64
Akkamitti haa eegalu? ~ 1 ~ Akkamitti haa eegalu? QOPHEESSAAN: Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Gibxii Afaan Oromootti kan Hiike Dn. B/sa Guutaa Charuu Saadasa, 2012B.A Qabiyyee 1 ffaa Jireenya afuuraa guddachaa adeemu

Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

  • Upload
    others

  • View
    81

  • Download
    5

Embed Size (px)

Citation preview

Page 1: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 1 ~

Akkamitti haa eegalu?

QOPHEESSAAN:

Mana Kiristaanaa

Ortodoksii

Tawaahidoo Gibxii

Afaan Oromootti kan

Hiike

Dn. B/sa Guutaa Charuu

Saadasa, 2012B.A

Qabiyyee 1ffaa

Jireenya afuuraa guddachaa adeemu

Page 2: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 2 ~

Kitaabni kun kan Mana Kiristaanaa Ortodoksii

Tawaahidoo Gibxii barreefama afaan Ingiliffaan “How start

It” kan jedhuudha.

Page 3: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 3 ~

YAADANNOON KITAABA KANAA

Amantaa isaanittiif jedhanii warreen

Kiristoosiidhaaf dhugaa bahaan ykn

warregamummaa fudhataan hundaaf haa

ta’u.

Page 4: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 4 ~

GALATAA

“Waaqayyoon galateeffadha! ........ Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka sadarkaa maxxanfamee saba biraan akka qaqqabuuf, eyyamaa isaa ta’ee yeroo ani qaburratti humnaa fi jabinaa naaf kennee iccitiisaa naaf banee akkan hiiku kan na gargaree Waaqayyoof galanni haa ta’u. Itti aansuun tajaajiltoota mana kiristaanaa Ortodoksii Taawahidoo Gibxiif galanii koo guddadha.

“Obboolleewwaan isaaf wanta gaarii kan rawwatu eenyuudha ?” (Siraak 34:9)

Kitaaba kana qubee sirressuun ykn gulaluun boca akkana akka qabatu kan taasise Katamaa Fayyee fi Haadha manaa isaanii Yeshimabeet Salamooniif galanni koo guddadha.

Page 5: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 5 ~

Kitaaba kana hubachuu akka dandeesaniif maxxansa jalqabaa

irra egalee yoo dubbistaan gaariidha. Sababni isaas

barreefamoonni itti fuufinsa qabiyyee kudha lama kan qabu

yemmu ta’u inni jalqabaa kanadha.

Barreefamni walitti fuufinsi kun akka amantoota Ortodoksii

hunda bira qaqqabu abdii qaba. Isiinis firoota keessaniin akka

qaqqabsistaan maqaa Waaqayyoottin isiin gaafadha. Kitaaba

kun haala kanaan qofa osoo hin ta’ii filmiidhaanis

amantootaadhaaf kan dhiyyatudha.

Page 6: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 6 ~

Seensa Namoonni baay’een gara jireenya afuuraa galuu ni barbaadu.

Warreen biroon immoo erga eegalanii, eegalumsi isaanii amantaan

isaanii lapheen waan hin taanef itti fufiinsa amantaa hin qaban.

Kunis ta’uu kan danda’u barumsa amantaa yaalii walitti fufiinsa

qabu waan hin qabneefidha. Akka amantaa keenyaatitti

barreeffamni walitti fufiinsaa kun jireenyi afuuraa walitti fufiinsa

akka argatu kan taasisu ta’uu isaa abdii kan qabnuudha. Arjummaa

Waaqayyoo kanan bu’aa guddaa argata. Barreeffamni walitti

fufiinsa qabu kunis qabiyyee qabiyyeedhan kan qophaa’edha.

Qabiyyeewwan kudha lameen jiran qabiyyee mana barumsaa

keessa kitaaba barumsaa jiru wajjin wal fakeenya qabu. Kitaaba

kana keessattis barreeffamoota gilgaalaa fi yaalin ni jira.

Barreeffama yaalidhaan gara hojiitti akka jijjiirtuf yaalii wajjin waan

siif dhiyaatef jireenya afuuraa kee ni jijjiira malee waan dubbiste

qofaaf faayidaa siif hin qabu. Barreefama jalqabaa irratti yeroo

yaalii deeggarsaa fi hordoffii barsiisaa sirraa barbaada. Kunis yaalii

jalqabaa irratti baay’ee kan si fayyadu ta’a.

Page 7: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 7 ~

Dhumarrattis wanta hubachuu qabdu keessaa inni tokko yeroo irra

deddeebitee yaalii afuurummaa geggeessitu kufuu ni dandeessa.

Haa ta’u malee goonkuma harka kennuus / injifatamuus ta’ee abdii

kutuu hin qabdu. Firiin siif hin dhufne yoo ta’e jalqaba irraa ka’ii

lamaffaa irra deebi’ii qoradhuu sirreessi. Irra deebi’iis eegali.

Sanaan booda Gooftan akka gadda keessaa baatuu fi boqonnaa

argattu si taasisa. Innis abbaa kee waan ta’eef, jaalala gonkaan si

jaalata. Siifis ni yaada. Jaalalli fayyisaa addunyaa nu wajjin akka

ta’uu fi kabajni isaa nurra akka bulu eeyyama isaa nuuf haa ta’u.

Araarsummaan fi kadhannaan haadha keenya qulqulleettii durboo

Maariyaam, sugni qulqullootaa nurraa adda hin bahin. Ameen.

Page 8: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 8 ~

Akkan hiriyaa kiyya irraa odeeffadhe irratti hundaa’ee abbaa

afuuraa argachuuf imala koo eegale. Dhugaa dubbachuudhaaf

yeroo kanatti jireenya afuurummaa dhabaa dhufeera. Wantoota

badaa yaadaa tureera. Yaadota gad antummaa fi nuffisiisan yeroon

yaadu; dhiibbaa fedhiin jireenya gara badiitti akkan deemaa jiru

hubadheen jira. Fedhiin yaadoolii akkanaa kun al tokko tokko akkan

hiriyoota koo irratti ol aantummaa qabaadhu na taasiseera. Imala

koo irratti kuusaa ashawaa fi dhagaawwan galaanaa xixxiqqoo,

yeroo irratti hundaa’uudhaan olii fi gadi kan jedhu; karaa bayinsa

ykn argansuu qilleensaa jijjiiruuf akkan jiru; jijjiiramuu

uummamtoota kana hundaa yeroon yaadu wantoonni ta’aa jiran

hunduu akkan dammaquuf kan raawwatamaa jiran ta’uu isaa

hubadheen jira. Gara abbaa gaabbii argadhe sana yeroon gahu

“baga naga’aan dhufte” jedhanii iddoo tokko barbaannee wajjin

teenye.

Akkanas naan jedhan:- “ Ilma koo akkam jirta?”

Anis: - Galanni Waaqayyoof haa ta’u fayyaa koodha. Haa ta’u malee

sababa kufaatii amantaa fi jijjiirama yaadota na keessatti

uummamu irraa kan ka’e yaa Abbaa koo dadhabeen jira. Yeroo

murtaawaadhaaf haala gaarii ta’een ergan turee booda, deebi’ee

nan kufa. Yeroon kufu kanatti rakkoowwan hedduu keessatti kufaa

Page 9: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 9 ~

tureera. Sababa kanaaf gara abdii kutuu irra gaheen jira jechuun ni

danda’ama. Keessa kootii nageenyi dadhabamuu isaa irraa kan ka’e

ofii koo nama balleessaa fi yakka hojjetetti of lakkaa’udhaan keessi

koo amma duwwaa ta’eera. Yaadotni wal xaxaa keessa koo guutetu

jira.

Abbaa keenya :- “ Ilmoo koo kun umaamadha.”

Anis sagalee koo ol kasee:- egaa cubbuu keessatti kufuun amala

uumamaatii abbaa koo?! Keessi koo nageenya dhabuun

barsiifatadhaa?! Abdii kutuunis barsiifatadhaa? Yeroo hundas akka

nama injifannoo goonfatee fakkaachun yeroo biroo immoo gati

dhabeessa ta’uun?!

Abbaa keenya:-“kun amala nama moofati. Amala nama

wantoota addunyaa kanaa irratti bu’uura godhateeti. Haa ta’u

malee gara jireenya afuuraatti imaluu fi jireenya afuuraa sirrii

eegaludhaaf yoo barbaadde yoo xiqqaate ulaagaalee jireenya

afuuraa barachuu qabda.”

Anis:- Yaa abbaa koo laphee koo gonkaan hunduma isaa eegaluu

nan barbaada. Haa ta’u malee yeroo baay’ee yaalen jira; Firiin

argadhe kufaatii koo ta’e. amma bifa haaraan lammaffaa daandii

egaluu nan barbaada.

Abbaa keenya:- “ Jireenyi afuuraa ulaagaalee sadi qabu yaa ilmoo

koo.”

Page 10: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 10 ~

Anis nan gaafadhe:- isaanis maal fa’aadha abbaa koo?

Abbaan keenyaas:- “ ulaagaaleen jireenya afuuraa jalqabaa…

Jireenyi afuuraa daandidha malee tarkaaffii miti;

taatees miti.”

Anis:- kaana jechuun maal jechuudha abbaa koo?

Abbaan keenya:- “Baay’en isaanii jireenya afuura eegalanii turan,

Namoonni muraasni isaanii sadarkaa jalqabaa gahanii turan, Garuu

akkuma egalaniin hin xumure. Sadarkaan jireenya afuuraa kan

isaan egalan barumsa lallabaa erga dhaga’aanii booda, wantoota

hamoo erga arganii booda ykn immoo miidhan erga irra gahee

booda ykn immoo kaka’umsa Afuura Qulqulluutiin erga dammaqanii

boodatti.

Isaan kanneen keessaa tokko akkana jedhe:- ‘ of jijjiiree nama

haarawa ta’uuf qophaa’en jira; Lamaffaa cubbuu keessatti hin kufu’

haa ta’u malee namni kun guyyoota ykn torbeewwan muraasa

booda cubbuun kufe. Seexannis gara nama kanaatti siiqee akkana

jedheen ‘yoomiyyuu taanan siif hin milkaa’u. jireenyi afuuraa

baay’ee cimaadha. Hanga kamis hojjettu kufuun siif hin oolu

jedheen’. Seexanni hamma namni kun harka kennutti abjuudhanis,

yeroo kophaa taa’us, yeroo mana amantaatti barumsa amantaa

baratus dubbii abdii kutachiisu itti himuu hin dhiisne. Lallaba hanga

dhaga’utti ykn wanta argu tokko hanga argatutti ykn imala afuuraa

guddaa tokko hanga obsaan itti fufutti seexanni itti himuu hin

dhiisu. Namichis abdii kutata.

Page 11: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 11 ~

Kanaafuu kaayyoo namni tokko gahuu malu hanga gahutti xiqqoo

erga godaanee booda lammaffaa irra deebi’ee hanga eegalutti

kufuunii fi abdii kutachuun irra dedeebi’uun ni muudatu.”

Anis:- Yaa abbaa koo kun dhuguma narratti raawwatamaa jira.

Garuu furmaanni isaa maalidha?

Abbaan keenyaas:- “ati beekuu fi fudhachuu kan qabdu jireenyi

kun jireenya afuuraa taa’uu saatidha. Kun immoo taatee osoo hin

ta’in jireenya. Wanti hubachuu qabdu, jiraachuu kan eegaltu erga

dhalattee irra eegalteetidha. Akkuma beekkamu imalli guddaan

tarkaanfii tokkoon eegalama. Haa ta’u malee imalli taatee miti.”

Anis:- maal jechuu barbaaddaniitii abbaa koo?

