Upload
lamtram
View
497
Download
0
Embed Size (px)
Citation preview
1Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Phot
o ©
FZS
/dan
iel r
osen
gren
2 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Jaalatamtoota Dubbistoota,
Baruullee Ikoo naannoo kanaan yemmuun dhaamsakoo maqaa Miseensota
Waajjiroota Waldaa Gargaarsa Kunuunsa Gaanfa Afrikaa Gamtaa Awrooppaa Sagantaa Pirojakti Ikoo Naannoo Baalee SHARE (INB SHARE)tin dhaamsakoo isiniif dabarsu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama. Waajjiroonni miseensotiin kanneenis: Faarm Afriikaa, SOS Saahil, Waldaa Qorannoo Bineensotaa Firaankifertii/WOBF (Frankfurt Zoological Society/FZS), Dhaabbata Taliigaa Bishaan Addunyaa/Dh.T.B.A(International Water Management Institute/IWMI) fi Ummata, Fayyaa fi Naannowaa-Waldaa Itiyoopiyaa/UFN-WI (Population, Health and Environment-Consortium Ethiopia/PHE-CE) ti.
Kaayyoon Pirojaktichaa naannoo tokkotti dalaga yaalii gaggeessuun muuxannoo argame gara naannoo birootti babal’isuun jiraattonni naannoosaani akka kunuunsaniif haala mijeessuudha.
Baruulleen kun dalagawwan Pirojaktichaan raawwataman, adeemsa jiru, bu’aawwan argaman, akkasumas, barnootaafi muxxannoo gaggaarii ilaalchisee qooda fudhatootaafi (stakeholders) qaama mootummaa federaalaa/naannowaatiif oddeeffannoo kenniti. Jijjiramaaf fooyya’insa ilaalchisee odeeffannoo kuusuufi tamsaasun qooda
Dhaamsa Gulaalichaa
Gulaaltotaafi Gummachota Nagaash Takluu, Daayreektara Olaanaa, UFN-WE (PHE-EC)
Kaabtaamuu Kabbadaa, Ogeessa Hordoffi, Gamaggamaa, Barumsaa fi Beekumsa Qooduu Piroojakti INB SHARE
Indaashaaw Mogasee,Ogeessa Hordoffii, Gamaaggamaa fi Komini-keeshinii UFN-WI
Asaayyee Asnaaqaa, Qindeessaa Pirojakti INB SHARE
Waaqumaa Kudhaamaa, Kan affn Oromootti hiike
© SHARE BER Project Consortium
Address:Faarm AfrikaaS. Poostaa: 5746, Finfinnee, ItiyoophiyaaLak. Bil. +251 11 467 4129/5 5156/6 3172Web-saayitii: www.farmafrica.org
UFN-WI (PHE-EC)S. Poostaa: 4408, Finfinnee, ItiyoopiyaaLak. Bil. +251 116 634116/21i-meeli: [email protected]: www.phe-ethioia.org
fudhattootaafi gargaartota maraaf hubannoo uumuudhaf gahee olaana qaba. Kana malees, bu’aawwan hanga ammaatti argaman ibsuun hirmannaa miiltowwan misoomaa akkacimuuf gumaachiti. Dabalataanis, dalagawwan gaarii gaggeeffaman, firiiwwan argamanii fi rakkoowwan muudatan miltowwan misoomaa hubaachiisuun hiyyummaa hir’isuufi qabeenyaa naannoo kunuunsuuf akka hirmaatan nijabeessitti.
Baruullee jalqabaa kana keessatti, dalaga yaaliidhaf adeemsifame (piloted approach) fi jijjiirrama mul’ate ilaalchisee odeeffannoo barbaachisaa ta’e dhiheessineera. Kabajamtoota dubbistoota, barbaachisummaa baruullee kanarratti amantii guddaa qabuun, dubbisa gaarii isiniif hawwa. Ilaalcha humna keenya gabbisuu dandayu akka nuf laattan yammuu gaafannu, walgargaarsa keenya akka ciimsu abdachaati.
Nagaash Takluu
Gulaalaa fi Daayreektara Olaanaa Ummata, Fayyaa fi Naannowaa – waldaa Itiyoopiyaa/UFN-WI(PHE-Ethiopia Consortium)Gulaaltotaafi Gummachota
3Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Ikoo Naannoo Baalee akka Waliigalaatti Yeroo Ibsamu
Badhaadhina Ikoo Naannoo Baalee
Ikoo Naannoo Baaleen Ikoowwan gaarreen Afriikaatti
argaman keessaa biqilootaafi bineensota garagaraa hammachuun qilleensa baramaa ho’aa 34n keessatti argaman kessaa ishii tokkoodha. Bineensotaafi biqiloota kanneen Baalee qofatti argaman hedduu fi kanneen sanyiinsaanii lafarraa badaa jiru of keessatti qabattee jirti. Haalli umama teessuma lafa Baalee harkisa tuurizimiif (daawwiif ) mijattuudha. Kanaaf, Baaleen tuurizimiin badhaadhina guddaa qabdi.
Ikoo Naannoo Baalee sadarkaa n a a n n o o , b i y y a a l e s s a a f i biyyoolessaatti kunuunsa umama garaagaraa (biodivesity)gumaachuuf faayidaa guddaa q a b d i . B u r q a a w w a n i i f i malkaawwan 40 ol ta’an gaarreeen naannowaa kanaa jalaa madduun gara lageen gurguddoo shanitti: Waabii Shabalee, Weebi, Welmal, Ganaalee fi Dumaalitti walmaku. Jireenyi namoota miliyoona 12tti tilmaamamuu lageen kanneen irratti kan hundaa’eedha. Lageen kanneenis gammoojjiilee keessa qaxxaamuruun gara Galaana Iindiiyaatti yaa’u. Lageen kanneen madda jal’isii, humna elektirikaafi kkf ta’uun tajaajilu.
Kana qofaa osoo hintaane lageen kanneen tajaajila yaa’aa sirnakoo hordofuun bakkeewwan qilleensa baramaa, baddaafi gammoojjii wal-quunnamsiisuu cinaatti lubbuqabeeyyii addaa adda yaa’aa kana keessatti argaman kenuunsuu keessatti ga’eesaanii ol-aanaadha. Gaarreen qilleensa baramaa baddaa Ikoo naannoo Baalee keessatti argaman madda bishaanii ta’uun gammojjii Oromiyaaf, Somaali Itoophiyaaf, Rippaabilikii Somaaliyaafi kaaba Keeniyaaf tajaajila kennu. Kunis lafaafi naannoo sirnakoo Baalee
manca’e kununsuun jireenya jiraattotaa fooyyessuun akka danda’amu agarsiisa.
Ikoo naannoo Baalee sirnakoo-qonnaa (agro-ecological) sadii of-keessaa qabdi. Isaanis: baddaa, badda-dareefi gammoojjiidha. Jireenyi jiraattotaa naannoo
qilleensa baramaa baddaa harka caalu qonnaafi horsiisa beelladaarratti kan hundaa’ee wayita ta’u, kanneen badda-dareef gammoojjii jiraatan ammoo harka caalaa horsiifatee bulaafi qotee-horsiisee bulaa (agro-pastoral) irratti kan hundaa’eedha.
Argama kaartaa naannoo ikoo Baalee
Fakkii sirnakoo(eco-system)fi Ikoo Naannoo(eco-region) Baalee darbee darbee
1
Photo © FZS/daniel rosengren
4 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Qabeenyi umamaa bu’uura sirnakoo naannoo Baalee
gochoota akka bosona ciruu, lafa qonnaa babal’isuu, garmalee urufa loonin dheedichisuu fi bosona gubuudhaan manca’aa jira. Manca’iinsi lafaa margaafi bosonaa akkasumas lafa qonnaa gara lafa horsiisaatti geeddaruun balaa cimaa kanneen akka dhiqama biyyee, lolaa cimaa, gogiinsaafi hir’ina bishaan lafa jalaa qaqaabsiisa. Gochaalee kunneen wayita ittifufan manca’iinsa lafa qonnaa babal’isuun gogiinsi akka dheeratu taasisu.
Haaluma kanaan, naannolee walfakaatu keessaatti fayyadama qabeenya umamaaf sababootin gurguddoon rakkoo kana babal’isan: lakkofsi ummataa dabluu, hiyyuummaan babal’achuu,
seektaroota biroo waliin qindomanii hojjechuu dhabuu, imaammata, garaagarummaa ga’umsa dandeettii humna nama gidduutti mul’atuufi kkf. Akkasumas, pirojeetootin Ikoo Naannoo Baalee keessatti hojiirra oolaniif hojiirra oolaa jiran walhidhatiinsa (walittidhufeedha) tajaajila ikoo yaa’aa oliifi gadii gidduu jiru hubachuu dhabuurraa ka’een akka abdatametti hinmilkoofne.
Akkasumas, sababa bulchiisa qabeenya umamaa walxaxaa ta’een proojektootin hedduunsaanii hinmilkoofne. Guutummaan guutuutti naannoo sirnakootti walittidhufeenyi qorannoon dhimma faca’iinsa hawaasaa (demography)fi naannawaa (environment) hanga ammaatti hinmilkoofne.
Rakkoolee Jeedala Fardaarra Gahaa Jiran: Hudhaalee Wayita Ammaa
Bu’aa misooma paarkii biyyoolessaa gaarreen Baalee
keessatti mul’ateenfi lafa dheediinsi bineeladaa mijaa’een paarikichi dandamateera. Mallattoo (symbol) Itiyoophiyaa kan taate yeroo ammaa jeedalli fardaa paarkii kana keessatti ni argamti. Akkuma baratame horsiisni beyiladaa yeroofis ta’ee dhaabbataan gara paarkii kanaa nidhufu.Sababa margaaf (tifktaaf ) jecha jiraattonni naannawaa paarkichaa beeyiladaafi saree isaanii qabachuun gara paarkiii kanaa seenuun dhukkuboota kanneen akka dhukkuba saree ykn maraachisaa (‘rabies’/ ‘canine distemper) babal’isuun jeedaloota fardaa paarkicha keessa jiraatanitti miidhaa uumaa jiru.
Akka tilmaama bara 2007 geggeeffameetti lakkoofsi jeedaloota fardaa paarkicha keessatti argamanii 350 ture. Kana jechuun lakkoofsa jeedala biyyattii guutummaatti argamanii dhibbeentaa 75% jechuudha. Haata’umalee, sababa dhukkuba maraachisaa (‘rabies’) jedhamu bara 2007/2008 mudateen jeedalootni fardaa heddu du’aniiru. Dhibee kana ittisuuf talaallii gareen EWCP gaggeesseen jeedaloonni 106, dhibbeentaa soddoma ta’an, wal’aansa waan argataniif lakkoofsisaanii dabaleera. Dhuma Fulbaanaa bara 2008tti jeedaloota
Fakkii jeedala fardaa ItiyoophiyaaFakkii loon paarkii keessaa dheedanii (ol) fi bosona gubachaa jiru (gad)
Photo © FZS/daniel rosengren
Photo © FZS/daniel rosengren
Waantota Danqaa Ta’an
5Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
muraasni du’anii argamaniiru.Tishuusaaniifi dhangala’aa qaama (serum) irraa fuudhuun gara laaboraatooriitti erguun qorannoon geggeeffameera. Akka bu’aan qorannichaa ibsutti sababin du’a jeedaloota paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee vayirasii ‘Canine Distemper’(CDV) jedhamuun akka ta’e agarsiisa. Vaayirasiin ‘Canine Distemper‘ (CDV) xuuxillaafi ga’eessa osoo jedhee addaan hinqoodiin waan ajjeesuuf lakkoofa jeedaloota paarkicha keessa jiraatnii nixiqqeessa. Sababa tamsa’ina dhibee vaayirasii kanaan paarkiin biyyaalessaa Baalee tilmaamaan jeedaloota fardaa dhibentaa 60-75tti shalagaman dhabeera. Kun kan agarsiisu yeroo ammaa kana jeedalootni fardaa lakkoofsi isaanii 100 ol hintaane qofatu paarkii kana keessatti akka argamaniidha.
Jeedalootini fardaa Itoophiyaa bosona umamaa keessatti bakka dhalli nama seenee hinmiineetti walhoruufi dhibeerraa dandamachuuf dandeettii umamaa qabu.
Paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee keessatti seeraan ala seenuu fi tamsa’ina dhibee to’achuun kunuunsa naannoo isa ijoo waan ta’uuf gutummaan guutuutti akka namootni hinseenne gochuun barbaachisaadha. Gareen abbaa taayitaa kunuunsa bineenesota daggalaa Itiyoophiyaa fi Ekispartoota biyyaafi ambaa jiran waliin falmii baatiiwwan fudhateef erga gaggeefamee booda, bakkeewwan paarkichaa dhibee daddarbaan hin qaqqabnetti talaalliin jeedalooti 18f akka laatamu irratti waliigalame. Duulli Guraandhala 12ti eegalame guyyoota 8 booda sababa baayyinni jeedalootaa fardaa xiqqaateen lamaansaanii qofa talaalan. Kun ammoo Vayirasii ‘ Canine Distemper ‘(CDV) hir’isuufis ta’e du’aatiisaanii xiqqeessuuf sagantaa ittisa talaallii vayirasii ‘ Canine Distemper ‘(CDV) kennamuu akka qabu agarsiisa.
Gama biraan akka furmaattatti waantotin hojiirra ooluu qaban yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsi jeedalootaa akka dafee dandamatuuf sarootniifi loon mooraa paarkiichaa keessa akka hinseenne dhorkuun barbaachisaadha.
