleeffama. Isaanis kaariyookaayinesisii fi saayitoo

kaayinesisii dha.

Saayitookaayinesisiin hirmama saayitoopilaazimii yammuu ta’u

kaariyoo kaayinesisiin immoo hirmama niwukilaarii ta’ee gosa

hirmama seelii beekamoo lama maayitoosisii fi meeyoosisiidhaan

raawwata .

Gocha!

Barattoota! Waa’ee saayitookaayineesiyi fi kaariyookaayinesisii

kitaaba wabii dubbisuudhaan ibsa gahaa kenni

3.5.2.1 Maayitoosisii

Maayitoosisiin adeemsa hirmama seelii ilmoolee seelii lama kan walii fi

warra isaanii fakkaatan oomishudha. Adeemsa kana keessatti seeliin

ilmoo seelii warraa wajjin lakkoofsa kiroomsomootaa haalaan wal

fakkaatan qabu.

N __________ N

2N __________ 2N

46____________ 46

Gosti hirmama seeli kun yeroo guddina orgaanizimoota fi

wal-Hormaata al-saalessaa kan geggeeffamu dha. Sadarkaa

Maayitoosisii hirmama seelii kana bakka afuritti qooduun ni

69

danda’ama. Kunis piroofeezii, meetaafeezii , anaafeezii fi

teeloofeeziidha.

A. Piroofeezii

Saadrkaan piroofeesii maaliin amaleeffama?

Maayitoosisii keessatti sadarkaa jalqabaa fi isa dheeraadha.

Gochaaleen kan sadarkaale biraa irraa addaan baasuu :

- Kiroomaatiniin wal-horee (duplicated) wal-seenuudhaan kana jechuun

furdachuu fi gabaabachuudhaan kiroomosomsii akka qaama addaatti

mul’atu uumuu jalqaba. Wantootni kiroomaatinii wal-seenan

kiroomaatidii cimdiiwwan obbooleeyyii wal-fakkaatan iddoo

seentiromerii irratti Walitti hidhamaa ta’anii mulatu.

- Seemtiriyooliin kofa sirrii uumuudhan dhuma (maddii) seelii irraatti

argaman gara dhuumaa/fallaa/seeliittii socho’uu.

- Ispindiiliin hojjetamu jalqba

- Membireenii niyuukilaarii caccabuu jalqaba.

- Niyuukiloolaayiin dhuma sadarkaa kanattii ni bulbuulama.

Fakkii: sadarkaa Piroofeesii

B. Meetaafeezii

Sadarkaa meetaafeeziitti gochaalee gurguddoo raawwataman keessaa

membireeniin niyuukilarii guuttummatti caccaba.

70

Kaayinetokooreen maayikirootubiliin seentiromeeri kiroomsomsii gara

wa; akkaa ispindiilittii harkisa: Kiromosomsiin gara gidduu seeliitti

socho’udhaan gidduu ispindilii irraa of tessisu. Iddoo isaan ispindiilii

irraa taa’an Kun pileetiimeetaafeezii ykn Iwuketeeri jedhamee beekama.

Tokko tokkoon obbooleeyyan kiroomatiidii kiroomsomsoota iddoo

seentiromeeriitttii xiqqoo adda siquudhaan gara alaa poolii seelii

deemudhaaf of-qopeessuu, gochaaleen kun dhuma sadarkaa kana

agarsiisa.

Fakkii: sadarkaa Meetaafeesii

C. Anaafeezii

? Anaafeeziin maayitoososii maaliin amaleeffama?

Sadarkaa kana keessatti

- Seentiromeeriin ni cita, maayikirootubiliin immoo

kaayinotokoorii dhuma irrattii diippooliimeeraayizii ta’u jalqabu.

Tokko tokkoon obbolleeyyii kiroomaatiidii kiromosomsii

seentirimeerii irratti wal-irraa cituudhaan gara faallaa poolii

seelittii socho’u. Kiromaatidiin kun kiromosoomsii jedhamu.

Yemmuu kiromosomii dhuma poolii lamaan seelii ga’e,

sadarkaan kun ni raawwata.