Abbaa keenya:- “ wanti beekuu qabdu rakkoowwan, yaadawwanii

fi susiiwwan irraa al tokkoon bilisa bahuu hin eegin. Akkasumas

yeroo ganamaa fi galgala kadhannaa geggeesitu imimmaan

dhangala’ee dhuma hin qabne ofirratti hin eegin. Kana yeroon siin

jedhu kennaa kadhannaa fi imimaanii al tokkotti taatee battala

tokkoon dhufu jettee hin eegin. Al tokkotti waan amanteef, waan

tajaajilteef, waan kadhatteef harka keerraa Zayitiin qulqulluun

ajaa’iba raawwatu akka burqu hin barbaadin.”

“Cubbuuwwan tokkoon tokkoon ishee qulqulleessuu

eegali. Cubbuuwwan tokkoon tokkoon ishee xiqqoo irra

eegalii ati cubbuudha jedhii murtoo itti kenni. Maqaa

Page 12: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 12 ~

ykn sababa itti hin kennin; cubbamaa ta’uu kee atis of

bari. Jireenya afuuraa imaluu eegali; yoo kuftes

lammaffaa ka’i malee abdii gonkuma hin kutin.”

“Yeroo kuftee jirtutti abdii cimsii qabaadhu; obsa qabaadhu malee

injifatameen jira kanaafuu ka’uu fi hojjechuu hin danda’u jettee hin

yaadin!”

“Dhaga’i ilmoo koo! waqtii tokko Nama gaa’ela geggeessee

waggoottan kudha lamaaf ijoollee hin arganne tokkotu ture. Rakkoo

isaa doktoroota hedduutti hime. Dhuma irratti dargaggeessi tokko

akkana jedheen ‘Gara al amahaaraa deemitii Abidaal Masih abbaan

jedhamu siif akka kadhatu gaafadhu’ jedheen. Sanaan booda

wajjin deemanii kadhannaa geggeessan. Bara sanaa irra eegalee

daa’ima baay’ee bareedu tokko argate. Waqtii sanatti gammachuu

irraa kan ka’e yeroo yerootti guddina daa’ima sana

mirkaneessudhaaf amma amma ofitti qabee haammatee

dhungachaa ture. Haa ta’u malee daa’imni sun ji’a lama akkuma

guuten taateen hin eeggamne tokko isa muudate.”

Anis:- Maaltu muudatee abbaa koo ?

Abbaan keenya:-“ Abbaan ilmoo isaa ilaaluu adeeme. Ilmoo bira

yeroo gahutti ilmoon isaa miila isaan dhaabbatee dheerinni isaa

Page 13: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 13 ~

dabalaa meetira 1.5 gahe. Daa’imichis haala hin eeggamneen karaa

hundaan guddatee, rifeensa adii magarse. Abbaan isaas baay’ee

rifate. Ilmoon isaas kolfee ‘Maal taate abbaa koo? Maaloo buna ykn

shayii naaf dafisi’ jedheen.”

Iddoo dubbii nama ajaa’ibuu fi dhaga’uuf nama kakkaasu irraan

gahanii abbaan keenya dubbii addaan kutanii ana ilaaluu egalan.

“Bakka abbaa kanaa osoo si taatee maal goota turte?” naan jedhan.

Anis: garan bakka dhufeetti deebi’een fiiga ykn naasudhaanin

du’an ture. Ta’us dubbiin kun seenaa dhugaadha moo abbaa koo?

Abbaan keenyaas:- Kun oduu duriidha. Daa’imni tokko dhalatee

ji’a lama keessatti jijjiirama guddaa agarsiisuu fi rifeensa adii

magarsuu hin danda’u.

Kanaafuu yaa ilma koo! At al tokkotti jireenya afuuraan

guddachuu hin eegalin. Nama obsa qabu ta’i. cal jedhii cubbuun

cubbuu akka ta’e amanuudhan eegali. Atis cubbamaa akka taate

amani. Gara Waaqayyoottis deebi’ii gaabbii gali. Isas baruuf yaali.”

Page 14: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 14 ~

Anis:- Yoon du’een alaatti guyyaan sun akkamitti ta’a?

Abbaa keenya:- fuula isaanii kolfa of keessa qabu ibsanii; “

Isa miti, Kun bara jireenya kee si mudata. Jireenya afuuraa

gaafa eegaltu qormaanni cimaadha. Qaama keetiin alaan

fedhiin addunyaa fi qormaanni seexanaa, qaama kee keessaa

immoo amala dadhabaan ture si waraanee qromaata sitti ta’a.

haa ta’u malee jireenya afuuraa gaafa eegallu qaamni keenya

bilisummaa guddifachaa adeema. Jabinnis ni dhufa.

Qormannis bakkee qofaan ta’a. haaluma kanaan wantoonni

hunduu salphachaa dhufuun jireenyi qulqullummaa argamuu

eegala.

Page 15: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 15 ~

Qulqulloonni akkuma jireenya eegalaniin yeroo kadhannaa

isaanii dammaqanii dhaabbachuuf harka isaanii fi rifeensa

isaanii hidhaa turan. Sababni isaas yeroo kadhannaa isaanii

akka hin rafneef. Haa ta’u malee, guddina waggoottanii booda

halkan guutuu dammaqinaan osoo hin dadhabin kadhannaa

osoo addaan hin kutin ni xumuru. Qulqulluun Musee abbaan

areedaa yeroo jalqabaa jireenya gaabbii yeroo eegalu sanatti

seexanni fedhii hedduu fi ifa hin taneen hojii inni dur

raawwate badii sanaan isa qoraa ture. Ganamaa fi galagala

gara abbaa gaabbii isa adeemudhaan wantoota raawwatee fi

sammuun yaade hunda itti himaa ture. Afuuraan hanga

cimuttii fi bilisa hanga bahutti obsaan qabsuuraa ture.”

Anis:- dhuguma anis cubbuu irraa guyyaan bilisa ta’u ni

dhufaa?

Abbaan keenya:- “Gooftan keenya Iyyasuus akKana

jedheera; ‘Egaa ilmi bilisa yoo isin baase, dhugumatti bilisa

baatanii jirtu’ (Yoh 8:36) egaa Waaqayyo wadaa galeef waaqa

dhugaadhaa fi amanamaadha. Ati qofti yoo nama obsa

qabeessa taate guyyaan sun ni dhufa. Ati daandii sirrii irra

Page 16: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 16 ~

hanga jirtutti kallattii sirrii siif kenna jechuudha. Ati amma

nama mana barumsaa keessa barumsa irra jirtuudha.

Qulqulluun Yisihaaq akkuma dubbate”:-

‘Cubbuu keessa jiraachuu mannaa

dhugaadhaaf obsee osoon jiraadhuu du’uu

naaf wayya’ jedhaniiru.

“Yaa ilma koo baay’een isaanii egaalanii jiru. Haa ta’u malee

dhugaa hubachuu waan hin dandeenyef itti fufuu hin

dandeenye. Namoonni firii hin arganne kunneen warreen

ariitidhaan firii barbaadaniidha. Faallaa kanaan gara kufaatii fi

abdii kutuu irra gahan malee.

Hunda dursa immoo kaayyon seexanaa, Ati akka cubbuu

keessatti kuftuu miti; Cubbuu keessatti si kuffisuun isaa

kaayyoo sadarkaa cee’umsa hojii isaatidha. Kaayyon isaa inni

xumuraa ati akka abdii kutee fi mana Waaqayyo keessa

badduudha. Sababa kanaafidha cubbuu tokkoo fi lama irratti

xiyyeeffattee cubbuuwwan kunneen qofti irra deddeebi’anii

kan si qoran.”

Page 17: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 17 ~

Anis:- Egaa ani amma mana barumsaa keessan barumsa

barachaa jiraa? Hangan barbaade cubbuu hojjedhee,

Cubbuun hojjedheef immoo waanan calliseef yeroo barumsa

jireenya afuuraa dadhabaa keessa jiru kanaan cubbuun koo

kun natti ni lakkaawwamaa?

Abbaa keenya:- “Kun ulaagaa isa lammaffaadha ilmoo

koo”

Anis:- maaliidha inni?

Abbaa keenya:- uulagaleen lammaffaa kee immoo kan

biroodha.

Anis:- garaagarummaan isaa maaiidha?

“Cubbuun gosa lamaadha:- cubbuu itti yaadanii

hojjeetamanii fi raawwatamaniidha.”

Abbaa keenya:- “garaagarummaan isaa fedhii ofiitin

cubbuuwwan hojjechuun duratti daandii kiyyaa fi hiikoo

yaadni sammuu, ‘ umuriidhan ganaa bara dargaggummaa

keessa kan jiruudha, cubbuun kun cubbuu salphaadha,

cubbuun kun nama irra midhaa hin qaqqabsiisne, fi nama

tokko tokkon kan rawwatamuudha’ siin jedha”

Page 18: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 18 ~

“Of qulqulleessuunii fi sababa taarreessun

Waaqayyo biratti akka gantummaati”.

Cubbuu fedhii ofiitin hojjechuu jechuun ‘Amma gaabbii galuun

hin barbaachisu, ani hunda caalaa kanan fooyya’eedha.

Boodan gaabbii gala. Amma garuu umriin koo ganaa

dargageessa’ jechuun sababa tarreessuun nuffiidhan

jiraachudha.

“Arrabsoo xiqqoos ta’u cubbuun akkanaa gara

Si’oolitti godaansisuu danda’a”.

Anis: - arrabsoo gara Si’ool nu buusuu danda’aa? erga akkas

ta’ee eenyutu waanjoo garbummaa Si’ool jalaa miliquu

danda’a?

Page 19: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 19 ~

Abbaa keenya:- “cubbuu hojjettee, gaabbii galuudhaf kan hin

barbaadne tokkoon tokkoon cubbuu mindaan ishee du’a. Gooftan

keenya Iyyasuus Kiristoos akkana jedhe ‘obboleessa isaatin ati

gowwaadha jedhee kan dubbate, abidda Si’ool keessati darbachuu

isa barbaachisa.’ Hanga gaabbii hin gallee fi of hin deebisnetti”.

❖ Cubbuu fedhiidhan raawwachuu

Cubbuudhan kufuudhan duratti cubbuu maal na dhibeedhan

ilaaluu fi erga kufanii boodas sababoota kufaatii tarreessuu fi

cubbu hojjetteef gaabbii galuu dhiisudha. Kunis yakka itti

yaaddamee hojjatame jedhamee yaaddama. Akka adabbii

seera yakkaatiin hojiin kun kan adabsisu ta’a.”

Anis:- erga akkana ta’ee cubbuu kanaaf furmaanni ni jiraa?

Cubbuu kanaan yoon kufe kallattiidhan kan na adabsiisu ta’a

jechuudhaa?

Abbaa keenya:-“ miti ilmoo koo; Cubbuuwwan tokkoon

tokkoon isaaf furmaanni ni jira.

❖ Furmaanni osoo beekanii cubbuu raawwachuutif:-

Cubbuu ofii himachuudha. Kunis hima tokko, kan ta’e ‘cubbuu

hojjedhe’ jechuudha. Yeroo ‘cubbuu hojjedheera’ jettutti

Gooftan dhiifama siif kenna. Gaabbii hanga hin galletti cubbuu

Page 20: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 20 ~

kee beekuu fi murteessuf of qusachuu jechuun gantummaa

akka ta’e hin dagatin. Sis ni adaba. Kanaaf cubbuun xiqqoo

hin qabdu; gaabbii hanga hin galletti cubbuu kamiyyuudhaf

bu’aan adabbii isaa du’a. Akkuma dhugaa hubattuun garuu

gara booddetti deebi’itii gaabbii gali, ofii keetis Waaqayyo

duratti gad of qabii akkana jedhi:-

‘ Yaa Waaqayyo ani cubbamaadha waan ta’eef dhiifama

naaf godhi; cubbuun kun jireenya koo dhabamsiisuu

danda’a. haa ta’u malee ani ilmoo kee waanan ta’eef

maaloo koottuu bilisa na baasi. Cubbuu koo irraa na

qulqulleessi. Akkan qulqullaa’u na taasisitii gaabbii nan

gala; akka na hin adabnes sin kadhadha’jedhi”.

