12
Qorsa/Q0richa Jalalaa Yeroo darban keessa baruulee jaalala barreessun keenya ni yaadatama. Barrulee kanniin keessatti hiika jalaala waliin mari’achuuf yaalle turre. Jaalalli fayyaas dhiibes. Yoo obbolaa lamaan ykn haadha fi abbaa manaa jiddu jaalalli dhugaa uumame walitti nyakkisuu,wal jibbuu,wal waanyu,wal sobuu fi kkf jidduu isaaniti ni ka’a. Sababa jaalalaatin walitti dhufeenya namoota lamaani ni cima. Qaroomini sababa jaalalaatin ijjaarrama. Tokkumaan hawaasaa kan ijjaaramu jaalalaani. Bakka jaalalli hin jirretti qaroominni,obbolummaan,tokkummaan jiraachu hin danda’an. Karaa biraatin jaalalli dhukkuba. Mataan isaa dhukkuba osoo hin ta’iin qabiinsaa fi too’anna dhabiinsa isaatu dhibee isa godhe. Jaalalli keessa darbaan (Obsessive love) namoota dhuunfas hawaasas miidha. Jaalalli keessa yoo darbee gabbarrii ykn waqeefannaa ta’a. Nama ykn wanta san akka gooftatti ilaalu fi gabaruutu dhufa. Dhiirri ykn dubartiin takka nama tokkorraa jaalalaan yoo qabamee ykn qabamte halkanii guyyaa waa’ee isaa/ishii yaada/yaaddi. Jaalala kana gadi qabuu dhiise karaa haraamatan qabaneessu yoo yaale balbala badii ofitti banaa adeema malee furmaata barbaadataa hin jiru. Kanaafu jaalalli kunii daangaa darbee akka nu hin miine maal gochu qabnaa? 1. Ija ofii gadi qabachuu– ijji karaa sheyxaanni qalbii namaa seenuni. Yommuu dubartii takka ilaallu sheyxaanni boca ishii nutti miidhagsun qalbii keessatti akka haftuu fi yaadni keenya guutun akka ishiif ta’uu nu godha. Sadarkaan jalqabaa sheyxaanni ilma namaa gara badiitti fudhatu ijaani. Jalqaba ijji ni ilaalti. Ergasii waa’ee sanii ni yaaddi. Qalbiin erga bilcheessite booda qaamni hormaata yookaa ni mirkaneessa yookaa ni dida. Badiin osoo hin gudatiiniin duratti hidda isaa buqqisuun nageenya fi tasgabbiidha. Takka badiin hidda godhanaan buqqisuun ni ulfaata. Rabbiin dhibee kamifuu furmaataa fi qoricha malee hin buusne. Edisiyyuu taanan qorichi isaa wal qunnamtii saalaa seera maleessarra fagaachudha. Edisin namoota qulqullumma ofii eegan ari’ee qabee ajjeessa moo nama ofii harka itti kenne qabee galafataa? Dhugumatti, nama gulufee itti dhaqetu waxmadii isaa keessa gala. Rabbiin waa’ee ilma namaa keessa alaa isaa kan beeku akka badii kanaan hin halaakamne/badne furmaata kana lafa kaa’e.

Qorsa/Q0richa Jalalaa · “Mu’umintootan ‘ija keessan gadi qabadhaa’ jedhi,ija isaani gadi qabatu;qaama saalaa isaaniis ni tikfatu. Santu isaaniif irra qulqulludha. Dhugumatti

  • Upload
    others

  • View
    19

  • Download
    1

Embed Size (px)

Citation preview

  • Qorsa/Q0richa Jalalaa

    Yeroo darban keessa baruulee jaalala barreessun keenya ni yaadatama. Barrulee kanniin

    keessatti hiika jalaala waliin mari’achuuf yaalle turre. Jaalalli fayyaas dhiibes. Yoo obbolaa

    lamaan ykn haadha fi abbaa manaa jiddu jaalalli dhugaa uumame walitti nyakkisuu,wal

    jibbuu,wal waanyu,wal sobuu fi kkf jidduu isaaniti ni ka’a. Sababa jaalalaatin walitti

    dhufeenya namoota lamaani ni cima. Qaroomini sababa jaalalaatin ijjaarrama. Tokkumaan

    hawaasaa kan ijjaaramu jaalalaani. Bakka jaalalli hin jirretti

    qaroominni,obbolummaan,tokkummaan jiraachu hin danda’an.

    Karaa biraatin jaalalli dhukkuba. Mataan isaa dhukkuba osoo hin ta’iin qabiinsaa fi too’anna

    dhabiinsa isaatu dhibee isa godhe. Jaalalli keessa darbaan (Obsessive love) namoota

    dhuunfas hawaasas miidha. Jaalalli keessa yoo darbee gabbarrii ykn waqeefannaa ta’a.

    Nama ykn wanta san akka gooftatti ilaalu fi gabaruutu dhufa. Dhiirri ykn dubartiin takka

    nama tokkorraa jaalalaan yoo qabamee ykn qabamte halkanii guyyaa waa’ee isaa/ishii

    yaada/yaaddi. Jaalala kana gadi qabuu dhiise karaa haraamatan qabaneessu yoo yaale

    balbala badii ofitti banaa adeema malee furmaata barbaadataa hin jiru. Kanaafu jaalalli

    kunii daangaa darbee akka nu hin miine maal gochu qabnaa?