Barbaachisummaan Projakti Ikoo Naannoo Baalee SHARE maal? Rakkinichaaf furmaata
barbaaduuf yaaliiwwan sektarootni taasisan milkaa’ina waan dhabeef piroojaktiin Ikoo Naannoo Baalee SHARE (INB SHARE) akka uumamu ta’e. Piroojektiin kun karaa hedduu addaadha. Jalqabarratti, waantota qabeenya umamaa mancaasan adda baasuun yaalii sirnakoo naannoo bu’uureffachuun, walbummaafi walittidhufeenya fayyadamtoota qabeenya qilleensa baramaa baddaa fi gammoojjii ilaalcha keessa kan galcheedha. Lammaffaan, karoora seektaroota adda addaa giddugaleeffatee kanneen waa’ee baayina ummataafi sirna qorannoo qindoomina hawaasaa qabu karoorsuu, yeroo hundaa kan piroojektootin hedduu kessaatti wantota irratti xiyyeefatamuu qaban. Sadaffaa, dirree misooma garagaraa hirmaachuun muuxxannoo kan qaban waldaalee shanan qindoomanii akka hojjatan isaan taasise. Waldaalee michuu walitti dhufanis (consortium): Dursaan Faarm Afriikaa (‘Farm Africa/leading’), SOS Saahil Itiyoophiyaa (SOS Sahel Ethiopia), Institiyuutii bulchiinsa bishaan biyyoolessaa (International Water Management Institute/IWMI), Hawaasa qorannoo biniyeeladootaa Firaankifarti (Frankfurt Zoological Society /FZS), fi Ummata, Fayyaa fi Naannawaa-Waldaa Itiyoophiyaa/ (Population, Health and Environment Ethiopia-Consortium Ethiopia/PHE-CE)ti.
Dalagaawwan Piroojaktichaa kan gaggeeffame walta’iinsa Ministeera Naannoowaa, Bosanaafi Jijjiirrama Qilleensaa (Ministry of Environment, Forest and Climate Change/MEFCC),
Abbaa Taayitaa Kununsa Bineensotaa Daggalaafi Biqiltoota Itiyoophiyaa (Ethiopian Wild Life and Conservation Authority -EWCA), Abbaa Taayitaa Kununsa Bineensotaa Daggalaafi Biqiloota Oromiyaa (Oromia Wild Life and Conservation Authority/OWFE), Koomishinii Misooma Horsisee Bulaa Oromiyaa (Oromia Pastoralist Development Commission/OPDC), fi dhaabbilee motummaa sadarkaa hundarratti argamaniin. Pirojaktichaaf walumaa galatti bajatni Yuroo miliyoona 5.5 ramadameera.
Kaayyoon waliigala Piroojaktichaa, hawaasa jijjiirama qilleensa dandamatu uumuun ummattoota kibbaafi baha Itiyoophiyaa keessa jiraatan balaa hongee irraa ittisuun hanqina midhaan nyaataarraa baraaruudha. Kunis ta’uu kan danda’u kaayyoowwan gooree pirojaktichaa kanneen akka lubbu qabeeyyii garagaraa sirnakoo Baalee keessatti argaman fooyyessuufi kunuunsuu tajaajilaaf fayidaa ikoo akkasumas jalqabbii gaarii hawaasin sirnakoo Baalee keessatti hirmmatu dabaluu yoo milkaa’eedha.
Dalagaaleen pirojaktichaa anaalee tarban Ikoo Naannoo Baalee keessatti raawwatamu. Projaktichis namoota 878,000 anaalee 16 keessa jiraataniif taajaajila nikenna. Dalagaaleen projaktichaa bakka sadiitti qoodamu: uumama naannowaafi sirnakkoo, guddina ittifufinsaafi gabaa akkasumas dhaabbilee jijjiirama dandaatannifi furmaata qaban cimsuu. Kaayyoo pirojaktichaa galmaan gahuuf jalqabaa hanga dhumaatti hiramaanna qaamolee qoodafudhattoota ta’an hunda haalaan cimseera. Bu’aalee dalagaalee kanneenii safaruuf meeshaalee jijjiramaa ijoo ta’an kanneen akka ijaarasaafi tarsimoo bulchiinsaa sababa bu’uura godhatee, hordoffii ittifufinsa qabu fayyadamuudha.
6 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Gochaalee Sadarkaa Yaa’aa Bishaanii Iskeelii Ikoo Naannoo Wajjin WalqabsiisuuBulchiinsa yaa’a bishaanii hirmachisaan (Participatory watershade management) sadarkaa karoorsuu hanga raawwiiti qooda fudhattoota hunda dhimmichi ilaallatu hirmaachisuun toftaalee Ikoo Naannoo Baaleetti hojiirra ooleedha. Pirojaktichi kaayyoowwansaa yemmuu hojjirra oolchu Ikoo Naannoo Baalee haala isaan walfakkaatan irratti hundaa’uun bakka naannoo ikoo garagaraatti qooda. Haaluma kanaan, pirojaktichi maappiiwwan (kaartaalee) shan qaba. Fayyadama lafaa olee (altitude land use) baay’ina namootaafi horsiisa beeladaa, tamasa’ina bishanii (hydrology)fi dhumarratti ulaagaa maappii waliigalaa bakka yaa’aan bishanii irra qubatu qophaa’e.
Maappii waliigalaa kana irratti hundaa’uun naannoon sirnakoo kutaa bakka bu’anii ykn kilaastarii sadiitti qoodamu. Isaanis,
Kilaastarii baddaa,badda- daree fi gammoojjiiti.
(Fknf 1)Kutaalee Ikoo Naannoo sadeen kanneen keessaa aanaalee bakka bu’an torba filamuun fuula hojii qindoomawaa jireenyaa hawaasaa sirnakoo mancaasanifi karoora maatii gaggeessaniiru. Anaaleen filatamanis: Diinshoo, Adaabbaa, Gobbaa (baddaarraa), Hareenaa Bulluki (badda dareerraa) Deelloomanna, Berberaafi Madda Walaabuu (gammoojjiirraa). Gandi tokko tokko aanaalee Ikoo naannoo bakka bu’an filamaniiru. Kana jechuunis gandooti Ikoo Naannoo gidduu seenaan torba filamaniiru. Jirenya keessatti teekinooloojiifi barsiifata, fayyaafi sagantaa karoora maatii qindaa’aa hojiira oolchuuf gandoota tokkoon tokkonsaaniif yaa’aan bishaanii filameera.
Ximurarratti yaalii teekinoolojii fi barsiifataf iskeelii qopheessuun iskeelii Ikoo Naannoo fayyadamuu, madaallii hirmaachisaa o n n a c h i i s a a , t a r s i m o o bashannansiisaa, kiitii bulchiinsa qopheesuu akkasumas dizaayinii tarsimoo raawwii qopheessuu haala yeroo faana karoorsuun kan kessaatti hojiirra oolaniidha.
Kununsa Bosona HirmaachisaaIkoo Naannoo Baalee qabeenya umamaa of keessaatti qabatee jirtuun badhaatuu waantaateef jireenya hawaasa keessa jiraatuu nigargaara. Ikoo Nannoo Baalee keesaatti itti fayadama qabeenyaa sirnaqabeessa hojiirra oolchuuf bulchiis qabeenya umamaa guyyaa guyyaa barbaachisaadha. Dhaabiilee hawaasaa giddugaleeffate (bu’uureffate) akanneen akka PFM akka galii ijootti qabachuu cimsuu, PFM haaraahundeeffamee akka jiraatu taasisu. PFM CBO’n tarsimoo piroojektii INB SHARE bulchiinsa qabeenyaa umamaa mirkaneessuuf qophaa’eedha. Gargaarsa dhaabbata haaraa PFM hundaa’e, piroojektich haalafi garaagarummaa PFM CBO 48 madaale. PFM CBOn bulchiisa milka’aa kan mirkaneessuu ganga’e hirmaanaa seektaroota mootummaatiin. Bu’aan galamaae kan agarsiisu PFMn hanqina bulchiinsaa dhaabiilee biroo waliin qindaa’ee hojjechuu akka qabu agrsiise.
Oggansa, fayyadama Bulchiinsa qabeenya umamaa fufiinsa qaburratti danndeettii ga’umsaa oogganuu murtaa’aa qaba, hanqina dandeettii baajataa intarpiraayizii horsiisa beeyiladaa akkasumas ga’umsa hooggansaa ofiin of danda’aanii ogganuu, mataa isaanii walitti dhufanii akka dhaabbataatti bu’aa fufiinsa qabu bulchiisa qabeenya umamaa ga’ee taphacuu. Hubannoo kana irraa ka’uun PFM CBOn 47 kanata’an kan gargaaramaa jiran karaa leenjii garagaraa ,hordoffii,muuxannoo waljijiirraa, daawwiifi meeshalee ijaarsaa waajjiraa dhiyeessa meeshaalee waajjira keessaa hojii ittiin raawwatan.
Haala Adeemsa Piroojektiifi Meeshaalee
2
Argama kaartaa kutaalee Ikoo Naannoo Baalee sadan
7Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Ittidabalaanis bulchiinsa qabeenya umaamaa keessatti adeemsa murtee kennuu keessatti hirmaanna dubartotaa akka dabaluf miseensummaa dubartootaa hojiraaraawwachiisuu keessatti koree akka ta’an raawachaa jira.
PFM CBO cimsuun hojii ijoo dandeettii cimsuun fayyadamaa qabeenya umamaafi bulchiisa fufiinsa qabu bakkeewwan filatamoo INB mirkaneessuuf barbaachisaa akka ta’e piroojetichi itti amanee jira. Bakkeewwan filatamoo INB keessatti bulchiinsaafi fayyadama qabeenya umamaa mirkaneessuun haalota fayyadama sirnakoo (ecosyastem) kanneen akka kuufama kaarboonii, yaa’aa bishaa, to’annoo jireenya hawaasa yaa’aa oliifi gadii uumuufi fooyyesuuf garagaara.
Qajeelfamoota Humna Hojii Misoomaa Seekitera Hunda GaleessaaHoomisha humnaa olii, manca’iinsa qabeenya umamaa, bosonaa, naannowaa, lafa jiidha qabuufi babal’inni adamoo seeraan alaa misooma diingideefi fayyummaa naannaowaarrattii dhiibbaa guddaa uumee jira. Kan Ikoo Naannoo Baalee keessaa adda baasuuf qaamolee qooda fudhattootin hundumtuu irratti hirmaachuu qabu.Kana milkeessuuf piroojektichi sadarkaa humna(garee) misoomaa hundaarratti qajeelfamota seektaroota hunda galeessa ta’ee hirmaachisuu dandeessisu qopheesseera.(kana jechuunis sadarkaa gandaa,aanaa fi zooniirratti jechuudha).
Qajeelfamichis qaamolee murteesoo addaba’aan gargaaruufis ta’ee kanneen keessatti hirmaachaa jiran garagaaruuf, qooda fudhattootin rakkolee Ikoo Naannoo addabaasuuf mul’ata isaanii qooddachuun akka hubatan
taasisuuf, iftoomina qabachuun ilaalacha mariifi waliigaltee irratti bu’ureffate akka qabaataniifi akka hirmaataniif bayyee barbaachisaaf murteessaadha.
Akka qajeelfamichi ibsutti karaa qabatamaatti yaada bu’uuraa hunda galeessa tokko, odeeffannoofi agarsiistuuwwan walitti qindaa’an sirna bulchiisa fudhatama qabu tokko waliin, qooda fudhattoo hundaa waliin, hubannoo ifaa tokkoon tokkoon michuuwwan seekterota keessa jiran waliin qabachuu,gumaachitoota addaa waliin, beekamtii ekispartootaa garagaraa,qabeenyaafi duudhaa, barsiifataa gaariifi mo’attoota (champions) walitti dhufuun beeksistoota fedhii naannowaa ikoo ti. Qajeelfamichis gamabiraan bakkeewwan Ikoo Naannoo biroo waantota garagaraan giddu lixuun jeeqan misoomsuuf fayyaduu nidanada’a.
Meeshaalee Hordoffii Hawaasa Bu’ureffateWayita ammaa bosonni guddaan Ikoo Naannoo Baalee heektaara 500,000 ta’u waltahiinsa bulchiinsa hawaasa naanowaafi mootummaa harka jira. Qindoomina oggansaa bosonaa hawaasa naannowaa keessatti umuuf oggansa ka’umsa oggansa bosonaa al-giddugaleeffate hawaasa bira akka ga’u tasiseera.Ejansii mootummaa walfakkaatan adda ba’ee taa’ee jirutti gahee, mirgaafi dirqama qaban irratti waliin waliigatee oggnasaa idilee qopheessuu qabu.
Walta’iinsaan bulchiinsabosonaa geggeeffameen haalli bosonaa qabatamaatti fooyya’ee jira. Kunis ta’uu kandanda’eef gubiinsa bosonaa hir’achuu, deebisanii dhabuufi fayya biqilootaa akka dabalu taasisuu, seeraan alaa bosona muranii galii dhuunfaaf oolchuu hir’suu, bosona ciruun akka lafa qonnaa hinbabal’anne taasisuufi bakka jireenyaaf jecha bosona ciruun waan xiqqeesuun danda’amrrf qabeenya bosonaarrattii fooyya’iinsi akka mul’atu taasiseera.
Bulchiinsin bosonaa hirmaachisaan (Participatory Forest management, PFM) fooyya’insa qabaatus haqinootin gama walitti fufiinsaa hordofuu irraatti hanqinootin meeshaalee hordoffii ni mul’atu. Haqiinoota kanneen ifa baasuuf piroojektiin SHARE-BER tooftaalee odeeffannoo daddarbaa meeshaa hordoffii hawaasa bu’uureffatee karaa salphaan kanneen mootummaa waliin oggansa bosonaarratti hirmaataniif hubatamuu danda’uun akkasumasa hawaasi naannawaa fayyadamuu danda’an diriirse. Kunis haala kanaan kan karoorfamuu danda’eefis hawaasiifi mootummaan waa’ee oggansa qabeenya umamaarratti odeeffannoo fufiinsa qabu maddisiisuun murtee barbaachisaa kennuu akka danda’an gargaaruuf.
Meeshaan hordoffii kunnneenis hirmaannaa Interpirayizii Bosonaafi qabeenya bineensota daggalaa Oromiyaatiin qophaa’uu danda’e. Meeshaaleen hordoffii sadarkaa yaaliittii kan ilaalamuu kan eegale erga meeshaalee hordoffii hedduun leenjii taateewwanii istaaafii hordoffii hawaasa bu’uureffateefi Interpirayizii bosonaafi qabeeny bineensota daggalaa Oromiyaa Ikoo-Naannoo keessatti argamani irratt xiyyeeffacuun geggeefamee booda dha. Hordoffii hawaasa bu’uureffate(community based monotoring CBO) nis garee hordoffii hawaasa bu’ureffatte hamma bal’ina lafa bosonaa isaan qabaniin akkasumas baayinni lakkoofsa isaanii irratti hundaa’uun adda addaan dhaabe.