Anis: - Cubbuuwwan xixxiqqoon rakkoowwan wal xaxaa

akkanaa akka fidu hin beekun ture. Waaqayyo murtee Si’ool

dabarsee gara sanatti kan godaansisu namoota cubbuuwwan

gurguddaa hojjetan qofan se’ee ture.

Abbaa keenya:-“ Sirrii jette ilmoo koo namoonni baay’en

kana hin beekan ture. Caallisanii odeessu; ni kakatus,

keessumattuu jireenya afuuraan alatti murtii mataa isaanitiin

qofa kennu ture. Yeeyyiwwan xixxiqqoon boolla isaan

bananiin yeeyyiwwan gurguddoon salphaatti akka isaan

Page 21: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 21 ~

darban akkuma taasisu, kunis akkasuma akka badaniif daandii

bana”.

Anis:- ofii koo cubbuudhan kufuu irraa yoon of hin fayyisnee

fi beekee cubbuu yoon hin raawwanne, yaada sammuu kiyyaa

na injifate of irraa ittisuu yoon hin dandeenye maaltu narra

gahaa?

Abbaa keenya:- “cubbuun akkana fedhiin alatti dogongora

raawwatamuudha”.

Anis:- egaa namni tokko fedhii isaan alatti wanti raawwatu ni

jiraa?

Abbaa keenya:- “fedhiin alatti jechuun cubbuu jibbuu

jechuudha. Kanas faallan isaa isa qabsaa’uu fi isa jalaa

milliquudha. Haa ta’uutii fedhiin koo osoo galma hin gahiin

cubbuudhan kufe. Kunis hunduma keenyarra kan gahuudha.

Kanaafuu manni kiristaanaa karaa amantoota isheetiin akkana

jetti:- ‘Waaqayyo yaa Gooftaa keenya maaloo maqaa fi kabaja

kee nurra buleen beeknees ta’ee osoo hin beekin cubbuu

rawwanneef dhiifama nuuf godhi’ jechuun akka kadhatu ni

taasisa. Kana malees cubbuu osoo hin beekin raawwadhuuf

dhiifama akka naaf taasisu gaafachuudha malee cubbuu koo

nan jibba, gaabbis nan gala.

Page 22: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 22 ~

Fedhii keetin cubbuu akka raawwatu kan si taasisu seexanni

akkana siin jedha ‘Waaqayyo gaaridha. Amma cubbuu

rawwannee booda gaabbii haa gallu’ siin jedha. haa ta’u malee

eeyyama kee malee kan raawwaattu immoo gadda keessatti

kuftee fi sitti dhaga’amee gaabbii yeroo barbaadu akkana siin

jedha ‘Ani nama nuffii yomiyyuu hin dammaqneedha; yeroo hunda

cubbuu ni dagatta. Waaqayyo sitti nuffee jira. Ati susii cubbuu kan

qabdu, saree waan badaadha. Imala jireenya kiristaanaa kan galtuu

miti; yoomiyyuu taanan bilisa hin baatu’ siin jedha”.

Anis:- egaa akkana yoon naan jedhu maal gochuun qaba?

Abbaa keenya:- “akkana jedhiin:-

‘Gooftan cubbamtoota ni jaalata, yaa diina koo; ati hin

gammadin; ani kufus deebi’ee nan ka’a’. “Warreen

dhukkubsatan malee namoonni fayyan qoricha hin

barbaadan waan ta’eef diinni maalis haa jedhu Waaqayyo

si jaalachuu isa qabatamaan of amansiisi”.

Waaqayyo na jaalata, kan ati jettuuf innoo tiikseen

koo dabarsee na hin kennu jedhi jechaa dheekamsa

afuuraatiin itti himi.”

“Waaqayyo guddisee moo xiqqeesseeti kan si jaalatu?”

Page 23: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 23 ~

Anis:- baay’isee na jaalata.

Abbaa keenya:- “kanaafuu sa’aatii muarasafis ta’u itti hin

dhiphatin. Yaaliiwwan afuuraa raawwachuu addaan hin kutin.

Irra deddeebi’ii yaalii afuura hojjedhu”.

Waaqayyo cubbamtoonni akka ijoollee yaallammuun

isaan barbaachisuutti ilaala malee akka yaakkamtoota

adabbiin barbaachisuutti hin ilaalu.

Ati cubbamaa ta’uu kee beektee, cubbuu raawwatteef

gadditee cubbuu irra hanga fagaatuu fi wanta badiirra hanga

of qusattuutti yoo raawwate kanneen biroo immoo dhimma

Waaqa si jaalatuutidha. Keessi kee hanga nageenyi sitti

dhaga’amutti hanga dhufutti gara Waaqayyootti iyyuu addaan

hin kutin.

Obboolleessi koo tokko abbaa gaabbii isa akkana jedhee

gaafate; ‘Seexanni yaada badaadhan ykn abjuu badaadhan

na waraanee yaada koo xureesse akkan hin kadhanne na

taasisaa?’ Jedhee gaafate. Abbaan kunis akkana jedhaniin:-

‘haati tokko ilmoo ishee lafa irra teesiste; daa’imichis gara

wanta xurawoo adeeme dhoqeedhan taphate. Sanaan booda

deebi’e akka haati isa hammatuuf harka isa bal’isee ija isan ija

haadhaa keessa ilaala. Isheenis osoo hin jibbinii fi hin loliniin

kaastee hammate. Haaluma kana fakkaatun nuti cubbuudhan

Page 24: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 24 ~

yeroo kufnu haala kanaan Waaqayyo nu kaasa. Nus simatee

nu qulqulleessa. ( Boostan Al Rohiban: fuula 197)

Haalu kana fakkaatuun seenan tokko ni jira; gaaf tokko

namicha ilmoon isaa garaa dhukkubu tokkotu ture. Hanga

fayyutti ilmoo isa hammannaa bobaa isaa jalaa hin fageessu

ture. Ilmoon isaas garaan isaa waan dhukkubuuf yeroo hunda

abbaan isaa akkuma baate jirutti xurawaa isaa ni baafata ture.

Haati isa akka harmee isa hoosistu ni gaafata. Yeroo hunda ni

hammattee teessi, da’imichis xuraawaa ni baafata. Irra

deebi’ee haati harmee akka kennituuf ni gaafatee hodha.

Egaa abbaan kun ilmoo isaa waan si dadhabsisee fi si

nuffisiisef ‘Fuudhitii daandii irratti darbadhu, Bakka isaa

daa’ima biroo naaf fidii kottu’ jechuu ni danda’aa? moo laphee

isaatti hammatee ‘Lapheen koo si wajjin jira ilmoo koo;

maaloo bakka kee maaliif ana hin dhukkubne ” jedhaanii?”

Anis:- innoo akka abbaa obsee jaalalaan kunuunsee

wal’aana.

Abbaa keenya:-“kanaafuu laphee haadhaa fi abbaa keessa

araarri waaqni bulche ilma inni jaalatu irrattis akkanuma

taasisa. Ati cubbuudhan dadhabdee fi kuftee ‘Yaa Waaqa koo

ani yeroo hunda dadhabaa injifatamuudha’ yemmuu jettuun

garuu namni qajeelan yeroo torba kufee yeroo torba ni ka’a.

al miliyoonas kuftu ati ilmoo koodha waan taatef gara kootti

Page 25: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 25 ~

deebi’i malee wanta kamiyyuu yoo ta’e abdii hin kutin’ siin

jedha”.

“Yaa ilmoo koo Waaqayyo araara hedduu kan qabu waaqa

gaaridha. Egaa namni tokko dadhabbina mataa isaan kana

taasisu yoo danda’e Waaqayyo hanga kam taasisuu fi eeguu

danda’aa? innoo nutti hin oori’u. cubbuu raawwachuu

keenyatti gadda malee. Bakka nuti kufnee jirru sanatti nu

ilaala. Gaabbidhaaf nu waamee nu qulqulleessa. Iddoo

cubbuu keessatti kufnee liqimsamnee jirru keessaa gara

kabajaatti nu baasa.

Kanaafuu yaa ilmoo koo hangam illee yoo dadhabde; kuftees,

cubbuun hojjette kamis haa ta’u, abdii hin kutiin mana Abbaa

kee keessaas hin bahin. Cubbuun hojjettes salphaadha jettee

sababa hin tarreessin, araaraa Waaqayyoo laphee

guutudhaan amantee of cheephesitii gaabbii gali.”

Anis:- cubbamaa ta’ee yoon du’e hoo maaltu na eegataa?

Abbaa keenya:-“ humni pooliisii yeroo muudamaa

jedhamun dhageessee beektaa”

Anis:- Hin beeku.

Abbaa keenya:- “isaan balbala isa seensa guddaa fi buufata

Baaburaa irra warreen dhabbataniidha. Diimadhaan kan

barreeffame humna lolaa poolisii jedhamuun maqaa addaa qabu.”

Page 26: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 26 ~

Anis:- maalidha inni?

Abbaa keenya:- “yeroo waranni tokko ka’e, humna

waraanaa booddee meeshaa hidhatanii dhaabbatu. Loltuun

waraanaa humna waraanaa fi Meeshaa waraanaa argee gara

booddee deebi’uu yoo yaale itti dhukaasu. Gara mana murtii

loltootatti fudhatu. Warreen Shaakala qataan durattis yeroo

sagal ‘biyya kan gane, gantuu’ jechuudhan itti ni dhukaasu.”

Anis:- maalif?

Abbaa keenya:- “sababni isaas gantummaan loltootaa biyya

irratti yoo mul’ate ykn gara-booddee yoo baqatan humni

waraanaa ni mo’atama. Haa ta’u malee looltuun gara daangaa

lolaa galee yoo midhame ariitidhaan ambulaansiin gara

Hoospitaalaa fudhatee ni wal’aanu. Goota jedhaniis ni waamu.

Yoo du’e immoo wareegamaa jedhanii waamu.

Kanaafuu yeroo hunda loltoonni biyyaa kufanii ni du’u; haa

ta’u malee baqachuuf kan yaale innoo gantuudha. Kan

waraaname immoo wareegamaadha. Amma ati waraana

jireenya afuuraa keessaa eessa akka jirtu of ilaali.”

Anis:- haa ta’u malee Daabiloos osoo addaan hin kutin ati

cubbummaadha naan jedhee natti hima. Kanaaf anis jaalalli

cubbuu kanaa yaada koo keessa waan jiruuf cubbuu fedhii

kootin nan hojjedha.

Page 27: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 27 ~

Abbaa keenya:-“ Sagalee Daabiloos goonkuma hin

dhaga’in!

Ati cubbuu keessa jiraachu hanga dabartuttii fi hanga

qabsuurtutti, cubbuu hojjettetti hanga of ceephitutti,

cubbuuwwan hojjetteef sababawwan hanga hin

tarreesinetti; Waaqayyos araara fi bilisummaa akka siif

kennu erga gaafatetti; Waaqayyo waan si’ooIiin loltee

injifateef akka goota tokkotti si ilaala. Akkuma jireenya

afuura egalteen cubbuu kan jaalatu ta’uus hanga of

ceepheesitetti fi gaabbii hanga galteetti guyyaa tokko

garuu cubbuu kana akka darbatu of amansisi.

Hundee cubbuu yoo hiikte dubbiin kun sirritti siif gala.

Anis :- Yoomii fi akkamittiidha ani gantuu ta’uu koo kanan

baru?