    1. Ija ofii gadi qabachuu– ijji karaa sheyxaanni qalbii namaa seenuni. Yommuu dubartii

    takka ilaallu sheyxaanni boca ishii nutti miidhagsun qalbii keessatti akka haftuu fi yaadni

    keenya guutun akka ishiif ta’uu nu godha. Sadarkaan jalqabaa sheyxaanni ilma namaa gara

    badiitti fudhatu ijaani. Jalqaba ijji ni ilaalti. Ergasii waa’ee sanii ni yaaddi. Qalbiin erga

    bilcheessite booda qaamni hormaata yookaa ni mirkaneessa yookaa ni dida. Badiin osoo

    hin gudatiiniin duratti hidda isaa buqqisuun nageenya fi tasgabbiidha. Takka badiin hidda

    godhanaan buqqisuun ni ulfaata. Rabbiin dhibee kamifuu furmaataa fi qoricha malee hin

    buusne. Edisiyyuu taanan qorichi isaa wal qunnamtii saalaa seera maleessarra

    fagaachudha. Edisin namoota qulqullumma ofii eegan ari’ee qabee ajjeessa moo nama ofii

    harka itti kenne qabee galafataa? Dhugumatti, nama gulufee itti dhaqetu waxmadii isaa

    keessa gala. Rabbiin waa’ee ilma namaa keessa alaa isaa kan beeku akka badii kanaan hin

    halaakamne/badne furmaata kana lafa kaa’e.

  • “Mu’umintootan ‘ija keessan gadi qabadhaa’ jedhi,ija isaani gadi qabatu;qaama saalaa

    isaaniis ni tikfatu. Santu isaaniif irra qulqulludha. Dhugumatti Rabbiin keessa beekaa waan

    isaan dalaganitti.” Suuraa An-Nuur 24:30

    Haa ta’uu malee yeroo amma ajaja Rabbii keenya kana dugda duubatti darbinee ija keenya

    wanta haraamatti bobaasna. Gatii ija keenya gadii qabachuu didneefis yerooma san ykn

    boodarra ni arganna. Fiilmii,gaazeexaa,interneeti.Tv fi kkf dubartii qullaa deemtu of

    keessaa qabanitti ija bobaasna. Gatii kanaas keessi keenya ibidda fedhiitin akka boba’u ta’a.

    Furmaanni ija ofii gadi qabachuu ta’ee osoo jiruu filmii fi Tv dubartii qullaa ilaalun

    furmaata akkamitti ta’uu danda’a? Ibidda bishaaniin dhaamsu osoo danda’amuu gaziin

    akkamitti ibidda dhaamsu danda’a? Kanaafu ija keenya

    filmii,diraamaa,Tv,gazeexaa,interneeti fi kkf kan wanta fokkataa facaasanitti ija bobaasun

    akka ibidda irratti gaazi dabalutitti. Keessa keenya nageenya fi tasgabbii nu dhabsiisu malee

    bu’aa fi furmaata tokko nu fiduu hin danda’a.

    Yeroo kutaa 8 fi 9 jiruu filmii fi diraamaa nan ilaalan türe. Miidhan inni sammuu koo irraan

    gahaa türe hangana hin jedhamu. Halkan hirriba malee bulun,dubartii fi dhiira iskiriini tv

    keessatti ilaalaa turan san yoo yaadatan nageenya fi tasgabbii sammuu nama hin

    dhabsiisuree? Kutaa kudhan yeroo gahu hiika Qur’aana afaan ingilifaatin dubbisuu jalqabe.

    Ji’a sadii keessatti wanta fiilmii fi diraama jedhamuu akka hin ilaalle tawbadhe irraa

    garagalee.Lamuu filmii fi diraamatti hin deebi’uu jedhe of amansiise. Diraaman yommuu

    banamuu dafee gara kutaa kootti lixa. Kanattu gammachuu fi tasgabii qalbii kooti naa

    kenna. Fimii fi diraama ilaalun onne walitti suntursuu malee bu’aa tokko akka hin qabne

    naa galte.

    Alhamdulillah urga sanii filmii fi diraamatti hin deebine. Osoo kan itti deebi’u ta’ee silaa

    barreefama kana hin dubbistan. Sababni isaas wanta haraama ilaalun qalbii gogsa,ifa

    beekumsa dukkaneessa. Kanaafu wanta haraama ilaalu irraa ija ofii gadi qabachuun qorsa

    jaalala isa jalqabaati.

