View
598
Download
4
Category
Preview:
DESCRIPTION
Kitaama Baayoloojii Ijaaramaa fi Dalagaa Nafa Namaa
Citation preview
MAANUWAALII YAALII BAAYOLOOJII IJAARAMAA FI DALAGAA NAFA NAMAA
BIOL.321 FI BIOL. 203
Qopheessaan: Caalaa Daandessaa KBJ
Gulaaltotni: 1. Alamuu Faxxanaa
2. Fiqiruu Moosisaa
3. Wayyeessaa Fiqaaduu
4. Masaay Yohaannis
KOLLEEJJII BARSIISOTAA JIMMAA
ADOOLESSA BARA 2003
GALATA Adeemsa qophii maanuwaalii kanaa
keessatti deeggarsa ogummaa fi gorsa adda addaa kan naaf kennan hundaafuu galanni koo guddaa dha.
BAAFATA
QABIYYEE FUULA
1. Kaayyoolee Gooro…………………..………..………………………i
2.
Seensa………………………………………………………………………ii
3. Yaalii 1ffaa………………………………………………………………….1
4. Yaalii 2ffaa…………………………………………………………………9
5. Yaalii 3ffaa…………………………………………………….………….16
6. Yaalii 4ffaa…………………………………………………….………….26
7. Yaalii 5ffaa………………………………………………….……………31
8. Yaalii 6ffaa…………………………………………………….…………40
9. Yaalii 7ffaa…………………………………………………….…………46
10. Yaalii 8ffaa……………………………………………..….…………….49
KAAYYOOLEE GOOROO
Xumura Barnoota Kanaatti
Barattootni: Maalummaa baayoloojii ijaarsaa fi dalgaa
nafa namaa ni hubatu. Tokkoon tokkoon ijaarsa qaamolee namaa
ilaaluun ni hubatu. Dalagaa caasaalee qaama namaa ni hubatu. Akkaataa ijaarsa caasaalee qaama namaa ni
baru. Hariiroo ijaaarsi caasaalee qaama namaa fi
dalagaan isaanii qaban ni baru. Barbaachisummaa koorsichaa ni hubatu.
SEENSAAkkuma beekamu Manni Yaalii barnoota
dareetti kennamu qabatamaa gochuu
keesssatti iddoo guddaa qaba. Haaluma kana
giddu galeessa godhachuun maanuwaaliin
Baayoloojii Ijaarsaa fi Dalagaa Nafa namaa kun
qophaa’ee jira. Xiyyeeffannoon maanuwaalii
kanaas akkaataa ijaarsaa fi dalagaa caasaalee
qaama namaa ilaaluu dha. Maanuwaalii kana
keessatti meeshaaleen deeggarsa barnootaa
fudhataman fakkiiwwan adda
addaa ,moodeelota adda addaa fi dabalataan
bakka itti qaama ofiii akka meeshaa
deeggarsaatti fayyadamuu danda’amutti
qaama ofii gargaaramuun barachuu dha.
Akkaataan barachuun ittiin geggeeffamus
moodeelota adda addaa diiguun akkaataa
ijaarsa isaanii ilaaaluun of eeggannoon isa
diigame deebisuun ta’a. Bakka danda’amutti
ammoo qaama ofii akkaataa balaa uumuu hin
dandeenyeen qaqqabachuun barachuun ni
danda’ama.
Recommended