Abbaa keenya:- “cubbuu simattee isa wajjin jiraachuu yoo

barbaade, cubbuu yaadde sanas yoo raawwatte; gaabbii

galtee cubbuu keessa seente sana keessaa bahuuf fedhii yoo

hin qabaanne, yeroo sanatti gantuu jedhamta. Egaa,

‘Waaqayyo nama kan jaalatu wanta gaarii qofaafidha’ dubbii

jedhu irraa bilisa of baasi".

Page 28: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 28 ~

Anis: Dubbiin kun dhugaa mitii?

Abbaa keenya:- “dubbiin kun dubbii macaafa qulqulluu

wajjin faalladha. Barumsa gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos

kan hin taanedha.”

Anis:- Akkamitti?! Macaafa qulqulluu irra kan jiru anas ta’ee

fakkaattonni koo kan ta’an hiriyoonni koo hunduu ni amanna.

Abbaa keenya:- “kun cal jedhanii haasawuudha. Macaafni

qulqulluun ‘gara qormaataa akka hin galle jabaadhatii

kadhadhaa’; ‘Guyyaa tokko Waaqayyo akka hattuu tasa ni

dhufa’ ‘Diinni keenya akka leencaa baroodaa naannoo keenya

marsa’. Yihudaan badii ofii isaatin du’e. Namoonni heddunis

namoota hedduu kan ajjeesanii fi hattoonni cubbuu isaanitiin

du’an ni jiru. Namoonni akkanaa akka daa’ima cubbuu ykn

balleessaa hin qabnee ta’anii du’uu qabu turan. Kanaafuu

tokkoon isaanii illee wanta tokko illee hojjechuu hin

dandeenye waan ta’eef abidda Si’ool irraa baraaramuu hin

dandeenye.”

Anis:- cubbuu fedhiidhan raawwatamuu fi fedhiin alatti

raawwatamu garaagarummaa isaa baruun barbaada.

Page 29: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 29 ~

Abbaa keenya:- “cubbuun fedhiidhan raawwatamu:-

cubbuu raawwachuun duratti dadhabinni ni jira. Kunis; kun

salphaadha, kana irratti immoo anoo umriin koo

dargaggeessadha waan baay’een na eeggata, amma umrii

kanatti fayyadamnee haa jiraannu, gaabbii kan gallu erga

dullomnee boodadha, amma cubbuu raawwachuu ni

dandeenya jedhamanii sababoota dhiyataniidha. Cubbuu

erga raawwannee booda immoo sababa ni dhiyeessina. Kunis

ani dadhabadha, namni kamiyyuu kan hojjechuu

danda’uudha, booda gaabbii nan gala.

Cubbuun fedhiin alatti raawwatamu immoo:- cubbuu

raawwachuun duratti wantootni irraa of qusachuu qabnu ni

jira. Kunis hangan danda’e hojjechuu dhiisuf nan tattaafadha,

baqachuudhaf ta’ee ijannoodhan jala dhaabbachuuf nan

yaala. Cubbuu ergan raawwadhe booda immoo gaddaa fi

abdii kutuun jira. Kunis ani amma irraa eegalee abdii hin qabu,

nama baay’ee cubbamaadha. Yoomiyyuu taanan qulqullaa’uu

kan hin dandeenye nama xuraawadha.

Kanaaf immoo furmaanni isaa:- cubbuu fedhiidhan

raawwannu; ‘kun gantummaadha’ kan jedhuuf beekkamtii

kennuu gaafata. Cubbuun hojjenne salphaadha jennee

sababoota yoo kennine laphee keenya keessaa gaddaa fi of

ceephessuun gaabbii galuu gaafata. Gati dhabeessummaa fi

of qulqulleessuu irraa bilisa bahi!

Page 30: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 30 ~

Cubbuun fedhiin alatti raawwatamu immoo: Waaqayyo

fulduratti amanuudhan hanga kam cubbuu deddebitee

raawwattus daftee deebi’uu fi gaabbii galuu gaafata. Hanga

kamis kuftu abdii kuttee mana abbaa keessa bahuuf yaaduu

irraa bilisa of baasi.”

Anis:- ulaagan sadaffaan maaliidha?

Abbaa keenya:- “ Ulaagan sadaffaan;

Iyyasuus Kiristoos dachee irra osoo qaaman jiruu hojiiwwan

gosa lamatu jira ture.

Warreen maallaqa gibira mootummaa dachee walitti qabanii

fi cubbamtoota wajjin; jaalatee akka isaanitti nageenyi itti

dhaga’amu taasisaa ture. Gidduu isaanii taa’ee gaabbii akka

galan gorsaa ture. Dhiifama akkuma isaaniif taasifamee fi

Waaqayyo fulduratti fudhatama akka argatan isaatti akka

dhaga’amu taasisaa ture.

Seera osoo beekanii, mana qulqullummaa keessa kan hin

dhabamne fi seera kan eegan Faarisoota fi angafa luboota itti

dheekama fi ceepheessa ture. Sababni isaas of qulqulluu

taasisa jiraacha waan turaniif. Akkuma jechichi dubbatu

“Bakkeen isaanii baay’ee kan midhaagan, keessi isaanii garuu

baay’ee kan xurrawaan” (Maat 23:27) akkuma jedhu “Isiin

warreen sassatoota akan taatan barreesitoonni fi Faarisoonni,

qaamni keessan bakkeen midhaagdanii kan mul’ataan garuu lafee

Page 31: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 31 ~

xurawaa warreen du’aan kan guutamee jiraatu awwlacha kan

fakkataan isiniif wayyoo”

Uulagaaleen sadaffaan “Of qulqulleessuu” fi

“Abdii kutuun” hin ta’u kan jechuudha.

Anis: - Kun immoo maal jechuudha?

Abbaa keenya: - yeroo tokko obboolleewwan laman tokko

Abay gar olii irra barumsa barachuudhaaf gara magaala

Kaayiroo dhufan. Isaan kunis jiraacha kan egalaan sigaaraa

xuuxuu, muka sammuu na adoochu fi cubbuuwwan biroo

wajjin tokko ta’an. Iddoo jireenya isaaniis eenyuu illee akka

hin beekneef jireenya isaanii apaartamawwan adda addaa fi

bilbilaa isaanii jijjira turan. Maatii isaanii wajjinis wal

qunnamuu dhaban. Abbaan isaanii xaalaya gara koolleejji

isaanitti erguu irra kan hafe ijoollee isaanii akkata itti argatu

toofta kamiyyuu ni dhabe. Ilmi inni angafni abbaa isaatiif

deebii jabaa akkana jedhu kenneef “ani ilmoo kee ta’uu koo

dagadhu; ani amma bilisummaadhaan jireenya koo

geggeessan jira. Isiin gidduu yeroon jiraadhu carraa kana hin

arganne. Kanaan booda ergaa kamiyyuu karaa keettinis ta’ee

nama ykn qaama biroottis akka natti ergitu hin barbadu”

Page 32: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 32 ~

jedhu deebiseef. Abbaan isaas deebii fi taatee ta’e hunda isaa

argee baay’ee gadde.

Ilmi dargageessichi akkana jedhe “ani ilmoo kee ta’uun naaf

hin malu, si’i nama fulduratti si qaanesseen jira. Nama

suussidhaan midhaame ta’een jira; akkamitti deebi’uun

danda’a? namoonni waa’ee koo maal jechuu abbaa koo?

Maaloo dhiifama naaf godhi hangan danda’e ofii koo mukaa

sammuu nama adochuu fi hojiiwwan barsifata badoo irra of

qusachuu yaaleen jira. Garuu keessa bahu hin dandeenye”

Abbaan isaas akkana jedhe “Maaloo ilmoo koo bakka amma

irra jirtu irra deebi’i, laphee koo dhiigaa maddeisise lolasuu fi

imimaan gita hin qabneen erga kana siifan barreessa. Maaloo

torbee lama keessatti akka keessa batan nan barbada. Isiin

dhabuu hin barbadu. Waa’ee namoota waan tokko illee hin

dhiphatiin; caal jedhii bakka amma jirtu keessa bahi. Wanta

kamiyyuu keessa jirtuus ani sin jaaladha, si fudhadhaas”

jedheen. Ilmi isaas akkana jedhee deebiseef “Abbaa koo

yeroo baay’ee yaaleen jira garuu keessa bahu hin dandeenye.

Ani ilma namatti nama badaa itti ta’eera; si arguu nan qana’a,

dhiigaan siif barreessa. Kunoo maallattoo isaa xalayaa kana

irratti dhiiga ni argata. Haa ta’u malee deebi’ee anoo hin

dhufu. Ani amma nama badaa fi qulqulluu hin tanee ta’een

jira” jedheen.

Obboolleewwan lameen kun imala isaanii waaqti gannaa gara Aleeksaandiriyaa hanga taasisaanitti xalayaan laphee nama tuqu

Page 33: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 33 ~

kun addan hin cinne. Haa ta’u malee haa ta’u malee imala irra osoo jiraanii konkolataan isaanii irra midhaan irra gahee obboolleewwan lameen dabalatee namoonni hedduun isaanii du’an. Jireenyi isaanii balaa akkanattin bade. Inni angafni cubbuu raawate irra deebi’u didee laphee isa gonkuma gaabbiif fi of ceephessuuf of osoo hin qopheesin cubbuu hojjechuutti fuufe. Inni tokko immoo wanta hojjecha ture hundatti ofitti gadee fi abdii kutee ture.

Jireenya afuura jechuun sadarkaa osoo hin ta’iin

daandiidha; taatees osoo hin ta’iin jireenyadha.

Cubbuun gosa lamatu jiru. Isaaniis:- cubbuu fedhiidhaan hojjetamaanii (of gad qabuu kan gaafatu) fi fedhiin laatti

kan hojjetamuudha (abdii gaafata)

Iyyasuus cubbamtoota ni jaalata. Kanaaf abdii hin kutinaa gara keenyaatti

deebi’a; Ayihudoota immoo ni ceepha’a (of hin

qulqulleesinaa) jedhan

Ulaagaalee jireenya afuura ittin guddifatu

Page 34: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 34 ~

Anis:- Seenaa baay’ee nama gaddisisuudha

Abbaan keenya:- isaan kun ofii isaanittiin beekanii amala

isaanii duratti kan hin deebine, gaabbii kan hin gale, seenaa

namoota deebi’uuf gonkuma hin yaadne fi of qulqulleessan

ture. Yaa ilmoo koo nutti hundumtuu cubbamtootadha.

Kanaaf Waaqayyo nu barbada. Badii keenya hanga kam akka

ta’ee fi gara isaanitti deebi’uu; kanarra darbee jechuunii

qabna. “Si’i duratti cubbuu rawwadheen jiraatii maaloo yaa

Gooftaa koo dhiifama naaf godhi” sanan boodatti nu simata.

Nu qulqulleessas. Cubbuu keenya hundaas ni haqa.

Anis:- dhugaadha. Gooftaan gaarii fi gara lafeessadha.

Abbaa keenya:- nutti uumama keenya dadhaba waan

taneef cubbuu ni hojjenna. Kun immoo Addaam irra eegalee

kan turedha. Hangamiis fiignu, yaaluus, qabsoofne guyya

guyyadhaan kadhannuus, macaafa qulqulluus dubbisnu mana

kiristaanaas yeroo hunda deemnus kun hundu dhunfaa isaatti

bu’aa hin qabu.

Anis (Dubbii isaanii addan kutee):- egaa yaaliiwwan

jireenyi afuura kun bu’aa tokko illee hin qabanii abbaa?

Abbaa keenya: ilmoo koo na xumursisi; dhugumma jireenyi

afuura qabeenya waan hundaattidha. Haa ta’u malee kanneen

kun hunduu sirna qulqulleessu, ayyanoonni, sagantaan yaa’ii

afuura hundi isaanii, kadhannaan waldoollee fi tajaajilli isaanii

Page 35: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 35 ~

halkaanii fi guyyaa taatafataan hundi isaanii fedhii afuura fi

jaalalli isaan keessa yoo hin jiraanne fedhii quuqamaa waan

tokko qofaf irratti bu’uufamee yoo rawwatame bu’aa tokko

illee hin qabu. Hojiin kun hojii warreen kiristaanoonni hin

rawwannee hojjetan wajjin tokkodha.