Haala Adeemsa Piroojektiifi Meeshaalee
8 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Piroojekticahaaf tarsimoo walquunnamtii qabatamaa qopheessun sababoota lamaaf barbaachisaa dha. Tokkoffaa, walquunnamtii seera qabeessa ta’e fayyadamuudhan waa’ee Pirojaktichaa ergaa isa sirrii ta’e ummata biraan ga’uun ummata amansiisuuf qajeelfama ergaan ittiin darbuu danda’u qopheessuuf gargaara.Lammaffaa, dalagawwan piroojektichaan raawwataniifi qabatamaatti milkaa’ina pirojaktichaaf kanneen qarshii arjooman akka hubataniif
Walquunnamtiifi Tarsimoo Qabatamaa odeeffannoon hawaasaa akka dabalu taasisuuf gargaara. Matadureewwan tarsiImichi irratti xiyyeeffatu akka arman gaddii :
Haala jiru xiinxaaluu (situation analysis), Kaayyoowwan walquunnamtii (communication objectives) Maamila irratti xiyyeeffatamuu qabuufi walitti dhufeenyasaanii (target audience& interactions) Dhaamsawwan ( the message) Daandii walquunnamtiin ittiin geggeefammu (communication means channels)
Bar’uu Beeksistuufi Mul’istuu Sagantaa Karoora Maatii
Wixinee Gochootaa sadarkaa jireenyaa jiraattota Ikoo-
Naannoo Baalee fooyyesuu akkasumas fayyadama qabeenya umamaa fifiinsaan qabu Ikoo keessatti mirkaneessuu: qindoomina hawaasa mirkaneessuu, fayyaan hawaasaa akka eegamu taasisuufi naannowaa dhiyaachuun (enviroment approach) hojjechuun barbaachisaadha. Akka qaama raawwii hojii piroojektichaatti bar’uu sagantaa karoora maatii mul’istuu qopheessee. Innis garagaarasa hojii koree fayyaa ganadaafi hojjettoota ekisteenshini fayyaa (healthy extension worker) gandootaa gargaaruuf qophaa’e. Bar’un (filp book) sagantaa karoora maatii akkuma barametti dubartootin baatii lama lamaan akka wal-gahaanii mar’atan warrii dhiiraa ammaoo baatii baatiin koonfiransii gandootaa filamiirratti akka hirmaataniif haala mijeessa. Bar’uu (filp book) sagantaa karoora maatii mul’isuf qophaa’e kun wayita walitti dhufeenya sagantaa tajaajila karoora maatii, hawaas-diingideefi bu’aa naannwaa isaanii(environmental benefit)ibsuun wayita barsiisnu akka meeshalee deggersa barnootaatti nu fayyada.
Bar’uu kunis kaayyolee walquunnamtii(communication objectives) armaan gadiirratti xiyyeeffata.
1. Waa’ee umurii walquunnamtiin saalaa ittigeggeeffamuu dandda’uu, bu’aa wal irraa fageessanii dahuu, dahuumsa daangessuufi gaa’ila daa’imummaan geggeffamu dhaabuun bu’aa maalii akka qaburratti hubannoon dubartootaafi namootin akka dabalu taasisa.
2. Waa’ee umuriin walquunnamtii saalaa ittigeggeefamuu walqabatee sagataan fayyadama karoora maatii fayyaa dubartootaa, daa’immanii, barnoota daa’immanii, kunuunsa qabeenya naanoofi diindidee jireenyaa geggeffamu irratti qabu akka hubataniif hubannoon dubartootaafi namootaa akka dabluu taasisuu.
Miseensota koree fayyaa gandaa bar’uulee (filp book) qabatanii jiran
Imaammata walquunnamti( communication policy) Madaalliifi seerota fooyya’an (evaluation & amendments).
9Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Gamtaan Oggansa Lafa dheedicha Margaa Hirmaachisaan Hundaa’e
Ijaarsa Dandeettii 3
Qjeelfama qohaa’een geggeeffamuun gandootii 12tti eegaman keessaa humni-hojii gandootii 10 keessatti hundeeffameera. Isaanis: Naniigaa Deraa, Malkaa Amanaa, Hawoo, Sirmaa, Awaashaa, Kolaatii, Weshaa, Itittuusuraa, Horasobaa, Malkaa Arbaa fi Baqayee dha. Tokkon tokkoon humnoota hojii miseensota 15 qabu. Humnooti hojii sadarkaa aanaatti hundaa’an 7 ta’anis Dalloo Mannaa, Harenaa Bulluq, Diinshoo, Gobbaa, Adaabbaa, Madda Wolaabu fi Barbareetti hundaa’aniiru. Isaan sadarkaa anaatin humna hojii ta’uun ijaaraman ammoo tokkon tokkoon isaani giddugaleessaan miseensota 20 qabu. Miseensotiin humna-hojii sadarkaa anaatin ijaaraman waajjiraalee motummaa ijoofi qooddattoota biroo kallattiin dhimmichi ilaallatu keessa ti. Humni-hojii kanneen garaagarumma firiifi ragaa qabatama agarsiirrutu iraa eegama. Firiifi ragaa ciminaan kan argamuu danda’u karaa qabxiilee armaan gadiitiin:
Seekterootaafi seekteroota gidduutti waliitti dhufeenya qabaachuu (inter- sectoral partnership), Waliin hojjachuu, deggertootafi qoodafudhattoota dhimmichi
ilaaalltu waliin raawwachuu, Hirmaannaa hawaasaa dhugaatti mirkaneessun fi tarsiimoo rakkina keessaa ittiin ba’an qopheessu, Hubannoo bu’uurraa irratti qooddattoota walii neetiwoorkii gaarii umuu adarkaa hundarratti mulata waliif qooduu.
Shoorri olaanaa humnoota-hojii seekteroota gidduutti haala isaan ittiin qindaa’aniif haala mijeessuun humni misoomaa walitti dhufe cimaa bakka gidduu lixiinsaa(intervention) geggeeffamurratti qooddattoota dhimmichaa ijoofi ekispartootaaf gargaarsa qopheessuu dha.
Haalli kun ogganasa qabeenya umamaarratti aadaa walitti dhufeenya seekterootaa akka uuman taasisuufi annisaa haarawaa (resiliences) hawaasa Ikoo Naannoo Baalee keessa jiraatanii akka fooyya’u gargaara.
Waliigaltee walhubachuu ( Memorandum of Understanding/MoU) haala adeemsa hojii humna-hojiiwwan hanga ammaatti qophaa’efi gargaarsi taasifamu qaamota humna-hojii sana qopheessaniin. Humni-hojii naannoo Ikoo Naanno Baale-Arsi (A.L.A.) bara 2016tti hundaa’a.
Sirni oggansa lafa dheedichaa margaa (rangeland) hirmaattummaarratti
hundaa’e jechuun ogganasa hawaasni sadarkaa gageessummaarratti bakka olaanaa akka qabaatu taasisuu yammuu ta’u, waajjirrii mootummaa itti gaafatamummaa qabus gargaarsaf beekamtii itti kennudha. Kaka’umsa kan gargaaruf, Pirojaktiin INB-SHARE miseensota gamtaawwan bulchiisa lafa dheedichaa margaa irratti bobba’anii jiran afur cimsuuf leenji miseensotaa gamtichaaf qopheessuu, muxxannoo jiru walitti qindeessuun
Humna Hojii Seektera Hunda Galeessaan Hundeeffame
Marii humna hojii sadarkaa gandaatti ta’e
akka muuxannoo waljijjiiran haala mijeessuu, gamtaawwan jiran biroo akka daawwatan taasisuu, meeshaaleen gargaaruufi hordooffii wlirra hincinne raawwachaa jira.Akkasumas pirojaktichi, sirna oggansa lafa dheedichaa (rangeland) hirmaannaarratti hundaa’e babal’isuufis gandoolee horsiisee bultoota 10 isaan anaalee wal- cinaa jiran 4 keessatti gargaarsa taasiseera. Gamtaan oggansa lafa dheedichaa maragaa hirmaachisaan sirnaan ittifayyadamiinsa lafa dheedichaafi
ittisa lafa dheedichaa irraatti itti gaafatamummaa qabu. Fknf, gamtaan oggansa lafa dheedicha margaa hordoffii qabeenya lafamargaa (assessment), haalafi hamma qabeenya lafamargaa xiixalanuun ibsuu,kutaa kutaan waan inni fakkaatu bifa barreeffamaan ykn suuraa agarsiisuu danda’u.
Dabalataanis, gamtaan oggansa lafa dheedicha margaa seera ittin bulmaataa (qajeeltoo) qopheesuudhann mirkaneessisu.
10 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Yeroo ammaa kana, gamtaan oggansa lafa dheedicha margaa isa moofaas ta’e haaraa kan hundeeffame walumaa galatti lafa dheedicha margaa heektaara 338,337.8 oggaanaa kan jiran yeroo ta’u (hek. 227,948 gamtaan oggansa lafa dheedicha marga 4 isaan duraanii kan geggeeffamaa jiru yeroo ta’u hek. 60,389.76 ammoo gamtaa oggansa lafa dheedicha maraga haaraa ijaaramnii ja’aan ogganamaa jiru. Oggannis isaanii kunis kan milkaa’uu danda’e gargaagaarsa
misooma horsiifatee bulaa aanaa, ittisa naannowaafi lafa baadiyyaa akkasumas Gamataa waajjiraalee beeksisa aanaa taasisaniin.
Oggansi lafa margaa hirmaachisaan okaa loon nyaattuu akka jiraatuuf, lafiti dheedicha margaa faayidaa biraaf akka hinoolle taasisuu (gara lafa qonnaatti akka hinjijjiiramne ), misoomin mukeen gurguddoo akka dabalu taasisuuf gargaarasa laata. Oomisha kanneen akka
mukeenii damma itti dammeessuun danda’amu, biqiltuuwwan urgooftuu, biqiltuuwwan oomisha mukaatin ala jiran hunda akka dabaluuf hojjatudha. Kanamalees, dalagawwan sirnakkoo (sirna jireenyaa mara kunuunsurrattis tajaajilan (fkn., keemikaala barbaachisaa hintaane biyyee keessaa gingilchuu, bishaan lafa-jalaa kunuunsu). Itti dabalee haalli qabataan oggansi Ikoo Naannoo fufiinsa qabuu bakka hundaatti hojiirra oolchuuf waan gumaacha qaba.
Rakkoolee Pirojaktii INB-SHARE adda baafame keessaa
inni tokko haala oggansa bishaani mala boodatti hafaan ogganuudha, kanneen akka burakaa bishaanii. Kallattii kanaan pirojaktichi Haroo Chaamaa Anaa Dalloo Mannaa, Ganda Naanigaa Dheraa keessa argama dandamachiisuu dalagasaa raawwatera.
Haaroon Caamaa Haroo yeroo jalqabaaf gargaarasa tarsimoo qophaa’iinsa balaasi sgantaa inveestimantiin motummaaf taasifamen (A.L.A.) bara 2011tti ijaarame. Sagantaa Investimeentii Tarsiimoo Qophaa’umsa Balaa (Disaster Preparedness Strategic Investment Program / DPSIP) dhan gargaaramuudhani.
Haaroon kun yeroo jalqabaaf yammuu ijaarramu bishaan meetirkiyuubii 3 11,200 qabachuu danda’a. ( kana jechhunis m70 x m80 x m2 bal’inaafi gadi fageenya qaba jechuudha). Haata’u malee, ijaaramee waggooti lamaan booda, gadi-fageenyi haroo kanaa gara meetira 1.5tti gad bu’e sababa kuufama tima ykn cirrachaatin.
Rakkoolee timaa mudate kan hordofuun piroojektiin kaka’umsa Faarm Afriikaa(Farm Africa initiated) kan ta’e kaka’umsa haala qilleensa mijaa’aa( climate smart initiation ) jedhamu waajjira misooma horsiisa loonii aanaa waliin ta’uun istiraakcharii loon akka
Waltajjii maree oggansa bishaanii fooyya’iinsa ogganasa bishaaniif
itti hinseenne dhorku, namootis akka hinseenne akkasumas tima hir’isu danda’u lama bara 2014 tti hojjetan. Qulqullina bishannii mirkaneessuuf bakka looni
tiit nyaatanii dhugan (trough)fi kuusaa bishanii namaaf oolu lama hojjetan. Istiraakcharii kan ijaarame ta’us qaamin oggansa burqaa bishaaniif
‘Haroo Caamaa’’ osoo waltajjiin maree oggansa bishaanii hojiirra hin olin dura Burqaa bishaan hawaasaa (community pond) ijaarame
‘Haroo Caamaa’’ erga waltajjiin maree oggansa bishaanii hojiirra oolee asitti Burqaa bishaan hawaasaa (community pond) ijaarame
11Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
qaamin ittigaafatamummaa fudhatu hinjiru, burqaan bishaani dallaan (fence)balaa irraa ittisu hin ijaaramne. Saba kana irraa ka’uun istiraakacharri piroojektii kaka’umasa haala qilleensa mijaawaa ijaaramee waan diigameef tajaajilli kennamuuf karoorafame osoo hin kennamin hafe. Namootis kallattii garagaraa irraa gara burqaatti seenanii waraabuu eeagalan. Haluma walfakkatuun beeyyladootin,re’ooti itti seenuun istiraakachariin ijaarame diigame. Ijoolleenis
Waltajjiin Qindoominaa HundeeffamePirojektiin Sher Baalee keessatti,
Pirojektota Gamtaa Awurooppaa, Qajeelcha Eegumsaafi Gargaarsa Namummaa Komishinii Gamtaa Awurooppaafi jaarmiyaalee Dhaabbata Biyyoolessaa Gargaarsa Misoomaa Ameerkaatiin (‘USAID’) gargaaraman waliin qindoomina uumuun naannawa pirojaktotatti hariiroo qabatamaa mirkaneessuuf, akeekasaa milkeeffachuuf raawwii gochaa, muuxannoowwan gaggaarii waliif qooduun ,kaka’umsa annisaa haara’aa maddisiisuu babal’isuuf tattaafataa jira.