71

Fakkii: sadarkaa Anaafeesii

D.Teloofeezii

Sadarkaan kun kan calqabu yammuu kiroomosomsiin adda citee poolii

seelii ga'udha.Asitti faallaan gochaalee adeemsa piroofeezii baay'een

isaanii ni raawwatu.Adeemsi saayitookaayinasisii itti aanuudhaan ni

calqaba.

Fakkii: sadarkaa Teloofeesii

3.5.2.2 Meeyoosisii

Meeyosiisiin maali? Maaliin amaleeffama? Orgaanizimootni saalaan wal

horan, fertilaayizeeshiinii fi meeyoosiisiidhaan amaleeffaman. Adeemsii

lamaanuu marsaa jireenyaa isaanii keessatti iddoo ta’e tokkootti

jiraachuu qabu.

Fertilaayizeeshiiniin walmakuu hanqaaquu fi sanyii kormaa, jechuun

gaametoota haapiloodii wal-qunnamuudhaan, zaayigootii

daayipilooyidii umudhaaniidha. Adeemsa hirmama maayitoosisiitiin

zaayigootiin gara micireettii, micireen immoo gara ga’eesaatti

guddachaa deema. Walitti dhufeenyii gaameetoota lakkofsa

kiromosomoota zaayigootii umaamu keessatti waan ciimdeessuuf

(doubles) marsa jireenya iddoo ta’e tokko keessattii adeemsii deebi’ee

walakkaatti isaan kutu qabachuun barbaachisaa dha. Adeemsi kun

immoo meeyoosiisiidha.

72

? Adeemsa meeyoosii keessatti seeloota jarreen kamtu omishamaa?

eessatti raawwatama?

Meeyoosiisiin jeermii ykn seeloota saalaa gaggeeffamuu fi lakkoofsi

kiromosomoota walakkadhaan hir’isuudhaan amaleeffama. Seelootni

ilmoo walakkaa lakkoofsa walii gala kiromosomotaa seelii warra keessa

jiruu qabatantu omishamuu.

Fakkeenya

Seelootnii ilmoo meeyootikii haapilooyidii bu’a (firii) warraa

daayipilooyiditti

2N ____ N qofa

46 _____ 23

Uumamni daayiplooyidii immoo kan deebi’uu fertilaayizeeshiniidhaan.

Sadarkaan hirmama meeyoosisii baayyee wal-xaxaa fi faayidaa adda

kan qabuudha. Wal makuun (recombination) odeeffannoo dhaala sanyi

orgaaniziimii adda addaa lama gidduutti raawwatuu akka hirmani kun

baayee bu’a qabeessaa fi barbaachiisa ta’ee mirkaneessa. Mallii baayee

beekamaan dhaallii sanyii ittiin wal-maku yemmuu feertilaayizeeshinii

warrootni lamaan kiromosomoota walitti gummachuudhaan (donation)

dhalattootaaf wal-makaa odeeffannoo jeenetiksii kennuudhaani dha.

Gabaabumatti adeemsi meeyoosisii fi feertilaayizeeshinii lamaanuu

amaloota orgaanizimoota saalaan wal-horaani yemmu ta’an akka

wal-duraa boodatti lakkofsa kiromosomsii walakkeessu fi

cimdeesuudhaaf gargaaru.

Gaaffii

Meeyoosisiin maal akka ta’ee fi barbaachisummaa lakkoofsa

kiromosomsii walakkadhan hir’suun maal akka ta’ee gareen irratti

mariyadhaatii dareef gabaasa godhaa?

Meeyoosisiin hirmama niyuukilaarii wal-irraa hin cinnee lama

meeyoosisii I fi Meeyoosisii II jedhaman qaba.

73

1. Meeyoosisii (MeI)

? Kaayyoon meeyoosisii I maalidha?

Hirmamni meeyootikii duraa adeemsa amalootnii addaa fi walxaxaa

hundii keessatti mul’atudha. Yemmuu hirmama kanaa, Lakkoofsii

kiromosomota haala daayipilooyidii irraa haapilooyidiitti waan hir’atuf

hirmama hir’isa (reduction) jedhame beekama. Akkuma maayitoosisii,

ibsuuf hirmaamni meeyoosisiis sadaarkaa afuriin raawwatama.