  • 2.Walitti makamuu– dhiira fi dhalaan walitti makamuun akka jeedalaa fi hoolata walitti

    makanii tiiksuti. Ibidda fedhii of keessatti danfisuu fi gubaa isaatin rakkachuudha. Saalli

    lamaan yommuu walitti makaman fedhiin lamaani ni kaka’a,ibidda keessatiin ni

    gubatu. Warri dhihaa yommuu saallli lamaan walitti makaman fedhii ni hir’isa jedhanii

    yaadu. Kanarraa kan ka’ee dhalaa fi dhirri akka horii wal keessa yaa’u. Sababa kanaan

    gudeddaa,ulfa seera maleessa,dhiibe garagaraatin haleellamuun itti baay’ate. “Saala lamaan

    walitti makuu jechuu yommuu dheebotan bishaan galaanaa dhuguu jechuudha. Bishaan

    soqiddaa akkamitti dheebu nama baasaa dheebu namatti dabaluu malee?”

    Kanaafu qorichi jaalalaa inni lamataa saala faalla fuudhu ykn itti heerumu danda’an gaa’ilan

    duras boodas itti makamuu irraa fagaachu,dubbii hin taane fi hin barbaachisne waliin

    haasawu dhiisu,waliin kolfuu fi taphachuu dhiisudha. Sheyxaanni yoommu saala faalla

    waliin taphannuu fi kokolfinuu akka dammaatti nutti mi’eessa,inumaa san caalaa mi’eessa.

    Dubartii/dhiira fuudhu danda’an waliin yoo hin taphatin jireenyi gammachu akka hin

    qabne godhe nutti fakkeessa. Kaayyon sheyxaana inni guddaan kana osoo hin ta’iin suuta

    suutan zinaa/sagaagalumma akka raawwannuufi. Zinaa erga raawwanne booda rakkinnaa fi

    gadadoo garagaraatif nu saaxila. Eeti yuniversitii fi daree tokkotti walitti makamanii

    barachuun ni jira. Haa ta’uu malee barcumaa tokkorraa taa’uu dhiisu fi isaan waliin

    kokolfuu fi taphachuu dhiisun ni danda’ama. Hanga fedhe sheyxaanni nu haa

    wasawasuu/hasaasu saala faalla waliin taphachuu dhiisudha. Kana gochuun gammachuu fi

    boqonnaa sammuuti.

    3.Chaati- Yeroo amma kana keessa sababa teknolojiin garmalee babal’ateen namoonni

    namummaa fi hamilee ofii dhabaa jiru. Kabaja ofii handaratti salphisaa jiru. Nama beekanii

    fi hin beeknetti qalbii ofii rarraasu. Ibiddi keessaa waan facebook chaatin qabannaa’u itti

    fakkaata. Yommuu saala faalla waliin chaati jalqabnu sheyxaanni araada nutti godhaa

    adeema. Isa ykn ishii waliin har’a chaati yoo hin godhiin hirribni hin jiru,garaachi nyaata

    hin fudhatu,hojii ofii qulqullinnaa fi yeroo gabaaba keessatti hojjachun hin jiru. Mee haa

    xinxallinuu miidhan chaatin namarraan gahaa jiru. Namoota interneetiif chaatin caatidha.

    Sababni isaas akkuma caatin yeroo gubuu chaatinis yeroo guba,oomisha xiqqaa

    oomishan,sammuu namaa jijjira ykn ni hadoocha.

  • Kanaafu yoo intala takka yookiin dhiira tokko waliin chaati jalqabde fuudhu fi heerumuf

    qophii yoo hin ta’in addaan kuti. Yoo chaati hin jalqabiin hadaara jalqabuuf hin yaadin

    dhiisun boodarra sitti ulfaatati. Nama san fuudhu ykn itti heerumu yoo barbaaddeyyuu

    chaatin hariiroo fi jaalala keessan laaffisa malee hin cimsu. Sababni isaas jechoonni

    gaggabaabon walitti darbattan guyyaa tokko summii taate hariiroo keessan balleesiti.

    Kanaafu qorsii jaalalaa inni sadaffaan chaatirraa fagaachudha. Chaatirra fagaachun

    boqonnaa sammuu,nageenya,tasgabbii namaa laata. Yeroo qusata. Hojii ofii qulqulinnaani

    fi yeroo gabaabatti xumuran.

    4.Hiriyyaa badaa irraa fagaachu– hiriyyaan si tolchas si balleessas. Namni gaariis haa

    hojjatu badas namni hunduu akka isaa akka ta’u barbaada. Akkuma jedhamu dubartiin

    zinaa/sagaagalumma rawwattu dubartoonni hunduu zinaa akkuma ishii akka raawwatan

    barbaaddi. Hiriyyaanis yommuu ofii wanta badaa hojjatu namoota biroos walin qooda akka

    fudhatan humna qabuun itti harkisa. Namtichi inni itti harkisuu ofitti amanamummaa fi

    sodaan Rabbii laamsho/laafaa yoo ta’ee salphatti mataan gadi jedhaaf. Qilee inni itti of

    darbee waliin innis itti of darba. Seenan badii sababa hiriyyaatin dhalatuu lakkaawame hin

    dhumu. Seenaa asitti odeessun barreefama dheeressu fi irra deeddebii ta’a.

    Namni seenarraa waa barate jireenya ofii fooyyefata. Namni aaqilli/qaruuten bollo

    namtichi kaleessa itti küfe innis dhaqee itti hin kufu. Seenaa namticha sanii osoo beeku

    faana isaa hin dhahu.