Koomishiinii ganrgaarsa namoomaa gamtaa Awurooppaafi
Muummee mirga hawaasaa tarsimoo walta’uun kan qophaa’e kilaastaroota michuu annisaa haarowaa Baalee keessatti argaman garagaraa gidduutti. Isaanis, DCA, Dhaabbata nyaataafi qonnaa (Food and agriculture organization /FAO), Dhaabbata Biyyoolessaa Gargaarsa Misoomaa Ameerkaatiin (‘USAID’)fi godina piroojektii Sher-Ber keessatti hojjechaa jiru. Yeroo amma kan qindoominni sadarkaa waajjiraa muummee irraa eegalee hanga dirreetti eegalamee jira. Qaamolee michuu gidduutti yeroo raawwii gochaa qindoominaaf gargaaran qophaa’aniiru. Michuuwwan anniisa haara’aa
Baalee ( Bale resilience partners) bakkeewwan itti gaafatamummaa barbaachisan adda baasuun bakkeewwan qindoominafi humna gaafatan addaan baasuu, irraddeddebii humnaafi qabeenyaa hambisuufi carraa gara fuulduraa gara waliigalteetti fiduun walita’iinsa waajjiraalee (synergy) mirkaneessuudha.Bakkeewwan kilaastariiwwan gargaraa kaka’umsafi qindoominaa gargaraa iitti geggeefaman jedhamuun xiyyeeffannoo itti laatame keessaa Ikoon Naannoon Baalee isa tokko dha.
Qaamota imaammata qopheessan hirmaachisuufi
ragaalee tamsaasuuf tooftaawwan ifa taasisuuf dandeessisan keessa inni tokko foriyamii sadarkaa olaanaa michuu pirojektii Sheer-Ber hundeessuudha.
Erga marii walitti fufaa kallattii gargaraan ministeerotaafi biiroolee waliin taasisnee booda fooramii dhaabbachuun walga’ii jalqabaa hagayyaa 2015 geggeefame. Hundeeffama walga’ii jalqabaan miseensonni fooramiichaa waa’ee piroojektichaafi sochissaa hanga ammaatti ture irratti mar’achuun raggaasise. Maqaa
miseensota fooramichaa sadarkaa ministeerotaatti Ministeera eegumsa naannowaa bosonaafi jijjiirama qilleensaa, Ministeera qonnaa, Ministera bishaan jal’isiifi elektirikaa, Intarpiraayizii bosonaafi qabeenya bosonaa Oromiyaa, Komiishiniii horsiifatee bulaa Ormiyaa, Abaataayitaa kunuunsa bineensota bosonaa Itiyoophiyaa,fi raawwachiistotin Sheer-Ber daayirekteroota isaaniin bakka bu’uun fooramicha irratti argamaniiru.
Fooramichi kan gaggeeffame walitti qabummaa Ministeera eegumsa naannowaa bosonaafi jijjiirama qilleensaa, Ministeera
qonnaafi I/walitti qabaa Ministeera Qonnaa, Intarpiraayizii bosonaafi qabeenya bosonaa Oromiyaa barreessaa ti. Waltajjichi ji’oota jaha jahaan kan kan geggeeffamu yoo ta’u, adeemsaafi rakkoolee mudatan gamaggamuun fooyya’iinsa hojiiwwan fuulduraaf kallattii kaa’a.
Kana malees sekteroota hundagaleessaa keessatti sochii geggeeffamuuf ambaasaaddara ragaa qabatamaarratti hundaa’e ta’uun gama eegumsaa naannowaa, hawaasummaafi diingidee ilaalcha keessa galchuun sinicha bal’inaa beeksisa.
Waltajjiin Fooramii Michuu Piroojektii Sher-INB ‘Fooramiin Hundaa’e
burqaabishaanii keessatti fincaan itti fincaa’uu, qaama (nafa) isaanii itti dhiqachuu eegalan. Kana hordofuun qulqullin bishaa burqaa irraa argamuu ni faalame, yeroodha gara yerootti sadarkaan qulqullina buraa bishaaniii gad bu’aa dhufe.
Rakoolee kanneeniif deebii laachuuf jecha piroojektiin INB-SHARE qaamolee mootummaa waliin ta’uun waltajjii maree ogganasa bishaanii qophessuun seera ittiin bulmaata
ogganasa ijaarsawwan burqaa bishaanii ittii ogganamu akka qopheessaniif gargaare. Giddu lixiinsa (intervention) kana hordofuun oggansa bishaanii hordofee sirna taarifaa (tarriff) fayyadamtootaf bishaanii qopheesse. Akka ibsa fayyadamtootaatti qarshii tokko bishaan jarkaanii afur akka bitatan dubbatu. Qarshiin kaffalamus miindaa nama burqaa bishaanii eeguufi suphiinsa buraqaa bishaaniif oola.
12 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Fooramiin Gumii Dhadachaa Horsiifatee Bulaaltootaa Hundeeffame
Hawaasa horsiisee bulaa bira barsiifata (aadaa) fayyadama
mirgaafi waldhabdeen qabeenyaarratti umamu ni jira. Oggansa lafa dheedicha
margaa hirmaachisaa waliins walfakkaataadha. Waldhabdeen qabeenyaan walqabatee uumamu aadaadhuma araaraa kanaan furmaata argata.
Lafa dheedicha loonii wajjin walqabatee uumamu maqsuuf aadaan kun daran barbaachisaa yoo ta’u, kunis gama waltajjiitiin kan gaggeeffamuudha.
Wayita miseensonni fooramiin gumii Teddachaa horsiifatee bulaaltootaa mari’atan
Ogeessotaafi Hawaasa Hojii Fayyaa Beeyildaa Irratti Hojjetan Leenj’an
Tajaajila fayyaa beeyyaladaa sadarkaa tokkoffaa
naannowaa horsiifatee bulaatti Itiyoophiyaa bakkeewwan fagoo tajaajilli fayyaa beeyladaa qaqqabuu hin dandanda’amnetti gumaachi hawaasa hojii fayyaa beeyildaa irratti hojjetan (comunity animal health workers/ CAHWs) daran barbaachisaadha.
Itti fufuun Ministeera qonnaatti dameen misooma baadiyyaa isaandaardii biyyaalessaa fi qajeeltoo (guidelines ) dizaayiniifi hundeeffama tajaajiltoota qaama hawaasa hojii fayyaa beeyildaa irratti hojjetan qopheesse. Yeroo piroojektiin Sher-Ber sirna fayyaa beyildaa fufiinsa qabu gargaaruuf karoorfatu akka tarsimoo ijootti fayya beeyldaa fufiinsa qabu akka qajeelafama ministeerichaatti kennuuf dandeetti ga’umsaa hawaasa hojii fayyaa beeyildaa irratti hojjetan cimsuufi
hundeessuudha.
Hojii kana milkeessuuf piroojektiin INB-SHARE leenji jalqabbii guyyaa 15f hojjettoota hawaasaa fayyaa beyiladaa irratti hojjetanii namoota 25 gandoota hawaasa horsiifatee bulaa 12 iraa filamn leenjii akka argatan ta’eera. Leenjiin laatames hordofuun waraqaan ragaa leenjitootaaf laatameera. Boodas leenjitooni kiitii meeshaa yaala fayya beeyladaa barbaachisan qarshii itiyoophiyaa 9000 kan bitame akka argatan ta’eera. Leenjitootin hawaasa hojii fayyaa beeyildaa irratti hojjechuuf leenji’an tajaajila fayyaa beeyildaa sadarkaa tokkoffaa kennuun dhukkuboota barsiifataan naanawichatti beekaman tajaajila ekisteenshinii fayyaa laachuun duula talaallii( vaccination) horsiisa beeyildaa baadiyaa bakkaa bakkatti socho’u keessatti kanneen beeyilda qaban ganada keessa
jiraatan hundatti ogeessa yaala fayya beeyiladaa aanaa waliin ta’uun bobbaaniiru. Fknf, beyiladooti 4000 ol ta’an ganda Horaakoree keessatti hawaasa hojii fayyaa beeyildaa irratti hojjetaniin talaallii argataniiru. Gama biraan fooyya’iinsa omoshaa horsiisa beyiladootaaf sanyii beyiladoota filatamoo fayyadamuu xiyyeeffannon itti laatamee jira. Kanaafis,tarsiimoo hojii mixaaqessuu nam-tolchee (insemination) toofataa sanyii fooyya’aa fayyadamuu cinatti hojjetamaa jira. Hojii mixaaqessuu nam-tolchee (insemination) hojiirra oolchuuf hanqina humna nama baratee naannowaa horsiifatee bulaa jiru ilaalcha keessa galchuun, piroojrrktiin INB-SHARE godina horsiifatee bulaa Baalee waliintahuun naannoo gammoojjii keessumaa INB keessatti waajjirri dandeettii teekinikaa mootummaa cimsuuf waajjiiroolee misoomaa leenjiin akka
13Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Bulchiinsa hirmaachisaaa ta’e jajabeessuun waltibu’insa jijjirama galamaa’erraa ka’uun uumamuu danda’uu to’achuuf tooftaalee adda addaa uumuun barbaachisaadha. Kanaaf, haala mijeessummaa Piroojektii Sheer-Beriin gaggeesseen foramii horsiisee bultootaa sadarkaa naannotti ALA baatii Waxabajjii bara 2015tti.
Fooramichis kan hundaa’eef xiinxaala dirreefi qooda fudhattoota dhimmichaa (‘stakeholders’) fi waldhabdee humna ga’umsaa kara ittiinogganamuu danda’u bakkeewwan qabeenyiifi oggansi lafamaragaa hirmaachisaan daran itti guddataa jiru Ikoo Naanoottii lafa qabsiisuu ilaalcha keessa kan galcheedha.
Fooramichis, “ Gumii Teddecha Horsiisee Bultootaa” jedhamuun moggaafame .Mogaasin maqaa kanaa Teddacha kan walqabatu yeroo ta’u hikaan isaas gaaddisa
mukaa isaa jalatti walitti qabamuun dhimma isaanii mar’atan jechuu dha.
Fooramiin kun miseensota gandoolee 40 aanaalee shan irraa walittiba’an kan qabu yeroo ta’u isaanis aanaa Dalloo Mannaarraa g a n d o o t a 1 4 , a a n a a M a d d a Walaabuurraa gandoota12, aanaa Harannaa Bulluqirraa gandoota5, aanaa Barbaree gandoota8fi Gurraadhaamoleen ganda tokko walumaagalatii miseensota 81 qaba.
Miseensotinni fooramichaa kunniin maanguddootaafi bulchiinsa gandaatiin kan filataman yeroo ta’u fooramichis, waggaatti yeroo lama Magaalaa Dalloo Mannaatti gaaddisa muka Teddechaa jalattiwalitti qabamuun akkageggeessuuf murteesseera. Fooramiin jalqabaarratti hirmaattonni 69 walumagala gandoota 34 keessaa aanaalee 4 irraa walitti bahaniin argamaniiru.
Gumiin miseensota gumii shan ‘’ Shanano Tedechaa’’ jedhamee waamamu qaba. Innis kan gumii ogganuudha.
Gahee hojii gumichaa kunneenis
Dhimmoota isaanii irratti mar’achuu
Rakkoolee mudataniif furmaata barbaaduu
Walitti bu’iinsa jirana akka baasuufi furmaata itti laachuu
Muxxannoofi odeeffannoo waljijjiirun isa caalmaa qabu lafa qabsiisuu dalagauu(hojjechuu)
Shananoo Teddachaa’ yeroo gara mana isaaniitti deebi’an yaadawwan irratti mari’atan hawaasa gandasaaniitiif dabarsuun yaada dabalataa argatanirratti gabaasa dhiheessu. Karaa koree shananoo foramicha seekteroota hundagaleessa keessatti hojiirra olchuun humnoota hojii akka mirkanaa’u taasisa.
Hojjettoota taajila fayyaa beeyiladaa tajaajila kennaa jiran
kennamuuf haala mijeesseera. Kan bu’uuraa godhachuun, dirree horsiifatee bulaa lama irraa istaafii teekinikaa 6 fi naannowaa aanaalee badda daree irraa 1 filamuun leenjii hojii mixaaqessuu nam-tolchee (insemination) guyyoota 45f akka fudhataniif gara garee misooma baadiyaa Arsiitti ergamaniiru.
Akka odeeffannoon waajjira misooma horsiifatee bulaa godina Baaleerra ba’u ibsutti istaafii humna nama hojii mixaaqessuu nam-tolchee (insemination) irratti leenji’ee qabaachuudhaan aanaalee hosriifatee bulaa godina Baalee ishee jalqabaa taasisa. Aanaalee piroojektii kun keessatti geggeeffamu keessatti sanyii fooyyaa’aa akka argamuuf: akkasumas omoshaafi omishitummaa horsiisfatee bulaa akka dabaluuf, galma ga’iinsaafi bu’a qabeessummaa piroojektichaaf aanaalee piroojektii kun keessatti geggeeffamu keessatti istaafii leenjii hojii mixaaqessuu nam-tolchee (insemination) fudhatan
hojiirra oolchutu irraa eegama. Omishaafi omishitummaa horsiifatee bulaa dabaluuf tooftaalee armaan oliitti diriirfamanitti dabaluun sanyii kormaa booranaa beekisuun tooftaa sanyii fooyya’aa argamsiisuun jajjabeessaadha. Galma ga’iinsa bu’aa kanaaf wiirtuu mixaaqessuu( breeding ) Oromiyaa Godina Boaranaa sanyii kormaa booranaa 9 Dirree
Tuyyuuraa Raanchaa irraa fidee beeksiseera.
Sanyiin korama booranaa kunneen gandoolee malkaa Amaanfi Horakoree, Koppireetiin oggansa lafa dheedicha margaa hirmaachisaa, aanaalee Dello Mennaa, Madda Walaabuufi gandoolee aanaa Haranaa Bulluki Bekaayeefi Hawoo keessaatti raabsamaniiru.