A. Piroofeesii I

? Wal-fakkeenyaa fi garagarumma piroofeezii maayitoosii fi

meeyoosisii maal? Sadarka meeyootikii (I) adeemsa wal-xaxa fi

addaa meeyoosisii fi maayitoosisii addaan baasaan ittii

raawwaatanidha. Kara baayyeedhaan piroofeezii maayitoosisii

wajjiin wal-fakkeenya haa qabaataan illee garagaarummaa bu’uraa

armaan gadii qabu.

- Kiromosoomotni hoomologoosii cimdaa’uu dhaan baayivaaleentii

kiroomatidoota afur qabu uumu.

- Sinaapsisiin (saayinapsii) ni raawwata-kiromosoomotnii pirootinoota

“syneptonemal complex “ jehamuun walittii qabatu.

- Wal-qaxxamurun kiroomatidii ni raawata (Crossing over)

Adeemsa ciituu fi walitti deebi’u fiizikaalaa kiromaatidoota miti

obbolleeyyii kiromosomsii irraa wal-jijjiirra wantoota jeenetiksii

gaggeessuuf hojjeetamu dha.

Yemmu wal-qaxamura kiroomatidii kan wal-jijjiirran dhaala sanyii

(Genetiic change) baayee barbaachiisaa ta’ee ittii raawaatuu dha.

Akkaamitti?

- Kiyaasmata ni hojjeetama.

74

- Pirootinootnii “Syneptonemal complex” Wal-gadhiisuudhaan

kiromosomotnii wal irraa deemu jalqabu (baayivaaleentiin wal dhiibuu

jalqaba). Haata’u malee iddoo kiyaasmata irratti kiromosoomotnii

walitti hidhama ta’anii turu.

Fakkii: sadarkaa Piroofeesii I

B.Meetaafeesii I

? Meetaafeesii I maaliin amaleeffama? Meetaafeesiin adeemsa Me-I

keessatti yemmuu baayivaleentiin ykn kiromosomootni homologoosiin

ciimda’an walakkaa ispindilii qabatanuu dha. Kiromosomootni

homologoosii akka taasaa gara gidduu seeliitti sochauudhaan

walakkaa ispindilii irraa of taassisan. Wayitii kana baayivaaleentiin

ispindilii irratti kan qabatu seentiiromeerii isaanii gargaaramudhaan.

Erga ispindillii irratti qabatani, oggasuma harkootnii (arms)

kiroomaatidootaa gara keessa seelii seentiromeriin isaanii immoo gara

poolii seelitii jallata.

75

Fakkii: sadarkaa Meetaafeesii I

C.Anaafeesii I

Sadarka adda ba’uu (cituu) kiromosoomota hoomologoosii (tokkoon

kiromaatidi cimdii irraa hojjeetame) fi sochii isaan gara poolii faallaatti

godhaniin amaleeffamuudha. Addaan ba’iinsii kiromosoomota

hoomologoosii kun immoo lakkofsa kiromosoomota daayipilooyidii (2n)

irraa gara haapilooyidiitti (n) akka hir’atu godha.

Fakkii: sadarkaa Anaafeesii I

D. Teeloofeesii I

Sadarkaan kun kan jalqabu yeroo kamii? Maaliin amaleeffamu?

Teeloofeesii I kan jalqabu yemmu hoomologoosiin kiromosomii adda

ba’ee (cite) ( kan kiromaatidii mitii obboleeyyii qaban) poolii seelii ykn

maddii seelii gahee dha. Gochaaleen asitti gaggeeffaman faallaa

piroofeesii maayitoosisii fi meeyoosisiiti.

Fkn. Ispindiliin ni caccaba, (bada), membireeniin Niyuukilaarii ni

hojjeetama. Niyuukilaarii ni deebii’a.

76

Dhuma irratti saayitookaayineesiin (furrow cleavage) uumudhaan

seeliin akka bakka lamattii adda ba’u godha. Kana irraan

niyuukilaariin seeloota laman umamanii sadarka cee’umsa

Interkaayinesisii jedhamu galu.

Fakkii: sadarkaa Teloofeesii I

2. Meeyoosii II

? Kaayyoon Me-II maal isinitti fakkaataa?

Meeyoosiisi II hirmama maayitoosisii wajjiin kan wal-fakkaatudha.