    Hiriyyaan suuta suutan sossobee karaa nama dabarsaa malee humnaan dhiibee wanta ofii

    dalagu nama hin hojjachiisu. Mee koottu jaalalle koo waliin shaayi dhugnaa siin jedha. Yoo

    tole jette isa hordofte shaayi si obaasa,waliin taphattan. Achii galgala ni galta. Ni rafta.

    Yeroo kana yaada akkamituu sitti dhufa? Deebii simaaf dhiisa. Tarkaanfi akkamii

    fudhachuu akka qabdu sheyxaanni sitti hasaasaa bula. Salphatti haala kanaan hiriyyaan

    karaa si dabarsa. Jalqabuma yeroo inni shaayi ykn wanta biraa jedhe si affeeru osoo didde

    salphatti si hin gowwoomsu.

    Kanaafu hanga feene hiriyyaa keenya haa jallannu yoo inni wanta badatti nu harkise lakki

    jechuu qabna. Fedhii gabaabdu darbituuf jenne gammachuu fi nageenya zalaalami dhabuu

    qabnaa? Hiriyyaan keenya takka rakkanaan as garagalee nu hin ilaalu. Osoo dhibee

    Eedistiin qabamne Rabbii nu haa tiksutii nurraa dheessaa malee qalbii jaalalaatin nutti

  • dhihaate nu hin kunuunsu. Marree maaliif wanti inni dalaguu guutu waliin dalagne

    boodarraa gaabbii fi rakkoof jireenya keenya saaxillaa? Yoo wanta badaa waliin dalaguu

    baanne hanga fedhe nutti haa aaru,funyaa haa dhaabu, lubbuu fi jireenyi keenya gocha inni

    itti nu affeeru caalaa wuddii/qaalii mitii maa? Kanaafu qorsii jaalalaa inni afraffaan hiriyyaa

    gara baditti nama waamu irraa fagaachu,bakka gadhe inni taa’urraa dheessudha.

    5.Hojii gaggaarin of koo’omsuu(busy)- wareebessi horii adda deemu argannaan dhiise bira

    darba moo kuffifate nyaataa? Sheyxaannis nama hojii fi kaayyoo malee jiraatu qabee baditti

    darba. Wanta badaa akka yaadu fi hojjatuu isa kakaasa. Qabxilee armaan olitti tuqne akka

    hojjatu isa dhiiba. Abbichi yoo hojii gaariin of hin ko’oomsiin sheyxaanni gara hojii badaatti

    isa qajeelcha. Halkanii guyyaa faana dubartii akka hordofuu isa godha. Yaadni isaa guutun

    dubartitti/intala,dhiira saniif akka ta’uu isa taasisa. Namni hojiin gaggaari hojjatun of gadii

    qabe yeroo fi sammuu waa’ee sanii yaaduf hin qabu. Hojiin inni hundarra gaarii ta’ee

    immoo Rabbiitti dhiyaachuuf hojii dalagamuudha. Imaam ibn al Qayyim(Rabbii Rahmata

    isaani haa godhu) wantoota faaydi hin qabne bu’aa wayituu namaa hin buusne erga

    tarreessanii booda, wantoonni lamaan miidhan isaani kan daran badaa ta’an lafa kaa’an.

    Isaanis: yeroo fi qalbii qisaasessudha.” Qalbiin kan qisaasoftu yommuu jireenya

    boodaa(Aakiraa) irra jireenya addunyaa tanaa filataniidha. Yeroon kan qisaasoftu immoo

    hawwii addaan hin cinne qabaachudha. Badiin hunduu kan dhufu fedhii ofii hordofuu fi

    hawwii addaan hin cinne horachudha. Wantii gaariin hundii kan argamu immoo qajeelcha

    sirrii hordofuu fi qunnamtii Rabbiitif qophaa’udha.”

    Namni hojii gaggaarin yoo of ko’oomse hiriyyaan itti dhufee gara baditti hin harkisu, filmii

    fi moovi hin ilaalu,chaatin sammuu ofii boqonnaa hin dhoowwu. Jaalalle uummadha jedhe

    hin yaadu. Sababni isaas jaalalle godhachuun yeroo isarraa guba,galma guddaa gahuu hin

    danda’u. Sheyxaanni salphatti isa hin gowwomsu. Qorsi jaalala inni shanaffaan isa kana.

    6. Qabsoo– Qabsoon/ jihaadni cimaan qabsoo lubbuu ofii waliin adeemsisaniidha. Qabsoo

    kana moo’atuu fi kufuutu jira. Akkuma ibn Kasiira tafsiira isaani keessatti

    jedhan,”Mu’iminnii(Namni Rabbitti amanee) yommuu diinan ajjeefame

    shahiida(martyr) ta’a. Yommuu diina keessaa kan ta’ee sheyxaanan moo’atame immoo

    shiftaa(bandit) ta’a. Dabalatee mu’iminni diina ifaatin moo’atamee ajrii(mindaa) argata.