14 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Leenjii Iskaawutii Biyyoolessaafi Hojiirraa
Akkuma qaama hojii ijaarsa dandeettii Paarkii
biyyaalessaa gaarreen Baalee fooyyessuuf humni ijaaarame barbaachisaa ta’etti Pirojaktiin Sheer leenjii iskaawutii biyyoolessaa akka fudhataniif gargaarsa tasiseeraaf.
Leenjichis ogganaa iskaawotii lamaaf torban ja’aaf (Fulbaana 15 –Onkololessa 24/2015 Kibba Afriikaa Paarkii biyyolessaa Kuurgeer Limpooppoo ,Kolleejjii qabeenya bosonaa (wildlife) ogganaa iskaawotii biroo dhaabbata EWCA irraaa dhufan waliin fudhataniiru. Bal’naan
matadureewwan gargaraa ka’aniiru: kunuunsa umamaafi amala gaarii, mirga namummaa, qulqullinq dhuunfaa, gareen dalaguu,hojii maappiifi geejjibaa naannawaa kunuunsaa walitti bu’iinsaaf furmaata barbaaduu,eegumsa fikunuunsa naannawaa horsiifatee bulltootaa fi qabeenya bosonaa adda baasuu kan hammateedha. Leenjiitonnni iskaawootii, leenjicharraa akkamitti akka walitti bu’iinsa furanirratti hubannoo bal’aa akka argatan dubbatu. Erga mannatti deebi’an hiriyoota isaaniif leenjiifi hordoffii idileefi taasisaa
jiru. Leenjii walfakkaataafi leenjii hordoffii kallatiin iskaawutoota Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee dhiira 56 dhalaa 8 waliigala leenjiitoota 64f leenjiin kennameera.Leenjitoota keessaa tokko kan ta’an obbo Hordofaa akka akka jedhanitti bu’aa leenjicharraa arganneen jijjiirama umnee hojjechaa jirra. Hojiiwwan paatiroolii keenyaafi raawwiin garee fooyya’iinsa agarsiisee jira. Mudesiifsa itti dabaluun harka caalaa tooftaa ittiin walitti bu’iinsa furannu keenya akka daran cimu ta’eera.
Piroojektii Sher-INB ittisaqabeenyaa Paarkii
Biyyoolessaa Gaarreen Baalee cimsuuf deggersa teekinikaafi maallaqaa qopheesseera. Gargaarsi loogistikiifi maallaqaa piroojektichaa sababa iskaawotii paatiroolii geggeeffameen gochaalee seeraan alaa kanneen akka qubannaa seeraan alaa, dheedicha lafa margaafi buna dhaabuu waan to’atameef ni dabale. Hordoffii bulchinsa naannowaa, foolisiifi mana murtii gandaafi aanaa keessatti seekteroota hundagaleessa, human hojii daran cimsuun milkaa’ina eerame fiduu danda’eera. D a b a l a t a a n i s , P a a r i k i i Biyyaalessa Gaarreen Baalee keessatti bakki jireenyaa waan jiru hojiin toannoo qaruxee (patiroling)fi seerri naannowaa Paarkii biyyoolessaa Gaarreen Baalee keessatti hojirraa oole waan dabaleef gumaacha qaba.
Sagantaa yaalii waliingahiinsaa haawaasa Paarkii Biyyaalessa Gaarreen Baalee humna cimsuufi babal’isuu piroojektiin Sheer-Ber dadammaqinni akka dabaluuf gandoolee 21 keessatti hawaasa naannawaa
Kaka’umsa Qooddiinsa Muuxannoo Oggansa Paarkii Biyyaalessaa
argamaniif haalli akka mijatu ta’uun dadammaqiinsa akka
argatan ta’eera. Dadammaqiinsi taasifame irraguddeessi isaa
Leenjii iskaawotii fardaan
15Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Kaka’umsa Qooddiinsa Muuxannoo Oggansa Paarkii Biyyaalessaa
fayidaa paarkichaafi rakkoolee mudatan irratti xiyyeeffata. Dabalataaisn piroojektichi manneen barnootaa shan keessatti gumii umamaa jedhamu akka hundeeffamaniif gargaarsa maallaqaa laachuun haala mijeesseera.Haaluma kanan aanaa Adaabbaatti miseensota waliigalaa 294 ta’an keessaa 85 dhalaa qabaachuun hundeeffame. Piroojektis bu’aa gar-lamee: haala jireenyaaf tooftaa biraa akka uumamuufi akkasumas duudhaalee kunuunsa qabeenyaa isaa
Iskaawotootin wayita leenji’an
Gargaarsa Barumsa Tolaa Qophaa’e
Da n d e e t t i i n r a a w w a c h i i s u m m a a
human namaa dhaabbileen mootummaa michuu murteessoo ta’an naannowaa oggansa qabeenya umamaa keessatti argaman cimsuun hojii ijoo piroojektichaa keessaa isa tokkoodha. Kana hordofuun, sadarkaa qulqullina barnootaa (academic qualification) dhaabbilee michuu mootummaa ta’anii akka haara’aa deemu dhabbata barnootaa olaanaa kanneen akka yuuniversitii Wandoo Gannati kolleejjii bosonaafi qabeenya umamaa fi Yuuniversitii Madda
Walaabuu waliin waliigalteen kontoraataa mallattaa’eera. Hamma yoonaatti piroojektich dhaabiilee mootummaa saddeetii( Sadarkaa barumsaa BSC 6, Msc 2) barumsa isaanii sagantaa barnoota Gannaa keessa laatamuun akka argatan ta’eera. Kanneen barumsa tolaa ganna argatan keessaa 1 dhalaa dha. Hundi isaanii yuuniversitii Wandoo Gannati kolleejjii bosonaafi qabeenya umamaafi yuuniversitii Hawaasaa muummee ooggansa biyyeefi qabeenya umamaa irratti barumsa argatan ta’eera. Kanneen Msc fudhatan lameen
keessaa tokko dhiyeenya kana barumsa koorsichaaf laatamu xumuruun gara xumuraa waraqaaa eebbaa (thesis )isaa hojjechuuf hojii dirree bobba’ee jira. Mata duree qorannoo isaas ‘’ dhiibbaa qoraan fayyadamuu qabeenya bosonaa irratti fiduufi gumaacha inni qilleensa gubataa (carbon emission ) waliin qabu irratti geggeessaa jira.
Naannowaa fayyaafi hawaasi diinagidee (koorniyaa, lakkoofas ummataa…kkf ammo piroojektii isa itti aanu keessatti geggeefama jedhamee eegama.
akka dabaluuf hawaasin naannowaa ikoo-tuuriziim irratti akka hirmaataniif sochii eegale. Haaluma kanaan namootin dhuunfaa fedha qaban misoomi akka tarkaanfii gara fuulduraa ittifufu, mana bunaa aadaa ittidanfisan, mala aadaan kanniisa horsiisuu, hojii ogummaa harkaafi daawwiii muuxannoo waljijjiirraan leenjii booda adda ba’anii mul’achuu danda’aniiru. Ogeessi ittisa ibiddaa kibba Afriikaa irraa mondessuun miseensota Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen
Baalee keessumaa scout dhaa leenjii teekinikaa ittiin ibidda ittisan qopheesse. Bittaa meeshaa tiifu (Knapsack Sprayer) diddama, yoo haalli qilleensi baramaa qooraafi gogaa ta’e balaa qaqqabe qilleensarra balali’uun akka to’atmuuf helekooptarii kiraayii fuudhame keessumaa sabbata bosona mukeen dhedheeroo (bamboo belt) bosona Harannaa keessatti argamu.
16 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Leenjii Leenjistootaa
Leenjii leenjitootaa guyyoota torbaaf kaka’umsa qindaa’aa ooggansa yaa’aa bishaanii piroojektifi
waajjiraalee mootummaaf baahirdaaritti kenname. Leenjichi kaayyoo dandeettii qooda fudhattootaa fi dhaabbilee michuu piroojektichaa raawwii sanantaa oggansa yaa’aa bishaaniifi naannowaa ittisairratti daawwii muuxannoo waljijjjiirraa guyyoota shaniin deeggeramee laatame. Daawwiin kun kangeggeeffame hawaasa Awuraambaa, aanaa Daabaati, paarkii biyyaalessaa gaarreeen sameen leenjii gochaa irratti hundaa’e walqixxummaa koorniyaa, oggansa qabeenya umamaafi ittisaa ooggansa qoodamaa (shared management) irratti.
Hirmaattotin leenjichaafi daawwii muuxannoo wal jijjjiraa namootin 26 goodinnaalee Baaleefi Arsii, waajjira qonnaaa aanaa, waajjira misooma horsiifatee bulaa /pastoral development office/, waajjira bulchiisa lafa baadiyyaafi kunuunsa naanowaa, hir’isa qilleensa gubataa naannowaatti gadhifamuu, piroojektii bosona ciruufi manacaasuu (reduced emission from deforestation degradation) sadarkaa biyyoolessaatti dhimmi lakkofsa ummataa ilaallatufi istaafii piroojektii Sher-Ber. Leenjichi walta’iinsa wiirtuu qabeenya bishaaniifi lafaan qindaa’uun geggeefame.
Matadureewwan ijoo leenjichaa wayita leenjii ka’an
Walii galaatti manca’iinsa yaa’aa bishaaniifi oggansa lafaa(land management).Yaada-rimee (concept) fi qajeelfamoota oggansa yaa’aa bishaanii qindaa’aa.Haala Sagantaa Oggansa yaa’a bishaanii qindaa’aan itti qophaa’uuf itti raawwatuMeesha xiinxaala baa’oo fizikaalaa( GPS) fayyadamuun maappiii yaa’a bishaani argachuuYaa’aa bishaanii keessatti giddu lixiinsa (intervention) oggansa biyyeefi bishaanii Barsiifata giddulixiinsaa qonna–bosonaa (agro-forest intervention) fi qajeelfamoota oggansa yaa’a bishaanii To’annoofi oggansa bakkeewwan dhooqa lafaa lafaa (Gulley)Dhimmoota haawaasummaa (koorniyaa, lakkoofsa ummataa,fayyaa ) dhiyaateera.
Xumura irratti qabxiilee hirmaattonni leenjichaa irratti waliigalan
Istaafii teekinikaa waajjiraalee mootummaa Ikoo Naaannoo Baaleef leenjii oggansa qindaa’aafi hirmaachisaa yaa’aa bishanii (Participatory integrated watershed management /PIWM)Oggansa yaa’a bishaanii hundaa keessatti wixinee sagantaa keessa deebiifi
xumuraa kilaastarii hunda biraaan ga’uu
Bakkeewwan giddulixaa aanaalee jiran hundaa keessatti dirree (site) ooggansa yaa’a bishanii itti baratan dhaabuu.
Bu’aa kana irraa ka’uun ,battaluma leenjiin leenjitootaa fi muuxannoo waljijjjiirraa dirree geggeeffameen Ikoo Naannoo sadarkaa walfakkaataa hundaa jiran keessatti gareen ooggansa qindaa’aafi hirmaachisaan yaa’a bishaanii Ber keessatti qindaa’e (organized) .
Waliigala namoota leenjicharratti hirmaatan 66 keessaa dhalaa 10 piroojektii torbarraa aanaalee gidduu lixa (intervention) seekteroota mootummaa fi sadarkaa zooniitti ogeessota muummee garagaraa irraa walitti ba’an ogeessa qonnaa (agronomy), horsiisa beyladaa(livestock),oggansa qabeenya umamaa (natural resources management), jal’isii, misooma abaaboo (horticulture)fi karoora fayyadama lafaa leenjicha irratti hirmaataniiru. Leenjiin muummee hundagaleessa kun haalli akka mijatu kanta’eef gumaacha ogganasa yaa’aa bishaanii sadarkaa Ikoo Naannoo /eco-region level/ hojiirra oolchuuf ta’e jedhee ittiyaadamuun kan qindaa’e dha.
Gama biraan istaafiin sadii piroojektii Sheer-Ber irraa leenjii imaammata quunnamtii qopheessuuf leenjii guyyoota shanii Adaamaatti waxabajjii 2015 PHE-ECn geggeefame irratti hirmaataniiru. Bu’aa qophee imaamamtaa, bu’aa qorannoofi hanqina imaammataa, tarsiimoo quunnamtii qopheessuu, wal-quunnamtii keessatti miidiyaan haala kamiin hirmaachuu akka qabu, haala ittiin tajaajila qindaawaafi bu’a qabeessi kennamuu danda’uufkanneen biroon akka matadureewwan ijoo leenjichaati dhiyaataniiru. Piroojektiin Sheer-Ber marasaa marsaa piroojekitii waliin quunnamtii taasisu, murtee kennitootafi eejensoota raawwaataniif leenjii dabalataa kennuuf sagantaa qopheesseera.
Leenjitootin wayita isaa daawwii dirree irraati hirmaatan.
17Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Koree Fayyaa Gandaa Jijjiirraa Amalaa Sagantaa Karoora Maatiif
Carraa ijoollee baayyee horuu guddaa jiruun tokkoon
tokkoon dubartii daa’ima 6 godhachuu bayayina ummataa sadarkaa biyyoolessaaf galtee ta’a jira. Duudhaan Hawaasi diingidee ijoollee waliin wal qabtee jiru sadarkaa dubartootaa mala itti da’umsaa (contraceptive) gad bu’aa,barumsaan gad aanaa ta’u,dhiirri tokko dubartoota baay’ee fuudhuu hawaasi Ikoo Naannawaa Baaleetti beekamuudha.