Addaan ba’insii kiromosoomota hoomologoosii duraan hirmama

Meeyoosiisi I tiin waan gaggeeffameef, kaayyoon Me-II kiromatiidoota

addaa basuudhaa fi seeloota ilmoo lama tokkon tokkoon firii (bu’aa)

Meeyoosiisi –I irraa omishuudha.

Wanti- Me-II adda godhu, seelootnii omishaman qulqullinaan

(qualitatively) walakkaa (½) Wantoota jeenetiksii seelii duraa

qabachuudhaanii. Akkuma maayitoosii fi meeyoosisii- I, hirmamnii

kun adeemsa wal irra hin cinne fi wali-irra bu’uun (over lapping) kan

raawaatamudha. Isaaniis:- piroofeesii-II Mettaafeesii II, Anaafeesii- II fi

teeloofeesii – II dha.

Gaaffilee of-madaaluu

1. Genetiksii jechuun maal jechuudha?

77

2. Mandal Sababoota maaliif atara filate sitti fakkaata?

3. Kiroomoosomiin maalirraa akka uumamu ibsi.

4. R= Aleelii saynii Diimaa r= Aleelii sanyii gurraachaa yoo ta’e

Punnett square fayyadamuun Fenootaayippii fi Genootaayippii

A. F1 generation (dhalattoota jalqabaa)

B. F2 generation (dhalattoota lammaffaa) fi reeshoo genootaayippii

dalattoota lammaffaa barbaadi?

5. Wal-fakkeenyaa fi garagarumma piroofeezii maayitoosii fi

meeyoosisii maal?

6. Atara keessatti dheerinni (T) gabaabbina (t) irratti, halluun Diimaan

qola sanyii hinbilchaannee (R) Adii (r) irratti amala doominaatummaa

qaba. Kana irratti hundaa’uudhaan gosoota gaametii fi dhalattoota

diqaalessuu armaan gadii keessaa bahuu danda’an tarreessi.

1/ TtRr X TtRr

2/ TtRrX TTRr

3/ TtRr X Ttrr

7. Homoozaayigootii kan ta’e kami? A. AA B. aa C.Aa D. Hunda E. A fi B

8. Heetiroozaayigoosii kan ta’e kami? A. TT B.Tt C. AA D.tt E. B fi D

78

BOQONNAA AFUR - JIJJIIRAMA SUUTA SUUTA (IVOLUUSHINII)

Seensa

Lubbu-qabeeyyiin hundi yeroo ta’e tokkotti sanyiwwan lubbu-qabeeyyii

garaagaraa irraa adeemsa jijjiirama suuta suutaan dhufani. Involuushiniin

jijjiirama suuta suutaa wal-irraa hin cinnee lubbu-qabeeyyiin gaggeesani dha.

Lubbuu qabeeyyii keessatti uumamni bifa salphaa irraa gara wal-xaxaatti,

Orgaanizimoota seel-qeenxee baakteeriyaa irraa gara organizimoota sadarkaa olii

jiraniitti adeemsa jiijjiirama suuta suuta keessaa akka darban ni amanama.

Kunis sadarkaa keemikaalaatti, Orgaanizimitti fi hawwaasaatti ta’u ni danda’a.

Kaayyoo Boqoonichaa

Xumura boqonnaa kanatti leenjifamtoonni:

Tiwoorii uumamaa lubbuu ni ibsu

.Ragaalee jijjiirama suuta suutaa ni tarreessu

Adeemsa jijjiirama suuta suuta ni ibsu

4.1. Tiworii Involuushinii

4.1.1. Tiwoorii Ivoluushiini Daariwiniin dura (Laamarkii fi Amaloota

Argannaa)

Daarwiniin dura falaasamotnii fi beektonni seenaa uumamaa waa’ee

jijjiirama lubbuu bifa salphaa irraa gara walxaxaatti akka ta’e yaada

kennaa turaniiru

Gaaffii

Falaasamootni/saayintistoonni Daarwiniin dura fi daarwinii booda, fi

saayintistoota bara isaa kitaaba wabii dubbisuudhaan waa’ee ivoluushiin

ilaalchisee yaada qabdan dareef dhiyyeessaa.