    Kan diina keessaatiin moo’ataman immoo cubbuu keessattii irbamuu fi jallatoota

  • ta’an. Sheyxaanni bakka namni hin agarree waan nama arguuf Kan sheyxaanni arguu hin

    dandeenyetti kana jechuun Rabbitti mangafachuun mu’imintootaf wanta garmalee

    barbaachisuudha. Rabbitti mangafachuu jechuun sheyxaanni abaarramaan dhimmaa

    amantii fi addunyaa kootii akka hin miine;wanta ajajametti duubatti akka na hin harkisne;

    wanta irraa dhowwamee akka natti hin bareechisne Rabbitti mangafadha,Rabbiin tiikfama

    jechuudha. “ Tafsiira ibn Kasiir Suuraa Al-Fatihaa fuula 20(English Translation)

    Qabsoon sheyxaana waliin adeemsifamuu qabsoo salpha miti. Ilma namaa jallisuuf halkanii

    guyyaa hin boqatu. Silaa hojiin isa ilma namaa jallisuu malee hojii biraa maal qabaree?

    Sharrii fi wanta fokkuu hunda ilma namaatti bareechisun itti affeerudha. Ilma nama erga

    jallisee raawwate booda immoo akkana jedhe ilma namaa kaada

    “Yeroo dhimmichi murteeffamu sheyxaanni ni jedha, “Dhugummatti Rabbiin waadaa dhugaa

    waadaa isinii galee. Anillee waadaa isiniif galee garuu isin gane. Ani aangoo wayituu isinirratti

    hin qabuu turee isin affeeru malee. Isinis naa awwaattan. Kanaafu ana hin komatinaa

    matama(ofuma) keessan komadha. Anii isiniif birmataa mitii isiniis naaf birmatoo miti. Ani

    waan isin duraan Rabbitti na qindeessittan mormeera. Dhugumatti zaalimtootaf(wrongdoers)

    adabbii laalessaatu jiraaf.” Al-Qur’an 14:22

    Fakkii mormii cimaa sammuu ilma namaa keessatti kaafamuu danda’uun Qur’aanni namaa

    ibsa. Qur’aana keessatti Rabbiin suuraalee baay’ee keessatti ilma namaa sheyxaana akka

    hin hordofne akeekachiisa. Mee isaan keessaa muraasa haa ilaallu.

    “Yaa ilmaan Aadam akka abbaa fi haadha keessan qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf

    uffata isaanii isaan irraa mulquun jannata keessaa baasetti akka shayxaanni isin hin

    mokkorre.Dhugumatti innii fi gostii isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti warra

    hin amanneef shayxaanota jaalalle goonee jirra.”Al-Qur’an 7:27

    “Yaa warra amantan Islaamummaa keessa guutuu guututti seenaa kottee/tarkaanfi sheyxaanas

    hin hordofinaa. Dhugumatti inni(shayxaanni) isiniif diina ifa bahaadha. “Al-Qur’an 2:208

    “Yaa warra amantan kotteewwan sheyxaanaa hin hordofinaa. Namni

    kotteewwan(tarkaanfilee) sheyxaanaa hordofe,inni(sheyxaanni) gocha fokkataa fi jibbamaa

    ta’anitti ajaja. Odoo tolli Rabbii fi rahmanni isin irra jiraachu baatee silaa tokkoon keessanis

  • gonkumaa badii irraa hin qulqullooftanu türe. Garuu Rabbiin nama fedhe ni qulqulleessa.

    Rabbiin Dhaga’aa Beekaadha.” Al-Qur’an 24:21

    “Yaa namoota dhugumatti waadaan Rabbii dhugaadha. Kanaaf jireenyi duniyaa akka isin hin

    gowwomsine. Gowwoomsan(sheyxaanni) waa’ee Rabbii akka isin hin

    gowwoomsine.Dhugumatti sheyxaanni isiniif diina. Isinis diina isa godhadhaa. Hordoftoota

    isaas warra ibidda boba’a keessaa akka ta’aniif qofa isaan waama.” Al-Qur’an 35:5-6

    Rabbiin kottee sheyxaana hin hordofinaa erga nuun jedhen booda maloota ittiin diina kana

    injifachuu dandeenyu nutti akeeka. Humna keenya qofaan diina keessa keenya moo’achuun

    garmalee ulfaata fi qabsoo baay’ee nama barbaachisuudha.

    “Yoo garagalchaan shayxaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti

    mangafadhu. Dhugumatti Inni(Rabbiin) Dhagayaa, Argaadha” Al-Qur’an 7:200

    Akkamitti sheyxaanarraa Rabbitti mangafachuu akka dandeenyu Rasulli(SAW) fi Qur’aani

    nuu barsiisanii jiru.

    Muxannoo kootirraa yeroo baay’ee du’aayi tana fayyadamuun sheyxaanatti qabsaa’a.

    “Jedhi ‘Gooftaa kiyya, ani hasaasa sheyxaanotaa irraa Sittiin mangafadha.Gooftaa kiyyaa isaan

    natti dhufuu irraa sitti mangafadha. “ Suuraa Mu’iminuun:97-98

    Yookin immoo A’uzubillahi mina sheyxaani rajiim jechuudha. Hiikni isaas Sheyxaana

    abaarrama Rabbitti mangafadha.