Duudhaan aadaa hawaasaa armaan olitti eramee sagantaa karoora maatii fudhatanii hojiirraa oole ittifufsiisuuf naannowaa misooma saffisaaa keessatt rakkoodha. Hawaasin horsiifatee bulaa fagoorrra jiraatu lafa dheeraa imaluun tajaajila fayyaa argachuufis ta’e waa’ee sagantaa karoora maatii dhaga’uun walirraa fageessanii da’uu irratti maalummaa mala ittisa da’umsaa irratti hubannoo hinqaban. Kana irraa ka’uun akka qaama pirrojektii Sher-Ber ttii fayyaa hawaasaa qindaa’aafi naannowaaa hojiirra oolchuu eegale. Pirrojektichis tooftaalee ittiin sagantaa fedhii karoora maatii ittiin sassaabu seekteroota hundagaleessa gandoolee filataman keessatti daandii isaan ittiin oggansa qabeenya umamaa fufiinsa qabu naannwaa Ikoo Naannoo Baaleetti mirkaneessuuf akka gumaachuu danda’an taasise. Sadarkaa gandaatti koreen fayyaa gandaa raawwii isaa akka oggananiif ,jijjiirama amalaa walqunnamtii ganda giddu lixa (intervention) hunda keessatti akka ummauuf hundeeffame. Koree fayyaa gandaa hundeeffamae tokkoon tokkoon gandootaa misiseensota 13-15 qaba. Koreen kun bulchiinsa gandaa, oggantoota mana amantaa, sagantaa karoora maatii fayyadamuudhaan dubartii adda duree, hojjettoota ekisteenshinii fayyaa(health extension workers HEWs) bakka bu’uutuu dhimma dubartii, qindeessitoota manneen barnootaa, bakka bu’aa buufata fayyaaa sadarkaa jalqabaa hammatee jira.
Gochalee koree fayyaa gandaa human hojii (taskforce) sadarkaa gandaatti seekteroota hundgaleessaa bakka bu’an waliiin walqbasiifameera. Koreen fayyaa gandaa hundeeffame leenjii bu’uuraa wa’ee fayyummaa wal-quunnamtii saalaa (reproductive health) fi tooftaalee fayyadama sagantaa karoora maatii, dandeettii walquunnamtii paakeejii ekisteenshinii fayyaa fayyadamuuun haala kamiin akka danda’umurratti leenjiin qophaa’eera. Leenjichis qindaa’aaf bashannansiisaa kan barsiisu ture.Piroojektichi maree hawaasaa idilee hawaasa bal’aa hirmaachisuun dubdeebii haala raawwii koree fayyaa gandaafi barbaachisummaa fayyummaa walquunnamtii saalaa sagantaa karoora maatii dabalatee marii geggeesseera. Giddu lixiinsi kun sadarkaa hubannoo hawaasaarratti xiyyeeffachuun walittihidhatiinsa baay’ina ummataa, fayyaa, naannowaa (enviroment) akkasumas deggersaafi beekisisa naanowaafi fayyaa dursaafi haala jijjiirama amalaa bu’aqabeessa jireenya maatii gama fayyummaa walquunnamtii saalaa, sagantaa karoora maatii, fayyaa hawaasaa, qabeenya uumamaa firii jireenya
hawaasaafi umamaa garagaraa (biodiversity) badhaatuu taate Ikoo Naannoo Baalee ti . (Bruce, 2013)
Hanga mataduree filatame irratti tokkoon tokkoon miseensotin abbootiin warraa hirmaatanitti sagantaan marii idilee gandoolee hundaa keessatti dhiirafi dhalaaf adda ba’ee qophaa’eera. Piroojektii baayina ummataa 878,000 fayyadamaa taasisuuf galma qabame galmaan ga’uuf tokkoon tokkoon waltajjii maree irratti akka hirmaataniif namota 50-70 duraaduubaan waamichi ta’eeraf. Koree fayyaa gandaa gochaale ummataafi fayyaa naannoo gidduu lixuu taasiseen waliigala dubartoota 3788 heeruman kan fuudhe 1558 dhiira; 886 ammoo dardara. Hawaasa keessatti barumsi hubannoo uumuu RH fi FB irratti laatame hudhaalee aadaafi amantaa dahoo godhachuun hidda gad-fageeffate cabsuun jijjiirama amalaa guddaa fideera. Jijjiirama qabatamaa fayyadama sagantaa karoora maatii galamaa’e keessaa dubartoota 131 mala dahumsaa yeroo gabaabaatti (short acting), dubartootin 120n kan yeroo dheeraa (long acting) fayyadamuu eegalaniiru.
Haala fayyadama bar’uu irratti wayita ibsi koree fayyaa gandaaf laatamaa jiru
18 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Ikoo Naannoo: Mr. Johon dubbistoota keenyaaf eenyumaa keessan utuu nuuf ibsitani.Mr. Johon: Ani Johon Moriisin jedhama.Qonna Afriikaatti Daayirektera Biyyaa ta’uun hojjeedheera. AmmaS Itiyoophiyaa keessaa hojjechuu ergan eegalee waggaa tokko caaleen jira. Kanaan dura Biyyoota ardii Afriikaa garagaraa muuxannoo waggoottan soddomaa oliif hojjedheera.Tokko tokkoon ibsuuf: ardii Eshiyaa kibbaa,giddugaleessa Ameerikaa,dhaabbilee miti-mootummaa biyyoolessaa garagaraa keessatti irra caalmaan misooma baadiyaa akkasumas mancaa’iinsa irratti hojjeedheera.
Ikoo Naannoo: waa’ee piroojektii Sher-Ber fi haala inni itti hawaasatti dhiyaachaa jiru bal’inaan nuuf ibsituu?Mr. Johon: Piroojektichi waan baayyee nama ajaa’ibsiisuudha;kalaqarratti kan hundaa’eedha. Baalee keessatti akkasumas sirnakoo biro kanneen akka yaa’a laga Waabii Shaballee Ganaalee Daawwaa keessatti Oggansa qabeenya umamaa qindaa’e hojiirra akka ooluuf hojii fakkeenymmaa qabu hojjeteera. Akkasumas qu’annoo jireenyaf barbaachisoo ta’anirraati hojjeteera. Keessumaa qaamolee hawaasaa harka qalleeyyii ta’an, qonnaan bultoota galii xiqqoo qaban, horsiifatee bulaa fi lubbuqabeessa bosona keessa jiraataniif hojjeteera. Waanti karoorafameef bakka jiru irratti oggansa qabeenya umamaa fufiinsa qabaachuun galiinsaanii hawaasaa akka taasisuudha.
Hawaasi naannawaa lubbu qabeeyyi naannowaa isaanii eeguu keessatti jiraataniif itti gaafatamummaan akka ittidhaga’amu kaka’umsa akka horatan taasisa.
Ikoo Naannoo: Akka yaada keessaniitti Piroojektiin Sher-Ber raawwiinsaa milkaa’aadha? Mr. Johon: anaaf milkaa’inni guddaan bakkeewwan garagaraa keessaatti bu’aan galamaa’aan jiruu, nutis akka michuu piroojektii tokkootti milkaa’insaaf hawaasa gargaaraa jirra. Fedhiinis dhaabbiilee gargaraa keessatti dabalaa jira, dandeettii fayyadamummaa piroojektichaa bakkeewwan hedduu keessatti raawaachaa jira. Kunis kani agarsiisu oggansa piroojektii milkaa’inafi qinddomina ejensii hedduu, dhaabbilee mit-mootummaafi qooda fudhattoota qabuuti.
Ikoo Naannoo: Ikoon Naannoo Baalee baraaruu keessaatti qindoominan sadarkaa hundumaarratti akkasumas dhaabbilee
Af-gaaffiiGaaffiif deebii Qonna Afriikaatti Daayirektera biyyaa Mr.Johon Mooriisi waliin geggeefame
Wiirtuun gabaa gurgurtaa beeyildaa hundeeffame Hojiin giddu lixaa (intervention)
ijoon piroojektii Sher-Ber naannowaa hawaasa horsiifatee bulaa gidduutti sirna gabaa fooyya’aa wiirtuu gabaa hundaa’e mirkaneessuudha. Fooyya’iinsa sirna gabaaf beyildaa fiduuf bakka gabaa mijaawaa (convenient market place) fi wal-hidhatiinsa gabaa gidduutti (market linkage) akka umamu mirkaneessuudha. Tarsiimoo kun kan qophaa’eef jireenya hawaasaa horsiifatee bulaa Ikoo Naannoo keessa jiraatan cimsuuf yaadameeti. Tarkaanfii hanga
ammaatti fudhatamen bakka beeyiladin dhibba shanii ol itti argamau irratti wiirtuu gabaa sadarkaa lammaffaaf sadarkaa aanaatti hundeeffamera.Innis yeroo ammaa magaalaa Dalloo mannaatti tajaajila kennuu jalqabera. Kunis kan ta’uu danda’e birr miliyoona lama baajata haaraa ramaduun wiirtuu gabaa istaandaardiisaa eege haawaasa horsiifatee bulaa keessatti akka uumamuf haal-.duree sirna walihidhatiinsa gabaa mijeessuudha. Wiirtuun gabaa amma ijaaramaa jiru
guutumaan guutuutti yeroo xumuramu kutaalee armaan gadii qabaata. Bakka tursiisa beeyladaa (livestock barn) kutaalee garagaraa sadii (m 100 X m100) ta’u qaba. Kutaan inni tokkoffaa looniif, lammaffaa kan re’eefi hoolaa , sadaffaan ammoo kan gaalaafi harreeti.
Wiirtuun bakka ittibeeyilada dhukkubsate adda baafamee eegamu(ittihidhamu) (detention pen used as quaratin center to isolate animals)Gamoo mana qorichaa
Mr. Johon Morris
19Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
hundagaleessa waliin hojjechuun hammam piroojekticha fayyade jettanii yaaddu?Mr. Johon: Hammaan adda baasee hin beeku, haaloti rakkisoon jiru, oogganisifi kunuunsi gaarii cimsuun naannowaa keessa hawaasi akka jiraatu taasisuun ni danda’ama. Dhiibbaan jirus sababa walii waliisaan walmakee jiraachuudha. Yaaliin taasifamaa jiruus adda addaa dhuunfaatti akka ifa ba’an taasisuudha. Fknf tajaajila bishaanii dhiyeessuufihurkaa fooyyesuu,faalama bishaanii .(Fedhii bishaan hammaafi gosoota beeyiladootaa mala aadaa fayyadama bishaanii).
Ikoo Naannoo: Dhaabbilee michuu sadarkaa hundarratti argaman piroojektii Sher-Ber waliin hojjechuun qooda fudhatan seekteroota mootummaafi yuuniversitoota isaan kami? Mr. Johon: Gaariidha! Akka isaan haala walfakkataan hubatan abdiin qaba. Akkan hubadhetti bakka nuti hojjennu hundaatti rakkolleen gargaraa numudatanitti cabsinee akka keessa dabarruuf deggera gudaa nuuftaasisaniiru. Nuti gareen piroojikticha keessaatti bifawalqixa taheen hoji kalqaa (creativity) fi walitahiinsa (collaboration) qaamolee teekinikaafi ogganasaa keessatti cimsuu hijjechuuff yaalleerra. Jalqabarraa ka’ee wayita piroojektichi karoorfameefi sochii eegaleerraa ka’ee bu’aan piroojekticha iraa bachuurratti irratti kan hundaa’eedha. Barreeffamaa akkasumaan barraa’ee waraqaarra taa’e osoo hin taane qaamolee biroo,mootummaa, ogeessotafi qooddattoota hirmaachisuuf xiyyeeffannoo guddaan kan hundaa’eedha.
Ikoo Naannoo: Baatii afurtama booda piroojektii Sheer- Ber irraa maal eeddu?Mr. Johon: Akka gaarii ta’un abdadha, hanga sanatti garuu dhaabilee biroo kanneen akka dhaabbilee tarsimoo qopheessanii, tola ooltotaafi raawwattootaa waan hojjenne? akkamitti akka hojjenne? amansiisuudha. Piroojekticha xumuramuuf waggoota sadii isa fudhata. Kaka’umsa kan umuuf yeroo
gabaabaadha. Kanaaf, haallan amma jiran akka bu’uuraati fudhachuun egee fuulduraa misoomsina. Akkamitti bakkeewwan biyyattii biroo keessatti hojiirra ooluu akka danda’u akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.
Ikoo Naannoo: Piroojektii Sher-Ber raawwaachiisuu keessatti rakkoolee akkamiitu isin mudate?Mr. Johon: Rakkoolee tokko tokko ni jiru garuu, dhaabileen michuu qonnaa afriikaa ( African farm) waliin hojjechuurratti muuxannoo qabu.Ta’us rakkoolee ciccimoo ta’an osoo isaan hin cimin yeroo hundumaa iatattamaan rratti mar’achuun akka ifa ba’u ta’era. Nuti hundi keenya iyyuu michuu ciccimoo taa’nus dhaabbata kaayyoo,aadaa ijaarsia,dirqaminfi mul’atin dhaabbatummaa gargaraa qabnuudha. Kun duudhaa piroojektichi fideedha ta’us hojii keenya haala garrii hojjechuuf walittidhufeenya keenya sirriitti qabchuun dandeenyeerra.
Ikoo Naannoo: Gara fuulduraatti waanti fooyya’uu qaba jettanii yaaddan jiraa? bakkeewwan fooyya’uu qaba jettan yoo jiraate?Mr. Johon: Battalumatti dhugaadha erga jedhaiiin booda, ani fooyyessuurra barchuufi waan baratan lafa qabsiisuun filadaha wantotin dalaguuf sirakkisan hundi hojii gara fuulduraatti hojjetamuuf akka barannootti ilaalmu. Akkan beekutti piroojektichi qabeenya umaamaa guddaa qaba. Fandii ga’aas qaba; kana jechuunis hanqinootin tokko tokko mul’atan naannowaa geejjibaattifi gargaarsa waajjiraalee akka fakkeenyaatti kaasuun ni dandaa’ama.
Ikoo Naannoo: Mchuu piroojektii Sheer-Ber akkasumas qaamolee qooda-fudhattootaaf (stakeholder) ergaa akkamii qabdu?
Mr. Johon: Ogeessotafi hawaasa tumsa taasisu akkasii waliin hojjechuu kootii gammachuu guddatu natti dhagaa’ama.
beeyiladaa ( kilinika)Waajjiira taaksii (gibira) mootummaa ittisassaaban (tax office)Bakka dhoqqee beeyiladaa ittwalitti qabamu(dry latirne)Bakka beeyiladi bishaan itti dhugan( cattle trough for watering)Bakka beeyiladi itti talaalaman (crush & vaccination treatment)Istiraakchara bakka beeyilada fe’an( loading ramp)
Wiirtuu gabaa kallattiin hawaasa horsiifatee bulaa gandoolee 24 anaalee waldaangessan afur keessatti argman namoota
12,000 tilmaaman tajaajiluu danda’a. Akka tarsiimoo raawwii qophaa’ef karoorfameetti miseensonni karaa gamtaa oggansa lafa dheedicha margaa akkasumas kallattii dhaabiilee mitimootummaatiin beeyilda
isaanii gatii gaariidhaan akka gurguratan taasisisuun caalaatti fayyadamoo qoodiinsa galii kooppiratiivicharraa sassaabamuu (divided share) qooddattoota akka ta’aniif.