“Sugni Waaqayyoo yeroo kamiyyuu bu’aa keenyafiidha.

Suugni nurraa yeroo fagaatu ilmi namaa bu’aa dhabeessa

ta’a” (Abbaan keenya Daani’el)

“Divine Love” fuula 313

Anis:- jireenyi afuuraa kanneen fi hojiiwwan gaarummaan

biroo akkamitti fayidaa argachuu danda’aa akka macaafa

qulqulluutti?

Abbaa keenya: “fedhiin keessa keenyaa yoo jaalala

ta’eedha! Kanaaf qulqulluun Phaawuloos akkana jedheera;

‘Jaalalli Waaqayyoo laphee keenya keessa waan jiruuf’ (Room

5:5) jaalalli Waaqayyoo laphee keenya keessa yeroo galu

yaada xuraawaa laphee keenya keessa jiruu fi cubbuu hanga

Page 36: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 36 ~

dhumaatti kan balleessu kan hin jiraanne ni taasisa. Haa ta’u

malee kun hunduu suuta suutadha. Waaqayyo yoo jaalate

yeroo hundumaa kadhannaadhan isa wajjin dubbachuu nan

barbaada. Hojii badaawwan too’achuudhaf nan sooma.

Kanaan booda immoo foon koo qofa osoo hin ta’in qaamni

koo hundi kan Waaqayyoo ta’u. kanaafidha jechoota kurnan

keessaa tokko Waaqa kee ‘Laphee gonkaan, yaada kee

gonkaan fi laphee kee guutudhaan jaaladhu’ kan jedhu.”

Anis:- Kun akkamitti ta’a?

Abbaa keenya:- Xaarmusii duwwaa tokko fudhee” kun

maaliidha?”

Anis: Xaarmusii duwwaa

Abbaa keenya:-“ miti guutuudha”.

Anis:- qilleensi kan guutedha. Eyyeen sirriidha.

Abbaa keenya:-“ Qilleensa xaarmusii kana keessaa

balleessuu dandeessaa?”

Anis:- isa anoo hin danda’u.

Abbaa keenya:- “Xaarmusii kana keessatti osoo bishaan

kustee qilleensi xaarmusii kana keessatti hafuu danda’aa?”

Anis: innoo hin hafu. Qilleensichi gara bakkeetti baha.

Page 37: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 37 ~

Abbaa keenya:-“ kunoo kunis akkuma kana ilmoo koo.

Akkuma jalaalli Waaqayyoo laphee keenya keessa guuten

fedhiiwwan badoo ta’an hundaa fi fedhiiwwan hundi bahanii

ni adeemu.”

Anis:- egaa jaalala Waaqayyoo akkamittin argachuu

danda’aa? Waaqayyoon caalmatti jaalachuudhaf, yaa’iwwan

afuuraa, wal gahiiwwanii fi imalawwan adda addaa irratti

waa’ee jaalala Waaqayyoo dhaga’een jira. Ta’us kamtu akka

dursu beekun qaba. Kanaas yoon eege firii murasa isaa

argachuun danda’a. cal yoon jedhe garuu rakkoowwanii fi

qormaatawwan dhufan hunda simachuun qaba.

Abbaa keenya:- “namni kamiyyuu hojjechuu kan hin

dandeenye wantoota xixxiqqoo sadii dubbachuun barbaada.

Hojiidhan yoo raawwate, bu’aawwan arguu ni dandeessa, yoo

hin raawwanne immoo kan dhabdu si’iidha. Jaalala

Waaqayyoo wantoota salphoo ta’an sadan kanaan argachuu

dandeessa. Isaaniis:-

Page 38: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 38 ~

“Waaqayyo wajjin wanta ykn dhimma gamtaa

ta’een osoo hin ta’in tokkoon tokkoon isaa adda

baasii wajjin dubbadhu.”

Anis: - tokko tokkoon maal jechuudha?

Abbaa keenya: -“ Waaqayyoo waan tokko illee osoo hin

dhoksiin, jireenya kee guutuu Waaqayyotti himi. Wantoonni

ykn cubbuun kun salphoodha kan jettee yaadu dabalatee

hunduma isaa itti himi. Fakkeenyaf osoo dubbisaa jirtuu

Iskiriibtoon yoo si jalaa bade Waaqayyoodhan ‘eessa jirta,’

Iskiriibtoo nan barbaada’ jedhii gaafadhu. Barumsa irrattis

rakkoon yoo si qunname akkana jedhii gaafadhu ‘Yaa

Waaqayyo barumsi akka naaf galu sammuu koo naaf bani’

jedhiin. Konkolaatan ykn Baaburri yoo deemsaf ture akkana

jedhii gaafadhu ‘Yaa Goofta gara mana barumsaa ariifadheen

deemuu barbaada’ jedhiin. Uffatas yeroo uffatu ‘Yaa Goofta

uffata kam uffadhu’ jedhii uffadhu. Akkuma daa’imni tokko

abbaa isaa wajjin ta’u atis abbaa kee samii wajjin ta’uu qabda.

Page 39: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 39 ~

Akkuma qotee bulaas jechuudha. Qotee bulaanis qonna irra

osoo jiruu akkana jedhee kadhachuu qaba. ‘Yaa Goofta

biqiltootaa fi sanyii kana, ijoollee koos naaf eebbisi’ akkuma

jedhu. Tokkoon tokkoon keenya akka hojii dhuunfaa

keenyattii fi jireenya keenya geggeesinutti jechoota wal

fakkaataa jechuu qabna.

Waaqayyotti wantoota jireenya kee keessa jiran hunda

itti himi.”

Anis: - egaa kanneenis akka kadhannaatti kaawwamuu?

Wantoota xixxiqqoowwan akkanaas salphisee Waaqayyotti

himuu?

Abbaa keenya:- “Eyyeen ilmoo koo. Kun kadhannaa

Gooftan simatuudha. Sababni isaas kadhannaan Waaqayyo

wajjin kan wal nama qunnamsiisudha. Waaqayyo nama kan

jaalatu abbaa gaariidha. Waaqayyo yoo rakkattu, yeroo

dhiphattuu fi wanta hamoo keessa osoo jirtuu ni waamtaa?”

Anis: - Eeyyeen; dadhabinni yeroo natti dhaga’amu maqaa

isaa nan waama.

Page 40: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 40 ~

Abbaa keenya:- “ yoo rakkattu, yoo dhiphattuu, fi haala

badaa irra osoo jirtuu Waaqayyo waamtee mootummaa isaa

dhaaluu dandeessaa? Waaqayyoon wantoota salphoo yeroo

itti himtu dadhabbina kee itti himtee gad of qabummaadhan

yoo wanta hunda itti himteedha. Macaafnis akkana jedha

‘Yeroon dadhabu sanatti humna guddaan qaba’ (2ffaa Qor

12:3) Akkasumas “Dandeettin keenyas Waaqayyoodhan

malee hojii harka keenyan akka hin tanee; wanta tokko illee

yaadnus ofii keenyafillee akka hin tanee ta’uu kee bar’ ( 2ffaa

Qor 3:5). Yeroo rakkoo fi qormataan alatti yeroo kamiyyuu

Waaqayyo yoo waamnu irra caalaa fira keenya ni ta’a.”

Anis:- Waaqayyo fira koo ta’uu danda’aa?

Abbaa keenya:- “Eyyeen. Kana innoo ni barbaada. Akkuma

raajicha Isaayyaas irratti barreeffame ‘Sanyii fira koo

Abrehaam’ (Raaj. Isaa 41:8). Caqasa kana irrattis akkana

jedha ‘Fira koo dhiira caalaa natti dhihaate’ siin jedha.

Iyyasuus Kiristoosis duuka bu’oota isaatin akkana jedheera

‘Kanaan boodatti Isin firoota koodha malee tajaajiltoota koo

miti’ keessumattuu akkana jedheen ‘Firoota koo hin

sodaatinaa’ yeroo sanatti Waaqayyoon yeroo waamnu fira

isaa nu taasisa. Akkuma caqasa irraa ilaaletti ‘Gamtaadhan

yoo argamne hammeenyi ni bada’ mana barumsaa sadarkaa

tokkoffaa ykn ol aanoo keessaa hiriyoota waliin qabdu turte.

Haa ta’u malee eessa akka jiran osoo hin beeku ykn osoo

argees irraanfatee jirta ta’a. haa ta’u malee nama tokko wajjin

Page 41: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 41 ~

yeroo yerootti yoo wal agarru jaalalli ni dabalaa adeema.

Jaalallis ni guddata.

Nama tokko beeka jetta. Garuu walitti dhufeenya guddaa

qabna jettee yoo yaaddu hin jiru. Kanaafuu nama kana hin

beektu jechuudha. Waaqa kee wajjinis walitti dhufeenya

guddaa osoo hin qabatin, itti dhihaattee osoo itti hin dubbatin,

isaa wajjinisosoo hin mari’atin akkamitti beeka jetta?

Waaqayyo osoo hin beekin cubbuu irraa ni faagattaa? Cubbuu

hojjetu illee (amalli dadhabinaa uumamma waan ta’eef)

daftee deebitee araara ni gaafatta. Innis dhiifama siif kenna.”

Anis:- kun akkamitti naaf ta’a?

Abbaa keenya:- “Waaqayyo si wajjin daandii kee, kaayyo

kee, yeroo raftuu fi kaatu si wajjin ta’ee, isas yakki, har’a

dhiifama siif kennee yoo balleesites kan abdii sirraa hin kunne.

Si’is yaada badaa fi cubbuun si hin qoru. Cubbuudhan kuftus

ganaa irra deebitee ni kaata. Firummaan keessan jabaachaa

adeema waan ta’eef, akka dhiifama siif godhuuf amantaa

guddaa qabaadhu.

Mana keessa wanta tokko yoo balleessite abbaan kee ‘mana

koo keessaa bahi ati ilmoo koo miti siin jedhaa?”

Anis:- Gonkuma! Badiin kiyya hanga kam akka ta’e natti

hima. Natti dheekama malee gonkumaa mana keessaa baase

na hin baqachiisu.

Page 42: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 42 ~

Abbaa keenya:- “egaa kan si uume, kan si jaalatee fi lubbuu

isaa dabarsee kan siif kenne Waaqayyoon akkamitti akkana

gochuu danda’a?!”

Anis:- dhugaadha abbaa koo. Innoo anaaf jedhee yeroo

baay’ee waraannameera. Egaa furmaanni isaa maalidha?

Abbaa keenya:- “Yeroon dhumaa jechuun waan tokko illee

kan hin hojjenne jechuudha. Jechuunis gara mana barumsaa

yookiin gara hojii osoo deemaa jirtuu maal taasista? Yeroo

kee qisaasuu irra kan hafe; argannoo saayinsii haarawa

argamsiista moo daandii irratti wantoota badoo mul’atan

argitee jireenya keetti gufuu taasisfta moo daandin cufamuu

isaa ilaaltee ofii kee dhiphista ? Ilmoo koo! Kadhadhu! Waaqa

kee waa’ee rakkoo keetii, dhiphuu keetii fi jireenya keetii

wanta rakkattu hundaaf Waaqayyo akka siif furmaata kennuuf

kadhadhu. Waa’ee maatii keetifis, hiriyoota keetifis, fi mana

kiristaanaa akkasumas wanta inni siif kennee qabduuf immoo

galateeffadhu. Cal jettee hawwuu fi yaadudhaan yeroo kee

hin gubin. Yeroo hundumaa adeemsa gaarii ta’een gara

Waaqayyootti dhihaachuu fi isa fira taasifachuuf adeemi.