    Sheyxaanni akkanumatti lafaa ka’e nama gara baditti hin harkisu. Maloota garagaraa

    fayyadama. Nama gorsa gaarii namaa kennu fakkaate namatti hasaasa. Fakkeenyaf, akkana

    siin jedha,” Osoo dubartii tana salaama/nagaya jetteeni, Rabbirraa mindaa hin argattu?

  • Ergasiis kanatti hin dhaabbatu osoo wal bira teettanii waliin taphattanii rakkoo maaltu jira

    silaa zinaa hin hojjattanii?” Namtichi kana tole yoo jedhen sadarkaa itti aanutti dabarsa.

    Addatti wal qunnamuu,bilbila walii bilbiluu dhumarratti zinaa akka hojjatan isaan godha.

    Sheyxaanni haala kanaan sadarka sadarkaan gara baditti nama geessa malee takkaan nama

    hin jallisu. Namtichi beekkate sadarkama jalqabaatti yoo dide sheyxaana salphatti ni

    moo’ata. Yeroma inni sadarkaa jalqabarratti waa’ee badii namatti hasaasu du’aayi armaan

    olii haa jedhu.

    Du’aayi armaan olii yoo jettes takkaan gadi si hin lakkisu. İrra deddeebi’i jedhi. Rabbiin

    sheyxaanarraa akka si tiksu hundee qalbitirraa kadhadhu,itti warwaadhu. Hanga feete

    aalimaa fi nama Rabbiin sodaatu yoo taate, yoo Rabbiin si hin gargaarin gonkumaa

    sheyxaana moo’achuu hin dandeessu. Rabbiin kan itti warwaattu(kadhattu) taate ,Rabbiin

    dhagayaa fi deebii deebisadhaa.

    Kanaafu nama tokkorraa jaalalaan yoo qabamte,sheyxaanni gara baditti akka si hin bunne

    Rabbitti mangafadhu. Hasaasa isaa jalaa hin dhagayin. “Badi asii ani gonkumaa si hin

    dhagahu. Yoo Rabbiin jedhe si moo’adha malee na moo’attu” jedhiin. Zinaarraa Rabbiin akka si

    tiiksuuf du’aayii godhii. Nama jaalatte san gara fuunduratti fuudhu/itti heerumu yoo

    barbaadde salaata İstikaara salaati malee zinaan itti hin dhiyaatin.

    Qabsoon kuni sitti jabaachu danda’a. Shayxaanni karaa adda addaatin gara baditti si

    harkisa. Kanaafu wanta ‘Qorsa Jaalala kutaa 1ffaa” keessatti tarreessine hordofi. Insha Allah

    milkaa’innaan sheyxaana ni injifattaati.

    7.Fuudhu fi Heeruma – Rabbiin ilma nama wanta nafseen isa hin dandeenya irra hin kaa’u.

    Jaalalli humna cimaa onnee namaa keessatti uumamuudha. Osoo jaalalli jiraachu baate

    silaa fuudhaa fi heerumni hin jiru. Sababa kanaatin silaa horteen ilma nama ni citaa ture.

    Kaayyoon fuudhaa heerumaa inni guddaan fedhii wal-qunnamtii saalaa qabbaneessu osoo

    hin ta’iin maatii fi hawaasa ijaarudha. Namni fedhii isaa qofa qabaneessuf fuudhu ykn

    heerumu fedhiin erga qabannaa’e booda dhaabbanni fuudhaa heeruma dhihootti diigama.

    Kanaafu waa’ee fuudhaa heeruma yoo yaannu kaayyoon keenya inni jalqabaa fi guddaan

    maatii fi hawaasa cimaa uumuuf ta’uu qaba malee fedhii gabaabdu dabartuf ta’uu hin qabu.

    Fedhiin akka uffata halluu gadi furuutitti feedi gochuu danda’a.

  • Yoo gara mata-duree keenyati deebinu ibidda jaalala qabbaneessuf qorichi itti fayyadamnu

    keessaa tokko fuudhaa heeruma. Waa’ee fuudhaa heerumaa Abdullah akkana jechuun

    gabaasan.

    Yeroo dargagummaa fi qabeenya hin qabne taane Ergama Rabbii waliin turre. Ergamaan

    Rabbii(SAW) akkana jedhan “Yaa warra dargaggoota namni isin keessaa fuudhu danda’u haa

    fuudhu. Sababni isaas ija ofii akka gadi qabatuu fi qulqullumaa isaa akka eeguf isa gargaara(kana

    jechuun zinaa akka hin hojjanne isa gargaara). Namni fuudhu hin dandeenye haa soomu. Soomun

    fedhii wal qunnamtii saalaa hir’isa.” (Sahiih al-Bukhaari,jiildii 7 Kitaabu nikah boqonna

    3,lakkofsa 5066-From English translation)

    Dhugumatti Hadiisni kuni furmaata gahaa lafa godhe. Yoo danda’e fuudhu qabaa malee

    humna fi sanyii ofii bakkuma argetti qisaasessu hin qabu. Namni kana hin dandeenye hoo

    maal haa godhu?

    8.Soomuu fi nyaata hir’isuudha kaa- Hadiisuma armaan olii irraa ka’uun namni fuudhu hin

    dandeenye fallii isaa soomudha. Soomni fedhii keessa namaa keessatti boba’u hir’isa.