Wiirtuu gabaa daldala beeyildaa
Mr. Johon Morris
20 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Fooyya’iinsa Haala Jireenyaa kan Qonna Jijjiirama Qilleensa Dandamatu Waliin Argamu
4
Tooftaan qonna qilleensa mijaawaa bakka itti gidduu
lixuuf adda ba’e dirree sadii ooruu qonnaan bulaa irratti waa’ee giddu lixiinsa qilleensa mijaawaa irratti odeeffannoo hubannoo kennamaa jira. Pirojektii qonnaa qilleensa baramaa mijaawaa (climate smart agriculture /CSA) qilleensi barmaan akka hin jijjiiramneef omishi qonnaan bultootaa akka dabluuf, manca’iinsi bosonaafi lafa dheedicha margaa hir’isuuf sanyii jijjiiruun qotuu (diversification) akka falaattii hawaasa naannawaaf dhiyaateera.
Piroojektichis raawwiisaa wayita eegalu horsiisa kanniisaa ammayyaawaa, snayii midhanii, kuduraafi muduraa filatamoo, qonna bosonaa (agro-forestry) teekinoologii fayyadamuun akka oomishan taasifameera.Akkuma hojii milkaa’aa tokkootti piroojektii qonnaa qilleensa baramaa mijaawaa ikoo naannoo keessaatti waltajjii mareefi sagantaa raawwii misoomaa walitti fufiinsa qabu hawaasi, seertaroota mootummaa kallattiin ilaallatu, dhaabbilee qonnaa naanowaatti argaman kanneen akka Sinaanaa, Melkaasaa, Deedirabirihaan, Wiirtuu qorannoo qonnaa Kulumsaa, gamtaa omisha sanyii Holotaa waliin geggeeffameera. Haaluma kanaan bakkeewwan hojii kun itti raawwataman hundaattii hawaasaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu mootummaa waliin ta’uun bakkeewwan filatamoo dhimicha bakka bu’an(representative) kanneen akka qilleensa baramaa baddaa, badda dareefi gammoojjiitti hordoffii geggeeffameera. Kanumaan walqabatee walumaa galatti qonnaanbultoota 169 ibsa qonnaa qilleensa baramaa mijaawaa (climate smart agriculture /CSA) akka fudhatanii filamaniiru
Kaka’umsa Gidduu Lixiinsaa Qonna Qilleensa Mijaawaa Waggaa jalqabaa walakkaa waggaattii yaaliif naannawaa qilleensa baramaa baddaatti sanyii fooyya’aa qullubbii (gar l ic) ,dinnichaa(potato)f i garbuu namoota 25 fudhatan keessaa dubarttotin 8 bu’aa gaarii kan ittiargatan aanaa diinshootti argamau. Haaluma walfakkaatuun qilleensa baramaa badda-dareetti aanaa Hereenaa Bullukii abbootii warraa 71f sanyiin xaafii, boqqolloo, bolloqqee (lojoo), saalixii filtamaan akka argatan ta’eera.Ikoo Naannoo kilaastarii gammoojjii abbootii warraa dhiira 72fi dhalaa 1 sanyii boqqolloo, xaafii boloqqee (lojoo) fi saalixii gogiinsa dandamchuu danda’u aanaalee Delloomannaa, Madda Walaabuu, Barberaaf raabsameera. Qonnaan bultootiis muuxannoo sanyii jijiiranii facaasuu ( intercroping ) horachuun lafa tokko erga boloqqee (lojoo) irraa galcahii booda deebisanii qamadii facaasuu toofataa haaraa fayyadamuun hanqina lafaa qonnaa furuu eegalaniiru. Walta’iinsa cimsa hirmaachisaan qoodafudhattoota ijoofi hawaasaa waliin ta’uun guutummaa guutuuttii bu’a qabeessa akka ta’aniif sanyii midhaanii, kuduraafi muduraa garagaraa akka fayyadaman ta’eera.
Haaluma kanaan sanyii filatamaa /xaafii, saalixii, boqqolloo, qullubbii irratti geggeffame kanneen mala aadaa fayyadaman waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu bu’aa garii agarsiiseera. /Kana jechuunis dachaa 2 hanga 3 qonnaan bultootin mala aadaa fayyadaman naannawaa irra caalamaa agarsiisera. Piroojektiichis qonnaan bulaa gara qonnaan bulaatti daddabarsaan beeksifamaa guddachaa walumaagalatti eegalameera.
Fakkii sanyiiwwan filatamoo (ol gara gadiitti) saalixii, boqqoolloo (gidduu), horsiisa kanniisaa (gad)
21Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Omisha kuduraafi muduraa cimina diinagidee dubartootaaf
Adde Ali’aa Abdallaa hiyyumaan dararamtee kan jiraatuu Harargee dhihaa kan taate qe’ee isheerraa irraa buqqa’uun bara 2005tti bosona Herenaa keessa qubachuun; aanaa Bullukitti ganada Hawoo jedhamu keesssa jiraatu. Sababiin cimaan qe’ee isheerraa buqqa’uu fide hiyyummaa cimaa ishee mudateen. Wayita ammaa kana haadhawarraa obbo Ahimad Serboo ta’uun ijoollee shan horanii qabu. Hagayya, 2015 yeroo piroojektiin SHARE-BER gara aanaa Bulluki ganada Hawoo dhufe fala misooma jireenya hawaasaa naannoo barbaaduuf jecha waa’ee kuduraafi muduraa ibsetti ja’isii mala aadaatti fayyadamuun adda duree namoota 10 dorgomuuf dhiyaatan keessaa adde Aliaan ishee tokko turte. Adde Aliaan dubartii cimtuu piroojektii SHARE-BERtti milkooftuufi teekinoolooji SHARE-BER namoota biroof dabarsuun beeksisteedha. Bu’uuruma kanaan adde Aliaan ulaagaa filannoo qopha’een filatamuun leenjii guyyaa tokkoo akkamitti akka hojjetan irratti erga fudhatanii booda carraa sanyii shunkurtii filatamaa kg 0.2fi mimixaa kg.005 ,jarkaanii ittiin biqiltuu bishaan obaasan argachuun carraa misoomaa diriiretti fayyadamuu danda’aniiru.
Adde Ali’aan sanyii filatamaa argatan madaba sanyii itti biqilchan irra facaasuun lafa qonnaa m2 294.72 shunkurtaaf, miximixaa m2 320.23 akka deggersa teekinikaa ogeessarraa argatanitti qopheessan.
Aliaa milkaa’ina ishee abdii guutuun abdattee waan jirtuuf biqiltuu ishee hordoffii cimaan gochuu itti fufte. Suuta suta hojiinsee qalbii namootaa harkisaa dhufuun namoota biroof fakkenya taate Suurri armaan gaditti mul’atu kun oruu (maasii) kuduraaf muduraa Ali’aa wayita daawwii dirree Mudde, 26/2015 ganda Hawoo keessatti argamuudha. Dhugaadhumatti baay’ee bareedaadha. Ali’aan ofii ishee qofaaf osoo hin taane
namoota ollaa ishee sadiif dabarsitee firii isaa qofa osoo hin taane biqiltuu biqilchuu irrattis milkoofteetti. Hojii babal’isuu osoo qaamin biraa ishee hindeggerin muuxannoon kun akka babal’atu taasifteetti.
Firii hamma yoonaatti argame
Namootin milkaa’oo biroon jiraatanis hordoffii sirnawaa oyiruu muduraafi kuduraa adde Alia’aa irratti geggeeffame lafa qonnaa armaa olitt caqasametti IRRATTI shunkurtii diimaa kg 120, mimmixa kg 230 argachuun ishee jalqabaa taate. Omish kunis isheen faayidaa mana keessaaf oolchite hindabalatu. Firiin galamaa’e kun akka agarsiisutti Bulluki ganda Hawoo keessatti laf heekitaara tokkotti shunkurtii diimaa kg 5,400 (kuntaala 54), miximixa kg 7,200(kuntaala 72)tti kan dhiyaatu omishamuu akka danda’u agarsiiseera. Hamma piroojektiin giddulixaan (intervention) furmaataa barbaachaa hojiirra ooletti, keessumaa omisha shunkurtii diimaa naannawaa sanatti omishuun barsiifatamee waan hin jirreef sanyii kuduraafi muduraa fooyya’aa piroojektii SHARE-BERn raabsame garaagarummaa gandichatti mul’ate madaaluunhin danda’amu. Sababa gidduu lixuu (intervention)
omisha kuduraafi muduraan firiin jireenyaa maatii adde Ali’aa irratti mul’atefi dhiibbaan inni qabu ilaaluunis barbaachisaadha. Waan maatii isheef barbaachisu argattee ittiin jiraachuu irra darbee hamma tokko gosoota omishaa ishee lamaanirraa muraasa gurguruun galiisheerraa qarshii Itiyoophiyaa 2000n sa’a bitte. Har’a omisha ishee hundumaa utuu gurgurtee ,galii dabalataa biraa dachaa sadii hanga afurii ta’u danda’u walitti qabachuu dandeesseetti jechuun ni danda’ama. Gidduu lixuu piroojektii kanaan carraa (prospect) garafuulduraa maal akka ta’u Alia’an gaaftamtee shakkii tokko malee ofitti amanamummaadhaan gara fuulduraatti bu’aa piroojekticahaa namoota biraatti beeksisuun jireenya maatiishee kan duraanii caalaa akka fooyyesitu dubbattee jirti.
Ragaa Dirree Irraa
Wayita aadde Ali’aan oruu kuduraafi muduraa isaanii jiran
Wayitaa adde Ali’aafi abbaan warra ishee miximxa omishan
22 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Maatii fayyadamtootaa: waantota nyaataa maatii guutuuf barbaachisan cinatti
Umar Aliyyee Baraarti umuriinsaa 34 yammuu
ta’u, Anaa Dalloo Mannaa, Ganda Malkaa Amaanaa keessa jiraata. Umar Abbaa maatii yammuu ta’u, ijoollee dhiiraa 4 fi dubra 2 qaba. Galiinsaa kan hundeeffame qonnaf hormaata looniirratti. Sababa qilleensatin facaasan daddebi’e midhamuurraa kan ka’en, maatisaa waliin jireenya gadadoodhaf saaxil-ba’ee ture.
Bara 2007tti, Pirojaktin SHARE Baalee waajjira Misooma Horsise Bultoota Anaa Dalloo Manna walin ta’uudhan Ganda Malkaa Amaanaaf Qonna Qileensa mijaawaa jalqabe. Sanyii boqqoolloo, salete fi boloqqee caamaa dandamchuu danda’an beeksisan. Toftaa haala qonnaa gaaritis waliin beeksisaniiru. Umar qonna gaarii fayyadamuf kanneen filataman keessaa carraa argatee boqqoolloof boloqqee walin facaase.
Gargaarasa piroojektii SHARE-BERn umar sanyii fiiyya’aa boqqoollqqfi boloqqee lafa hektaara 0.25 facaasuun yeroo yerootti toofata biqiloota jijjiiree dhabuu eegale. Mala aadaatti fayyadamuu boqqolloo hektaara 0.2 irra facaase. Yeroon biqiloota dhaabuu guyyota 20 duubatti yoo harkifatelle firrin sanyii filatamaafi sanyii mala aadaan faca’e gidduu garaagarumaan akka jiru hubatameera. Yeroodhuma sanyii filamataa hintaane fayyadamutii omisha boqqollo kuntaala tokko qofa argatutti omisha callaa boqqolloo kuntaala 12.5fi sanyii fooyya’aa boloqqee (lojoo) hektaara 0.25 irraa kuntaala tokko argate.
Akkuma Umar olii ibsuuf yaale duraan yeroo dheeraaf qallaba maatiisaaf jecha waggaa waggaan qarshii Itiyoophiyaa 8,000 baasii godha. Kun ammoo deebisee lakkoofsa re’oota isaaf sangoota isaa akka hir’atu taasise. Haata’u
malee, erga pitoojekyii CSAtti hirmaachuu eegalee gurguraa beeyladaa hambisuuun maatiisaaf midhaan nyaataa ga’aa argachuu danda’eera. Qonnaan bultooti gandasaa keessa jiraatan sanyii boqqoollo filataamaa isa gaafchuu eegalan. Hanga ammaatti qonnaan bultoota 8f sanyii boqqolloo filatamaa kiilo giraamii 50 qopheessuun oyiruu isaaniirra akka facaasan ta’eera.Kunis galii dabalataa Umariif ta’e.
Xumura irratti, Umar boqqolloo omishuutiif sababi
milkaa’inasaa maal akka ta’e wayita ibsu sanyii boqqoloofi boloqqee (lojoo) gigiinsa dandamatu fayyadamuu, siran barsiifata qonnaa tekinoologiin deeggerame sanyii oyiruu irratti jijjiiiranii facaasuu akka ta’e dubbata.
Sanyii miidhaa ongee dandamatu fayyadamu
Teeknoloogii kanneen akka sararaan faccaasuu, sanyii bara baraan geedaruufi xaa’oo fayyadamu
Malkaasaa-2: Sanyii boqoolloo filatamaa oruu obbo Umar irratti
Umar Aliyyii maatii isaa waliin
23Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Dhaabbata qorannoo bishaanii
Misoomaafi Qorannoo Ragaa Burqisiisuuf Oolu
5Kaka’umsa qorannoo dhimma bishaaniif meshaaleen dhaabbatan
Piroojektii SHER-INB dhaabbata qorannoo, meeshalee
barbaachisoo dhaabbata qorannoof barabbachisan qopheessuufi hordoffii hundeessuun qorannoo dhimma bishaaniirratti geggeessuu eegale. Kun ammoo gyuuaa guyyaatti gara burqaani bishaanii ittiyaa’an, bakka isaan itti walqaxxaamuran, amala bishaan lafa jalaa, odeeffannoo haala qilleensaa dhaabbata odeeffannoo saffisaa (automatic) akka beekamaniif gargaara.