Aabbaa Qeerloos 5ffaan akka jedhanitti

Page 43: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 43 ~

‘Kadhannaan harka addunyaa kanaa ni sochoosna’

Dhugaa dubbachuudhaf; humna kadhannaa yoo hubanne wanta

xiqqoo ta’eef addaan kutuu hin barbaadnu.

Yeroo fi bakka kamiyyuuttillee Waaqayyo wajjin kan haasofnu

kadhannadhani.”

Anis: - egaa wanta nuti barbaadnu osoo inni beekuu ani itti

himuun barbaachisaadhaa?

Abbaa keenya:- “dhugaadha. Innoo hundumti keenya maal

akka rawwannu ni beeka. Haa ta’u malee akka gaafannu

barbaada. Akkanaas jedheera ‘balbala irra dhaabbadheen

rurukkutaan jira. Eenyu illee sagalee koo yoo dhaga’ee balbala

naaf bane gara isaa nan gala’ jedhee akkas jedhe ‘barbaadaa

isiniif kennamaa, rurukkutaa isiniif banamaa’ jedheera’oo.

Kanaafuu jireenya keenyaf kan barbaachisu wantoota

tokkoon tokkoon ishee Waaqayyotti himuu fi gaafachuu

qabna.

Page 44: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 44 ~

Qulqulluun Inxoons lafa onaa keessa jiraachaa osoo jiruu

Daabiloos isa qoraa ture. Al tokko akka bineensa nama

sodaachisuu ta’ee, fannoos hojjettee of irra baqachiisa. Akka

artistii muuziqaa fi shubbistuu fakkaates itti dhufa; fannoon

mallatteessee of irra godaansisa. Warqii fi maallaqa hojjetee

fuldura isaatti fidee gad dhangalaasa. Fannoon mallatteessee

akka awwaaraa barbadeessa. Guyyaa tokko garuu akka

daa’ima xiqqoo fakkaatee keessummaa itti ta’uudhaf gara

holqa aabbaan Inxoons keessa jiraatu keessa galan. Yeroo

rukkutan ni injifatama jedhanii yaadanii turan. Haa ta’u malee

hin dandeenye. Gara bakkeetti baasaanii darbatan; baay’es

erga rukkutanii booda gara hallayyaatti dabarsinee haa

darbanu jedhanii waliin maari’atan.

Qulqulluun Inxoonsiis gara Waaqayyootti iyyan; ‘Maaloo

Gooftaa koo na gargaari’ jechaa. Yeroo sanatti akka

awwaaraatti faaca’anii badan. Qulqulluun Inxoosis boo’an.

Gooftanis akkana jedhee gaafate ‘Inxoons maaliif boossa?’

Qulqulluu Inxoosis wanta tokko illee kan itti hin yaadnen

akkana jedhee osoo bo’uu deebiseef ‘Gooftaa koo akkamitti

akka na rukkutan osoo argituu akkamitti maalif boossa naan

Page 45: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 45 ~

jetta?’ Jedheen. Waaqayyos deebiseef ‘Inxoons ofitti amante,

haa ta’u malee yeroo na waamtetti gara kee dhufeera’

jedheen.”

Anis:- egaa seexanni yeroo kamiyyuu na qoru, rakkoo

kamiyyuu keessa yeroon jiru, wanta baay’ee salphaa ta’ee

osoo jiru Waaqayyon waamuu qaba jechuudhaa?

Abbaa keenya:- “Sirriidha! Haalota kam keessa jiraattus ofii

kee akka daa’ima xiqqoo taasisii lakka’iitii gargaarsa

Waaqayyoo gaafadhu.

Waaqa kee samii jiru wanta hunduma isa maarisisi; atis isaatti

ni gammada.

‘Gammachuu jechuun si wajjin dubbachuudhan

wanta addunyaa kanaa goonkuma kan

dagateedha; sababni isaas fedhiin isaa hunduu

si’iin ni guutama waan ta’eef. Ati nyaata isaa fi

dhugaatii isaa guyyaa fi halkaniidha.’ ( Qulqulluu

Yohaannis Sabaa)

Page 46: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 46 ~

Anis:- Waaqayyo waamee gara koo yoo hin dhufne, sagalee

koos yoo hin dhageenye, ykn immoo yoo naaf hin deebisne

maal godhu?

Abbaa keenya:- “Jaalala Waaqayyoo ilaalchisee wanta

lammaffaa taasistu ni jira.”

Anis: wanti lamaffaan maalidha?

Abbaa keenya:- “inni jalqabaa dhimma gamtaadhan bakka

tokko osoo hin taa’in tokkoon tokkoon isaatidha. Inni lamaffaa

immoo

“Waaqayyo wajjin laphee qulqulluu ta’een

dubbachuu.”

Anis:- laphee qulqulluu jechuun maal jechuudha?

Abbaa keenya:- “kana jechuun wanta keessa kee jiru hunda

Waaqayyotti himuu jechuudha. Ani kan siif hin taane sirraa

deebisuun danda’a. atis akkasuma anaaf deebisuu dandeessa.

Namni tokko ofii isaattii fakkeessuu fi of gowwoomsuu

keessumattuu ofiisaa of amansiisuu danda’a. haa ta’u malee

Waaqayyoodhaf fakkeessuus ta’ee sobuun hin danda’amu.”

Anis:- maal jechuudha?

Abbaa keenya:- “Waaqayyo wanta tokko akka siif godhu

gaafachuu dandeessa. Haa ta’u malee inni kan si jalaa ture

ykn immoo deebii hin kennine, Mana kiristaanaa keessa osoo

jirtuu wanta hunduma isaaf ni galateeffatta. Mana kiristaanaa

Page 47: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 47 ~

keessaa yeroo baatu garuu ofii kee yookin namoota gidduu

‘Waaqayyo garuu gara kami kan jiru; maaliif caalise, maaliif

gaaffii koo deebisuudhaf ture?’ jetta. Waaqayyo kadhannaa

fakkeessitootaa fi of qulqulleessitootaatti ni gadda.”

Anis:- Waaqayyo naaf hin deebisne yoo ta’e ykn immoo

deebiin isaa kan turu yoo ta’e maal gochuun qaba?

Abbaa keenya:- “Waaqayyotti amani. Wanti si keessa jiru

hundi isaas haarawa miti. Hunduma isaa ni beeka. Sis hin

rifachiisu. Wanta haaraas kan itti himtu osoo hin ta’in isaaf

amanamaa kan taatedha. Akkanas jedhii kadhadhu:-

‘Yaa Gooftaa akka eyyemni kee na gargaaruu fi akka

kadhannaa koo simattu na taasisi. Dhiphina keessatti na hin

dhiisin’ cubbuu keessa taatee (Susiidhan, hawwiidhaan fi .k.k

fakkaatan) jedhiin. Kun yoo sitti ulfaate immoo akkana jedhiin

:- ‘Yaa Gooftaa araada cubbuu kana keessaa bahuuf yeroo baay’ee

yaalen ture, garuu hin dandeenye. Anoo ilmoo kee waanan ta’eef

akka ilmoo garbichaa ta’ee hin jiraanne na hin dhiisin. Wanti siif

hin danda’amne tokko illee hin jiru. Si’iin alattis kan na gargaaru

tokko illee hin jiru waan ta’eef jaalala cubbuu kanas laphee koo

keessaa baasi’.

Wanta laphee kee keessa jiru hundaa Waaqayyotti himi. Haa

ta’u malee ulaagaalee armaan gadii kana hordofi”.

Page 48: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 48 ~

Anis: ulaagaalee kam?

Abbaa keenya:- “Waaqayyo akka abbaa fi ilmootti

gaafadhu. Haa ta’u malee akka hojjetaa hoogganaa isaa irratti

gumgumu hin ta’in.

Yeroo hojjetaan hojii hojjetutti hoogganaan ‘Goofta koo kan

biroo maal ajajamu; kunoo wantan gaafatame, naga’aan

bulaa Goofta koo’ waan baay’ee jedha. Gooftaa irratti ni

gunguma. Haa ta’u malee ilmi tokko abbaa isaatin jechuu kan

qabu ‘Yaa abbaa koo meeshaa akka naaf bittu wadaa naaf

galtee turte. Ni irranfate moo? Wadaa kee eeguu qabda’

jedheetidha. Namoota biroo fuldurattis ilmi kun abbaa isaatif

kabaja qaba; keessa isaas jaalala dhugaa fi kabaja guddaatu

jira.”

Anis:- dhiifama naaf godhaa abbaa koo kana yeroo

jalqabaafidha kanan dhaga’e. Macaafni qulqulluu waa’ee kana

kan jedhu jiraa?

Abbaa keenya:-“ Eeyyeen ilmoo koo. Qulqulluun Daawit

‘Maaloo Goofta koo hanga yoomitti na dagataa? Fuula kees

na duraa dhooksita?’ Jedheera. Yeroo sanatti qulqulluun

Daawit kan kadhate akkaataa nuti fedhii barbadnu kanaaf miti

inni kan kadhate. Gara Waaqayyootti yeroo iyyuu fi bo’u

Waaqayyo atattamaan isaaf deebisaa ture.

Page 49: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 49 ~

Raajjicha Ermiyaas boqonnaa afur irratti dubbii hin baratamne

tokkotu jira. ‘Yaa Goofta koo! Dhugumatti ummata kana

sirriitti gowwoomsite’.

Anis: Waaqayyo maal jedheeraa?

Abbaa keenya:- “rakkoon kee maalidha Ermiyaas; biyyoo fi

dhoqqeerraa akkan si hojjedhe irraanfattee jirtaa? Bakka

dhaabbatu yaadadhu yoo hin taane bakka biyyoo sanaattis sin

deebisa.”

Anis: dhuguma Waaqayyo akkana jedhee?

Abbaa keenya:-“ innoo akkana hin jenne. Boqonnaa shan

irratti akkana jedhee deebiseef ‘ani hin gowwoomsine cubbuu

kee gara kootti fidde malee. Akka hojjetu kanan sitti hime hin

hojjenne. Seera koos hin eegne. Badiis gara kootti fide’.

Iyyoobis Gooftadhaan akkana jedhe ‘nageenya akka

argattuuf narraa fagaadhu’ qormaata naaf salphisi jechuu

barbaadetiidha. Akkanas jedhe ‘morma koo qabatee na

fudhate …. Kaayyoo isaatiifis na dhiise’

Anis:- sanaan booda Waaqayyo maal godha?

Abbaa keenya:-“ haa ta’u malee deebisuu dhiisee hin aarre.

Akkanas jedhe ‘Wanta hundumaa kan uume waa’ee keetidha’

Iyyoobis akkana jedhe ‘Hanga yoonaa gurra kootin kan

dhageesse turte. Amma immoo ija koon si argeera ….. ana

nama gati dhabeessaa fi xuraawaa kana dhiifama naaf godhi’

Qulqulluun Daawitis akkana jedhe:-

Page 50: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 50 ~

‘Maaloo sin waammadhaa, callistus gara bollatti warreen

bu’an sana sitti hin fakkaatin; maaloo Waaqayyo ati waaqa

koodha na jalaa hin caallisin’ (Faar Daaw 28:1)

‘Ummata kee gatii malee kenni, yoo baaste bu’aan tokko illee

hin jiru’ (Faar 44:12)

‘maaloo maalif fagaattee dhaabbatte; yeroo rakkootis maalif

na jalaa dhokattee?’ (Faar 10:1)

Raajjicha Imbaaqoom irrattis akkana jedhe:-

‘Maaloo daandii keerraa maalif fagaatta; lapheen keenyas

maalif fuldura kee irraa fagaate?’