    Namni yoo nyaata baay’ise fedhiin isaa ni kaka’a. Hormoniin testosterone jedhamuu fedhii

    wal qunnamti saalaa geessatti gahee guddaa taphata. Akka qorannoon agarsiisanitti hammi

    Testosterone yoo dabalee fedhiin wal-qunnamtii saalaas akkasuma dabala. Qorannoon itti

    fufuun akkana jedha “Namoonni filmii wal-qunnamtii saalaa ilaalan 35% nin hammi

    Testosterone isaani ni dabala.”

    Akkuma beeknu hormonooni kan uumaman sababa kemikaalota adda addaa nyaata

    nyaannu keessatti argamaniirraayi. Nyaanni nyaannu baay’ee fi gosoota garagaraa kan ta’uu

    yoo ta’e maddii hormonootas akkasuma dabala. Mee haa xinxallinuu biyyoota hiyyeeyyi

    keessatti moo dureeyyi keessatti zinaan/sagaagalummaan, gudeeddan baay’ataa?

    Kanaafu soomu fi nyaata hir’isuun hormoniin Testosterone kuni garmalee madduun fedhii

    namaa akka hin kakaasne taasisa. Mee ilaala furmaata akkam bareedu fi yeroo kamifuu

    turuu danda’u Islaamni jaarraa 14 dura lafa godhe. Ija keessan gadi qabadhaa yoo jedhu

    Rabbiin faaydaa keenyaf malee faaydaa ofiitifii miti.

  • 9.Sabrii fi Mindaa Rabbirraa eegu- sabriin jireenya hadhaawa gara mi’aawatti geeddara.

    Namni sabri hin qabne mi’aawa dhandhamu hin danda’u. Mindaan sabriin argamuun

    addunyaa aakiratti xiqqaa miti. Rabbiin (Subhana wa ta’ala) waa’ee warroota obsanii fi

    mindaa isaani yoo dubbatu akkana jedha:

    Jedhi “ Yaa gabroottan kiyyaa kan amantan! Gooftaa keessan sodaadha. Warra duniyaa tana

    keessatti toltu hojjataniif (Aakhiratti) toltuun qopaa’ee) jira. Dachiin Rabbiis bal’oodha. Warri

    obsan mindaan isaani kan isaaniif kennamu lakkoofsa malee dha.” Al-Qur’an 39:10

    Kanaafu warra obsaniif mindaa lakkoofsa maleetu isaaniif kennama. Addunyaa aakiratti

    wanta gaaritu isaan qunnama. Eeti yeroo dargaggummaa wanta haraamarra obsuun ni

    jabaata. Hadhaan jaalala garmalee keessa namaa macheessu danda’a. Namni sabriin

    hadhaa kana liqimsee bira darbe dhugummatti jireenya gaarii jiraata. Namni Rabbiin

    sodaatu fi mindaa sabrii beeku fedhii hadhaa yeroo gabaabaf turtu irratti sabbaruun itti hin

    ulfaatu. Hadhaan jaalala bar yeroo dheeraf hin turu. Yoo tures ji’a sadii ykn sanii oli.

    Namtichi yoo hojii gaggaarin of ko’oomse hadhaa jaalalatin garmalee hin haleelamu.

    Torbaan tokko garmalee sitti jabaachu danda’a. Yoo torbii kana obsaan dabarsite fi

    tarkaanfi garagaraa gara wal-qunnamtii saalatti nama dhiiban yoo fudhachuu baatte,Insha

    Allah(yoo Rabbii fedhe) torbii itti aanuu sirraa qabbanaa’a. Ammas torbii biraa hadhaan

    kuni sitti deebi’u danda’a. Ammallee akkuma torbii darbe obsaan bira dabarte torbii

    kanallee obsaan bira darbii. Insha Allah ni milkooftati.

    10.Adabbii fi badii zinaa(sagaagalummaa) irraa dhalatu hubachuu- Rabbiin badii zinaa

    ilaalchisuun akkana nuun jedha:

  • “Sagaagalummattis hin dhihaatinaa. Dhugummatti inni hojii fokkataa fi karaa hamaa ta’ee

    jira. “ Suuraa Al-Isra 17:32

    Adabii fi badiin zinaa irraa dhalatu hangana hin jedhamu. Namni fedhii gabaabdu

    guuttachuun dura bu’aa fi miidhaa isaa gadi dhaabbate madaalu qaba. Osoo hin madaalin

    jarjare yoo itti lixe akka hantuuta waan xiqqoo nyaachuuf jette waxmadii keessa seente ta’a.

    Namoonni fedhii ofii karaa zinaatin(sagaagalummaan) guuttatan fokkinni zinaa erga

    rawwatanii booda itti dhagahama. Hangam jibbisiisaa akka ta’ee hadhaan isaa itti

    dhagahama. Kanaafu hadhaan sabriin darbuu fi hadhaan zinaa irraa dhalatu gonkumaa wal

    hin gitu. Hadhaan sabrii gara mi’aawatti jijjirama. Hadhaan zinaa immoo gara kamittu hin

    jijjiramuu hadhama ta’ee hafa. Sammuu fi fayyaa nama miidha.