79

Chevilar di-Laamaarkiin muziiyamii seenaa uumamaa, paaris, Faransaay

keessatti proofeesara kan turaniidha. Bara 1809 A.L.A kitaaba tiwoorota

armaan gadii irrati maxxansani.

Tiwoorii Fedhii (Theory of Need)

Akka tiwoorii kanaatti biqiltoonni caasaa haaraawaa qaama bineensa

irratti kan inni dhufu sababa fedhii bineensa sana irraan kan ka’edha.

Tiwoorii fayyadamuu fi al-fayyadamuu qaama

Guddinni qaamootaa fi dandeetti dalagaa isaanii faayidaa isaani wajjiin

hariiroo kallattii qaba. Karaa biraatiin al-fayyadama qaamoota,

suutasuutaan faayidaa dhabuu yookaan badinsa qaama sanaa qaqabsiisa.

Fakkeenyaaf akka amantaa lamaarkittii mool-raatonni (molrats) kan

jedhaman yeroo isaanii baayiinaan dukkana keessatti yookaan uraa lafa

jala keessatti wanta dabarsaniif.

Tiwoori dhaala Amaloota Argannaa

Jijjiirama umurii (bara jireenya) orgaaniizimoota hundi kara adeemsa

wal-hormaata gara dhala isaaniitti dabarsu. Yaada akkanaa burqisisaa kan turan,

filoosofarootaa fi beektoota seenaa uumama kan akka Aristotillii fi Buffoni turani.

Akka tiwoorii kanaatti Laamaarka kan jedhu saatawwaan mil-dheeroo fi

mormadheeroo firii dhaloota miila gabaabo fi morma gababoo turan saatawwaan

kuniin morma, miila dheeroo kan argatan baala mukoota dheedheeroo soorataa

akkuma dhufaniinii. Kan jechuun tokkoon tokkoo dhaloota mormaa fi miila

xiqqoo dheera kan argatee warra isaanii irrani. Kunisi adeemsa keessa

saatawwaa miila dheeroo fi morma dheero amma jiran

argamsiisa.

80

Fakkii.4.1. Tiwoorii Lamaarkii dhaala amaala argannaa saatawwaa

Yeroo amma tiwoorii Laamaarkii fudhatama hin qabuu.Yaada kana fudhatamaa

dhabsiise keessa nama Aguusti Weesmaan kan jedhamuun yemuu ta’u inniis

yaalii hantuutoota eegee isaanii irraa deedeebiyee kutuudhaan, dhaloota 22

irratti gaggeeffameen ilmooleen hundinuu eegee kan qabaan ta’ee argame.

Gocha .

Tiwooriin Laamarkii maaliif yeroo amma fudhattama dhabee? Fakkeenya

adda addaa fudhachuudhaan mee gareen irratti mari’adha.

81

4.1.2. Charlees Dariwiinii fi Filannoo Uumama

Chaarlas Daarwin naachuraalistii fi filoosofarii beekama jaarraa 19ffaa jedhu

irratti namoonni baayyeen irratti waliigalu. Bara ijoollummaa isaa Daariwiin

uumamaaf ilaalcha guddaa qaba ture. Bara 1831 A.L.A umurii 22, doonii HMS

Begaalee Worannaaf gara Galaana Naggaatti yemmuudeemtu akka

naachuraalistii ta’e deemu affeerame. Dooniin kun waggoota shaniif, kaartaa

kaasuu fi sanyii biqilootaa fi bineensota Ameerikaa Kibbaa fi edo’oota kibba

keessatti argamaan sassaabuf ergamte turte.

Gaheen Daarwiin donii kana keessatti qabu daawwannaa diirree gochuu fi sanyii

biqilootaa fi bineesooti walitti qabu ture. Bu’uurri yaadni Daariwinii yaada

Chaarlas Lalayalii fi Tomaas Maltusii irratti kan hundaa’e ture.Akka amantaa

Laayaalitti kattaan lafa kanaa uumurii dheeraa qabaniin kan uumamaniis

jijjiirama ji’oolojikaalawaa, suutaa fi dheeraa wal irra hin cineen. Yaada laayaalii

kana bu’ura godhachuudhaan, Daariwin lubbuu qabeeyyiin dachee (lafa) kana

irratti jiraatan jijjiirama suuta suutaa fi dheera wal-irra hin cinne keessa darbuu