Egaa dubbiiwwan kana hunda gaafa argitu Waaqayyo raajota

kanatti aaree jiraa? Nutis jireenya afuura keenyatti isaan

caalaa fooyyofnee argamnee jiraa?

Wanta sitti dhaga’amu itti ibsi ilmoo koo! Galateffachuu yoo

barbaadde galateeffadhu, ceepha’uus yoo barbaadde

ceepha’i.”

Waaqayyo waaqa bilisaati. Wanta laphee kee keessa jiru fi

yaaddu hundasaa osoo hin filatinii fi hin hamabisin Waaqa

keetti ibsi. Ati qofti kana hin dagatin.

Waaqayyoon akka abbaa fi ilmaatti waan hunda gaafadhu.

Haa ta’u malee akka hojjetaa hoganaa isaa irratti gungumu

hin ta’iin.

Page 51: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 51 ~

Dabalataanis Waaqayyoo keetti ifa taasistee yeroo itti himtu

jecha tokko illee osoo itti hin dabalinii fi hin filatin dhibee kee

ibsif.”

Anis:- maal jechuudha abbaa koo?

Abbaa keenya:- “Waaqa kee dhukkuba guddaanii fi yaada

yoo haasofsiitu akkuma abbaa keetti dubbatu taasisteeti

jechuudha.

Akkuma nama ergame tokkoo sin galateefadha; sin jaaladha,

hin jedhiniin. abbaa kee dura dhaabbattee akkana akka

jettuun yaadadhu ‘Abbaa koo akkam bulte?, Akkaam oltee?,

Abbaa koo jalaatamoo fi kabajamoo ; torbee kanaaf kan

nagahu qarshii digdama nan barbaada, Sin gaalateefadhas,

Ana ilmoo kee’ jedhiin. Abbaan kee maal siif gochuu danda’a?”

Anis:- gaaffii bifa arii fi kallattidhaan wantan barbadu sana

gaafachuu danda’a?

Abbaa keenya:- “nuti yeroo kadhannaa keenya yeroo hunda

kan taasisnuudha. Jechoota dubbannu hundaaf xiyyeeffannoo

itti kennina. Ni dhiphannas. Haa ta’u malee keessa keenyatti

yaadni nutti hin dhaga’amu ykn itti yaadnee hin bilcheessinu;

yaadoleen keenya fi lapheen keenya bakka birootidha.

Hundumtuu warreen kadhatani jechuu ni dandeenya.

Warreen dubbatan malee Waaqayyo duratti fudhatama kan

hin arganneedha. Kanaaf firii qabeessa hin taane.

Page 52: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 52 ~

Fakkeenyaf barataan tokko qormaata isaaf kenname qoramee

qabxii ol aanaa fidee daree sana keessaa tokkoffaa yoo bahe

ykn qote bulaan tokko qotee qonni isaa sun bubbee

guddaadhan caaleffamee qonnaan bulaa biroon isa caalaa

omisha yoo walitti qabe; borumtii sana Waaqayyon

galateffadha jedhee ni baha. Booda immoo deebi’ee

faarfannaa Daawit banee akkana jedhee ‘Maaloo yaa

Waaqayyoo maalidhaaf na salphiste. Hanga yoomittis na jalaa

dhokatta?’ jedhee yoo kadhate Waaqayyo maal jechuunii

danda’a?”

Anis:- dhugaa dubbachuudhaf maal akka jedhu hin beeku.

Haa ta’u malee Waaqayyo akkana jechuu ni danda’a ‘yeroo

rakkoo keetii fuldura kee kanan dhaabbadhuu fi si gargaaru

ana ta’ee osoo jiru akkana jechuu qabdaa?’ garuu abbaan koo

kan jiru faarsaa Daawit irratti kan barreeffame mitii?

Abbaa keenya:-“ Sirriidha. Kan kadhannu kan faarsaa

Daawit irratti barreeffameedha. Haa ta’u malee kan

barreeffame ni dubbisna moo ni kadhanna? Ilmoo koo

kadhadhu yookiin macaafa qulqulluu keessatti kan

barreeffame dhugaa ta’uu isaa fudhadhu. ‘Uummanni kun

hidhii isaatin na kabaja; lapheen isaa garuu narraa baay’e kan

fagaatedha’ (Maat 21:8)

Page 53: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 53 ~

Lapheedhan Waaqayyo wajjin dubbadhu. Keessumattuu

yaada kee jechoota mataa keetin ibsadhu. Wanta ati kadhattu

kan siif illee hiikoo qabuu fi dhaga’amu ta’uu qaba. Maal

jechuu akka barbaadde ifa taasisii ibsi. Cal jettee jechoota hin

dabartin. Kan dubbannu macaafa irratti kan barreefame qofaa

miti. Sababni isaas akkana yoo ta’e kadhannaan kee dubbisuu

fi dubbisuu qofa ta’a. kun kadhannaa hin jedhamu. Hojii

walitti fufinsaa fi dirqamaa sitti ta’uu danda’a. kanaafuu

Waaqayyo goonkuma waan dhaggeeffatuuf kan jedhu hin

jiru. Sittis ni gadda. Sababni isaas akka abbaan kee si

dhaggeeffachuuf fuldura kee dhaabbachaa jiru dagattee jirta.

Aabbaa Abdilmaasih Al Maanahir faarsadhaan yeroo

galateeffatan ‘Maaloo yaa Gooftaa koo; hanga yoomitti na

dagatta?’ jedhan, macaafni akkana jedha ‘maalif hanga kana

sirraa faagaadhe; ana moo sidha kan irranfachuu danda’u,

anattu sirra fagaate. Haa ta’u malee ati yeroo hundumaa na

yaadatta. Maaloo! Ani akkan si dagadhu na hin taasisin’ jedha.

Waaqayyo wajjin yeroo dubbatu haala kee kan ibsu laphee

qulqulluu haa ta’u.”

Anis:- yeroon kadhadhu jechoota qulqulluu dubbachuu hin

danda’u. sababni isaas dubbicha ykn barumsicha ykn jechoota

hin taanen dubbadha jedhee waanin sodaadhuf. Gara

Waaqayyootti dhihaachuf guutuu miti jedhee waanan yaaduf

kadhannaan koo Waaqayyo aarsuu fi natti dheekkamsiisuu

Page 54: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 54 ~

danda’an jedha. kanaafis kan na eebbisu caalaa na adabuu

danda’a jedheen yaada.

Abbaa keenya (kolfaa):- “laphee kee keessa kan jiru ifatti

itti himi. Gooftan kan itti himtu osoo hin ta’in laphee kee

keessa kan jiru ni beeka waan ta’eef. Goonkumaa si hin

adabu.

Ati ilmoo isaa hanga taatee jirtutti jechoota kee

hanga yeroo jalqabaatti sirrii ta’uu batus akka

abbaatti ilaalii itti himi.

Nama maqaan isaa Raawuuf jedhamu tokkotu jira ture. Ilma

xiqqoo dubbachuu eegale tokko qaba ture. Ilmi isaa kun akka

afaan isaa hiikkamee dubbatuuf ‘Baa Baa’ jedhi yeroo

jedhaniin ‘Baa …. Baa’ jedha. ‘immaammaa’ jedhi yoo jedheen

‘i ….ma ….ma’ jedha. daa’ima kanaan yeroo tokko ‘Raawuuf’

jedhi jennaan ‘Hiruuf’ (Hoolaa) jedhee waame. Abbaanis ilma

isaatti aarudhaan ‘Amma daa’ima taatee hoolaa jettee kan na

waamte; booda gaafa guddate maal jettee na waamufi?

Jedhee rifachiisuu ykn itti dheekkamuu danda’aa?”

Anis:- Akkas gochuu hin danda’u. namni kamiyyuu ilmoo isaa

jechoota dubbachuu egaluu isaa gammaduu fi kolfuu danda’a.

Page 55: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 55 ~

Abbaan keenyaa:- “yaa ilmoo koo ati Waaqayyo duratti

dhihaattee yaada keessa kee jiru yeroo ibsituu fi dubbattu si

eebbisa. Kanaafuu Waaqa keetti dubbachuu egali turtii keessa

barattee sirreessu dandeessatii.”

Anis;- jaalala Waqayyoo argachuuf wantoota guuttamuu

qaban inni sadaffaan maalidha?

Abbaa keenya:- “inni sadaffaan maal akka ta’e sitti

himuudhaan duratti Waaqayyo wajjin laphee guutudhaan

yeroo dubbattutti wanta xiqqoo tokko qofaaf xiyyeefannaa

kennuu qabda.”

Anis: innis maaliidha?

Abbaa keenya:-“ Gara Waaqa keetti bo’i. kunis yaada kee

Waaqayyootti ibsu, gara isaatti dhihaachuuf fedhii qabdu

agarsiisudha.”

Anis:-kana jechuun sagalee guddaadhan kadhachuu

jechuudhaa?

Abbaa keenya (fuula isaanii ibsanii):-“ akkas miti ilmoo koo.

Sagalee guddaadhan iyyuu miti. Lapheedhan iyyuudha malee.

Ati daandii irratti ykn immoo mana kiristaanaa keessatti

namoota wajjin jiraachuu dandeessa. Garuu laphee keetiin

iyyi. Yeroo sanatti eenyu illee warreen si bira jiran si’i hin

dhaga’an.”

Page 56: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 56 ~

Anis:- Namni maaliif bo’aa?

Abbaa keenya:- “Boo’ichi Wantoota lama agarsisa.

Inni jalqabaa: gad of qabummaa fi barbachuu agarsiisa.

Barumsa kee qo’achaa osoo jirtu obboolleessi kee xiqqoon

dhukkubsatee boo’u yemmuu dhageessu suuta jettee akka

inni hin midhamne yaadannoo kee qabatee gara isaa

adeemta. Yoo inni sirriitti sagalee ol fuudhee iyye immoo

hunduma isaa dhiistee gara isaatti fiigda.

Lammaffaa: ofitti amanu agarsiisa. Gara nama tokkootti

osoo bo’aa jirtuu deebii yoo siif kennaatti beekta ta’e addaan

kutta. Yoo siif hin kennuutti beekta ta’e garuu bo’icha kee

addaan hin kuttu.

Waqtii tokko obbollessi koo Gibxii gar-olii irraa gara

Iskindiriyaa imale. Gara qarqara gaalaanaa adeeme. Haalli

qilleensaa baay’ee kan hoo’uu fi galaanni immoo kan miidhagu

ture. Obbolleessi koos gara gaalana kanaa seenee daakuu

barbaade. Namoonni naannoo sana jiran haalli qilleensaa

baay’ee guddaa waan tureef of eeggannoo akka godhuu fi

iddoo fageenya gahee akka hin daakne gorsan. Inni garuu

akkana jedheen ‘Ani daa’ima xiqqoodhaa?’ isaanis deebisanii

‘dhimmichi nama xiqqaa ykn guddaa ta’uu miti; mee of

eeggannoo taasisi’ jedhaniin. Innis gorsa namootaa

xiyyeefannaa osoo itti hin kennin bubbeen guddichi dhufee

bishaanicha gar malee sochoosee bakka baay’ee gad fagoo

sana seene. Daqiiqaa xiqqoo boodas dadhabee bishaan

Page 57: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 57 ~

dhuguu waan eegaleef akka liqimsamee du’u bare. Sanaan

booda qaanin itti dhaga’amee sagalee furdaa ta’eenii fi sodaa

qabuun ‘na gargaaraa, na gargaaraa; harka koo na qabaa’

jedhe. Baay’isees iyyuu hin barbaanne akka tasaa namoonni

dhaqqabanii ta’aa laata?”

Anis (fuula koo kolfa of keessa qabun ibse):- inni kun

hin ta’u. eenyuu illee dhaqqabuu hin danda’u. isaan keessaa

illee kan dhaga’u yoo jiraate taphaaf waan jedheen itti

fakkaata.