    Dhibeewwan yeroo amma zinaa irraa dhufan lakkoofsa hin qaban. Isaan keessaa lubbuu

    namoota biliyoona galafatanii fi galaafataa jiran Edisii,fanxoo,cophxoo, fi kkf dha.Namtichii

    osoo hin toowbatiin yoo du’e immoo balaan zinaa kanaa caalaa.

    Sayyid Quxbiin(Rabbiin isaa rahmata haa godhuu) waa’ee zinaa ilaalchisee qabxii garmalee

    ijoo lafa kaa’ee.

    “Zinaan karaa baay’een ajjeecha bakka bu’a. Inni ajjeechadha sababni isaas, dhimma

    jireenya bakka dogongora ka’uun qisaasessa. Yeroo baay’ee wanta uumamaan argamee

    karaa dhala baasuu fi daa’ima ajjeesutiin hordofsiisa. Yoo daa’imni baraarame fi akka

    jireetu hayyamameef jireenya gadadoo fi sarbamaa keessatti dagatama. Kuni karaa biraatin

    ajjeechadha.

    Dabalataan, zinaan ajjeecha hawaasati sababni isaas hariiroon maatii ni bada, funyoon

    dhiigaa(blood ties) wal dhaba. Namoonni daa’imni isaan guddisaa jiran kan isaani ta’uu itti

    amanamummaa xiqqaa akka qabaatan godha. Haala kanaan hariiroon hawaasummaa dadhabaa

    adeema, afuurri(spirit) isaani guddate ykn xiqqaate ni du’a. Sababa adda addaa irraa kan ka’ee

    ajjeecha hawaasummaa akka ta’eetti ilaallamu danda’a. Zinaan karaa salphaatin fedhii ofii akka

    guuttatan balbala waan banuuf, fuudhaa heeruma barbaachisa akka hin taane fi

    ittigaafatamummaan maatii akka dhabamu taasisa. Wanti irraanfachu hin qabne maatiin mana

    sirrii ijjoolleen itti guddifamanii fi dhalli namaa inni gaarii ta’e wal qabate itti ijaarramudha.

    Maatiin mana guddinni dhiiraa fi dubartii haala walqixaatin itti mirkanaa’udha. Seenaa

    keessatti hawaasni sagaagalummaan akka babal’atu hayyame kufiinsa mataa ofiitti kan

    fideedha.”

    In the Shade of the Qur’an jildii 11 ffaa irraa fudhatame.

  • Kanaafu yeroo ibiddi jaalala nama keessatti qabatuu fi boba’u adabbii fi badii zinaa

    yaadachuun qabbaneessun ni danda’ama. Qorsii jaalala inni dhumaa adabbii

    zinaa/sagaagalummaa yaadachudha.

    Gudunfaa

    Hanga amma qorsa jaalala kan itti fayyadamnu fi muxannoo namota irraa arganne

    tarreessine jirra. Namni qorsa kanniin fayyadamu ni milkaa’a. Kana kan dide fedhii

    gabaabdu guuttachuuf sheyxaanaf harka kenne Rabbii isa haa qajeelchu, karaa sirritti isaa

    haa deebisu jennaan. Amantiin Islaama furmaata gahaa dhuunfaa,hawaasa guutumaan

    guututti addunyaaf ta’u of keessatti kan hammateedha. Namoonni furmaata kanarraa

    garagalanii furmaata biraa barbaadutti yoo ka’an badii malee wanti isaan eeggatu tokkollee

    hin jiru.

    Kanaafu namni Islaama duuka bu’u addunyaa aakiratti ni milkaa’a. Warra dhihaa irraa

    qorsa jaalala argadha jette osoo deemte dhibee san caalu malee wanta biraa hin argattu.

    Akkamatti fedhii akka bobeessan sitti himuu malee akkamatti akka qabbanessan sitti hin

    akeekan. Gaafa tokko osoo barruu wayii dubbisuu “Rakkoo jaalalaa maal akka godhan hin

    beeku, akka itti too’atan hin beeku.” jedhe barreesan barruu.

    Hanga humni koo danda’een barruu kana qopheessuf carraaqe jira. Wanta dhala namaa fayyadi jedhe yaade barreesse jira. Alhamdulillah,galanni fi faarun Rabbii haa galu. Gargarsa isaatin hojii keeyrii hundaa hojjanna. Namni dogongora irraa hin fagaatu. Yoo dogongore na sirreessa. Hiikkawaan keeyyatoota Qur’aana armaan olii “Hiika Qur’aana Kabajama Afaan Oromotiin” fi Sahih İnternational English Translation irraa fudhataman. Yaa Rabbii dogongora keenya nu araarami,hojii keyrii keenya nurraa qeebali. Gara funduratti daran akka isin taajajilu yaada keessan asitti qicaa bira darbaa. Qunnamtiif [email protected] Website: www.sammubani.wordpress.com FB- www.facebook.com/jireenyabadhaatu

    mailto:[email protected]://www.sammubani.wordpress.com/http://www.facebook.com/jireenyabadhaatu