Kaayyoo kana galmaan ga’uuf piroojektiin SHER-INB bara 2015tti eegale wiirtuu qabeenya bishaafi lafaa waliiin ta’uun bakkeewwan hordoffii qorannoo dhimma bishaani (hydrology), walita’iinsa yaa’aa bishaanii hirmaachisaa
keessatti gargaarsa teekinikaafi bulchiisa qopheessuu, dhaabbata qorannoo bishaanii jalqaba hundeeffamerraa odeeffannoo kilaastarri sadeen badddaa, badda dareefi gammoojjii Ikoo Naannoo Baaleerra maddisiisuu
Biiniyaa Adimaasuu nama qabeenya umamaa dhalootaa dhalootatti akka
darbuuf kunuunsuu qabeeny umamaa Itiyoophiyaarratti kutannoon nama hojjechaa jirrudha. Piroojektii SHAR-BERttis akka gorsaa teekinikaa tuurizimii ta’uun hijjeteera. Zuuloogii hawaasa Firaankifurtittis sadarkaa gara garaa irratti wagga torbaaf hojjetera. Hawaasa naannowaa waliin hojjechuun marsariiriiti(toora interneetii) akka banamuuf gumacha guddaa gumaacheera. Naannawaa Kuunuunsa Abuna Yooseef, naannawaa kunuunsa Menzi-gu’aassaa, Baaleefi paarkii biyyaalessaa gaarreen sameen, qophii Kitaabolee qajeeltoo (qajeelchituu) paarkiwwan biyyaalessaa gaarreen samee lameenii isaan gurguddoodha. Hammafedhe imalasaa dheeraa ta’us,jeedala fardaa Itoophiyaafi Paarkii biyyaalessa Baalee bakka baayy’ee filatamaa keessatti argamu, Biiniyaamis kutannoo yeroosaa harkacaalu wareeguun kunuunsa qabeenya umamaaf hojjechaa jira. Bitootessa, 2015tti Biiniyaam goota kunuunsaa dhugaaafi qabatamaa ta’ee ture. Yeroosaa bakka bu’uu hin dandeenyefi jireenyasaa akka hingubanneef ibidda irraa ittisuufi ittisuu bakka nama maraan jaalatamu. Waanti hin dhabe hundinuu nama gaddisiisu
hamma dhumaatti fayyadamummaa FZS, SHAR-BER BMNP fi kanneen birootti.
Waannti irraanfatamuu hinqabne tokko akkuma hojii piroojektii xumuruuf yaalii guddaa taasisnu keessumaa kanneen Biiniyamiin eegalaman paarkii haaraa dabalatee,Waldaa Sankatee ganda manayaatee keessatti qabatamaatti abjuusaa bakkaan ga’uuf hojii guddaa caalaa ittisafi kunuunsa milkaa’aa BMNP ti. Maqaa isaan , Baalee keessatti tuurizimii kunuunsa qabeenya paarkiichaarratti xiyyeefateenfi kaayyosaa BMNP inni qabatee ka’e galamaan ga’uuf qabsoo ittifufsiisuu.
Dhaba Goota Kunuunsaa Gaddisiisaa
dha. Wayita ammaa kana ijaarsi dhaabbati qorannoo haala qilleensaa lama xumuramee jira. Ijaarsi dhaabbata qorannoo ijaarsi isaa hin xumuramnee ammoo ji’oota lamaan fuulduraa keessatti ni xumuramu jedhamee eegama.
24 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Piroofaayilii raawwattootaa gabaabaatti
Qonna Afriikaa(Farm Africa)Qonni Afriikaa dhaabbataa bu’aa mataasaaf hindalagune dhaabata tola oolaa hiyyumaa Afriikaarraa balleesuu badhaadhina baadiyyaa keessatti mirkaneessuuf hojjetuudha. Qonni Afriikaa(farm Africa) dhaabbata gaafa Afriikaa keessatti hijechaa jiru ta’ee yeroo amma kana biyyota akka Itiyoophiyaa, Keeniyaa, Sudaan kibbaa, Taanzaaniyaafi Yuugaandaa keessaa sagantaalee kan qabu dha. Hojii kallattii lamaa walfaana hojjetaa jira: guddina diingideefi bulchiinsa qonaa qabeenya umamaa walmaddii raawwachuu dha. Giddu lixiins(intervention) qonna Afriikaa kan xiyyeeffatu midhaan, horsiisa loonii, qonna bosona Afriikaa Itiyoophiyaa keessatti hojjechaa jira.
Mul’ata: Baadiyyaa Afriikaa bdhaatuu
Ergama: Guutummaan guutuutti Afriikaarraa hiyyumma xiqqeessuu dandeettii galii qonnaan bultoota Afriikaa cimsuun fi fufiinsaa qabeenya isaanii akka kunuunsan taasisuudha.
Toora interneetii : www.farmafrica.org
Institiyuutii oggansa bishaan biyyoolessaaInstitiyuutii oggansa bishaan biyyoolessaa dhaabbata bu’aa mataa isaaf hinhojjenne dhaabbata qorannoo biyyoolessaa misooma bishaaniifi qabeenya lafaa fufiinsa qabu biyyoota guddachaa jiran keessatti mirkaneessuuf hojjechaa jiruudha. Waajjira muummichaa Kolombiyaa, Sirilaankaa akkasumas waajjiraalee naannoo ardii Eshiyaafi Afriikaa irraa qaba. Institiyuutiin ooggansa bishaan biyyoolessaa qamolee hawaasaa, mootummaa, seekiteroota mitimootummaa waliin ta’uun oggansa qonna bishaanii ol-dabalaa deemuuf fala hiyyummaa dhabasiisuu,hnqina midhaan nyaataa dhabamsiisuufi sirnakoo fayyabuleessa akka ta’uuf hojjetaa jiru. Institiyuutii oggansa bishaan biyyoolessaa miseensa CGIARfi Qorannoo waltahiinsa idila addunyaa mirkaneessa hanqina midhaan nyaataa gara fuulduraa jedhamanii ti.
Mul’ata:akkuma tarsimoo bara 2014-2018 keessatti ibsame ‘Bishaanni addunyaaf ga’aa dha’
Mission: Jireeny ummataaf, naanawaa mirkaneessa wabii nyaataa akkasumas misooma tasgabbaa’aa fi oggansa bishaanii qabeenya lafaaf furmaata ragaa irrattihundaa’e dhiyeessuu. Institiyutiin qorannoo horsiisa beeyildaa biyyaalessa waajjira Institiyuutii oggansa bishaan
biyyoolessaa Afriikaa bahaa addis kaampaas, Addis Ababa Itiyoophiyaa jiru ofitti fudhate.
Toora interneetii: www.iwmi.org
SOSDhaabbati Saahel jedhamu Yeroo jalqabaaf dhaabbata miti mootummaa biyyolessaa tajaajjila tola ooltummaaf hundeeffameedha. Dhaabbatin (SOS Saahel biyyoolessa UK) bara 1984 hojii kan eegale horsiifatee bulaafi qonnaan bultoota bakka Sahaaleen Afiriikaa jedhamu naannowaa lafa gogaa irra jiraatan kanneen akka Sudaan, Niiger, Maalii, Chaad,...kkf gargaaruuf. Bara 1989 piroojektii misooma baadiyyaa jedhamuun wabii midhaan nyaataafi bulchiinsa qabeenya hirmaachisaa mirkaneessuuf Itiyoophiyaatti kan eegaleedha. Ministeera haqaatiin bara 2005tti SOS Sahaale Itoophiyaa jedhamu akka dhaabbata miti-mootumma biyyaalessaa tokkotti Itiyoophiyaatti galmaa’uun beekamtii argate. Dhiyeenyatti akka tola oolaa jiraataa Itoophiyaa tokkootti gara Eejensii hawaasaafi tola ooltumma jechuun hiyymaasaa haaressera.
SOS Sahaale Itoophiyaan jijjiirama sadarkaa jireenya qonnaan bultoota sadarkaa gadiirra jiraniifi horsiifataee bultoota: oggansa naannawaa fooyya’aa jalatti wlittifiduun, tajaajila fooyya’aa akka argatan taasisuun, sirna gabaa qonnaa tasgabba’aafi iftoomina qabuu akka argatan taasisuun jireenya isaanii akka fooyya’uuf kutannoo kan hojjetuudha. Gabaan dhaabbatichaa dimshaashatti yeroo ilaalamu akka armaan gadiitti jira.
Toora interneetii: www.sossahel.org.et
Hawaasa Kunuunsa Bineensotaa Firaankifurti –ItiyoophiyaaHawaasa Kunuunsa Bineensotaa Firaankifurti akka dhabbata kunuunsa biyyoolessaatti kan hundeeffame 1858 akka dhaabbata mitimootummaatti biyya Jarmanitti hundeeffame. Kununsa naoonnoo sadarkaa biyyoolessaatti lafa namin irra hin qubanne (wilder land) fi lubbu qabeeyyii naannowaasaa jiran kunuunsuuf hundaa’e. Kanaaf, piroojektiin Hawaasa Kunuunsa Bineensotaa Firaankifurti lafa namin irra hin qubanne ykn hin qotamne (wilder land) fi lubbu qabeeyyii naannowaasaa jiran kunuunsuurratti kan xiyyeeffatuudha.
Yeroo amma kanatti Hawaasa Kunuunsa
25Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Bineensotaa Firaankifurti piroojektii Gu’aassaa keessatti jireenya hawaasa jijjiiruuf karoorfachuun Ikoo Naannoo faalama qilleensaarraa bilisa ta’e fiduun jireenya hawaasa naannichaa jijjiiruuf raawwiirra jira. Gaarreen Baaleerrattis manca’iinsa qabeenya umamaafi lubbu qabeeyyii garagaraa akkasumas sirnkoof eegumsa cimaa jiraattota naannawaaf egeree isaaniif kan oolu akka ta’uuf ivestimantii qarshiifi ogessaa irratti dhangalasuun hojjechaa jira.
Toorainterneetii: www.fzs.org
Dhaabbilee yeroof Faayyaa ummataafi naannawaa Itiyoophiyaa (PHE Ethiopia Consortium)Dhaabbilee yeroo Faayyaa ummataafi naannawaa Itiyoophiyaa (Population health and environment Ethiopia (PHE) dhaabbata mitimootummaa bu’aa mataa isaaf hin hojjenne bara 2008 hundeeffameedha. Dhaabbatin yeroo waliin hojjechuuf hundeeffame kun kan hundeeffame ‘’ Fayyadama qabeenyaa fufiinsa qabuu, sirnakoo humna haara’aa maddisisufi jireenya fooyya’aa fufiinsa qabu fi ummata fayya buleessa Itiyoophiyaa taatee arguuf’’. Kana qofas osoo hin taane dhaabbatichi mul’ata ‘’Itiyoophiyaa keessatti misooma fufiinsa walita’iinsa ummataa beekisuufi mirkaneessuun, hawaasafi naannowaa (environment) fayyaaqabu akka jiraatu gumaachuuf ‘’.
Dhaabbilee yeroof Faayyaa ummataafi naannawaa Itiyoophiya kaka’umsa ummata bira ga’uuf taasisaniin walitti dhufeenya namoota gidduu walxaxaa gama fayyaafi naannowaa(environment) namoota gidduu jiru ifa baasuun akka galateeffataman taasise.multi-sectoral approaches”.
Toora interneetii: www.phe-ethiopia.org
Farm Africa Ethiopia
Toora interneetii: www.farmafrica.org
L.S.P: 5746, Addis Ababa,ItiyoophiyaaLakkoofsa bilbilaa: +251 11 467 4129 +251 11 465 5156 +251 11 4663172
SOS Sahel Ethiopia
Toora interneetii: www.sossahel.org.et
L.S.P: 3262, Addis Ababa,Itiyoophiyaa Lakkoofsa bilbilaa: +251 11 416 0391 Faaksii: +251 11 416 0288 Marsariitii: [email protected]
International Water Management Institute
Toora interneetii: www.iwmi.org L.S.P: 5689, Addis Ababa,Itiyoophiyaa Lakkoofsa bilbilaa: +251 116 172000Faaksii: +251 116 172001 Marsariitii: [email protected]
Frankfurt Zoological Society Ethiopia
Frankfurt Zoological SocietyKutaa magaalaa laaftooo Nifaas silkiAaanaa 03,Gamoo Adot,Darbii 7ffaaLakkoofsa waajjiiraa 701L.S.P: 100003Addis Ababa,Itiyoophiyaa
Lakkoofsa bilbilaa: +251 113727907 (Addis Ababa) +251 468 990643 (Bale)
PHE EC
Toora interneetii: www.phe-ethiopia.org L.S.P: 4408, Addis Ababa,Itiyoophiyaa Lakkoofsa bilbilaa: +251 116 634116/21 Marsariitii: [email protected]
Teessoo
26 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Meeshaalee IEC/BCC Manxanfame
27Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Galatni keenya inni guddaan namoota adeemsa barullee kana qopheessuu keessaatti nugargaaran kanneen barreeffama gumaachan, gulaalan akkasumas yaadaan nudeeggaran
hundaaf haata’u. Kanaafis, gulaaltonni barullee kanaa namoota gumaachaafii hirmaannaa cimaa godhaniif kanneen akka Joon Mooris, Dr. Mulugeetaa Limanih, Dr. Woldee Makuriya, Dr. Kaaren Laaweransan, Xeenaa Shitaarik, Kaabtaamuu Yahulashat, Kumbii Hajii, Neevilee islaad, Huseen Indrisiifi Samara Silashiitiif galatasaanii isa onneerraa ta’e nidhiyyeessu.
Galata
28 Ikoo Naannoo // Baruulee, Lak. 1, Bara 2008/09
Desig
ned
and
prin
ted
by P
HILM
ON P
RESS
PLC
Ph
oto
© FZ
S/da
niel
rose
ngre
n