Abbaa keenya:-“ abbaa kee samii irra jiraatuufis laphee

qulqulluu guutuu ta’een ibsi. Boo’i, iyyi. Innis siif ni deebisa.

Hanga siif deebisutti garuu iyyuu addaan hin kutin. Dubartii

ishee Kana’aan sana yaadadhu. Wanta barbaaddu hanga

argatutti Gooftaa keenya Iyyasuus hordofaa adeemte.

Keessumattuu Gooftan keenya Iyyasuus hanga inni

dhaga’uutti bo’aa kan ture namichi ijji jaamaa san yaadadhu.

Atis haaluma kana taasisi.”

Anis:- bo’icha koo itti fufeen jira abbaa koo. Jireenya sana keessa

galee lamaffa jiraachuu hin barbaadu. Waaqayyo abbaa koo na

jaalatuu fi fira koo dhihoo ta’uu isaa dagadhee jireenya koon

Waaqayyo irraa adda bahee, nama irraa osoo hin argatin, nama

irraa adda of qoodee; dhuunfaa koo jiraachuu filadheen ture na

gaha. Kanan booda kan na hafu jaalala Waaqayyoo argachuudha.

Kan biroos maal godhu abbaa koo?

Page 58: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 58 ~

Abbaa keenya:-“ dhimma sadaffaa kan ta’u

Wal madalchisi.”

Anis:- maal wal madaalchisu?

Abbaa keenya:- “ofii kee wajjin bakka sagaleen hin jirre

taa’ii madaalchisi. Kanaan booda jireenya keetin nama

baay’ee jaalattu ilaali ykn jireenya keetin wanta sirriitti jaalattu

tokko yaadadhu. Sanaan booda Waaqayyo caalmatti akka si

jaalatu gaafadhu.

Jaalalaa iddoo kennuu fi yaada yoo madaalte ilaaltuu

jireenyaa kee keessatti kamtu dursa akka dhufu, kamtu akka

ta’e ilaali. Kunis abbaa kee ykn haadha kee ykn hiriyoota kee

qabeenya addaa ykn mallaqa, Saayinsii ykn Facebookii ykn

intarneetii barbaaddee ta’uu danda’a.”

Anis: - hiriyaa dhihoo ykn maatii jaalachuu hin qabnu

jechuudha moo?

Abbaa keenya: -“ akkas jechuu koo miti. Macaafni

qulqulluun akkana jedha. ‘Haadha fi abbaa kee kabaji’ garuu

akkana jedha ‘ana caalaa haadha ykn abbaa isaa kan jaalatu

yoo ta’e kiyya ta’uu hin danda’u. ana caalaa ilmoo kan jaalatu

yoo ta’e kan kiyya ta’uu hin danda’u’ jedha. kun wal

madaalchisuudhaf macaafa qulqulluu keessa kan jiruudha.

Firiin isaa cimaadha. Kunis naaf hin ta’u. haa ta’u malee karaa

Waaqayyootin ati kan tilmamtu caalaa Waaqayyoon baay’ee

Page 59: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 59 ~

jaalata, hiriyoota kee, barumsa kee, maati kee caalaa ni

jaalatta.”

Anis: - akkamitti kun ta’uu danda’a?

Abbaa keenya:- “ Waaqayyoo jireenya kee keessatti jalqaba

kan dhufu jireenya hin jijjiiramneen caalcistee ni jaalatta.

Maatii isaa baay’isee kan jaalatu dargaggeessa tokkotu ture.

Daandii irra yeroo deema jiruu al tokko ykn sadii maqaa isaanii

ni waama. Barumsa fayyaas xumuree gara biyya Ameerikaa

adeeme. Waggoota 12 booda maatii isaa dagate. Isaaniis

gaddanii ‘dur guyyaatti al lama bilbilaa kan turte amma erga

bilbiluu dhiistee waggaa lama guuttee jirta’ jedhuun. Inni

garuu ‘ani hojii baay’en qaba, bilbiluudhaf illee yeroo hin qabu

jedhaan. Kun kan agarsiisu jaalalli fedhii fooniidha malee kan

Waaqayyo irra argame kan hin tanee ta’uu isaattidha. Jaalalli

keenya karaa Waaqayyoo yoo ta’e maatii keenyafis ta’ee

namoota biroodhaf kan kenninu dhaabbataa fi kan

ibsamuudha.”

Anis:- akkamittiidha jaalala Waaqayyoo jalqaba jireenya koo

taasisuu kanan danda’u?

Abbaa keenyas:- “ati kan beektuu fi amantu Waaqayyo

jireenya kee keessaa jaalala jalqabaa akka ta’eedha. Kanaan

booda kamtu dursuu akka qabu deebisii wal madaalchisi.

Kanaan booda yeroo hunda nama kamiyyuu ta’us jalqaba kan

jaalattuu fi kan yaadduf akkuma yaadatteen akkana jedhi:-

Page 60: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 60 ~

‘Yaa waaqa koo; si’i caalchisee fi caalchisee akkaan si jaaladhu

na taasisi. Maaloo! Jireenya koo keessatti dursaan si naaf ta’i!

Guyyaa tokko dargaggeessa tokko akkana jedheen gaafadhe;

‘jireenya kee keessatti jalqaba ykn dursa kan kennituuf ykn

kan jaalattu eenyudha?’ Jedheen gaafadhe. Innis akkana

naan jedhe ‘ani dhugaan sitti himaa adaraa kee akka natti hin

kolfine’ jedhe. Anis akkana jedheen ‘Ati dubbadhu; ani sitti hin

kolfuu’ akkanas naan jedhe ‘ani yeroon dargaggeessa ta’ee

jirutti wanta hundumaa caalaa adurree koon jaaladha ture.

Barumsa dhiisee gara mana kootti galeen Adurree wajjin

taphachuun jaaladha ture. Haa ta’u malee Adurreen koo

dunan baay’een gadde. Torbeewwaniifis nyaata hin nyaanne,

dhugaatis hin dhugnen ture’ naan jedhe. Anis akkanan

jedheen ‘Inni namas ta’ee wanta kamiyyuu irraa bilisa si

baasuu danda’a?

Namoonni tokko tokko caalchisnee wanti jaalannu ni jira.

Kunis Adurree, haadha ykn Abbaa ykn hiriyaa ykn immoo

maallaqa, beekamtii argachuu, aangoo, hojii, intarneetii,

taphawwan fi.k.k fakkaatan ta’uu danda’a. kanneen keessaa

kan angafaa ykn dursi kennamuuf adda basnee beekuu

qabna. Kanaan booda jireenya keetin dursa kan kennuufii

qabdu Waaqayyo ta’uu isaa adda bastee baruuf gaafachuu hin

dhiisin. Haala kanaan wal madaalchisuu ati rawwachaa jirtu

kanaan hanga firiin argamutti obsaan eegi. Itti fuftee

kadhachuun salphaadha. Daandii dhunfaa keettiin laphee

Page 61: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 61 ~

qulqulluudhaan Waaqayyoo wajjin dubbachuu eegaluu ni

dandeessa. Haa ta’u malee Waqayyoof dursa kennuu fi hunda

caalchisanii jaalachuun yeroo gaafata. Kunis ji’oota ykn sanaa

ol ta’uu danda’a. kanaaf cimina keetu murteessa. Kanaafuu

yoomiyuu taanan nama ykn wanta jaalattu tokkoof yeroo

yaaddu isa caalaa Waaqayyo akka jaalattu gaafadhu.

Waaqayyoof jaalala keessaa dursa yoo kennituuf jireenyi

afuuraa kee quufa irra gahe jechuudha.”

Anis: tole abbaa koo. Kan biros?

Abbaa keenyas:- “har’aaf nu gaha. Yaadachuuf akka nuuf

ta’u:-

❖ Ulaagaalee jireenya afuuraa sadan:-

Jireenya Afuuraa jechuun sadarkaa osoo hin ta’in

daandidha; taatee osoo hin ta’in jireenyadha.

Cubbuun gosa lamatu jiru:- cubbuu fedhii ofiitin

hojjetamuu fi fedhiin ala hojjetamuudha (seenaa

Poolisii loltoota)

Iyyasuus Kiristoosin daandiwwan laman beekama.

Cubbamtoota ni jaalata (kanaaf abdii hin kutin;

gara isaatti deebi’i), Ayihudoota immoo ni

ceephessa (of qulqulleessu waan ta’eef)

Page 62: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 62 ~

Jaalala Waaqayyoo argachuudhaf:-

• Waaqayyo yaada gamtaadhan osoo hin ta’in tokko

tokkoon adda baasii itti dubbadhu.

• Laphee fi yaada qulqulluu ta’een Waaqayyo wajjin wal

qunnami.

• Wal madaalchisi.

Argitee ilmoo koo! Kun yaada cal jedhamee hojechuudhaf yaaddame ykn abuura ykn proposal osoo hin ta’in hojiidhan kan hiiktudha. Cal jettee kan dhageessu ykn dubbistu faayidaa ykn jijjiirama hin qabu. Kana taasisuu qabda. Jireenya afuuraa kee akka haarawaa taasisii fudhadhu. Kun yaabduu jireenya afuuraa kee isa jalqabaa siif ta’a. Firii gaarii ykn galma gahumsaa irra gahuu yoo barbaadde irra deebi’ii torbeedhan obsaa fi jabinaan itti fufuu qabda. Kanaan booda gara mata duree haarawaa ni galla.” Anis:- Isin wajjin hangan xumuraatti turtiin koo akka ta’u qophii fi hawwii koo guddaadha abbaa koo. Abbaa keenyaas:- “akkas miti ilmoo koo. Kun yaalidhaan kan hojjetuudha. Kanaan booda firii isaa ilaalle gara boqonnaa isa haarawaatti dabarra. Kan ilaalaa turre sana lamaffaa irra deebinee hin mari’annu.” Dhumarratti immoo sa’aatii “Akkam bultee” hin dagatin.

Page 63: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 63 ~

Anis:- Maalidha sa’aatin “Akkaam bultee”?

Abbaa keenyaas:-“ ganama yeroo fuula kee dhiqattu ‘Yaa

waaqa koo; si’i akkan jaaladhu na taasisi. Jaalalas akkan

simadhu. Si’ii wajjinis akkan jiraadhu na taasisi’ jedhiin.

Qulqulluun Yisihaaq akkuma jedhe ‘Jaalalli Waaqayyoo

baay’inaan osoo hin ta’in itti fufinsummadha’ guyyaa

guyyaadhan Waaqayyo hanga siif deebisutti wantoota kana

jechuunis Kadhachuu addaan hin kutin.

Waaqayyo ni jaalatta yoo ta’e cubbuu ni jibbita. Bilisas ni

taata. Isa wajjin ta’uun ragaas ni baata.”

Anis:- kun baay’e salphaadha.

Sa’aatii “ganamaa isa gaarii”

Yaa Waaqa koo; akkan si jaaladhu na taasisi

Yaa Waaqa koo: Jaalala kee akkan argadhu na taasisi

Yaa Waaqa koo: si’I wajjin akkan jiraadhu na taasisi

Page 64: Akkamitti haa eegalu?mbade2.com/wp-content/uploads/2019/11/Akkamitti-haa-eegalu.-201… · Waaqayyoo keenyaaf galanni kan barbaachisa waan ta’eef” (Faar. 146:1) Kitaabni kun akka

Akkamitti haa eegalu?

~ 64 ~

Abbaa keenyas:- “cimtee yoo itti fuftee hin jiraanne

eegaluun qofti bu’aa hin qabu. Kennaan Waaqayyoo si wajjin

haa ta’u ilmoo koo!.”

Qabiyyee itti aanuun hanga wal arginutti Waaqayyo hunduma

keenya amantaa keenyaan nu ha jabeessu. Kadhannaa

keessaniin mana kiristaanaa hin daagatinaa!