qaban jedha. Daariwiin qoranno isaa irra eega deebi’ee booda barreeffama

maaltusinis, pooppuleeshinii irratti barreesee dubbise. Akka amantaa Maaltusitti,

uummanii (population) oomiisha nyaata caala daddafee guddata. Kan jechuun

uummanii kan dabalu haala ji’oomeetrikaawa yoo ta’u oomishiini nyaataa kan

dabalu haala artimeetikaawa akka ta’e mirkaneessee ture. Kanaafuu,uummanii

qabeenyaawan bu’uraa kan akka nyaata, bishaan, bakka jireenyaan yoo hin

to’aatamne dabaluu itti hin fufu.

Daawwannoo Daarwiin

Daariwiin yaada dimshashaa inni kennee wantoota bu’uura ta’an

daawachuudhaan kan hubannoo argateedha. Innis akka armaan gadiitti ibsamu.

82

A. Fakkaanditi (Oveer Production)

Lakkoofsi ilmooleen sanyiwwaaniin uumamaani heddumiinaan jarreen kan

jiraatanii fi wal-horu akkasumas dandeetti wal-hormata kan gahaan irra

caalaadha, Jechi kun yemmuu ibsamuu orgaaniizimoonni uumamaan dandeeti

wal-horuu guddaa qabu. Fakkeenyaaf gaametootni dhalaatiin omishamani

hunduu otoo gaameetoota dhiiraa waliin farilaayizdi ta’anii, isaan hundinuu otoo

guddatanii lafti ji’ota muraasa keessatti ni dhiphata ture. Hata’uu malee kun ta’u

hin dandeenyee. Dariwiin kan irra ka’udhaan jiraachuuf wal dorgoomiin

sanyiiwaan jidduu akka jiru hubaachuu dandaheera.

B. Jiraachuuf Dorgommii Taasisuu

Uummanii hundiinuu baay’inniisa kan murtaawu ta’iiwwaan naannoo adda

addan kan akka argachuu nyaata, iddoo jiraatan, fi ifa aduu kan kana

fakkaataniindha. Hanqiinniiwwan maddeewwan armaan oli gara dorgoomii

hamma ta’eetti ni geessisa. Dorgoomiin kunis kan raawwatuu sanyiiwwan

walfakkaatuu fi sanyiiwwan adda addaa jidduutti raawwatama. Sababoota

dorgommii adda addaa jiraachuuf godhameen kan ka’ee jarreewwan warra

naannoo haaraatti baran qofatu jiraachuu dandaahuu kan haafaan immoo ni

du’u. Jeechii kunis akka piriinsipiilitti qabsoo jireenyaa jedhama. Walumagalaatti

uumaatni hanga naannoon deggartu hammaan dabaluu ni dandahaa sana ta’u

yoo baate garuu dabaluu hin dandahuu. Kunis madaallii uummata akka eegsisu

ni godha.

C. Addaa Addummaa

Orgaanizimooni sanyi tokko wal hin fakkatani: amaloota gara garaa agaarsiisuu,

garagaarummaan kun jijjiirama agarsiisaa, adda addummaan kun gara

ivoluushiini ti kan ceesiisudha.

83

Gocha .

Daarwiin daawwannoo isaa keessatti maal maal akka ilaale kitaaba wabi

dubbisuudhaan daree keessatti dhiheessaa.

Daarwiin dawwaanno isaa irraa ka’udhaan yaadaa isaa akka armaan gadiitti ibsu

yaale.

I. Dorgoommiin wal irraa hincinne orgaaniziimoota gidduu, qabeenya

naannootiif taasifamu, qabsoo jireenyaa uumaa: kun immoo

orgaaniiziimoonni muraasni akka jiraachuu fi wal horuu hin

dandeenye godha.

II. Sababa orgaanizimoonni hundi adda addumma agarsiisan gosoonni

muraasni warri amaloota garii argatan gosoota hafan caalaa caraa

filatamuu fi wal-horuu argachuu ni-danda’u. Kanaafuu,

orgaanizimoonni carraa filatamuu argatan, dhaloota dhufuttis ni

abboomu.

Gocha

Mana kitaabaa deemuudhaan kitaaba wabii dubbisuudhaan,

1. Fakaandiitii

2. Jiraachuuf dorgomuu

3. Addaaddummaa irrtti erga mar’atanii booda daree keessatti marii

taasisaa.

4. Garaagarumaa fi wal fakkatiinsa laamaarkii fi Daarwiin tiwoorii

uumamaa sanyii irratti qaban ibsi.

4.1.3. Niiyoo- Daariwiniiziimii

Daariwiinii erga maxxansaa waa’ee tiwoorii filannoo uumamaa adeemsisee booda

qorannoo hedduutu gaggeeffamee, bu’aan qorannoo kanaas tiwoorii darwiin kan

foyyeessuu ta’e argame. Yaada Dariwiin warra gabbiisaan keessaa saayintistoota

kan akka Mediil fi waayisanii. Hunduma keessa Mendiil, tiwoorii Dariwiin akka ol

84

guddatuu kan taasiiseedha. Kun immoo salphuumatti yemmuu ibsamuu

tiwooriin filaannoon uumamaa amaloota dhaala sanyiitii kan jedhu dha. Yaada

rime kana raga ammayya irratti kan hundaayyee, fkn jeentiksii Mendiilii fi booda

Mendiil bayoloojii molekiyuulaara, paleentoloojii fi ikoloojidha.

Yaada rimeen ammayyaa jenetiksii kan ibsu, addaaduummaan kana dhufuu,

muteeshiin fi jeneetikii riikombaayineeshiinii adda addummaan jeneetikii

orgaanizimii tokko keessatti uumamuu qaama orgaanizimii ala keessatti ni

mul’ata. Kanafuu,Orgaanizimooni tokko tokkoo biro irra caalaa naannootti

madaquudhaan jiraachuuf wal horuu dandahuu. Yemmuu filannoo uumamaa

gaggeeffamu piroopoorshiinii addaadduma jenetikii ummataa sanyii tokko keessa

jijjiirama ni agarsi

4.2. Ragaa Ivooluushinii

Adeemsa jijjiirama suuta-suutaa jiraachuu isaaf ragaaleen mirkanneeffamu qaba.

Ivoluushiinin adeemsifamuu isaa kan mirkaneesaan, ragaalee kan akka

paaliyontooloojii, raga Anaatomii, raga dagaagina miciree ( imbiriyoloojii), raga

baayo-keemistirii fi maxxiqeessuu biqilootaa fi bineeldotaati. Jijjiiramni

suuta-suutaa kan wal irraa hin cinne lubbu-qabeeyyii hunda keessatti

adeemsifamuu ivoluushiini yemmu jedhamuu kunis ragaalee armaan olitti

xuqamaniin kan mirkaneeffameedha.Beekumsa ivoluushinii cimsuuf

saayintistoonni ragaalee beekumsa adda addaa dameewwan baayoloojii

garaagaraa irraa raga walitti fiduuf yaalii godhanii jiru.

4.2.1. Ragaa paaliyontoolojii (Qorannoo Hafte)

Foosilii jechuun haftee orgaaniizimoota kanaan dura lafa kana irra

jiraatanidha. Hafteen,qaama orgaanizimii guutuu, lafee fi impreeshini

ta’uu ni danda’a. Hafteen baay’ee kan argamu kattaa sedimantarii

keessatti suutasuutaan hafteen haaraa haftee moofaa irratti tuulamaa

85

deema. Kanaafuu baqqaanni jalaa dhiibbaa gubbaatiin cimaa deema.

Yeroo dheeraa keessatti adeemsa ji’ooloojikaawaatiin hafteen jalaa

garagalee gubbaa ta’a, hafteen haaraa jala oolu ni danda’a. Hafteewwan

akka warra giddugaleessatti argamaan jedhamani tokko tokkoo keessaa:

1. Arkiyoo piriraaksii –Caasaa giddugaleessa repitaayilootaa

fi allatoota jidduu jiru.

2. Semurriyaa-Caasaa giddugaleessa amfiibiyaanotaa fi

reptaayiloota jiddu jiru.

3. Saayinoogaantaa- haftee reptaayiloota fi hoosiftoota

wal-qabsiisuu.

Kan biro baayyee gammachiisaa ta’e haftee galmee fardaa fudhatamaa

argateedha. Waa’ee ivoluushiinii ammayyaa fardaa kan qaceen isa Ikuus

jedhamuutii. Akka amantaa jirutti farda durii qaccee Ii’ohiippiis fi farda

ammayyaa jidduu sanyiiwwan giddu galeessa hedduun akka jiraatani kan

agarsiisuu dha. Ivoluushiiniin Fardaa kan mul’isuu wal-duraa duubaan

guddinna fardaa fi dheerina harkaa fi lukaa, gabaabbachuu qeensaa, jabiina

qeensa isa sadaffaa fi guddiin ilkaani isa dhumaa (Aaroo dhadhamaq jala fi

irraa) kan agarsiisuudha.

Gocha

1. Bu’aan haftee gidduu galeessa tiwoorii ivoluushiniif qabu maalii? Akka

fakkeenyaatti Arkiyoo piriraaksi (Archaeopteryx), semuriyaa (semouria)

saayinoogaantas (cynoganthus) fudhachuudhaan yaada kana ibsuuf

yaala.

2. Ivoluushiinii farad ammayyaa (modern horses) irratti daree keessatti

mariitaasiisaa. Yeroo marii’attan caasaalee adda addaa irratti

xiyyeeffannaa gochuu hin dagatiinaa.

3. Galmeen haftee orgaanizimoota hedduu kan hin argamneef maaliif sitti

fakkaataa?

86

4.2.2. Ragaa Anaatoomii

Caasaan homoologasii maali?

Caasaalee bifaan taa’umsa qaamaan fi daggagina micireetiin wal-fakkaatinsa kan

qaban ta’anii, sanyii adda addaa keessatti faayidaan gargar kan ta’ani dha.

Faakkeenyaaf vertabireetota miila arfee: amfiibiyaanota, reepitaayiiloota,

allaattoota, hoosiftoota, akka waliigalaatti quba shan qabu. Hundin isaan haala

waligaalaan yoo walfakkaatanillee faayidaan adda: Fkn sinbirri halkanii

balaliluuf, weeliin daakuuf, namni qabachuuf, fardii fiiguuf, Xaddee boolla qotuuf

itti gargaramu.

Caasaan miil-duree (forelimbs) namaa, adduree, weelii fi kan sinbirree halkanii

baay’ee wal-fakkataa dha. Innis akka fakkii 4.2 armaan gadii irratti mul’atuudha.

Fakkii 4.2. Caasaa homoologasii miil-duree hoosiftootaa

Caasaa Anaalogasii

Anaalogasiin maali?

87

Caasaalee faayidaanii fi caasaa alaatiin walfakkaatan ta’ani, kan uumamaan wal

hin fakkaanneedha.Walitti hidhata ivolushinarii hin mul’isan.

Fakkeenya: Koochoo, allaattii fi titiisa

Gaaffii

1. Ilbisoonni adda addaa afaan caasaan wal fakkaatu qabu. Hataa’u

malee afaan isaani haala gosa nyaata sooratatiin faayidaa adda

addaa kan ta’anidha. Caasaan akkanaa kun, homoologasii moo

anaalogasii jedhamaa?

4.2.3. Ragaa Imbiriyooloojii (Dagaagina Micire)

Imbiriyooloojiin maali?

Imbiriyooloojiin saayinsii waa’ee dagaagina miciree qoratuu dha. Dhuma bara

1800 saayintistoon akka micireen bineeldoota jalqaba guddina irratti adda addaa

walfakkaatinsa agarsiisu hubatan. Yeroo tokko tokko wal fakkatinsa miciree

vertebreetoota adda addaa sadarkaa walfakkaatinsi isaanii addaan baasu hin

dandeenyetti gahuu danda’u. Walfakkaatinsi miciree kun qaama alaatiin qofa

osoo hin ta’iin, qaama keessaa kan akka toora dhiiga rabsituu fi caasaa onnee

dagaaguun wal fakkaatu. Walfakaatiinsii akkasi saayintistiin yaada jijjiirama

suuta-suutaa keessatti orgaaniziimii akkaakilee tokko (common ancestor) qabu

jedhu akka dhiihessan taasise.

88

89

90